Dubbii Qulqullootaa 20-1

Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 66

DUBBII QULQULLOOTAA

Dabalaa Dhaabaa
Bitootessa 2015
DUBBII QULQULLOOTAA
Maqaa Abbaa, Kan Ilmaa, Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko.
Ameen!
Seensa
Namoonni bara kana waa’ee amanuu fi ganuu dubbachuu fi hiikuu
ni danda’u. Garuu amantii fi ganumsa adda baasanii nibeeku
jechuun hin danda’amu.
Macaafa qulqulluurratti akkuma hubannutti namoonni waliin
dhaabatan gochaa walqixxee hubachuu dhabuu fi sagalee walqixa
dhaga’uu dhabuun isaanii namoonni laphee isaanii keessatti kan
amananii fi kan beekan Waaqayyo hojii hojjechuu isaati.
Fkn. -Raajii gara Waaqayyootti deebi’uu Q/Phaawuloos.
HD.9:1-8
-“Anis qofaa koon mul’aticha arge. Ana waliin kan turan
garuu mul’aticha hin argine. Daan.10:7
Kan Itti fufee….
Kanarratti hundaa’uun yaada namoota addunyaa
kanarra jiranii bakka sadiitti ramaduun danda’ama .

1. Waaqayyoon kanneen hin amanne.


2. Waaqayyo jiraachuu isaa malee hojiisaa kanneen hinfudhanne.
3. Waaqayyoon hojiisaa waliin kanneen amanan.
Kaayyoon barumsa kanaas Waaqayyo lammii isaa warra
jaallaterra bulee hojii inni hojete barree waadaa inni isaaniif
galetti amannee akka itti fayyadamnuufidha. Waa’ee
qulqullootaa yommuu dubbannu kan isaan kabajee fi
qulqulleesse raajii hojii Waaqayyoo dubbachuu keenya
hubannee karaa inni nu agarsiisetti akka fayyadamnu kan
nubarsiisudha.
BOQONNAA TOKKO
DUBBII QULQULLOOTAA
Qulqulluu: Jechi qulqulluu jedhu afaan Ibraahisxiin
“Andaash”,Suuristiin”Qadih”,afaan Arabaa fi
Giiziitiin“Qiddus”jedhama. Hiikaan isaas kabajamaa,
filatamaa fi adda kanta’e jechuudha.
Amantaa Ortodoksiitti cimanii jiraachuuf namoonni fedhii qabu.
Cimanii jiraachuuf ammoo afuura qulqulluun dirqamatti isaan
barbaachisa. Humna afuura qulqulluu karaan itti argannu keessaa inni
tokko ammoo icciitii waa’ee dubbii qulqullootaati beekudha.
Manni kiristaanaa qulqulloota malee, Qulqulloonnis mana kiristaanaa
malee addaan ba’anii jiraachuu hin danda’an. “Manni kiristaanaa
omishtuu qulqullootaatti”
Dubbiin qulqullootaa magaalaa Ergamootaa irraa ka’ee hanga
“Dubbii qulqullootaa” yoo jennu Waaqayyo
qulqullootarra bulee hojii ajaa’ibaa inni hojjete
jechuudha.
Fkn: Museerra bulee galaana Eertiraa addaan
kuteera. S/Ba’uu 14:1-21
 Raajicha Iyyaasuurra bulee galaanaYoordaanos
bakka lamatti saaqeera. Iyyaas. 3:15
 Duuka bu’ootarra bulee warra dhukkubsatan
fayyiseera. H/Erg. 3:1-8, 5:15, 9:40
(Q/pheexiroosii fi Q/Yohaannis nama dhaloota
isaatii eegalee naafa ture fayyisuu isaanii)
Wareegamtootarra bulee shakkitootaaf mootota hin
amanne duratti ragaa ba’uu isaanii .Ibr 11:33
Kan itti fufe…
Qulqullummaan Bakka Lamatti Qoodama.
1. Qulqullummaa Waaqayyoo.
Qulqullummmaan amalamummaa Waaqayyooti.
Kana jechuun qulqullummaan kan isarraa addaan hin bane, qaama
kamiinuu kan hin kennaamnee fi kan irraa hinfudhatamne
jechuudha.
Isaay. 6:3 “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu! Gooftaa raayyolii
Waaqayyo dacheen hundi kabaja isaan guutamtee jirti.”
Mul. 4:8 “Qulqulluu,qulqulluu,qulqulluu kantureef kan jiru kan
dhufu Gooftaa hunda bitu”
Faar 144:21 “Foon hundumtuu bara baraaf qulqulluu maqaasaa
haa qulqulleessu”
Faar.32:21 “ Lapheen keenyaaa isaan gammadi, Maqaa isaa
qulqulluutiin amanameera”
Kan itti fufe…
2. Qulqullummaa Qulqullootaa.
Amalamummaa isaatiin qulqulluu kan ta’e Waaqayyo
gargaarsa isaan kan irra bule, kennaa isaatiin kan isaan
qulqulleesse namoonni amantaan cimaanii hanga
dhumaatti dhaabatan hundi qulqulloota jedhamu.
Kunis amantaa qabaachuuf, gaarummaa hojjechuuf,
fedha foonsaanii fedha lubbuusaaniif bichisiisuuf,
shakkuu, ganuu fi hammeenyarraa waan addaan
ba’aniifidha.
S/Ba’uu 7:1 Waaqayyo Museen “kunoo An waaqa
Fara’oon sintaasisa” jedheeraan.
 S/Lew. 19:2 “Ani Waaqni keessan qulqulluu akkan
ta’e qulqulloota ta’aa” jedheera.
Kan itti fufe…

Kennaa
Kennaa jechuun Arjummaa, Dhiifama, Araaraa Fi Gaarummaa
kanfaltii malee laatamudha. Kanaafuu qabeenyi Waaqayyo biraa
argamu hunduu kennaa jedhama. Fakkeenyaaf:-
A. Wangeelli kennaadha. H/Erg. 20:32,
Ibr.13:9 “Barsiisa biroo kan adda ta’e hin fidiinaa,
lapheen keessan nyaatan osoo hin ta’iin kennaan yoo cime irra
caala waan ta’eef.”
Tito 2:11, Namoota hundaa kan fayyisu kennaan waaqayyoo
mul’ateera.
B. Mucummaan Cuuphaadhaan Arganne Kennaadha.
Ef. 1:6, Room. 5:2,
Room 12:6 “Akka ayyaana waaqayyoo isa nuuf kennameetti
kennaa garaa garaa qabna.”
kan itti fufe…

C. Akka Wangeela Labsaniif Aangoon Duuka Bu’ootaaf Kenname


Kennaadha. Gal. 1:16
1ffaa Pheex 4:10 “ Mata mataa keessaniin kennaa fudhattaniin walii
walii keessan tajaajilaa.”
 Ef. 1:8 “Ayyaanni inni ogummaa fi hubannaa isaa hundaan nurratti
dhangalaase baay’eedha.”

D. Fuula Waaqayyoo Duratti Ulfina Argachuudhaan Tajaajilaa Isaa


Ta’uun Kennaadha.

S/Uum. 18:3 “Gooftaa koo sifuulduratti faara tolaadhaan ilaalameera


yoon ta’e, ana garbichakee bira hindarbin.”

Ef. 3:7 “Akka kennaa ayyaana Waaqayyootti ani wangeela


Kan Itti Fufe…

Qulqulloota kanneen jennuun eenyu fa’aa?


Qulqulloota qulqulluu kan isaan jechisiisu jireenya isaaniiti.
Karaa hundaanuu dursaa isaanii Kiristoosiin fakkaachuu
isaaniiti.
Haaluma kanaan manni kiristaanaa Ortodoksii Tawaaydoo
hundooftee qulqulloota moggaafti. Kanniin keessaa
muraasni:
1, Aarsaa qulqulluu warra dhiyeessan.
S/Uum.4:4 “Waaqayyos gara Abeelii fi aarsaa isaa ilaale ”

 S/Uum. 22:13 “Waaqayyo qooda ilma isaa Abraamiif


hoolaa dhiyeesse”
Kan Itti Fufe…

2. Warra adeemsi isaanii waaqa biraa ta’e.


S/Uum. 5:21-24 “Henook umurii isaa 365 keessaa 300
guutuu Waaqayyo duukaa waan bu’eef Waaqayyoon
fudhatame bakkichattis hin mul’anne.”
3. Gaayila dhugaatti warra jiraatan.
fkn. Yisaaqii fi Ribqaa S/Uum. 24:16
4. Gaabbiidhaan warra jiraatan.
fkn .Loox S/Uum. 19:7 Pheex 2ffaa 2:8
5. Hanga dhuma jireenya isaaniitti soomaa fi kadhannaan
murtaa’anii amantaan warra jiraatan. Mul. 2:10
“Hanga du’aatti kan amanamte ta’i.”
6. Amantaa fi seera ishii eeguu fi eegsisuun kan
tajaajilummaatti jabaatanii fi qabsuuranidha.
Kan Itti Fufe…

7. Dubbisa, hiikaa fi iccitii jecha Waaqayyoo osoo hin


faallessin barsiisuun amantoota amantaan kanneen
cimsanii fi baay’isan.
8 Jireenya isaaniin mudaa kan hin qabne, amantii
isaaniirrattis waan yaraan kan isaan irratti hin
argamne.
9. Addunyaarraa adda ba’anii gammoojjii keessatti
kufanii, dhagaa boraafatanii, fixeensa arraabanii, holqa
cufatanii lola jinnii (diinaa), sagalee bineensotaa fi
dukkana osoo hin sodaatin waa’ee amantaa isaanii
ragaa ba’uun wareegamummaatiin kanneen boqotan.
10. Afuura xuraawaan osoo hin ta’in raajii dhugaa
gochuudhaan kanneen beekaman fa’a.
Kan Itti Fufe…
Walumaagalatti qulqullummaaf warreen ga’an
kanneen waamicha ““Ani Waaqni keessan qulqulluu
akkan ta’e qulqulloota ta’aa” sagalee jedhuuf deebii
sirrii warreen deebisan,Waaqa isaanii fakkaachuuf
du’a hadhawaa kanneen obsan, akka fedhaa fi
jaalala Waaqayyootti kan jiraatan hundadha.
Haaluma kanaan qulqulleettiin manni kiristaanaa
qulqulloota sadarkaa ulfina olaanaaf ga’an Waaqayyo
akkuma kabaje ni kabajji, maqaa isaaniin
bataaskaana ijaarti, qabsuura isaanii barreessuun
dhaalota barsiifti, guyyaa moggastee yaaddachuun
jaalala qabduuf ibsitiif.
Kan Itti Fufe…
Qulqulloota namoota kanneen jedhaman tokko tokkoon haa
ilaallu:
1.Raajota Qulqulloota:
 Isaanis kennaa raajii dubbachuu waaqayyo irraa kennameefiin
wanta gara fuulduraatti ta’u hunda kanneen himanii fi waan
himanis waaqayyo akkana jedha jechuun sodaa fi shakkii (mamii
malee) warreen kutaannoo fi amantaan dubbatanidha.
 Raajonni kunneen irra guddaa kan xiyyeeffatan dhimma afuuraa
irrattidha.
 Raajota gurguddoo fi Raajota xixiqqootti qoodamuu danda’u.
Raajota Gurguddoo kanneen jedhaman arfan
R/Eermiyaas,R/Isqeel,R/Isaayyaasii fi R/Daani’eeli.
 Raajota xixiqqoon ammoo lakkoofsaan baay’eedha. Fkn: R/Hosee,
R/Amoos, R/Miikiyaas, R/Iyyu’eel, R/Abdiyyuu, R/Yoonaas, Dan.
5:11 Amox. 3:7, Eerm. 1:4-10, 2f Pheex.1:21,
Kan Itti Fufe…
2. Qulqulloota Duuka Bu’oota
Addunyaa irraa Waaqayyoon waamamanii
wangeela akka labsaniif gara addunyaatti
warra ergamanidha.
Maarq. 16:16 Mat. 28:19
Afuura xuraa’aa akka baasaniif warra
aangoon kennameefidha. Marq. 6:13
Yaa’iqoob. 5:15
Aangoon hidhuu fi hiikuu kan kennameefidha.
Mat. 16:19, 18:18 Yoh. 20:23
Iccitiin mootummaa waaqayyoo kan ifeefidha.
Maat.13:10
Hoolota waaqayyoo akka eeganiif warra
ajajamanidha. Yoh. 21:15-17
Kan Itti Fufe…
3. Qulqulloota Dhugoomtota
(Toloota)
 Umurii isaanii guutuu addunyaa irraa adda
bahanii mana, maatii, qabeenyaa fi kkf osoo
hinjedhin fedhii foonii isaanii fedhii lubbuu
isaaniif bichisiisanii, soomaan, kadhannaa fi
sagadaan warra jiraatanidha. Ibr. 11:38
 Biyyi lafaa warra akkasiif kan hin malle ture
 Addunyaa tuffatanii dhiisanitti lamuu warra
hin deebinedha. Mat. 8:21
 Biyya, sabaa fi bataskaana isaaniitiif warra
kadhatanidha. Yaa’iqoob 5:16
Kan Itti Fufe…
4. Qulqulloota Wareegamtoota
 Wareegamtoota jechuun ragaa dhugaa warra bahanidha.
“Waaqayyoon ganaa waaqa tolfamaattis sagadaa yommuu
jedhaman amantaan dhaabbatanii Waaqayyoon
hingannu,waaqa tolfamaafis hinsagannu” jedhanii waayee
amantaa isaanii warri ragaa bahan wareegamtoota jedhamu.

 Yoh. 18:37 “Akka ani mootii ta’e atiyyuu ni jetta,


dhugaadhaaf dhugaa ba’uufan dhaladhe, kanumaafanis
gara biyya lafaa dhufe, inni kan dhugaa ta’e hundinuus
sagalee koo ni dhaga’a” jedheera gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos mooticha Philaaxoosiin

 Mul. 2:10 “Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hinsodaatin!


Kunoo seexanni akka isin qoramtanii ilaalamtaniif isin
keessaa kaan mana hidhaatti akka galfamtan taasisuuf
jedha,…du’a yoo sitti fideyyuu ati hanga dhumaatti
amanamaa ta’i! Ani gonfoo baraa baraa siifan
kennaatii”
Kan Itti Fufe…

5.Mootota
Qulqulloota
 Mootota qulqulloota kanneen jennuun
amantaadhaan dhaabbatanii,waan amantaan
ajaju hojjetanii, matta’aa osoo hin
fudhatin,nama osoo wal hincaalchisin warra
bulchanii fi murtii sirrii ta’e warra laatanidha.
Isaan kunniin mootota qulqulloota jedhamu.

 Pheex. 1ffaa 2:13 “Mootii isa hundumaa


irratti haboo qabuuf abboomamaa!”
Fkn: Mooticha Salamoon, Mooticha Daawwit,
Mootittii Illeenii fi kkf fa’a.
Kan Itti Fufe…

6. Beektota Qulqulloota
o Kennaa afuura qulqulluutiin guutamanii macaafota
adda addaa barreessanii, gaaffii shakkitootaafis deebii
kennanii warra gaabbanii hindeebinu jedhanis mana
kiristaanaarraa fo’anii warri tajaajilan beektota
qulqulloota jedhamu.

o Iyyoob 8:8-9 “Dhaloota nuduraa gaafadhu! Wanta


abboonni isaanii qoratanii bira ga’an ilaali!. Nuyi
kaleessa dhalanne, homaas hinbeeknu, barri
jireenya keenya lafa irraas akka gaaddisaatti
dafee ni darba.”

o Fkn: Q/Atinaatiwoos, Q/Qeerloos, Q/ Gorgooriyoos,


Q/Yohaannis afaan warqee, Qulqulluu Yaareed,
Q/Abbaa Giyoorgis isa Gaasiccaa fi kkf.
Kan Itti Fufe…

7.Qulqulloota
Phaaphaasota
 Saba Waaqayyoo fi mana Kiristaanaa akka eeganiif
warra waaqayyo isaan ajajedha. Osoo hinfuudhin
warra jiraatan, Luboota warra muudan, Bataskaanni
yeroo ijaaramu bu’uura warra kaa’anidha.

H/Erg. 20:28-31 “Dhiiga mataa isaatiin kan


bite M/Kiristaanaa Waaqayyoo akka eegdaniif
afuurri qulqulluun isiniin Phaaphaasota
taasisee kan itti isin muude sabootasaa hundaa
fi mataa keessanaiif ofeeggadhaa”jedhameera.
Kan Itti Fufe…
8.Qulqulloota Monoksoota:
 Addunyaa keessa osoo jiraatanii jiruu
addunyaa osoo hin hordofin addunyaa jibbanii
addunyaa Kawaalaa (Gadaamii) keessa warreen
jiraatanii waaqayyoon filatamanidha.
 Isaanis: Gonfoo qoraattii kanta’e, qoobii
kaawwatanii foon isaanii mo’anii warra
jiraatanidha.

 Fkn: Q/Yohaannis isa Gooftaa cuuphe, Q/Abbaa


Inxoonsi, Q/Abbaa Takilehayimaanotii fi warra
isaan fakkaatanidha.
Qor.1ffaa 7:32 “Waan biyya lafaa kanatti dhimmuu
dhiistanii akka jiraattan nan barbaada.”
Kan Itti Fufe…
9. Dubartoota Qulqulloota
Maatiiwwan 120’n Gooftaan keenya of hordofsiise keessaa
36’n isaanii dubartoota qulqulloota turan isaan kunniinis
waamamanii erga filatamanii hanga dhumaatti kanneen
isa hordofanii fi tajaajilanidha.
Bara seera lapheetii kaasee hanga kakuu haaraatti
abboommii waaqayyoo eeganii akka jecha waaqayyootti
kan deddeebi’an dubartoota qulqullootadha. Fkn:Bara
kakuu haaraa warra gooftaa tajaajilanidha. Marq. 15:40

Yeroo Gooftaan fannifame warra fannoo jalatti


argamanidha. Yoh. 19:25
Du’aa ka’umsa Gooftaatiif warra ragaa ba’anidha. Maarq.
16:6
Lallaba wangeelaatiif ga’ee isaanii warra ba’an. Rom.
16:1-2
Gaa’ela isaaniittis warra amanaman. Pheex. 1ffaa 3:5
Kan itti fufe…

B. Iddoowwan Qulqulluu
Iddoowwan addunyaarra jiran irraa adda ta’ee
bakka filatame, galateeffannoo fi faaruudhaan bakka
waaqayyo itti tajaajilamu,Foon gooftaa fi dhiigni
Gooftaa bakka itti dhiyaatu,bakka sabni kiristaanaa
suga(barakaa) itti argatu, bakka ergamoonni samii fi
qulqulloonni addunyaa itti wal arganidha.

S/Uum. 28:16-18, Iyyaas.5:15 “Bakki ati


dhaabatte kan qulqullaa’e waan ta’eef kophee
kee baasi.”
Seenaa 6:18-42,7:1-18
Fkn: Tulluu Siinaa irratti waaqayyo Musee waliin
dubbateera. 2f Pheex. 1:16-18
Kan itti fufe…
C. Kitaabota (Macaafota) Qulqulloota:
Isaanis bakka lamatti qoodamu
A. Kakuu moofaa fi kakuu haaraa
B. Ijoollota /Kitaaba dhalattoo/ .
Macaafonni qulqulluun maaliif qulqulluu
jedhamee? Sababnisaa Afuura qulqulluun
gaggeeffamanii qulqulloonni waan barreessanii fi
kan barreessanis jecha waaqayyoo waan
ta’eefidha.
Sabni kiristaanaa amantaa isaatti cimee waan
amantaan ajaju hojjechuuf macaafa qulqulluu
bu’uura godhatanii warri barreeffaman dhalattoon
macaafa ga’ee guddaa qabanidha.
 Xim.2ffaa 3:16-17, Room.15:4
Walumaa galatti macaafonni kun macaafota
addunyaa ykn macaafota biyya lafaarraa adda.
Kan Itti Fufe…
D. Fakkiiwwan Qulqulluu
 Muka soofamerraa,dhagaa dhaabamerraa adda kanta’e waa’ee
amantaa kan ibsu waaqayyos fakkii sana irra bulee waan adda
addaa kan hojjetu. Bataskaana(mana kiristaanaa) keessatti waa’ee
waaqayyoo, waa’ee qulqulleettii Dubaroo Maariyaam, waa’ee
Ergamoota qulqulluu,waa’ee raajotaa ,waa’ee duuka
bu’ootaa,waa’ee wareegamtootaa kan ittiin barannudha.
Amantaadhaaf, kadhannaadhaaf, akkasumas barumsaaf ga’ee
guddaa qaba.

Fakkii Fuuldura Dhaabatanii Kadhachuu


 Fakkii fuuldura dhaabatanii kadhachuun fakkichi waaqadha
jechuu osoo hintaane Abbaa fakkichaa sana kadhachuun Abbaa
fakkichaa irraa eebba argachuudha. Fakkichi Abbaa fakkii sana
nutti dhiyeessuun wal nu’agarsiisa. Dabalataan Abbaa
fakkichaatiif yaadannoodha. “Yaadannoon qulqullootaa
eebbaafidha”.Fak.10:7 kanaaf fakkii qulqullootaa fuulduratti
yeroo jilbeenfannu eebba ni arganne. H.Duuk.19:11-12 Uffanni
Q/Phaawuloos huccuu ta’uyyuu,citaan uffata isaa seexana ni
baasa, dhukkubsattootas ni fayyisa ture. H.Duuk.5:15-16
Kan itti fufe…
Fakkii Fuulduratti Dungoo
Ibsuu
 Fakkii fuulduratti dungoo yeroo bobeessinu waan hedduu
yaadachuudhaani. Fkn: Fakkichi kan uumaa keenyaa yoo ta’e
ifummaa waaqayyoo yaadanna.”Yaa waaqayyo ati ifadha, seerri
kees ifadha, dukkana keessatti ifti haata’u kan jette ifa kan uumte
sidha. Dukkana laphee keenyaa keessattis ifa kee ibsita.”jechaa
galateeffanna.S/Uum.1:3, 2Qor. 4:16 Inni mataan isaas
Yoh.8:12, 9:5. irratti “Ani ifa addunyaati, kan nahordofu ifa
jireenyaa ta’aaf malee dukkanaan hin deddeebi’u.”jedheera.

 Walumaagalatti dungoon ofii baqxee kanbiroof ifa akkuma taatu,


Gooftaanis ofiisaatii du’ee nuuf jireenya ta’uun gara ifaatti
nubaasuusaa yaadachaa kan kadhannuu fi galateeffannu ta’uusaati.
 Fakkichi kan qulqullootaa yoo ta’e ammoo ifummaa isaanii
niyaadanna. Sababni isaa qulqullootaan”isin ifa addunyaati”kan
jedhee isuma.Maat.5:14 Dabalataanis “kanneen nahordofaniif ifa
ta’aafii”jedhameera waanta’eefi.
Kan itti fufe…
Fakkiin Haadha Keenya Dubaroo Maariyaam
Teessoo Ulfinaarra Maaliif Taa’aa?
Bara kakuu moofaa(Oriitii) keessatti fakkiin kiruubeelii
Taabota cina kaa’ama ture. S/Ba’uu25:21-22 Kanas
Waaqayyos Museetti dubbachuun sababa taasiseef
qaba. Kunis kiruubeeliin baattuuwwan teessoo ulfinasaa
waan ta’aniif. Saam 1ffaa4:4, Hizq.1:5-8, Mul.4:6

Kakuu haaraa keessatti ammoo haati keenya


qulqulleettii Dubaroo Maariyaam Kiruubii kakuu haaraa
jedhamti.Isheen Kiruubeelii nicaalti.Kiruubeeliin kan
baatan teessoo ulfinaa isaati.Haati keenya
Q/D/Maariyaamiin garaa ishiitti isa baatteetti.Egaa bara
kakuu moofaa ajaja waaqayyootiin fakkiin Kiruubeelii
teessoo Taabotaarra taa’aa akkuma ture,kakuu
haaraatti ammoo Kiruub kan jedhamtu haatikeenya
fakkiin ishee teessoo taabotaarra ni taa’a.
Kan itti fufe…
Bataskaanni Maaliif Fakkii
Qulqullootaatiin Guutamtii?
Bara kakuu moofaa mootichi Salamoon mana
qulqullummaa ijaaree erga xumuree keessaa fi
alasaatti fakkiiwwan Kiruubeelii,muka meexxii
fi daraaraa adda addaa hojjeteera.1Moot.6:23-
29 manni qulqullummaa kakuu haaraas
fakkiiwwaniin kan guutamtu fakkeenya kanaaf
ta’us, iccitiin isaa inni guddaan garuu
bataskaanni ulfinaa fi kennaa samiif kan
qabdu,lafarra kan jirtu mana mootummaa
waaqayyooti.Kana ta’uusheetiinis mootummaa
waaqayyoo samiirratti qulqulloonni akka
guutan hubachiisuuf bataskaanni fakkii
qulqullootaan guutamti
Kan itti fufe…
E. Meeshaalee Qulqulloota
 Mana kiristaanaa keessatti waan amantaan ajaju itti
fayyadamuuf,meeshaaleen qulqulloota ta’an erga mana kiristaanaa
seenanii booda lammata deebi’anii jiruu addunyaaf ooluu hin
danda’an. Sababnisaa meeshaa filataman waan ta’aniifi.

 Meeshaaleen mana Waaqayyoo keessatti tajaajila afuuraaf oolan


hundi kan qulqullaa’anidha.Sababni isaa tajaajilli isaa kan
raawwatu qulqullummaan amala isaa kan ta’e
Waaqayyoofidha.Tajaajiltoonni isaa qulqullootaa fi bakki isaas
Qulqulluu akka ta’e meeshaaleen tajaajilli itti laatamus
qulqulluudha.Kun akka beekamuuf Waaqayyo tajaajilaa isaa kan
ta’e Museedhaan “Atis meeshaalee hundaa dibata zayitaa ni dibda,
ni eebbistas.Isaanis qulqulloota ni ta’u,kan isaan tuqes hunduu
Qulqulluu ni ta’u” S/Ba’uu 30:29
Egaa kakuu moofaa keessatti meeshaaleen mana qulqullinaa
hagana kan qulqullaa’an yoota’e, dhiiga Kiristoosirratti kan
ijaaramte bataskaana kakuu haaraa keessatti meeshaaleen
tajaajilan caalaatti kan eebbifamanii fi haala gaariin kan isaan
tuqus caalaatti akka eebbifamu hubachuu qabna.
Kan Itti Fufe…
BOQONNAA LAMA
JIREENYA QABSUURAA QULQULLOOTAA
Jireenyi qulqullootaa qabsuuraan kan guutamedha.
Gooftaan keenya wangeelaan ” Biyya lafaarra hanga
jiraattanitti gidiraan isinirra jira. Garuu, jabaadhaa,
ani biyya lafaa mo’eeraa Yoh. 16:33 “ jechuun
akkuma dubbate obsaan dhiphina gidduu darbaniiru.
Yaa obbolootakoo qoramuun amantii keessanii obsa
akka Isiniif kennu beekaatii, qorumsi adda addaa
yeroo isinirra ga’u akka gammachuu guutuutti
lakkaa’aa. Yaa’iqoob 1:2-3 Akka jedhame rakkina
hunda gammachuun fudhachuun hanga dhumaatti
qabsuuraniiru.
Hanga du’aatti kan amanamte ta’i,gonfoo jireenyaas
siin kennaatii Mul 2:10 irratti akkuma jedhame
Kan Itti Fufe…

Qulqulloonni gidiraa kan simatan


eenyu irraatii?
A) Fedha foon isaanii irraa:- Jireenya afuuraa keessatti qabsoo
inni guddaan fedha foonii waliin wal’aansoo godhamudha.Kunis
fedha foonii fedha lubbuutti bichisiisuun qabsuura
raawwatamudha.
 Qulqulluu Phaawuloos ergaa issaa Gal. 5:16-17” Afuuraan
deddeebi’aa,fedha lubbuu keessanii hojjedhaa, hawwii fooniis
tasumaa hin raawwatinaa. Foon Afuura (lubbuu) irratti
afuurris(lubbuunis) foonirratti ni hawwatti, warri kunis walii walii
isaanii ni mormu” jedheera.

 Gal. 5:22-24 Firiin afuuraa jaalala, gammachuu, nagaa,


obsa,arjummaa,gaarummaa,amantii, amanamummaa fi ofbituudha.
Kan Iyyesuus Kiristoos kan ta’an foon fedhii isa gadhee fi hawwii
isaa waliin fannisaa”jechuun qabsoo hedduun fedha foonsaanii akka
mo’an dubbateera.
 Yoseef haati manaa gooftaa isaa affeerraa ejjaa isheen
dhiyeessiteef osoo hin fudhatin foonsaa mo’uun qorumsicha
darbeera.
Kan itti fufe…
B) Mootota biyya lafaa irraa: “Mootota
durattis sagaleekee nan dubbadha hin
qaana’u” Faar.119:46 jedhee Raajaa Daawwit
Akkuma dubbate qulqulloonni mootota
gurguddoo hin amanne wajjin wal’aansoo
walqabaniiru.
Fkn:Raajicha Eeliyaas___Mooticha Aka’aabii fi
Mootittii Eelzaabeel
irraa..1Moot.19:4,2moot.1:9
 Daani’eelii fi Ijoollee sadan__
Naabuukedenesoor irraa. 2moot. 6:14
Daan.3:22,6:16
Yohaannis cuuphaa__ Mooticha Heroorsirraa
Maat.14:10
Kan itti fufe…
C. Shakkitoota Irraa:
Shakkitoota kanneen jedhaman walakkaa
amananii walakkaa kanneen shakkanidha
Room.16:17 Warra barsiisan isin fudhattaniin
mormuudhaan yaada namoota addaan baasanii
amantii irraa kuffisanittii akka ofeeggattan
isinan gorsa, isaanirraas fagaadhaa.Raajota
sobduu irraa ofeeggadhaa. Maat.7:15
D. Falfaltoota/Mortuu/ irraa: Afuura
xuraawaan guutamanii waan Waaqayyo hin
jaallanne warra hojjetanidha. Kanaafis jiruun
isaanii dukkana waan ta’eef warra isaaniin
morman irratti diinummaadhaan ni ka’u.
H/Erg.13:8
Kan itti fufe…

E. Ormoota Irraa: Muka soofanii dhagaa bocanii


waaqa tolfamaa hundeessanii kanneen
waaqeffatanidha.Isaanis hojii isaanii kanaafis
qulqulloota irratti qabsaa’aniiru.
Qor.2ffaa11:26 Qulqulluu Phaawuloos ormootarraa
rakkinni akka itti jabaatee ture dubbateera.
F. Seexanoota Irraa: Durumaa kaasanii mootota
addunyaa warreen shakkitoota ,qaallotaa fi ormoota
irra buluun kanneen qulqulloota waraananii fi
gidiraas kanneen irraan gahaa turanidha.
1Pheex.5:8 Duuka bu’ichi Qulqulluu phaawuloos
“Gooftaa fi dandeettii humna isaan kan jabaattan
ta’a.Waraana daabiloos mormuun akka Isiniif
danda’amu mi’a waraanaa Waaqayyoo
uffadhaa.”jedheera.
Kan itti fufe…
Taayitaawwan/Qulqullummaa Qulqullootaa
Waaqayyoon laphee isaanii
qulqulluudhaan,qaamotaa fi miirota isaaniin
galateeffachaa karaa isaa namoonni hordofan
qulqullummaa irraa gara caalaa
qulqullummaatti,humna afuuraa jiranirraa gara
humna gahumsaatti ni ce’u.
Faar.83:7” Barsiisaan seeraa suga nikenna,humna
irraa gara humnaatti,gahumsa irraa gara
gahumsaatti,qulqullina irraa gara qulqullina
gonkaatti ce’aa ni deema” jechuun Daawwitirra
bulee dubbateera.
1Pheex.5:11 “Yeroo muraasaaf erga rakkina
argitaniin booda innumti gahoota isin taasisa, isin
dhaaba, isin jabeessas” jechuun Q/Pheexiroosirra
bulee dubbateera.
Kan itti fufe…
 Adeemsi afuuraa qulqullootaa kunis sadarkaalee guddinaa sadii
keessa kandarbuu fi taayitaalee qulqullootaa kurnan kan
ofjalatti qabatedha.Isaanis:
1. Qulqullina Foonii(Jalqabummaa): Sadarkaan kun
jalqaboonni amalaan Qulqulluu kan ta’e waaqayyorraa kennaa
Qulqulluu fudhatanii kabajamummaadhaaf kutannoo qabsuuraa
kan itti jalqabanidha.Kunis sadarkaalee sadii qaba.
A, Callisuu: Jecha baayyee keessatti cubbuun jiraachuu hin
oolu,hidhii isaa kan cufu garuu beekaadha
jedhameera.Fak.10:19
 “Gaarummaadhaaf afaan koo nan cufadhe”jechuun Daawwitis
dubbateera.Faar.38:2
B. Qalbeeffachuu: Kun ammoo yaadaan qabachuu,hubachuu
jechuudha.
 Maat.13:14 “Dhagahuu ni dhageessu garuu hi
qalbeeffattani,arguu ni argitu garuu hin hubattani
C Mi’aa faaruu: Kun ammoo osoo hi nuffinii fi hin ariifatin iccitii
fi hiika isaa buusaa baasaa dammaqinaan galateeffachuu fi
kadhachuu jechuudha.
Kan itti fufe…

2. Qulqullina Lubbuu:
Qulqullina fooniitiin namoonni ciman sadarkaa itti darbanidha.
A. Imimmaan dhangalaasuu: Qulqulluun Daawwit
“Imimmaan kootiin bakka ciisicha koo nan tortorse “Faar.6:6
akkuma jedhe. Qulqulloonni qaamni isaanii gadda fooniinis
ta’ee gammachuun osoo hin guutamin, osoo hin dhiphatin ija
isaanii keessaa kan burqisiisanidha.
Kanaafuu har’a kan boo’an kan
galateeffamanidha,mootummaa Waaqayyoo dhaaluudhaan ni
gammaduhoo”jedhameeraaf.Maat.5:4

B. Adabamsiisuu: Jechi adabamsiisuu jedhu kun foon


lubbuudhaaf bichisiisuu jechuudha.Kanaaf qulqulloonni nama
ta’anii osoo jiranii ergamoota ta’aniiru.Fkn: Baalota garaa
garaa qofaan yeroo hedduuf jiraachuun,halkanii fi guyyaa
kadhannaaf sagada osoo addaan hin kutin cimsanii warra
jiraatanidha.
KAN ITTI FUFE…

C Jaalala: Waaqayyo jaalala akkuma jedhame,jaalalli kennaa


guddaadha.Kanaafuu namni sadarkaa kanaaf ga’e nama
biroo,cubbamaa,Qulqulluu,amanaa,ganaa,adii,gurraacha,beekaa
wallaalaa osoo hin jenne walqixxeessee jaallata.Jaalalli
kiristaanaas kana.
 Maat.5:45-47 Abbaa keessan isa samiitiif ijoollee akka taatan
diina keessan jaalladhaa,kanneen isin abaaran eebbisaa,kanneen
isin jibban jaalladhaa,warreen isin hari’ataniif kadhadhaa. Inni
warra hamaafis gaariifis aduu walqixa baasa,dhugoomtotaa fi
cubbamootaafis bokkaa ni roobsa waan ta’eef.
 Fknf: Qulqulluu Isxifaanosiin yaadachuun ni danda’ama,Innis
cubbuu kana itti hin lakkaayin jechuudhaan warroota isa
rukutaniif kadhateera.
D. Afuuraan Fagootti Arguu(Husatii): Meeshaa ammayyaa osoo
hin fayyadamin bakka tokko ta’anii bakka biratti wanta
raawwachaa jiru gaaraa fi bosonaan osoo hin daangeffamne akka
Aduutti arguudha. 2Moot.6:8-12 fi 31-33
Kan itti fufe…
3. Qulqullina Laphee:-
Kun sadarkaa xumuraa waan ta’eef yerootti seexanni ifaan
mul’atee waraanuu jalqabudha.Jawweef Bofa,Leencaaf
Qeerransa ta’aa dhufuun sodaachisuuf yoo yaalee warroota hin
rifanneef saamtota fakkaatee reebuus jalqaba.
 Mul.12:12 Daabiloos bara xiqqoo akka qabu beekee
dheekkamsa guddaan gara keessanitti bu’eera
 Haata’u malee yeroo mallatteeffattetti diinonni simarsanii jiran
ni kufu gara keettis hin dhiyaatani…..ergamoota hundaa siif ni
ajaja miilli kees dhagaadhaan akka hingufanne harka isaaniitiin
sikaasu.Yeeyyii fi Bofa irra deemta leencaa fi jawweerra ni ejjetta
Akkuma jedhama diinota isaanii hinjifachuun sadarkaalee itti
aanu kanneenitti ce’’aniiru.

 Ergamoota Arguu Danda’uu: Biyyoota ergamoonni keessa


jiraatan (Iyyooritti,Raamaatti,Eeraritti)Akkuma jiranitti ija
fooniitiin,jireenya fooniin arguu fi galata isaaniis dhaga’uun
addunyaa kanarra adda ba’uun warra samiirraa waliin jiraachuu
jalqabuudha.
Kan Itti Fufe…

Ifaan Liqinfamuu:Qabeenyaaf amala Waaqayyoo


kanta’e ifa keessa jiraachuu ykn ifa uffatanii jiraachuu
jechuudha.
Abiddummaa Ta’uu/Abidda uffachuu/:Kun sadarkaa
(olaantummaa) isa dhumaadha.Qulqulloonnis sadarkaa
kana irra gahanii qaamni isaanii kan seexana gubuu fi
hari’atudha.Isaan kun qulqullinaa
laphee(yaadaan,fooniinii fi afuuraanis tasa cubbuurraa
kan fagaatan waanta’aniif) Qulqulluu Sillaasee arguuf
warra danda’anidha.
Maat.5:2 Kanneen lapheen isaanii Qulqulluu
eebbifamtoota waaqayyoonis nii argu.
Yaa’iq.4:7 Qulqulluun yaa’iqoob “Egaa waaqayyoof
bitamaa,daabiloosiin mormaa isinirraa
fagaataa”jedheera.
Kan itti fufe…
BOQONNAA SADII
Waadaa Qulqullootaa
1.Waadaa/kakuu:
Waaqayyo Q/Daawwit irra bulee “Kanan filadhe waliin waadaa koo
raawwadhe.”Faar.88:3 jedheera.
 Moot.1ffaa 8:23” Yaa waaqa Israa’el yaa Gooftaa olsamiirratti,gadis
lafarratti waaqni siin fakkaatu hinjiru,laphee qulqulluudhaan
garboota fuula kee deddeebi’aniif waadaa fi fayyina kee kan
eegdu”. Waadaa Waaqayyo qulqullootaaf gale keessaas muraasni
“Yaadannoo keessan kan godhan,bataskaana keessan kan
ijaaran,maqaa keessaniin kan daare kan uffisan,kan dhukkubsate
kan gaafatan,kanbeela’e kan nyaachisan,kan dheebote kan
obaasan,galata keessan kan barreessanii fi kan
barreessisan,ijoollee isaanii maqaa keessaniin kan
moggaasan,guyyaa ayyaana keessanii gammachuun kan faarfatan
nan fayyisa.”jechuun waadaa kanneen galeefii jira.
 Saamu’eel 2ffaa 23:1-5“Anaa wajjin waan hundumaan gaariif jabaa
kanta’e waadaa bara baraa raawwateera.”jedheera.Asirratti “kan
bara baraa”jechuudhaanis waadaa qulqullootaa barri kan hin
daangessine ta’uu dubbateera.
Kan itti fufe…
2. Ulfina Qulqullootaa:
 Ulfinni qulqullootaa waaqa biraa waaqayyoon kan
kennameefidha.
Faar.33:21”Lubbuun koo waaqayyoon kabajamti”jedhee
raajichi Waaqayyoo Daawwit kan dubbates kanumaafi.
Kan qulqulleesse isaan kana ni kabaje jedhee Q/phaawuloosis
Room.8:29-30 irratti Akkuma dubbate qulqulloonni
maalummaan isaanii hundi kan kabajamedha.
2.1. Maqaa Qulqullootaa:
 Maqaan qulqullootaa maqaa ulfinaa fi kabaja addaa qabudha.
S/uum.12:2 Waaqayyo Abrahaamiin “maqaa kee nan
kabaja”kan jedhe kanaafi.Kanaafuu maqaa qulqullootaa
ulfinaan waamuun ni barbaachisa, numitii Waaqayyo abbaan
ulfinaa “Musee yaa Musee jedhee maqaa qulqullootaa ulfinaan
waameera. Yaa jechuun jecha kabajaati, kunis ofiisaatii kabajee
kabajuu akka qabnu nubarsiisuu isaati. Kanaafuu maqaan
qulqullootaa kan kabajame waan ta’eef maqaa guddaa
waaqayyoon ittiin kadhannudha.
Kan itti fufe…

2.2. Lafeesaanii:-
 Qulqulloonni addunyaa kanarraa erga boqotanii booda
lafee isaanii kabajaan kaa’uu fi ulfina laachuufiin
nimala.Lafeen qulqullootaa awwaala keessa ta’uun raajii
raawwachaa kan jiraatu waanta’eef.
Moot.2ffaa 13:20-21 Q/Eelsaan du’ee ni awwaalame,waggaa
isaatti saamtonni Mo’aab gara biyyichaatti seenan.Yeroo
sanatti namoonni biyyichaa nama du;e tokko awwaaluuf
osoo deemanii saamtota kanniin arganii naasuu irraan kan
ka’e reeffa baatanii jiran gara boolla q/Eelsaan itti
awwaalameetti darbatan. Yeroo kana reeffi sun lafee
Q/Eelsaa waan tuqeef nama fayyaa ta’ee ka’ee dhaabateera.
2.3. Fakkiisaanii:Fakkiin qulqullootaa eebbaa fi barakata
qulqullootaa kan dabarsuu waan ta’eef meeshaa afuuraati.
Kanaafuu mataduree fakkii qulqullootaa jalatti Akkuma
ibsame fakkiiwwan qulqullootaa kabajuun barbaachisaadha.
Kan itti fufe…

 2.4. Sagada (Jilbeenfannaa):Saganni gosa lama qaba:
 1. Sagada amalummaa fi 2.Sagada kennaati
 Sagada amalummaa kan jedhamu waaqayyoof qofaa kan dhiyaatu
yoo ta’u saganni kennaa ammoo qulqullootaaf kan dhiyaatudha.
Sababni isaas kennaadhaan Waaqayyo biraa kan argatan waan
ta’eef.
 Saganni qulqullootaaf akka malu ragaan kitaaba qulqulluudha.
 Moot.1ffaa 18:7 Abdiyyuun adda isaatiin lafatti kufee gooftaakoo
jedhee R/Eeliyaasiif sagadeera.
 Moot.2ffaa 1:13 Mootichi Akaaziyaas loltoota shantama ajajaa
waliin erge, ajajaan shantamaa kunis lubbuun koo fi lubbuun
garbootakee shantammanii fuula kee duratti kan eebbifamte
haataatu jedhee fuula R/Eeliyaas duratti kufee kadhate. Raajichaaf
jilgeenfachuu fi ulfina barbaachisu laachuu isaatiin kadhannaan
isaa dhagahamee akka warreen isaan duraa abidda samiirraa
bu’een osoo hin nyaatamin hafeera.
 H.Erg.16:29 Kakuu haaraa keessattis eegaan mana adabaa
Q/Phaawuloosii fi Q/Siilaasiif hollannaadhaan adda isaatiin lafatti
kufee sagadeeraaf.
Kan itti fufe…
3.Yaadannoo Qulqullootaa: Qulqulloonni mana
Waaqayyoo keessatti manaa jalqabee Tsillaatii fi
Tsabalaan niyaadatamu.
Isaay.56:6 “Maqaa baraa baraa kan hin banne nan
kennaaf” jedhee bara kakuu moofaa R/Isaayyaasirra
bulee Waaqayyo dubbateera.
Maat.26:7-13 “Dhuguman isiniin jedha,wangeelli kan
addunyaa hunda naannoo kamittiyyuu yeroo lallabamu
gochi ishee isheedhaaf yaadannoo akka ta’u ni
dubbatama.”jedheera. Kunis yaadannoon qulqullootaa
lallaba wangeelaa keessa jiraachuu isaati.
Faar.111:6 R/Daawwit “Yaadannoon qulqullootaa
bara baraaf jiraata” kan jedhes kanumaafi.Akkasumas,
 Fak.10:7 “Yaadannoon qulqullootaa eebbaaf
“jechuudhaan qulqulloota kabajuunis gatii akka qabu
nuuf ibseera.
KAN ITTIFUFE…

4.Ayyaana Qulqullootaa:
Maat.10:40-42 “Raajaa maqaa raajaatiin kan
simatu gatii raajichaa ni fudhata,qulqulluus
maqaa qulqulluutiin kan simatu gatii
qulqullichaa ni argata. Eenyumtuu isaan
xixiqqoo kanneen keessaa tokkoof bishaan
diilallaa’aa qofa maqaa qulqullootaatiin kan
obaasu dhuguman isiniin jedha gatiin isaa jalaa
hin badu.”jedhee Iyyesuus Kiristoos Akkuma
dubbate manni kiristaanaas kanumarraa ka’uun
ayyaanota qulqullootaa kabajaa fi yaadachaa
jirti.
 5.Kitaaba Qabsuura Qulqullootaa
Kan itti fufe…
 Qabsuurri yoo hiikamu wal’aansoo,qorumsa,waraana injifannoonii fi
gonfoon ulfinaa hanga argamutti dadhabbii dadhaban,hojii hojjetanii
fi gidiraa fudhatanidha. Q/Phaawuloos “Aarsaan akka godhamu
lubbuu kootiin ni aarsama,yeroon itti deemu ga’eera.Qabsoo gaarii
qabsaa’eera, fiigicha koo xumureera,amantaa koos eegeera.” Kan
jedhes kanuma agarsiisa.
 Wangeelli dubbisa yoo ta’u,qabsuuronni immoo hiika wangeelaati.
Sababni isaa Kiristoos duukaa kan bu’an qulqulloonni akkamitti
seera wangeelaatiin akka ciman, akkamitti jecha wangeelaa akka
raawwatan waan agarsiisuuf. Maat.10:32 “Nama fuulduratti kan
ragaa naaf ba’u hundaaf anis samiirra kan jiru abbaakoo fuulduratti
ragaan ba’aaf” jechuun gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos
dubbateera. Barreeffamni qulqullootaa qulqulloonni Waaqayyoo fi
namoota akkamitti akka tajaajilanii fi ajaa’iba akka godhan kan ibsan
kitaabolee afuuraati.
 Dirsaanii Q/Mikaa’eel,Q/Gabri’eel,Q/Uraa’eel,Q/Rufaa’eel,..
 Kitaabonni jedhaman kan agarsiisan kanumadha.Yeroo dubbifaman
jinniin ni hollatu, dhukkubsattoonni ni fayyu. Kitaabolee dirsaanotaaf
maddi kitaaba qulqulluudha. Sababni isaas kabaja qulqulloota
ergamootaa, ergamaa fi oduu gargaarsaa akkasumas Waaqayyo biraa
kan kennameef waadaa kan ibsanidha
Kan itti fufe…
Boqonnaa Afur
Araarsummaa
 Raawwii araarsummaa keessatti qaamman sadiitu jiru. Isaanis:
 A.Kan Araarsu (Kadhatu): Qulqulloonni hanga lubbuu isaanii
dabarsuutti gahuun cubbamootaaf fuula waaqayyootti ni kadhatu.
 S/Ba’uu 32:31-32 “Uummanni kun cubbuu guddaa hojjeteera,mataa
isaaniifis waaqolii warqee hojjetaniiru,ammas cubbuu isaanii kana
dhiifama godhiif. Ta’uu baannaan galmee kitaaba keerraa ana haqi.”
Jechuudhaan Museen uummata waaqa isaan uume dagateef kadhateera.
 1ffaa Seenaa bara 21:17 “Maaloo yaa waaqakoo harkikee anaa fi mana
Abbaa koo irratti haata’u malee dhayichi sabakeerratti akka ta’u hin
godhin” jechuun raajichi Daawwitis kadhateera.

 Qulqulloonni waaqayyoo ofcaalaa saba isaaniif waan dhaabataniif


waaqayyo fuulduratti kabaja kan argatan amanamtoota
waaqayyooti,waaqayyotti dhiyoo kan ta’an araarsitoota,kadhannaan
isaaniis ni dhaga’ama.
 S/Uum. 18:3 Abrahaam“Yaa gooftaa fuuldura keeti kabaja argadheera
yoon ta’e ana bira hin darbin” jedhee sillaasee kadhachuun argateera.
 Saamu”eel 1ffaa 2:26, 3:1-21 Raajichi saamu’eel waaqayyo biraa kabaja
waan qabuuf waaqayyo waliin dubbachaa tureera.
Kan itti fufe…
 B. Kan Itti Araarfamu (Kan Kadhatamu): Jechuun kadhannaa kan
fudhatu jechuudha.Barumsa amantaa keessatti dhumni kadhannaa
waaqayyodha. Kan kadhatamus waaqayyo tokkichadha.
 C. Kan Araarfamu (Kadhatamuuf): Araarsitoonni kan kadhatan
cubbamootaafi. Araarsummaa keessatti namoonni kadhatamuuf
gahee qabu.Kunis kadhannaa araarsaa sanaa fi dhiifama
kadhatamaatti amanuun gaabbii galuuni.
 Eerm.42-5-6 “Waaqayyo uumaan kee harka keetiin waan gara
keenyatti erge hunda yoo hin raawwanne waaqayyo gidduu keenyatti
ragaa dhugaa fi amanamaa haata’u” jedhan Isiraa’eloonni
Baabiloonitti booji’amanii yeroo turan araarsaa isaanii Eermiyaasiin.
Kunis kan kadhatamuuf nissaaf qophaa’aa yoo hin taane kanneen
kadhataniif kisaaraadha. Namni dhiifama waaqayyoo fi kadhannaa
qulqullootaa tuffate cubbuu isaatiin dhiibamee qulqulloonni
kadhannaa isaanii akka dhaaban waaqayyo isaanitti hima kan
jedhames kanaafi.
 R/Eermiyaasiin“Egaa siif hin dhaga’uutii uummata kanaaf hin
kadhatin”jedhameera. Saam.1 ffaa16:1
 Eerm.15:1 “Musee fi Saamu’eel fuuldurakoo yoo dhaabbatan
iyyuu lapheen koo gara uummata kanaatti hin jedhu, fuuldura
kootii isaan balleessaa” jedhamera.
Kan itti fufe…
4.2. Barbaachisummaa Araarsitootaa:
Araarsitoonni kennaa waaqayyooti.
S/uum.20:7 “Abrahaam raajaadha waayee keetiifis siif kadhata, nii
fayyitas”jechuun waaqayyo mootichi Abemeleek Saaraa akka gadhi dhiisu
itti himeera.
 Iyyoob.42:7-8 “Isin ofii keessaniif qalma gubatu dhiyeessaa! Garbichikoo Iyyoob
Isiniif haa kadhatu! Anis kadhannaa isaa nan dhaga’a” jedheera.
 Yaa’iqoob 5:16-18 Kadhannaan nama qulqulluu hojiisheetiin humna guddaa
raawwatti.
 Mul.yoh.8:3-4 Aarri ixaanichaas kadhannaa warra waaqayyoof qulqullaa’anii
wajjin harka Ergamaa sanaa keessaa gara fuula waaqayyootti olba’e.

 Fil.4:6 “Isin keessaa kan dhukkubsate eenyullee yoo jiraate luboota mana amantaa
garasaatti haa waamu, maqaa waaqayyootiin zayitii dibuun haa
kadhataniif,kadhannaa amantaan dhukkubsataa ni fayyisu, Waaqayyos isa
kaasa,cubbuus hojjete yoo ta’e ni dhiifamaaf” jechuudhaan Q/Yaa’iqoob dubbateera

 Maat.18:18 “Dhuguman isiniin jedha, kan isin lafa irratti hiitan hunduu
samiirratti kan hidhamedha. Lafarratti kan isin hiiktan samiirrattis kan hiikame ta’a
jechuun furtuu mootummaa isaa kenneeraaf.

 Walumaa galatti kanarraa kan barannus abbootiin afuuraa Qulqulloonni lafarrattis


ta’ee samiirratti yeroo kadhatan wanti hundumtuu akka nuuf raawwatamudha.
Kan itti fufe…
Araarsummaa Qulqullootaa Lubbuudhaan:
 Araarsummaa qulqullootaa fooniin maal akka fakkaatu ilaallee jirra.
Ammammoo araarsummaa qulqullootaa lubbuudhaan kanjedhu ilaalla.
 Kitaabni qulqulluun addunyaa kana irratti araarsummaan ta’e, hojii afuuraa
kamiyyuu raawwachaa kan turan qulqulloonni erga du’anii boodas hojiin isaanii
kun akka isaan hordofu nutti hima.
 Mul.14:13 “Samiirraas: Kanaan booda gooftaatiin kan du’an
qulqulloota. Afuurri: Eeyyeen dadhabbii isaaniirraa akka boqotaniif hojiin
isaanii isaan hordofa jedha, jedhii barreessi sagalee jedhun dhaga’e.” kanjedhu
jira.Kanaafidha yeroo lubbuun jiru du’aa kaasaa kan ture Eelsaan erga du’ees
lafeen isaa boolla keessaa du’aa kan kaase. 2Moot.13:20

Jiraattotaa fi Du’oota
 Jiraattota: Jiraattota kanneen jedhaman amantaa qabatanii; hojiitti hiikanii
kanneen du’an qulqullootadha.
 Yoh.11:25-26 “Ka’umsii fi jireenyi anadha,Kan natti amanu yoodu’ellee
jiraataa ta’a; jiraataa kan ta’e kan anatti amanu hundi bara baraan hin
du’u.”jedheera.
 Q/Phaawuloos ergaa isaa warra Roomeef erge 6:9-11 irratti “Kiristoos du’aa
ka’ee gara fuulduraatti akka hin duune, duutis gara fuulduraatti akka isa hin
binne nibeekna waan ta’eef lubbuun jiraachuu waaqayyoof jiraata. Isin ammoo
cubbuudhaaf akka duutan gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin taatanii
waaqayyoof jiraataa akka taatan lakkaa’aa”jedheera
Kan itti fufe…

 Du’oota: Du’oonni ammoo cubbamootadha. Cubbuurraa hanga


hindeebinetti,balleessaarraa hanga hinfagaannetti, lubbuudhaanis yeroo
jiran kan du’an jedhamu. Addunyaa kanarraa erga darbanii boodas duuti
lubbuu waan isaan eeguuf
 Mul.21:8” Kanneen hin amannee fi abboommii waaqayyoon hin jiraanne
du’a lammaffaas akka du’an barreeffameera.

 Walumaa galatti waa’ee jiraattotaa fi du’ootaa yeroo nuhubachiisu


Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos “Ani waaqa Abirhaam,waaqa
Yisahaaq,waaqa Yaa’iqoobidha.Kan jedhame hindubbisnee? Waaqa
jiraattotaati malee kan du’anii miti.Jechuun Maat.22:31-32 irratti
dubbateera.Akkasumas “kan du’an homaa hin beekan yaadannoon
isaaniis dagatameera waan ta’eef kanaan booda gatii hin qaban.”
Jechuun waayee warra hamootaas dubbateera.

 Xumura:Dhalli namaa qulqulloota yoo kabaje, maqaa isaanii yoo waame,


yaadannoo isaanii yoo godhe dhiifamaa fi eebba argata. Yoo kabajuu baate
garuu abaarsa baata.Kanaafidha s/uum.12:2-3 irratti Waaqayyo
Abirhaamiin “maqaa kees nan kabaja,eebbaafis ta’i, kan si eebbisan
nan eebbisa,kan si abaaran nan abaara” Kan jedhe kanumaafi. Egaa
nutis qulqulloota waaqayyo kabaje kabanyee eebba waaqayyoo akka
Kan itti fufe…
Boqonnaa Shan
Ergamoota Qulqulluu
Uumamaa fi Buufata Ergamootaa
 Uumamni ergamoota qulqulluu qaqqabatamuun kan beekamu miti.
 R/Daawwit Faar.103:4 irratti ”Ergamoota isaa Afuura tajaajiltoota isaas
boba’aa ibiddaa taasise”jechuun kan dubbate akka ibiddaa kan hin qabamnee
fi akka qilleensaa taasisee uume jechuufidha. Fakkeenyi kun jabina, saffisaa fi
kan hinqabamne ta’uu ibsuuf malee hanqinoonni ibiddaa fi qilleensa irratti
mul’atu ergamoota waaqayyoorra kan hin jirre ta’uu hubachuun
barbaachisaadha.
 Ergamoonni kan uumaman guyyaa dilbataati. Kanas Q/Ephifaaniyoos
kitaaba”Aksimaaros”jedhamee waamamu irratti waaqayyo guyyaa dilbataa
Ergamoota uumee samiiwwan sadii(Iyyoor,Raamaa fi Eerar) magaalota
kudhan sanyiin ammoo dhibba taasisee akka isaan qubachiise dubbateera.
 Waaqayyos Ergamoonni sanyiin isaanii dhibba ta’uu fi magaalaan isaaniis
kudhan ta’uu fakkeenyaan yoo barsiisuu “Namni tokko hoolota dhibba
qabaatee tokko yoo jalaa bade, sagaltamii salgan tulluu irratti dhiisee
isa bade hin barbaaduuree? Jedheera Maat.18:12
 Hoolicha bade kan jedhame bakka saaxinaa’eel(Daabiloos) bu’ee kan turee fi
boodas kan kufe Addaam ta’uu hubanna.
 Luq.15:8 “Fo’aa kudhan kan qabdu fo’aan tokko yoo jalaa bade ibsaa ibsitee
manashee hartee hanga argattutti dubartiin jabeessitee hin barbaanne
eenyu?”jedheera
Kan itti fufe…
1.Samii Iyyoor:Waaqayyo Iyyoorirratti qomoo ergamootaa
afurtama qubachiiseera.Isaaniinis qomoo afuritti qoodee
hooggantoota afur muudeeraaf
Iyyooriinis akka gamoo taasisee magaalaa afuritti hiree
magaalaa isa ol aanaa irratti qomoowwan kudhan
‘Gooftota’jedhee erga moggaasee booda saaxinaa’eeliin
hogganaa taasise muudeeraaf.
Magaalaa lammaffaa irratti qomoowwan kudhan kiruubeel
jedhee erga moggaasee booda hogganaa kiruub jedhamu
hogganaa taasise.Hiz.10:1
Magaalaa sadaffaa irratti qomoowwan kudhan suraafeel jedhee
erga moggaasee booda Suraafii Ergamaa jedhamu hogganaa
taasise
Magaalaa arfaffaa irratti qomoowwan jaboota jedhee erga
moggaasee booda Q/Mikaa’eel hogganaa taasisee muudeera.
1ffaapheex.3:22”Ani hogganaa raayyaa waaqayyoo ta’ee amma
dhufeera”
Iyyaas.5:14”Hogganaa keessan Mikaa’elii malee eenyuyyuu
kan najajjabeessu hin jiru
Daan.10:21”Hangafti ergamootaa Mikaa’eel ni ka’a”
Kan itti fufe…
2.Samii Raamaa: Waaqayyo Raamaa irratti ergamoota qomoo
soddoma qubachiiseera.Isaaniinis bakka sadiitti qooduun
 Magaalaa isa jalqaba irratti qomoo kudhan “Arbaab”jedhee erga
moggaasee booda Q/Gabri’eelii irratti muudeera
 Magaalaa isa lammaffaa irratti qomoowwan kudhan “Manaabirti”
jedhee erga moggaasee booda Q/Rufaa’eeliin hogganaa taasiseera.
 Magaalaa isa sadaffaa irratti qomoo kudhan “Silxaanaat
(Aangota)” jedhee erga moggaasee booda Ergamaa Suri’eel
muudeeraf.

3.Samii Eerar:Waaqayyo Eerar irratti qomoo ergamootaa soddoma


qubachiise.Isaan kanas bakka sadiitti qoode.
 Magaalaa isa jalqaba irratti qomoowwan kudhan ”Bittoota
(Mekuanint)” jedhee Ergamaa Sadaakaa’eel muudeeraaf.

 Isalammaffaarratti ”Beektota/Liqaanaat”jedhee moggaasuun


Ergamaa Salaataa’eel jedhama muudeeraaf.
 Isa sadaffaa irratti qomoo kudhan Ergamoota jedhee moggaasuun
Ergamaa Anaani’eel muudeeraaf.
Kan itti fufe…
2.Tajaajila Ergamoota Qulqulluu
Ergamoonni waaqayyoo namoota fi waaqayyo gidduutti ergamuuf kan
ariifatanidha. Waaqayyo biraa araaraa fi arjummaa gara dhala namaatti ni
fidu.
 Daan.9:22 ”Yaa Daani’eel ogummaa fi Hubannoo sii laachuuf amma
dhufeera”jechuun Q/Gabri’eel kan dubbate kanuma nuuf mirkaneessa.
 Tajaajilli isaanii inni guddaan waaqayyoon galateeffachuudha.
A)Nufayyisuu: Faar.33:7 ”Ergamaan waaqayyoo namoota sodaatan marsee
ni qubata, ni fayyisas” Daa.3:25 Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eeliin
ibidda boba’u keessaa kan fayyiseera.
Daan.6:22 Raajicha Daani’eeliin afaan leencaatii fayyiseera.
B) Nugargaaruu: Waaqayyo dadhabina dhala namaa waan beekuuf
Ergamoonni qulqulluun akka nugargaaran taasiseera. Gargaarsi isaaniis
foonii fi lubbuun akka fayyinuufidha.
 Luq.22:43 Kakuu haaraa keessatti qorichi keenya gooftaan keenya
Iyyasuus Kiristoos fakkeenya ta’ee kadhannaa irra gaafa ture naannoo
Geetesemaanitti Ergamaan isa jajjabeessu mul’ateera. Kunis gooftaan
keenya dadhabee deeggarsa isa barbaachisee osoo hin ta’in deeggarsa
ergamootaa akka nubarbaachisu nubarsiisuuf ta’uu hubachuu qabna.

C) Nu’araarsuu: waaqayyoo fi cubbamtoota walitti ni araarsu. R/Zak.1:12-


17
Kan itti fufe…
D) Kadhannaa keenya ol nuu baasuu
 Ergamaan waaqayyoo maqaa Qornaaliyoos waamaa mana isaa
seenee”kadhannaan kee fi bakkalchi kee fuula waaqayyootti yaadannoof akka
ta’u olba’e” jechuun itti himeera.Hoj.Duuk.10:1-4
 Mul.8:1-4 ‘Aarri hixaanaa kadhannaa qulqullootaa waliin harka
ergamichaa irraa gara fuula waaqayyootti olba’e” kan jedhu
barreeffameera.
 S/Uumamaa 28:12 Yaa’iqoob mul’ataan Ergamoonni riqaan gara samiitti yoo
olba’anii fi bu’an arguu isaa. Kunis Ergamoonni kadhannaa dhala namaa gara
waaqayyootti kan olbaasanii fi araara waaqayyorraa gara namaatti kan fidan
ta’uu hubanna
 Luq.1::13 “Yaa Zakkaariyaas kadhannaan kee sii dhaga’ameeraatii hin
sodaatin”jechuun Ergamaa Q/Gabri’eel isatti dubbateera.
 Maanuhee fi haati manaa isaa aarsaa gubate waaqayyoof dhiyaatu yennaa
dhiyeessan Ergamaan waaqayyoo boba’aa ibiddaa keessaan gara samiitti olba’e
Kitaaba abbootii firdii 13:20 kunis Ergamaan kadhannaa fi aarsaa isaanii gara
waaqayyootti kan olbaaseef ta’uu agarsiisa.

E) Nuuf Lolu /Nuuf Waraanu/


 Daabiloosii fi loltuu isaa lolanii injifannoo kan nugonfachiisan ergamoota
waaqayyooti.
 Mul.12:7”Samii irratti hiriirri ta’e Q/Mikaa’eelii fi Ergamoonni, jawwicha
waraanan;jawwichis ergamoota waliin wal lole.isaaniin hin dandeenye,gara
lafaattis ni darbatame. Kanaafuu lubbuu keenyaafis ta’ee foon keenyaaf akka
Kan itti fufe…

F) Nu’eegu: Tokkoon tokkoon namootaa halkanii fi guyyaa kan


isaan eegan ergamoota qulqulluu niqabu. Kanaafuu,Ergamoonni
waaqayyoo daandii keenya hundatti nu’eegu. Kanaafi
R/Daawwit”Wanti hamaan garakee hin dhufu;balaanis gara
mana kee hinseenu;Daandiikee hundatti akka si’eeguuf
ergamoota siif ni ajaja.Miilli kees dhagaadhaan akka hin
gufanne harka isaaniin olsikaasu.” Kan jedhee Faar.90:10-12

 “Daandii irratti akka si’eeguuf bakkan qopheessettis akka


sigeessuuf kunoo ani Ergamaa siduran erga. Fuula isaa durattis
ofeeggadhaa,maqaan koo isarra waan ta’eef cubbuu yoo
hojjettan dhiifama hin godhu,hin gaddisiisinaa”S/Bahuu 23:20
 S/Uum.19:1-28 Namoonni sadoom mana Looxiin marsanii
yeroo dhiphisan kan isa eegan ergamoota waaqayyooti.

 Dabalataanis,Reeffa Dubaroo Maariyaamii gubuudhaaf miila


sirichaa kan harkaan qabe Taawufaaniyaa Ergamaan
waaqayyoo harka isaa kutuun eegichi ergamoota waaqayyoo
hanga dhumaatti nuwaliin jiraachuu nuhubachiisa.
Kan itti fufe…
G) Nuuf Himatu: Ergamoonni waaqayyoo jireenya namoota waan hamaa irraa eeguu
dabalatee lubbuu namootaa eeganii fuula waaqayyootti nii falmuuf.Waaqayyo fuulduratti
dhiyaachuun murtii dhugaa ni gaafatuuf. Kanaaf,Gooftaan keenya Iyyasuus
Kiristoos”Isaan xixiqqoo kana keessaa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa,Ergamoonni
isaanii yeroo hundaa samii irratti fuula abbaakoo ni ilaalu isiniin jedha”kan
jedhee.Maat.18:10
 Zak.3:1-10 Seexanni luba Iyyaasuu himachuuf fuula waaqayyoo dhaabate,Ergamaan
waaqayyoos falmeefii seexanicha qaanesseera.
H) Nujajjabeessu:
 Ilmi namaa sababa rakkinaatiin tasa akka hin gaddinee fi abdii hinkutanneef
Ergamoonni waaqayyoo ni jajjabeessu. Gadda isaa gara gammachuutti,dallansuu isaa
gara kolfaatti ni jijjiiruuf.“Hanga dhumaatti kan jabaate inni nifayya.”maat.24:13 irratti
Akkuma jedhame hanga dhumaatti jabaannee akka dhaabannu Ergamoonni waaqayyoo
nujajjabeessu.
 Daan.10:21”Dubbii dhugaan garuu barreeffamaan kan barreeffame sittan hima. Dubbii
kana irratti dura bu’aan keessan Q/Mikaa’eel irraa kan hafe eenyuyyuu kan najajjabeessu
hin jiru”kan jedhu kanuma nuhubachiisa.
I) Gaabbii Keenyaaf Nigammadu
 Nuyi gaabbiin cubbuu keessaa gara gaarummaatti yoo deebinu, balleessaa irraa yoo
fagaannu, dukkanaa gara ifatti yoo baanu, du’aa gara jireenyaatti yoo ceenu Ergamoonni
waaqayyoo ni gammadu.sababni isaa adeemsa qalbii jijjiirrannaa keenyaa keessatti
gargaarsi isaanii ni jira waanta’eef.
 Iyyasuus Kiristoos Addaam isa bade barbaaduuf qulqulleettii Dubaroo Maariyaam irraa
foon isheerraa foon,lubbuu isheerraa lubbuu fudhatee yeroo dhalatutti waaqayyoon
galateeffataniiru”Waaqayyoof galanni samii irratti haata’u,nageenyi lafarrattis namaaf
eeyyama gaarii”kan jedhu faarsaatiin gammachuu isaanii ibsaniiru.Luq.2:13-14
Kan itti fufe…
I) Nunyaachisu
 Raajichi Eeliyaas Eelzaabeeliin ajjeesuuf yeroo dhaadatetti sodaatee gara
gammoojjii deeme. Muka ittachaa jala taa’ee”Naga’a ammas gooftaa koo ani
abbootii koo hin caaluutii lubbuu koo fuudhi jedhee akka du’u kadhate,
mukicha jala ciisees ni muge,kunoo ergamaanis qaqqabee ka’ii
nyaadhu”jedheen. Nyaatee erga dhugees deebi’ee nirafe. Ergamaan
waaqayyoos dabalee yeroo lammataa qaqqabee isa dammaksuun”Karaan ati
deemtu fagoodhaatii ka’ii nyaadhu”jedheen. Ka’ees ninyaate,nidhuges.
Humna nyaata sanaan hanga tulluu waaqayyoo ga’utti halkan afurtamaa fi
guyyaa afurtama ni deeme.1Moot.19:1-8

3.Aangoo Amalummaa Isaanii fi Kabaja Ulfina Isaanii


 Ergamoonni waaqayyoo amala isaaniitiin kan ijaan hin argamnee fi saffistoota
kan ta’anidha.
 Amala isaanii kan ibsu aangoo fi kabanyi isaaniif laatameera. Isaan keessaa
muraasni:
1. Cimootadha: Ergamoota qulqulluuf kan kenname humna fi aangoo
guddaadha. Guddina isaa irraa kan ka’e uumamni hunduu fuuldura isaaniitti ni
hollatu.
 Raajichi Daani’eelis cimina ergamoota waaqayyoo yeroo ibsuu”Fuulli isaas
fakkii bakakkaati”jedha.Daan.10:5-9
 Abbaa wangeelaa kanta’e Q/Maatiwoos”Kunoo Ergamaan waaqayyoo samii
irraa waan bu’eef sochiin lafaa guddaan ni ta’e”jedheera Maat.28:1-4
KAN ITTI FUFE…
2.Guyyaa Murtii Hirmaannaa Qabu
 Yeroon haamaa dhuma addunyaati,kan haamanis ergamoota
waaqayyooti. Egaa ingirdaanni funaanamee ibiddaan Akkuma gubatu
dhumni addunyaas akkanuma ni ta’a. Gooftaan keenya Iyyasuus
Kiristoos ergamoota isaa ni erga, gufuun mootummaa isaa hundi
kanneen badiisa raawwatan ni funaanamu. Gara boolla ibiddaattis ni
gatamu.Achittis booyichii fi ilkaan qaruun ni ta’a.
 Maat.13:39-43”Ilmi namaa ergamoota waliin ulfina Abbaa isaatiin
dhufuuf jira,yeroo sanatti hundumaafuu akka hojii isaatti ni kenna.
 Maat.16:27, 25:31, 24:31, 1ffaaTasalonqee 4:16
3.Raajii Ni Hojjetu:
 Raajii jechuun nama biratti ni ta’a jedhamee dubbii hin
yaadamne,garuu ta’ee kan argamu jechuudha.
 Fkn:Ergamaan waaqayyoo ijoollee sadeen waliin boolla ibiddaa
seenee akka isaan hingubanne taasisuu. Daani’eel gara boolla
leencotaatti darbatamee afaan boollichaa yeroo cufametti Ergamaan
waaqayyoo afaan leencotaa cufuun isaa. Kakuu haaraa keessattis
duuka bu’aan gooftaa Q/pheexiroos sansalataan hidhamee gara mana
hidhaatti yeroo darbatame ergamichi gara mana hidhaatti seenuun
dukkanicha ifa taasisuun qulqulluu pheexiroosiin hirriba isaa irraa
dammaksee mana hidhaatii raajiitiin akka baase barreeffameera.
H/Duuk.12:6-15
KAN ITTI FUFE…
4.Finciltoota ni Adabu
 Ergamoonni waaqayyoo warra hamoota adabuuf aangoo niqabu.
Yakkamtoonni Sadoom mana Q/Looxitti naanna’anii yeroo dhiphisanitti
hunduma isaanii jaamsaniiru.S/Uum.19:11
 Bara duuka bu’ootaa mootiin Heroodis uffannaa mootummaa isaa uffatee
yoroo dubbatutti uummanni ”Kun sagalee waaqayyooti,sagalee namaa
miti” jedhanii galata hanga hinqabneen galateeffatan. Yeroo kana
Ergamaan waaqayyoo inaaffaadhaan mooticha goraadeedhaan kukkutee
raammoodhaan nyaatamee akka du’u taasise.H/D/Bu’ootaa12:20-23
5.Kennaa Gooftummaa Qabu
 Amalummaan gooftummaa qabeenya isaa kan ta’e aangoo waaqayyoo kan
ittiin ibsan qulqulloota ergamootaa kennaa gooftummaatiin isaan
kabajeera.
 Iyyaas.5:14 Iyyaasuu ilmi nawee angafti ergamootaa qulqulluu Mikaa’eel
yeroo itti mul’atetti ”Yaa gooftaa koo garbicha keetti kan himtu
maalidha?”kan jedhe kanaafi.
 Iyyaas.1:5 Waaqayyo Iyyaasuudhaan”Umurii jireenya kee hundatti
eenyuyyuu sindanda’u, Musee waliin akkan ta’e Akkasumas siwaliinan
ta’a” jedhameera.
 S/Uum.19:20 Ergamoonni waaqayyoo qulqullicha Looxiin
baraaruuf/oolchuuf/ yeroo dhufanitti”gooftolii koo gara mana garbicha
keessaniitti deemaa”jedhee kadhatee
KAN ITTI FUFE…
6.Sagaduun (Jilbeenfannaan) ni ta’aaf
 Saganni waaqeffachuu kan raawwatamu waaqayyo qofaafidha. Saganni
qulqullootaaf dhiyaatu ammoo kan kennaati. Kunis kadhannaa isaaniitiin
waaqayyoon wal nuquunnamsiisu waanta’eef qulqullootaaf sagaduun kennaa
waaqayyoo kabajuudha.
 S/Uum. 19:1 Isa oolchuuf yeroo dhufanitti qulqulluu Looxis qulqulluu
Mikaa’elii fi qulqulluu Gabri’eeliif adda isaatiin lafatti gadi jedhee
sagadeeraaf.
 Iyyaas.5:14, Daan. 10:19
 Mul.Yoh.19:10 Qulqulluu Yohaannis Ergamaa waaqayyoof sagaduun akka
barbaachisu waan beekuuf yeroo sagaduufitti ergamichis akka hin saganneef
dhorkeera. Ergamaan kun naaf hinsagadin jechuun isaa gadofqabuun akka
barbaachisu nu barsiisuufidha. Q/Yohaannisis kana waan beekuuf deebi’ee
sagadeeraaf.Walumaa galatti lamaan isaaniituu hojii gadi ofqabinsaa
hojjetaniiru.
 Fak.29:23“Kan oftuulu oftuulummaan isaa isa salphisa. Kan ofsalphisu garuu
kabaja isaa ni fudhata”

 Yaa’iqoob 4:6 Waaqayyo oftuultota ni morma; warra gadi ofqabaniif suga isaa
nikenna.”
 Gadi ofqabinsaan kanneen waaqayyo isaan kabaje kabanyee, kennaa ulfinaa
waaqayyo isaaniif kenne beeknee qulqulloota waaqayyoof sagaduun,
qulqulloota waaqayyoo kadhachuun kabajaa fi eebba waaqayyoo akka
argannuuf waaqayyo nuhaa gargaaru. Ameen!
KAN ITTI FUFE…

2ffaaXim. 3:14 “Kan barattee fi


kan hubatteen cimii jiraadhu
eenyurraa akka baratte nibeekta
waanta’eef.” Akkuma jedhame
barsiisaan keenya Waaqayyo
ta’uu beeknee kan baranneen
cimnee akka jiraannu fedhaaf
eeyyama Waaqayyoo nuuf haa
ta’u.
Ameen!
Kan itti fufe…

GALANNI
WAAQAYYOOF
HAA TA’U!!!

GIIFTII
KEENYA ULFAATAA
DUBRO FANNOO
MAARIYAAMI ISAAF BARA
IF BARAAN
AMEEN!!!

You might also like