0% found this document useful (0 votes)
341 views22 pages

Jeechoota Qubee C

Afaan oromoo

Uploaded by

Afaan Light
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
341 views22 pages

Jeechoota Qubee C

Afaan oromoo

Uploaded by

Afaan Light
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
You are on page 1/ 22

caabetaa

1. biddeena, caabitaa
caabii
1. meeshaa manaa kan suphee irraa qopheessanii bukoo itti bukeeffatan.
2. mi'a marqaa itti nyaatan.

caaccuu
1. elellaan
2. jifaara ykn faaya dubartii xixinnoo kan callee irraa qophaa 'u.
3. Huccuu calleen faayamee

Caafoo
1. Saaxoo, tusii, huuxii

Caagoo
1. Maqaa biqiltuu

caa jechuu
(Gochima).
1. gar malee o'uu.
(Fakkeenya) : Hoggaa eeleen caa jettu buddeen itti naqu.
2. soogiddi yookiin qimamiin ittii baay 'achuu.
(Fakkeenya) : Waxii keessaa soogiddi caa jedhe.
3. bulluquutti dhiyaachuu.
(Fakkeenya) : Bishaan caa jedhe luka namaa hingubu.

caakkaa
1. lafa muka qabu, bosona,

Caakkee
1. Sagalee qalameen ykn jaldeessi baasu

Caakkoo
1. Biqila diidaa baali isaa nyaadhamu

caaluu
(Gochima).
1. bira darbuu (taruu) irra dheerachuu yookiin baay 'achuu.
(Fakkeenya) : Hojiidhaan nama caalu malee afaaniin miti.
caalbasiii (caalaa + baasii)
1.caarataa

caama
1. Yeroo rooba hin qabne
2. Ifa aduu
caamuu
1. Roobni dhaabbachuu
Caamsaa n 1) yeroo aduun garmalee owwu; hongee 2) maqaa ji'aa kan Eblaa fi Waxabajjii
gidduu oolu.

Caanci'uu
1. Wacuu
2. Gadduu, booyuu, gufufuu

Caancuu
1. Burquu, madduu
2. Ficcee
Caancoo
1. bishaan soogidda qabu.
2. laga bishaan isaa soogidda qabu.
3. makoo fincaaniifi dhoqqee horii.
(Fakkeenya) : caancoo bira hintaa' in.
4. Maqaa magaalaa Shawaa Kaabaa keessatti argamtuu.
5. Laqa xiqqaa

caancuggaa
1.maqaa biqila

Caancullee
1. Qacacullee, quuqqoo, dhagaa xiqqaa yeroo baay’ee geengoo ta’e
Caandoo
1. Kiyyoo bineeldota bosona itti qaban
2. Godoo mukarratti ijaarame jaldessa,qalamefi shimbirroo oyruu irraa itti eegan

caantaa
1. Gosa kophee. kophee mana keessatti keewwatan, silipara 2. Kophee aadaa

Caaqu
1. afaaniin boonuu, namatti baacuu yookiin qoosuu ykn hanjamuu
2. Mormuu
3. Cinquu
caasaa
1. Naqa, danaa
2. gurmaa'insa

Caaraa
1. Gammoojjii
Caarawuu
1. (Hidda/caaroo)'f lafaa ol meeyruu

caararosuu
1.wareeruu,dadhabuu, joonjauu, gaggabuu,
muusuu,
2. Gurraachoomsuu
caariggii
1. nyaata otoo hinbukaayin tolfame, qalaxoo, beenii, aflanyaa

Caaroo
1. Hiddaa

Caatoo
1. Giraafii

Caattoo

1. bineensa yookiin horii daggalaa kan gaafni isaa damee qabu.


2. ayyaana bineensotaa, kan bineensota hamaa irraa eega jedhamee amanamu.

caasoo
1. Morkii, waldhaansoo

Caaya
1. Gaadisa
Caayii
1. Caayata, hawaasa

Caba
1. mudaa godhacha.
2. bakka lamatti adda bahuu.
3. Burkutaa'uu, Baqaquu

cabaa

1. mudaa kan godhate, fayyaa kan hinta'in.


2. miilli tokko kan hinhojjenne, naafa.

Cabaloo
1. Jila xiqqaa akkaa ateetee

cabaluquu
1. Xeebuu; waan hintaane yooki in dubbii faayidaa hinqabne dubbachuu, xibaaruu.
Cabaqa
1. haasaa ijoollee afaan hiikuu calqabdee.
2. akka ijoollee reefuu afaan hiikkattuutti dubbacha.

Cabaquu
1. dubbii calqabuuf tokko lama jechuu.
2. akka ijoollee reefuu afaan hiikkattuutti dubbachuu.

cabbaqii
1.qabeenya guddaa. Haalaan tujaara ykn dureeysa
(Fakkeenya) : Inni sooressa cabbaqiidha.

cabbii
1. hancabbii, itita bokkaa kan bokkaa wajjin bu'u
2. cirracha xinnoo laga kessatti argamuu

Cabsaa
1. Muraa
2. Maqaa gosa sirna fudhaafi heerumaa oromoo ituu-humbannaafi afranqalloo
3. Haamaa dheedhii

Cabsii
1. dhugaatii jimaa booda dhugan.
2. dhabsuu ooluu. cabsoo cassoo ilaalaa.
3. gatiin gadbu'uu

cabsoo
1. wal'aansoo
2. tuffii

caccabsaa
1. nyaata qixxaa ykn maxinoo caccabsanii dhadhaa baqsaa barbarree wajjin itti naqanii
qopheessan.
2. nyaqarsa
3. kan cabsu

cafaqaa
1. nyaata aadaa daabboo xaafii diimaa dhadhaa danfee wajjiin walitti bulleefame tolchameedha.

cafaquu
1.daakuu, bulleessuu
cafcaffii
1. caffee, dhaqdhaqii
2. qabeenya guutuu kan alaa manaa hir'ina hinqabne

cafcafuu
1. miicuu
caffaa
1.dhaqdhaqii, leephoo, duduba, laaqii

caffee
1.dhaqdhaqii, leephoo, duduba, laaqii
2. mana marii ummata oromoo

caffoo
1. qarqara lagaa ykn garbaa

caf gochuu
1. sirritti jiisuu;

caf jechuu
1. cafii; alaafi mana guuttachuu, sooromuu

cagaawa
1. onkololeessa

cagaduu
1. tumuu
2. sirritti nyaachuu

cagginaawuu
1. hammaachuu
cagginoo
1. guyyaa hojiin lagatamu
2. guyyaa baatiin badu ykn lixu

cagoo
1. ciraa
2. rayaa-malessa; goofoo; faayidaa-maleessa

cakii
1. gasoo, dongoraa, doomaa
2. boolla xiqqoo, uraa

cala'uu
1.fagatanii baduu; mul'ina dhowwachuu

calalaqa
1. ifa kenna, calaqsa; balaqeesa'uu

calaluu
1. xalaluu, taliiluu, miiruu, dhmbibuu, abaccaruu

calanqii
1. goolii, jeeqama , unkura, hokkora

caleesa
1. luggee

calii
1. mi'a jirbii ittiin fo'an; dawartuu

callaa
1. midhaan gindii kessaa bahe
2. firii, bu'aa, atoota
3. qarshii
4. culkii
5. miltoo malee; kophaa

callabbaa'uu
1. qabeenyi namaa baayachuu
2. jiidhanii tortoruu
3. garmalee dillallaa'uu
4. bishaanaa'uu; humna dhabuu, soola'uu

callee
1.jannatoo, jaaree; jifaara kirritti naqanii marmatti keewwaatan

cal jechuu
1. usuu

camaduu
1. walitti hidhuu
2. hamaaf nama adamsuu

cambaasuu
1. kabaluu

cambaatee
1. ifaa, kan ifa aduu qabu(sunny)

cambaawuu
1. dhamdhama gaarii dhabuu;

comboo
1. siicoo, atalaa
2. barakaa

camcamee
1. dammee, mi'ooytuu

camcam godhuu
1. suuta alanfachuu,
2. akkaata sareen itti nyaatuu

camgaggaa'uu
1. dhangaggaa'uu

camii
1. dhandhama

cam'isuu
1. nyaachuu

cammee
1. dhandhama
2. quba akeektuu
3. quba xiqqaa, moggee

camnana
1. amoolee

canaa
1. aannan ititee hintolin, kan ciccite(maqibsii)
2. xiqqaa, gosa jaldeessaa

cancaanfuu
1. dimimmisuu

cancaffuu
1. caffaa, leephoo

cancala
1.luugaama, silaaba

cancaluu
1. loggomuu

cangaree
1. shootala(sayfii) shashaqamee; gilee babbareechifame
canoo
1. ilmoo qamalee

canqareessuu
1. liphsuu, ija qisuu

caphana
1. hirmii, haraama, nyaata qulqullu hinta'iin, kan amantiin balfame, baktii

caphee
1. harma jige

caqasuu
1. ayaataan dhageeffachuu

caqcaquu
1. qocqocuu; cafaquu,

caqee
1. cakii, uraa, qaawa

caraambii
1. gaanfa dheera
2. geeda(tree) dheeraa, caraanfoo, geeda damee hedduu qabu.

caraanfoo
1. geeda(tree) dheeraa, caraambii, geeda damee hedduu qabu.

caraanuu
1. iyyuu garmalee

carabuu
1. aramuu; caraguu

carandada
1. shuummoo ykn mulluu guyyaa siqilatii ykn fannoo nyaadhamu
carallaa
1. biifa, balaqii, cararii

carii
1. ulee dheraa yeroo qotiisaa qotiyyoota ittiin oofan
2. dhakaa, kattaa
3. qaqallii

carkaaka
1. dallaa naannoo midhaanii

carkaakuu
1. bilchaachuu, sirritti guddachuu

caroo
1.ulee dheraa yeroo qotiisaa qotiyyoota ittiin oofan

carqii
1. bututtuu
2. huccuu

carquu
1. sagalee qerreensaa

carraa
1. aagaa, ayyaana, hiree, gaddii, faroo

carraaquu
1. tattaafachuu

carree
1. marqaa dhaadhaan itti heddomaate.

carriggaa'uu
1. daabboo mi'aawuu

cariggii
1. daabboo ykn biddeena mi'aawaa

carrii
1. lafa xiqqaa tulluu xixiqqoo

catee
1. gosa mishingaa
2. anfaarroo

cawoomuu
1. kasoomuu, kabajoomuu, safuu qabaachuu

cawaa
1. nama naamusa qabu

cawwaa
1.hojjetaa gogaa

cawwee
1. kaansarii; madaa

cayii
1. gosa biqiltuu

ceceessuu
1. suukanneesuu, hiraarsuu,
dallansiisuu, aarsuu, duchisiisuu,
hincinneessuu, diiquu,

cedhachuu
1. hatuu

cedha
1.

cedhedha
1.sibiila dhiifamu

ceegoo
1. duubee, ganshoo, liqaa, mugoota

ceekaa
1. gosa biqiltuu

ceekuu
1. umee, siddoo (lafee naannoo geteettii)
2. gateettii

ceemoo
1. baalli bunaa aannan, sukkaara, damma waliin danfisame.
ceenfii
1. daphoo, goggogaa, qooraa

ceephoo
1.qeeqa,ajifannoo

ceephuu
1. qeequu, ajifachuu

ceerceruu
1. qola

ceesisuu
1. qaxxaamursuu, dabarsuu

ceewuu
1. qaxaamuruu, dabarsuu

ceeyata
1. ceeyoo, madaa, dukkuba gogaa

ceraddaama
1. cilaadaama, xalasaama, xeenaaddaama

cexee
1. gosa mishingaa

cibiluu
1. garmalee gurraacha

cibirraa
1. rifeensa sirressaa

cibiruu
1. rifeensa tolchuu

cibraa
1) tooftaa waraanaa gurguddoo Oromoon jaarraa 16ffaa fi 17ffaa keessa ture
2) raayyaa, looltuu, saylii
3) hoomaa (kan beeyladaa, saree fi kkf) .

ciccata
1. galtee, Soyira
cicha
1) du’a tasaa,
2) dhabamsiisuu

cidha
1) maqaa waliigalaa ayyaana ykn jila
2) sirna gaa’elaa

cidhaan
1. qaama saalaa dhiiraa,midaan,gungume
dhiiraa

cidhoo
1. darmii kormaa; ilmoo kormaa fardaa

cidii
1. qashaa, baaqaa, galabaa, citaa

cifee
1. bacawii gogaa, hooqxoo, sibiijjii, dhukkuba gogaa

cigaada
1. xiiqii

cigoo
1. jechama

ciicata
1. foonaa, ciibsaa

ciicachuu
1. shakkuu, mamuu

ciicoo
1. okkolee

ciicuu
1. galma, qiyyafannoo, manii, fiixa
2. tapha qillee keessatti galchiin galuu

ciifara
1. goofaree

ciiga’uu
1. tuffachuu, balfuu

ciilalluu
1. calankaa,calancalluu, hadhadhaa, gelgeexxoo

ciimmaa
1. bocoocoo

ciincaa
1. foolee ajaawaa ykn shurufkaa gaarii hin taane
2. lafa qaljii

ciincessuu
1. gubuun urgaa hamaa fiduu

ciira
1. goonka
fakkenya:- ciiruma, ani hindhageenyaa

ciirroo
1. burree
2. daalacha

ciisuu
1. rafuu

cilee
1. kasala

cilmaalee
1. abbaa sangaa, cirmallee

cilfaa
1. budduqqoo

cilgee
1. boorsaa gogaa damma qabachuuf gargaaru

cilka
1. machallaa, itillee, ansoolaa aadaa

cillaafachuu
1. qaamni gara tokkotti dabuu, cillaanqachuu
cillimii
1. limmixii, qawwiitee

cillinfeessuu
1. bishaan keessa gad lixuu, dhidhimuu
2. dhoksuu, aguuguu

cillinfoo
1. haxxishoo

cilqii
1. borqaa, lafa yeroo dheera irrattii qotuurraa kan ka'e biyyee isaa harame.

cimaa
1. jabaa

cimeessa
1. ga'eessa

cimmisuu
1. kuusuu

cimmimmuu
1. Laalaa yeroo dahumsaa

cinaa
1. moggaa
2. dadii, badhaadhina

Cinaan
1. Cidhaan
2. Aalchaan, dubbii alkallattiin dubbachuu
Cincira
1. Likina, qinxirii
Cincoo
1. Daarabaaftuu, aaroo, orbobbiisa, sarariitii

Cinii
1. Killee injiree, injijjii

Ciniinnaa
1. Dhukkubbii garaa
Ciniinsuu
1. Dhukkubbii yeroo dahumsaa
Ciniinuu
1. Hidduu, qarrisuu, nyaachuu

Ciniintoo
1. Ciniinnaa
2. Nyaata tursiistuu, nyaata bultee
Cinnoo
1. Muraa sibiilaa
Cinqii
1. Hiraar, gidiraa, dhifkaa, caaqa, badada
Ciqa’uu
1. muruu
Ciqilchuu
1. Micciruu, dabsuu, jallisuu
2. Dhugaa dabsuu
Ciqilee
1. Buusaa irree ol’aanuu fi gadaanu gidduu jiruudha.
Ciqirtii
1. -
Ciraa
1. Eegee ykn diboo fardaa; fogsoo,dhowwaa
2. Lafa waa irra hinjirre
Ciraafi ciqilee
1. battalatti qabuu (kees. hattuu meeshaa hatame wajjin)

Ciraakkota

1. Xalasaam, cilaadama, xeenaaddaama

Ciraaroo

1. damee mukaa muramee yookiin fottoqee lafa bu'e.


2. Saaxoo

Ciree

1. Bariifata, bultee, faxara

Ciriqii
1. aannan xiqqaa saawwan goggogaan irraa argamu
Cirma
1. Rifeensa hin filamin
2. Lafa qonnaan cirame
Cirmalle
1. Abbaa sangaa

Cirqansa
1. Carqa, harquu, sagalee qerransaa
Cirqii
1. Jabaafi dhiphaa
Cirracha
1. maansa
Cirrattuu
1. Shiftaa, waanbadee, iyyaala
Cirreessa
1. Ogeessa yaalaa
Cirrifachuu
1. horoorsa ykn cororsuu ykn sagalee jabaa qoonqoo keessatti uumuu(fedhii malee) .
Cirrii
1. Maqaa shimbirroo loon irraa ilbiisa guuru
Cirriqfachuu
1. arraba maruun ilkaan fuulduraa gubbaa tuquun humnaan tufuu
Cirriquu
1. Corrisaa
Ciruu
1. Tarsaasuu, muruu
Cita
1. Dhukkuba horii
Citaa
1. Marga dhadheeroo; buyyoo
Cittaawuu
1. Cittoo itti bahuu
Cittoo
1. Hooqxoo
Coba
1. Copha, buttoo, xabii
Cobolee
1. Gosa shimbirroo
Cocoo
1. Jila ykn sirna dhiironni re’ee qalanii foon isaa nyaataniin ala raawwatan
Cokawuu
1. Gubbarra ableen waraanuu
Cokkolloo
1. qoccolloo
Cokiisa
1. Miira gammachuu
Cokoo
1. Eeboo gaba sibiilaan hookkoo qabu
Colcola
1. Callabaawaa
Collee
1. Qaxalee
2. Farda saffisaan gulufu
3. Qaalluu
Coloo
1. yeroo bakki hundi dhoqqaawuufi bishaanaawu kessattuu yandoo booda
Cololi’uu
1. Jooruu
Cololuu
1. Bololuu, bajoojuu
Comoxxoo
1. Maqaa biqiltuu
Condaa
1. Xaddee
Condorroo
1. Gogaa dacha’e
Conee
1. Dansa
Conqolaachuu
1. Kufuu
Conqola’uu
1. Dacha’uu
2. Du’uu
Conuu
1. xiqqoo xiqqoo walitti qabuu
Commee
1. Dhuufuu jaarsaa, habuutaa, abbaa marqoo
Coocoo
1. Okolee
Cooffisuu
1. Imimuu, fececuu, raaruu, burquu
Cookuu
1. Qananii
Cookkee
1. Jallaa kan ta’e
Coollaguu
1. Suntuursu, shoollibuuu, xoollaguu
Coolleessuu
1. Garmalee jiissuu
Cooma
1. Faroo, moora, foon diimaa hin taanee
Comborooruu
1. Biqiltuun ija hedduu godhachuu. Fknf:- maagoon gad comborooree jira.

Coona’uu
1. Alkallattiin kadhachuu
2. Dharra’uu, gomja’uu
Cooncaa
1. Kan sirritti hin argine
Coonuu
1. Xuraawuu
Cooquu
1. Namaa yaaduu
2. Afaaniin hamilee namatti godhuu keessattuu yeroo waraanaa
Coora
1. Qoosa, hanjamaa
Cooraa
1. xiqqaa (dhaloota tokkoo) .
Cooree
1. Laga xixiqqaa
Coorree
1. Baay’ee o’aa, gammoojjii
Copha
1. Coba ilaali
Cophxoo
1. dhukkuba saalaa
Coqorsa
1. Marga jiidhaa
Coqqolloo
1. Qoccolloo
2. muka karra ykn balbala cufuuf itti fayyadamu; danqaraa
Coqorsa’uu
1. waan tokko jilbaan ykn ciqileen dhahuu
Coraa
1. Gogaa
2. Fayyaa
3. Qarmii
4. Cuuraa
5. hambaa
Coree
1. Haadhoo, jecha jaalalaa ibsu
2. Sa’aa gu’uu deemu
Corofachuu
1. Soorata walitti qabuu
Corofee
1. Culullee
Cororii
1. Areera
Cororsuu
1. sagalee cur jedhuun yaa’uu
Cororeessa
1. Saharaa, dinkuwaanii
Cororuu
1. hiriiruu
Corqaa
1. Asheeta, waan bilcina hinqabne, kichuu
Corqaawuu
1. Bilchaachuu, firii naqachuu
Corqoqqaawuu
1. Waan barame irraa maquu
Corrabuu
1. Jibisiisuu, dabbaruu
Corree
1. Buburree
2. Lafa guddaa
Corrisuu
1. Iyya shimbiroofi raachaa
Corroo
1. Currisa, miira
Corroqaawuu
1. dhoqaawuu
Corroqa
1. Malbii, raare, mucuca
Cororruu
1. Hambaa
Coruu
1. Funaanuu
2. Qoosuu
Cubbuu
1. Dilii, nagaroo
Cubbuxoo
1. Nyaata bideena barbarree wajjiin sukkuumanii qopheesan
Cuccuruffee
1. Culuullee
Cuchubbii
1. Hamma xiqqaa
Cufa
1. Hunda, mara
Cufaa
1. Kan hin banamin
Cuftiyyee
1. golgaa foddaa (kan waan akka fo'aatiin bitaa fi mirgatti sochoosuun danda'amu)
Cufuu
1. Akka hinbanamnee godhuu
Cuggee
1. Hubboo xiqqoo, duloo
2. Ro’oo
3. Guuccee, guttiyyaa, guutuu (rifeensaaf)
Culaanculuu
1. Condorroo; guddina laaftuu morma bineensotaa fi simbirroota tokko tokkoo irratti
fannifame
Culcul jechuu
1. Ifni xiqqaachuu fknf: kurraziif
Culee
1. Diimaa
Culkii
1. Qulqulluu, taliila
Cullaa
1. Qullaa
2. Kophaa
Cullisuu
1. Gowwoomsuu
Culluxa
1. abadan, tasa, tasayyuu, gonkumaa, cirayyuu, abilla, matumaa, cira
Cululla’uu
1. Bululchuu
Culullee
1. Cuccuruffee
Cululuquu
1. Calalaquu, ifuu, balaqqisuu
Culuqqee
1. Elellee
Culuullachuu
1. furguggee, risaarsoo, sudee
Cumaa
1. Faltii
Cumaalafaa
1. Albuuda
Cumboo
1. Nyaataa aadaa oromoo
Cumummaasuu
1. kajeelchisuu, gasisuu
Cuncuna
1. ija qalla’aa
Cunqoo
1. dhangala’oo baay’ee furdaa fi cimaa ta’e
Cunqursuu
1. Roorrisuu
Cuqaasuu
1. Muguu
2. Raasuu
3. ‘click’ godhuu
Cuqqaallaa
1. Qadaadduu
Cuqqaaluu
1. Qadaaduu, cufuu
Cuquliisa
1. Shimbirroo halluu cuquliisa ykn dooqee qabu
2. Maqaa halluu
Curduu
1. Cunqursuu, roorisuu
Curraa
1. Miciree, aqamaxa, ilmoo garaa kessaa
Curree
1. Bineensa hantuuta fakkaatu
Currisuu
1. Xuruursuu
Curuq gochuu
1. Hudhuu
Curruuquu
1. daa'imuu, shunququu, lo'uu
Curuursuu
1. Sagalee garaan dageesisuu
2. Xuruuruu
Cuubama
1. Kiristaana tahuu, cuuphama
2. Lixxisama, bishaan keessattii dhuubamuu
Cuubee
1. Ablee, tooriidaa, kuchoo
Cuubuu
1. Cuuphuu laalii
Cuucii
1. Wicoo, ilmaan shimbirrootaa
Cuudee
1. xoofoo xixiqqoo, kubbaayya xiqqaa
Cuukkoo
1. Gosa nyaataa
Cuullisuu
1. Cumummaasuu
Cuuloo
1. Ilmoo re’ee
Cuultaa
1. Dillee, adii killee
Cuumfata
1. Bullaa’insa
Cuummoo
1. Makaa lashoo raaafuu, kichuu dabaaqulaa
Cuunfaa
1. Cimmiiga
Cuunfuu
1. commiiguu
Cuuphuu
1. bishaan keessa dhuubuu, lixxisuu
Cuuphata
1. Ittoo
Cuuqa’uu
1. Albaasuu
Cuuquu
1. Xuuxila, buchillaa
Cuuraa
1. Kichuu dabaaqulaa
Cuuroo
1. Baqaqa
Cuuruu
1. Kichuu

You might also like