Chaarjii
Chaarjiin elektirikii ykn Guuttii elektirikii amala nafooyyee safaramaa uumamaan suuddoo atoomota maatirii ta’iiwwan elektirikii fi maagneetawaa uumaniidha . Chaarjiiwwan humna harkisaa ykn dhiibbaa wantoota chaarjii qaban biroo irratti raawwatamuun of mul’isu.
Chaarjiin elektirikii kutaa lamatti kan of qoodu yoo ta’u, miseensonni kutaa tokkoo miseensota kutaa mataa isaa kan ofirraa deebisan yoo ta’u, miseensonni kutaa isa kaanii ammoo miseensota kutaa isa kaanii kan harkisan ta’a. Kutaaleen kunniin kan moggaafaman yoo ta’u kutaan tokko eeyyoo (+) yoo ta’u, gama biraan immoo seelkataa (-) dha.
Seenaa
gulaaliDhaloota kiristoosiin dura Giriikonni yeroo hurdii(amber) fi buukiin (fur) walitti rigamu qaanqee (spark) akka uumamu fi wantoota sasalphaa ofitti harkisuu akka danda’an hubatani. Jechi Giriikii iraa hurdii jechuun elektiroonii jechuu dha. Jecha elektiroon jedhu kanarraa elektiriksiitiin moggaafame. wantoon atoomotarraa, atoomonni ammo suudowwan baay’ee xixiqqoo kanneen akka pirootoonii, elektiroonii fi niwutiroonii ta’an irraa tolfame.
Ibsa
gulaaliChaarjiin elektiriikii gosa lamatu jiru. Isaanis chaarjii eeyyoo fi chaarjii seelkataa(waawwee) jedhamu. Kana yeroo jalqabaatiif kan moggaase Beenjaamiin Firaankiliini yoo ta'u, Bikkuun waaltawaan chaarjii elektiriikii kolembii(C) dha. Elektiroonii fi pirootooniin chaarjii hammaan wal qixa ta’ee fi akaakuun faallaa ta’e baatu ( =1.6 x10-19C fi - 1.6x10-19C).Chaarjiin dimshaashaa atomii himbaabsawaa (neutral ) irraa zeeroo dha (1.6 x10-19C +- 1.6x10-19C=0).
Amaloota bu’uura chaarjii elektiriikii
gulaali- Chaarjiin elektiriikii yeroo mara gitaa’aa dha. Chaarjiin elektiriikii hin baduus hin uumamus, garuu qaama tokkorra gara qaama birootti darbuu ni danda’a.
- Hammi chaarjii elektiriikii qaama tokkoo baay’ataa bu’uura chaarjii ti. Innis
Q=+ne, n: lakkoofsa uduummii ti.
- Chaarjiin elektiriikii gosaan lama, kan walfakkaatan (gostokkeen) wal-dhiibu, kan wal hin fakkaanne (gos-addee) ammo wal-harkisu.
Malleen Chaarjessuu
gulaaliChaarjessuu jechuun lakkoofsi chaarjii gosa murtaa’ee tokkoo atomii tokkoo irratti akka baay’atu gochuu jechuu dha. Adeemsa chaarjessuu keessatti qaama tokko irraa gara qaama birootti kan daddarbu elektiroonii malee piruutonii miti. Qaama tokko irratti yoo baay’inni pirootoonii irra guddaa baay’ina elektiroonii ta’e qaamichi eeyyoon(positive)chaarja’e jenna; baay’inni pirootoonii irra xiqqaa baay’ina elektiroonii yoo ta’e ammo qaamichi seelkataan chaarja’e jenna. Waanti chaarji dhabeessa (himbaabsawaa) ta’e tokko maloota armaan gadiin chaarja’uu danda’a. Isaanis rigataan chaarjessuu, tuqaatiin chaarjessuufi siniinaan chaarjessuu dha.
Rigataan chaarjessuu
gulaaliWantonni waliin rigaman kana keessaa qaamni tokko elektiroonii yommuu laatu inni biro ammo elektiroonii fudhataa. Qaamni elektiroonii laatu eeyyoon yommuu chaarja’u qaamni elektiroonii fudhatu ammo seelkataan chaarja’a. Elektiroonii fudhachuuf laachuun waantotaa amala waantotaa sana lamaan irratti hundaa’a. Fakkeenyaaf, poliitiiniin amala elektiroonii ofitti fudhachuu yeroo qabaatu rifeensi ammo amala elektiroonii kennuu qaba. Kanaafuu, gocha kana irraa rifeensi eeyyoon yommuu chaarja’u politiniin ammo seelkataan chaarja’a. Adeemsa tuqaatiin chaarjessuu booda qaamonni lamaan chaarjii faallaa ta’e qabaatu.
Tuqaatiin Chaarjeessuu
gulaali- Qaamni tokko tuqaatiin kan chaarja’u yeroo qaama hin chaarja’iin tokko qaama chaarja’etti tuqisiisuun chaarjiin qaama chaarja’e irraa gara qaama hin chaarjofneetti darbu dha. Si’a kana qaamni chaarja’uu fi qaamni chaarjessu gosa tokkoon chaarja’u (charjii gosa tokko baatu).
- Adeemsa tuqaatiin chaarjessuun booda qaamonni lamaan chaarjii gosa tokkoo fi wal qixa ta’e qabaatu. Fakkii 1.3 armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.
Siniinaan Chaarjessuu
gulaaliadeemsa siniinaan chaarjessuu keessatti qaama chaarja’e tokko qaama himbaabsawaa biratti butuun osoo wal-hintuqsiisin chaarjota qaama himbaabsawaa keessa jiran seera bu’uura chaarjotaarratti hundaa’uun akka addaan fo’aman taasisuu dha. Erga chaarjonni qaama himbaabsawaa keessaa addaan fo’amaniin booda, shiboo dabarsoo elektiriikiitiin lafaan wal-qabsiisuun, qaamni chaarjessu negaatiiva yoo ta’e, elektiroononni sininnaa'uu irraa gara lafaatti yaa’uun qaamichi poozatiivaan chaarja’a. Adeemsi chaarjessuu akkasii qaamni lamaan osoo wal-hintuqin (walitti siksuun) chaarja’uu kun siniinaan chaarjessuu jedhama. Adeemsa siniinaan chaarjessuu booda qaamonni lamaan chaarjii gosa faallaa qabu.