Buxusa

(Atamii irra kan qajeele)

Atoomiin ykn Buxusni suudoo baayyee xixiqqoo  bu’uuraa wantoo yoo ta’u, ijaarsa bu’uuraa wantoota

Two red balls and two white balls are in the middle. Two smaller blue balls are on a circle around them.
Fakkii salphaa atoomii heeliyeemii, pirootoonii lama (diimaa), niwutiroonii lama (adii) fi elektiroonota lama (cuqulissa) qabu .

beekaman hunda kan uumudha. Innis suuddoo xiqqaa elementii tokkoo kan amaloota keemikaalaa elementii sanaa qabatudha. Atoomonni haala nama ajaa'ibuun xiqqaadha, akkaataa adda addaatiin daayameetira naanoo meetira 0.1 fi 0.5 gidduutti safaru. Atoomonni guddina xiqqaa isaanii irraa kan ka’e ijaan kan hin mul’anne yoo ta’u, isaan ilaaluuf meeshaalee addaa kan akka shifargaa barbaadu. Fakkeenyaaf , warqeen gosa sibiilaa gatii guddaa qabu keessaa isa tokko.

Yeroo baay’ee atoomonni kophaa isaanii hin argamaan. irra caalaa, atoomiin tokko atoomii kan biraa wajjin walitti hidhamuun qaama molakiyuulii(maddarroo) jedhamu uuma. Fakkeenyaaf, atoomonni haayidiroojiinii lamaa fi oksijiinii tokko walitti makamuun molakiyuulii bishaanii uumu.Atoomonni osoo walitti hin bu’in, addaan fagaatan gaazii ta’u . Faallaa kanaatiin bakka tokkotti qabamanii socho’uu yeroo danda’an wantoota jajjaboo ta’u.

Seenaa yaad-rimee atoomawaa

gulaali

Dimookiiratas suudowwan xixiqqoo kanneen caccabuu hin dandeenye “Atoomii ” jechuun moggaase hiikni isaas “kan hinqoqqoodamne” jechuu dha. Yaadni Dimokiraatas kun yeroo sanatti falaasamaa beekamoo Girikii kan ta’e Aristootil biratti fudhatama hin arganne ture. Waggaa 2000 dura Falaasamoonni Girikii durii Dimokiraatasiifi Aristootil yaad-hiddama yaalii irratti hin hundoofne irratti wal mormaa turan. Falmiin isaanii inni guddaan maatariin ciccitoodha kan jedhuufi maatariin wal-irraa hincinneedha (itti fufaa dha) kan jedhu ture. Fakkeenyaaf coba bishaanii, cittuu shiboo koopparii. Akka yaada Dimookiraatasitti wanta tokko fudhannee itti fufiinsaan yoo kukkunne yookiin caccabsine, dhuma irratti suudoo qeenxee daran hiramuu hin dandeenyetu arganna kan jedhu ture. Jecha gara biraatiin, wantoonni suudoowwan xixiqqoo irraa ijaaraman jechuudha. Kanaafuu, maatariin ciccitoodha kan jedhuudha. Dimokiraatas suudoo qeenxee daran gargar hin hiramne kana atoomii jedhee moggaase. Atoomiin jecha Giriikii “Atoomas” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas suudoo suudoota isaa gadii xixiqqoo ta’an kan biraatti daran hin hiramne jechuudha. Dimokiraatas atoomoonni suudoo duudaa kantara, caaseeffama keessoo hin qabneefi kan gidduu isaanii bakki duwwaan yookiin vaakiiyumiin jiru jechuun ibseera. Akka amantaa Dimookiraatasitti, wantoonni hundinuu suudoo xiqqaa isa dhumaa of keessaa qabu.Wantoota yoo kukkunne, itti fuffiinsaan kukkutuun kan danda’amu suudoo xiqqaa isa dhumaa kana bira amma ga’amutti qofa.

Aristootil immoo wantoota walitti fufiinsaan yoo ciccirre, hiruun kun daangaa malee ittuma fufa. Suudoo qeenxee xiqqoon irra ga’amu tasumaa hinjiru. Kanaafuu, maatariin walitti fufaa yookiin kan walirraa hin ciccinneedha kan jedhu ture. Maatarii gidduu bakki duwwaan tasumaa hin jiru; maatariin walitti fufaadha. Kanaafuu, amma dhuma hin qabnetti hiramuu yookiin ciccituu danda’a jedhu dhiheessuun mormaa ture. Yeroo sanatti Aristootil dhageettii olaanaa waan qabuuf, yaadni Dimokiraatasii akka fudhatama hin arganne dhiibbaa irratti geessiseera. Yeroo Dimokiraatasiin yaadrimee atoomii dhiheessu sana, gochi yaalii jedhamu hin beekamu ture. Kanaafuu, akdhiheessuun alatti, yaadicha yaaliin deeggaruuf tattaaffiin godhame hin turre. Haata’u malee, yaadni Dimokiraatas burqisiise, yaad-hiddama atoomaawaaf ka’umsa gaarii ta’eera.

Yaadiddama Atoomaawaa Daaltan

gulaali

Waggoota 2500 dura amantaan wantoonni hundinuu atoomota irraa ijaaraman jedhuturullee, carraaqqiin yaada kana yaaliin mirkaneessuuf taasifame hanga jaarraa 19ffaattihin turre. Bara 1908 Daaltan Yaadiddama Atoomaawaa isa jalqabaa, argannoowwan yaaliindeeggaree dhiyeesse. Yeroon kun hayyoonni saayinsii baay’een kanneen akka AantooniiLavooyizarii fi Jooseef piroostil, yeroo seerota jijjiirama keemikaalaa adda addaa ittiargatan ture. Daaltanis argannoowwan isaanii kanaa fi ragaalee qo’annoo fi qorannoobirootiin deeggarame jiraachuu atoomotaa ibsuun, Yaadiddama atoomaawaa isa calqabaa kanabaase. Akka Yaadiddama Atoomaawaa Daaltaniitti maatariin hundinuu elementiis ta’eekompaawundiin yookiin immoo makaan suudoowwan xixiqqoo atoomota jedhaman irraaijaaraman.Yaadonni Yaadiddama Atoomaawaa Daaltan haala armaan gadiin ibsamuu danda’u.

  1. Elementoonni hundi suudoowwan xixiqqoo atoomoota jedhaman of keessaaqabu.Fakkeenyaaf, eddattoon elementiin koopparii atoomota koopparii irraa ijaarame.
  2. Atoomonni gargar hin qoqqoodaman. Atoomoonni dhabamsiifamuus ta’eeuumamuu hin danda’an.Fakkeenyaaf, atoomonni kooppariii hin dhabamsiifaman yookiin hiramuun atoomotabiroo hin uuman.
  3. Atoomonni elementii tokkoo hangas dabalatee amala fiizikaalaa fi keemikaalaatokko qabu; jechuunis waan hundaanuu walfakkaatu.
  4. Fakkeenyaaf, atoomiin koopparii tokko atoomota koopparii biroo waliin waanumahundaan walfakkaata. Hangi atoomii koopparii tokkoo hanga atoomota elementichaakanneen biroo waliin walqixa.4Atoomonni elementii tokkoo, atoomota elementii biroo kamirraayyuu adda.Fakkeenyaaf, atoomonni elementii kaarboonii atoomota elementii oksijiinii irraaadda. Garaagarummaan atoomota elementoota adda addaa gidduu jiru keessaa tokkogaraagarummaa hanga isaaniiti.
  5. Atoomonni, reeshoo lakkoofsa xiqqaatiin walnyaatu.Atoomiin elementii tokkoo yommuu atoomii elementii biroo wajjin walfudhatukompaawundiitu uumama. Daaltan Yaadiddama isaa keessatti, kompaawundii kam keessattuuatoomonni elementoota adda addaa kompaawundicha keessa jiran reeshoo lakkoofsaxiqqaatiin akka walfudhatan ibseera. Fakkeenyaaf, kompaawundii bishaanii keessatti,suudoon bishaanii tokko atoomii oksijiinii tokkoo fi atoomota haayidiroojiinii lama irraaijaarama. Reeshoon haayidiroojiinii fi oksijiinii 2:1 dha

.Akka yaada Daaltaaniitti atoomiin duqunqula (isfeerii) baay’ee xiqqaa hookkoolee(dirtuu)gidduu isaatii qabuudha Atoomiin elementii tokkoo atoomii elementii biraa wajjiin yommuu walnyaatan,hookkoolee kanaan walitti hidhamuun (diramuun) kompaawundii uumu. Baay’innihookkoolee atoomii tokko humna walnyaatinsa isaatiif murteessaadha

Yaadiddaman adda addaa haa ba’u malee, argannoo qorannoo saayinsii haarawaa irrattihundaa’uun Yaadiddamichi foyya’uu yookiin guutumaa guututti jijjiiramuu ni danda’a. Haalumakanaan qorannoon waa’ee elektiriisiitii irratti gaggeeffameen, atoomoota hunda keessattisuudoowwan baay’ee xixiqqoon guuttii negaativii qaban akka argaman beekameera. Suudoowwan kanneen kan argateJooseef Joon Toomsanture. Isaaniselektiroonotajedhamuun moggaafaman. Suudoon chaarji qabeessi atoomota keessa jiru elektirooniiqofa miti. Yaalii fiiziksiitiin beekamaan Gooldistan jedhamu adeemsiiseen, suudoowwanguuttii poozativii qabanis akka atoomota keessa jiran beekameera. Suudoowwan kunniinisboodarra pirootoonota jedhamanii moggafaman. Saayintistiin biroo kanChaadwiikjedhamu immoo, suudoowwan gara biroo kanchaarji-dhabeessata’an atoomota keessa akkajiran argate. Isaan kunisniwutiroonotajedhamanii moggaafaman. Suudoowwan xixiqqoonatoomota keessatti argaman kunniin walumaagalatti, suudoowwan cita-atoomaawaa jedhamuun beekamu.

Qaama Buxusaa (Atoomii)

gulaali

Qaamni atoomii bakka lamatti qoodama. Qaamni inni tokko wiirtuu atoomichaa kan ta’eefi kan guuttii poozatiivii qabuudha. Innis wiirtuu atoomii jedhama. Qaamni kun bakka hangi atoomichaa itti kuufameefi iddoo baay’ee xiqqaa kan qabateedha. wiirtuu atoomiin hamma atoomii kan waliigalaa keessaa 1/100,000 dha. Pirootoononnii fi niwutiroononni(himbaabsiiqoonni ) qaama kana keessatti argamu. Qaamni inni lammaffaan immoo gullantaa annisaadha. gullantaa annisaan guuttii nagaatiivii qaba. gullantaa annisaa irratti elektiroonota wiirtuu atoomiitti marsantu argama. Bakki kun qaama atoomii keessaa isa ol’aanaafi baay’ee salphaa ta’eedha.Atoomoonni suudoowwan baay’ee xixiqqoodha. Suudoowwan kunniin wantoota sammuu keenyatti baay’ee xixiqqoodha jennee yaadnu kam irraayyuu xixiqqoodha. Fakkeenyaaf, atoomoonni koopparii 100,000 000 walcinaa yoo hiriirfaman sarara 1cm dheeratu uumu. Kanarraa ka’uun atoomiin hagam xiqqaa akka ta’e tilmaamuun ni danda’ama. Wantoonni addunyaa kana irratti argaman martinuu suudoowwan xixiqqoo kanneen irraa ijaaraman. Atooomiin suudoo baay’ee xiqqoo ta’us, suudoowwan xixiqqoo isaa gadii kanneen suudoowwan cita-atoomii jedhaman ofkeessaa qaba. suudoowwan cita-atomii keessaa isaan bu’uurri pirootoonii, elektirooniifi niwutiroonii dha.

  1. Pirootonoota: Pirootonoonni suuddoowwan chaarjii pozaatiivii qaban kan wiirtuu atoomii, wiirtuu giddugaleessa atoomichaa keessatti argamanidha. Isaanis ulfaatina hirmeemii 1 kan qaban yoo ta’u, chaarjii pozaatiivii yuunitii +1 qabatu. Lakkoofsi pirootonootaa elementii atoomichi keessa jiru murteessa. Fakkeenyaaf, atoomonni haayidiroojiinii pirootonii tokko, atoomonni kaarboonii pirootonii ja’a fi kkf.
  2. Niwutiroonii(himbaabsiiqaa): Niwutirooniin pirootonoota waliin wiirtuu atoomii keessatti kan argaman suuddoo niwutraala dha. Isaanis ulfaatina hirmeemii 1 kan qaban yoo ta’u, pirootonoota wajjin wal fakkaata, garuu chaarjii elektirikii hin qaban. Isootoopponni elementii adda addaa lakkoofsa niwutiroonii adda addaa qabaachuu kan danda’an yoo ta’u, lakkoofsa pirootonii walfakkaataa qabaachuu danda’u.
  3. Elektiroonii(Mandiiqa): Elektiroononni suuddoo chaarjii negaatiivii qaban kanneen sadarkaa anniisaa addaan baafame ykn qola elektiroonii keessatti wiirtuu atoomii naanna’aniidha. Pirootoonii fi niwutiroonii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu ulfaatina xiqqaa qabu. Elektiroononni chaarjii negaatiivii yuunitii -1 qabatu. Lakkoofsi elektiroonotaa yeroo baay’ee baay’ina pirootonootaa wajjin walqixa yoo ta’u, kunis atoomii chaarjii niwutraal ta’e argamsiisa. Haa ta’u malee, atoomonni elektiroonota argachuu ykn dhabuu danda’u, ayoonota chaarjii qulqulluu pozaatiivii ykn negaatiivii qaban uumuu danda’u.