Qorannoo Gadaa

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 55

XIINXALA SIRNA BAALLII WALHARKAA FUUDHIINSA

OROMOO GUJII: AANAA ANNAA SORRAA KAN


FUULLEFFATE.

DASTAA GADAA

WARAQAA GABAASA QORANNOO ULAALCHAA ITTIIN


GUUTANNAA DIGIRII JALQABAA MUUMMEE AFAAN
OROMOOFI OG-BARRUUTIIF QOPHAA'E.

YUUNIVARSIITII BULEE HORAA KOLLEEJJII SAAYINSII


HAWAASAAFi NAMUMMAA MUUMMEE AFAAN OROMOOFI
OG-BARRUU

ADOOLESSA, 2013

BULEE HORAA, OROMIYAA


Yuunivarsiitii Bulee Horaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi
Namummaa Muummee Afaan Oromoo fi Og-barruu

Qorataa: Dastaa Gadaa Soraa

Gorsaan: Biraanuu Tasfaayee (MA)

Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Tokkoffaa Guuttachuuf qophaa’e


Xiinxala Sirnaa Baallii Walharkaa Fuudhiinsaa Oromoo Gujii Aanaa:
Annaa Sorraarratti fuulleffate.

Koree Qormaataa

Qoraa Alaa____________ Mallattoo_________


Guyyaa______________

Qoraa Keessaa_________Mallattoo____________ Guyyaa___________

Gorsaa_______________Mallattoo______________ Guyyaa

Adoolessa, 2013

Bulee Horaa, Oromiyaa

2
Axareeraa
Mata dureen qorannoo kanaa xiinxala raawwii sirna baallii walharkaa Fuudhiinsaa Aanaa
Annaa Sorraa kan jedhudha. Kanaaf kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa raawwii Sirna Baallii
walharkaa fuudhiinsa Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa qaaccessuudha. Malli qorannoo Kun
itti gargaarame mala qorannoo akkamtaattidha. Malli iddattoo qorannoo kanas mala
iddeetteessuu miti-carraa jalaa mala akkayyoofi darbaa dabarsaatti dhimma bahameera. Maddi
ragaa qorannoo Kanaas madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa yemmuu ta'u, maddi
ragaa tokkoffaan odeeffannoo maanguddoota aanaa kanaa irraa argamaniifi maddi ragaa
lammaffaan immoo kitaabileefi barruuwwan mata duree qorannichaatiin wal qabatan
sakatta'uudhaan odeeffannoowwan argamaniidha. Meeshaaleen funaansa ragaa afgaaffiifi marii
garee ragaan funaannameera. Ragaaleen qorannichaa yaaxinoota garagaraan
deeggaramuudhaan qaaccessamaniiru. Kunis ragaalee afgaaffiifi marii gareen argaman
akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduuniifi qindeessuun haalli adeemsa raawwii sirna
baallii walharkaa fuudhuu keessatti itti dhimma bahaman isaan kam akka ta’an adda
bahaniiru. Adeemsa kana hordofuun bu’aan/argannoon qorannoo kanaan argaman/bira
gahamanii: Baalliin bulchiinsa sirna Gadaa keessatti aangoon qaama ummata bulchaa tureefi
turtii waggaa saddeet saddeetiin duuba baallii waliif dabarsuu irratti abbaan Gadaa biyya
bulchaa tureefi abbaa murtii ykn qaamni aangoo isarraa fuudhuuf kaadhimameef aannan qodaa
torbaa, daraaraa fi mijuu adda addaa qopheessuun mufii tokko malee jaalalaafi karaa
dimookiraatawaa sirrii ta'een wal eebbisanii aangoo ykn baallii waliif kennu. Walumaagalatti,
sirni baallii walharkaa Fuudhiinsaa kanaafi fakkoommii sirnicharratti raawwatu hundi hariiroo
hawaasaa, diinagdeefi falaasama hawaasichaa guddisuuf, duudhaa hawaasaa kunuunsuuf gahee
olaanaa waan qabuuf, osoo qaamni fedhii dhimma kana qorachuuf qabu, waajjirri Aadaafi
Turiziimii, qorattoonni aadaafi hayyoonni garagaraa gadfageenyaan qoratanii bifa
barreeffamaan taa’ee gaarii ta’a.

i
Galata
Hundumaa dursuudhaan bu'aa bahii jireenyaa hunda keessatti na gargaaree waraqaa qorannoo
kana akkan qopheessuufi burqaa nagaa koo ta'ee kan na xumursiise waaaqayyoon guddaan
galateeffadha. Itti aansuudhaan haala gaariin natti dhiyaachuun beekumsa qaban osoo hin qusatin
kan nagorsaniifi sirreeffama hojii kootiif kan na gargaaran gorsaa koo barsiisaa Biraanuu
Tasfaayee(MA) galanni koo guddaadha. Dabalatanis, gargaarsa maallaqaafi jajjabina yaadaatiin
galma gahiinsa waraqaa qorannoo kanaatiif yeroo hundumaa yaadan na wajjiin dhiphachaa kan
turte haadha manaa koo B/stuu Dursituu Dabalaa galateeffadha. Kana malees, maanguddoota
abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaa kan waa'ee ragaa qorannoo kanaaf na barbaachisu odeeffannoo
gahaa kan naaf kennaniif galanni koo guddaadha. Karaa biraatiin, hojjattoota WAT Aanaa Annaa
Sorraa tumsa isaan naaf godhaniif galatan qaba. Dhuma irratti barreeffamni koo unka
barreeffama qorannoon tokko qabaachuu qabu akka guutu kan naaf qideessitee barreessite
Dambalii Dabalaa galanni koo guddaadha.

ii
Jechoota Gabajee, Kottoonfachiisaafi mallattoolee adda addaa
Fkn .............................fakkeenya.

Kkf..................................Waan kanaafi kanfakkaatan

Ykn ........................... yookiin

/ ...................................yookiin jechuuf

( )..................................yookiin jechuu ykn yaada biraanibsuuf

“ ”..................................yaanni sun waraabbaneefudhatamuusaa

WAT.............................Waajjira Aadaafi Turiziimii

BATO...........................Biiroo Aadaafi Turiziimii Oromiyaa

ALH..............................Akka Lakkoofsa Habashaatti

iii
Hiika Jechootaa
Abbaa Gadaa............dursaa abbootii gadaa

Gadaa........................sirna bulchiinsaa ummata oromoo

Baallii.........................aangoo

Doorii.........................kaadhimamaa aangoo fuudhuuf qophaa'e

Fakkoommii............. dhimmoota aadaa murtaawaa keessatti waan tokkottifakkeeffamu.

Qodaa.......................meeshaalee aannanii

Gumii........................yaa'ii

Korma gangalloo.....korma guddaa

Gabalaa....................Ardaa Abbootiin gadaa qofti qubatan

Kallacha...................Mallattoo abbaan Gadaa kallachatti keewwatu

Mufii.......................dallansuu

Ciicoo......................Gosoota meeshaalee aannanii

Wodhaggii................Walbaruu

Yaboo.......................Kallattii gara fuulduraa

Aggaame..................Yaalii taasise

Misa..........................Badhaadhina

Kallacha....................mallattoo abbaan Gadaa addatti keewwatu

Qachise.....................qubate

iv
Baafata

Qabiyyee Fuula

Axareeraa........................................................................................................................................................i

Galata.............................................................................................................................................................ii

Jechoota Gabajee, Kottoonfachiisaafi mallattoolee adda addaa...................................................................iii

Hiika Jechootaa.............................................................................................................................................iv

BOQONNAA TOKKO: SEENSA................................................................................................................1

1.1 Seen-Duubee Qorannichaa.......................................................................................................................1

1.2 Ka'umsa Qorannichaa..............................................................................................................................4

1.3 Kaayyoo Qorannichaa..........................................................................................................................4

1.3.1 Kaayyoo Gooroo...........................................................................................................................4

1.3.2 Kaayyoo Gooree...........................................................................................................................5

1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa..........................................................................................................5

1.5 Daangaa Qorannichaa..........................................................................................................................5

1.6 Hanqina Qorannichaa...........................................................................................................................6

1.7 Ibsa Naannoo Qorannichaa......................................................................................................................6

1.7.1 Haala Qilleensaa fi Baayi'na Ummata Aanichaa .........................................................................7

1.7.2 Haala Hawaassummaa..................................................................................................................7

1.7.3 Seenaa Hidda Dhalootaa Oromoo Gujii.......................................................................................7

1.8. Qindoomina Qorannichaa...............................................................................................................9

BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUU...................................................................................10

2.1 Maalummaa Sirna Gadaa.......................................................................................................................10

2.2 Sadarkaafi Gaheewwan Miseensota Sirna Gadaa..................................................................................12

2.2.1 Dabballee............................................................................................................................................12

2.2.2 Qarree Duraa...............................................................................................................................13

2.2.3 Qarree Duubaa............................................................................................................................13


v
2.2.4 Kuusa..........................................................................................................................................14

2.2.5 Raaba...........................................................................................................................................14

2.2.6 Doorii..........................................................................................................................................14

2.2.7 Gadaa.........................................................................................................................................15

2.3 Sirna Gadaa Oromoo Gujiifi Haala Ittiin Bulmaata Isaa...............................................................15

2.4 Faayidaa Sirna Gadaa....................................................................................................................16

2.5 Maalummaa Baallii Shananii.........................................................................................................17

2.6 Gosoota Gogeessa(Baallii) Sirna Gadaa Gujii...............................................................................18

2.7 Maalummaa Fakkoommii..............................................................................................................19

2.7.1 Fakkoommii Mallattoon Argaman..............................................................................................21

2.7.2. Fakkoommii Beekumsaa............................................................................................................22

2.7.3. Fakkoommii Abjuu....................................................................................................................22

2.7.4. Fakkoommii Gochaa..................................................................................................................22

2.8 Sakatta'a Barruu Walfakkii............................................................................................................23

BOQONNAA SADI: MALLEEN QORANNOO.......................................................................................26

3.1 Saxaxa Qorannichaa...............................................................................................................................26

3.2. Irraawwatama Qorannichaa..............................................................................................................26

3.3 Mala Filannaa Iddattoo Qorannichaa................................................................................................27

3.4 Meeshaalee Funaansa Ragaalee........................................................................................................28

3.4.1 Af-gaaffii.....................................................................................................................................28

3.4.2 Marii Garee Xiyyeeffannoo........................................................................................................29

3.5 Mala Qaaccessa Ragaalee..............................................................................................................29

BOQONNAA AFUR: ODEEFFANNOO QAACCESSUUFI HIIKUU.............................................31

4.1 Adeemsa Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsa Oromoo Gujii.......................................................31

4.2 Yoomessa Sirna Baallii Walharkaa Fuudhuu Oromoo Gujii.............................................................33

4.3 Hirmaattoota Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsa Oromoon Gujii...................................................33

vi
4. 4 Fakkoommiiwwan Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsa Oromoo Gujii...........................................34

4.4.1 Fakkoommiiwwan Guyyaa Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsaa Dura Mul’atan.......................34

4.4.1.1 Jilaa Hulluuqaafi Dhibaayyuu......................................................................................................34

4.4.2 Fakkoommiiwwaan Yeroo Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsaa gaggeeffaman Mul’atan.....35

BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO..................................................................37

5.1. Cuunfaa.............................................................................................................................................37

5.2. Argannoo...........................................................................................................................................38

5.3 Yaboo.................................................................................................................................................39

Wabiilee.......................................................................................................................................................41

Dabaleewwan...............................................................................................................................................43

Dabalee B.....................................................................................................................................................44

Dabalee C.....................................................................................................................................................45

vii
BOQONNAA TOKKO: SEENSA

1.1 Seen-Duubee Qorannichaa


Ummanni Oromoo hortee sanyii Kuush ta'ee, Baha Afrikaa keessatti uummata guddaa, aadaa
bal’aa, seenaa, duudhaa, falaasama, afaan, sirna bulchiinsaafi amantaa mataasaa qabuudha.
Seenaafi aadaa cululuqaa yeroo dheeraa irraa kaasee dagaagfate kanaan eenyummaasaa
beeksifatee jiraataa tureera. Akkaataan sabni tokko itti walto'atuufi waltikfatu yookaan sirni
bulchiinsa saba tokkoo safuufi safeeffannaa akkasumas, qor-qalbii hawaasa sanaarratti waan
hundaa'uuf eenyummaa saba sanaa ibsuu keessatti gahee guddaa qaba. Sirni Gadaa ibsituu
eenyummaa saba kanaa keessaa tokkoodha. Sirni Gadaa falaasama bulchiinsaa filatamaa kan
dorgomaa hin qabne, hundee dimookiraasii addunyaa har’aa akka ta’e qorattootni seenaa
hedduun ragaa bahaniiru. Dirribii (2012:407) sirna Gadaafi uummata Oromoo walqabsiisee yoo
ibsu:

Sirna Gadaa dura akkaataan ittiin bulmaata Oromoo akkam akka ture waan
qabatamaan hin argamne. Garuu, akka seenaa irraa hubatamutti ittiin bulmaata
haadhaatti aansee bara mootii sana booda barri sirni Gadaa qaroomee dhufe
jedhama. Karaa biraatiin immoo, jaarsoliidhaan bara dheeraa hoogganamaa turan
fakkaata. Ammayyuu hangafniifi quxisuun hawaasa Oromoo keessatti kabaja guddaa
waliif qabu. Hariiroon hangafaaf ajajamuu maatii irraa balbalatti, balbala irraa
gosatti guddatee booda gara Gadaa qaroomeetti guddachuu hin oolle. Gosoonni
immoo Gadaa jalatti tokkummaa ijaaran; tokkummaa gosootaa isa cimdiiti.

Yaada kanarraas kan nuyi hubannu uummanni tokko altokkotti sirna hawaasummaa, siyaasas
ta’e diinagdee hin uumu. Adeemsa jiruufi jireenya guyyuu keessatti jijjiiramaa, fooyya’aa,
sadarkaa guddaarra ga’a. Sabni Oromoos jijjiirama yeroo keessa sirna bulchiinsa garagaraa
hordofaa turee, boodarra sirna bulchiinsa Gadaa qaroomee isa dimookiraasii har’aaf hundee
ta’e akka ijaarettu hubatama. Sirni gadaa kun ummata oromootiif waan hunda jechuun
nidanda'ama. Uummanni kun osoo sirnoota gabroomfataan sirna bulchiinsa gadaa irratti dhiibbaa
hin gaggeessin dura sirna bulchiinsa isaa kana haalaan dhimma itti bahaa tureera. Rakkoolee
hawaasummaa, siyaasaa, diinagdeefi kanneen biroo ittiin hiikkachaa eenyummaafi tooftaa
jireenya isaa godhatee jaarraa dheeraaf jiraachaa turuun isaa safuufi aadaa uummanni kun hanga

1
ammaatti tursiifatee qabu irraa ni hubatama. Yaada kana Muhammad Sayid(2015:58) yemmuu
ibsu:

Sirna gadaa jechuun seera siyaasaa,diinagdee,seera wajjiin jireenyaafi seera aadaa


kan Oromoon guutuun ittiin buluufi ittiin walbulchu yoo ta'u, madda(burqaa) seera
oromoon gaafa durii qananiifi gammachuun ittiin of jiraachisaa ture. Seerri gadaa
akkuma afaaniifi aadaa oromoo diinaan awwaalamee, dhoorkameefi dhokate malee
beektota biyya alaa baay'een kan qoratame ta'uun ni beekama. jedha.

Waraabbii armaan olii irraa kan hubatamu, ummanni oromoo hanga gaafa sirnoota abbootii
irreetiin dhiibbaan irratti godhamuutti sirna gadaa jiruufi jireenya isaa gaggeeffachuuf haalaan
akka dhimma itti bahaa tureedha. Tattaaffiin diinni sirna gadaa ummata oromoo jalaa
dhabamsiisuuf gochaa ture bakka tokko tokkotti milkaa'uufis, gosootni oromoo hedduun sirna
gadaa qabiyyeefi tartiiba isaa osoo hin hir'isin itti cichanii qabachuun dhaloota har'aa
dhaqqabsiisaniiru. Leellisaan (2015:103) yaada kana ibsu:

Sabni Oromoo biyya daangaa ofii qabachaa, aadaa, seenaa, amantii, duudhaafi
bulchiinsa sirna gadaa ofii ittiin of karoorsuun socho'aa tureera. Seenaa waggoota
500 olii kan qabu ta'uu isaafi sirna gadaa ijaaramee habashaa deeggarsa biyya
warra dhihaan meeshaa ammayyaa hidhatee biyya oromoo cabsuuf dhufte rukutee
ofirraa deebisaa ture. jechuun ibsa.

Kun kan agarsiisu ummanni oromoo duula jaarraa hedduuf sirna gadaa balleessuuf irratti
godhamaa ture ofirraa faccisee sirna ittiin bulmaataa kan turfateedha. Dabalataanis, Sirni Gadaa
sirna uummatni Oromoo waggoota dheeraafi akkaataa ittiin bulmaata hawaasummaa, diinagdeefi
siyaasa isaa, akkasumas haala jiruufi jireenya isaa duri irraa kaasee hanga har'aatti kan ittiin
gaggeessaa tureefi walbulchaa jiruudha. Haata'uu malee, hawaasni Oromoo Gujii sirna gadaatiin
dura mootiin bulaa akka ture barruuleen garaagaraa ni ibsu. Mootiin nama hunda mo'atee osoo
hin bulchin dura mootoliin xixiqqoon bakkaa bakkatti gosa gurmeessuun bulchaa akka turan
barruuleen garagaraa ni eeru. Dambee Turceefi Kaawwan(2008:8) yaada kana yoo ibsu:

Ummatni Gujii hundeeffama sirna gadaatiin dura bulchiinsa mootoliin bulaa ture.
Bulchiinsi mootii barri uummata bulchuu eegale hanga ammaatti kana jedhamee wanti
beekame hin jiru. Mootiin hunda moo'atee iddoo tokkotti qabee ummata bulchuu osoo
2
hin uumamin dura mootolii xixiqqoon hedduun bakka adda addaatti maatii,worraafi
gosa isaanii gurmeessuudhaan naannoo isaaniitti ummata bulchaa turan.jechuun ibsa.

Kanarraa wanti hubatamu hawaasni Oromoo Gujii sirna Gadaa osoo hin hundeeffatin dura
mootoliin bulaa kan ture ta'uu isaati. Mootoliin kunneen mootolii dhiiraafi dubartii akka ta'an
ragaalee barreeffaman tokko tokko ni mul'isu. Sababa bulchiinsi mootii jireenya dhala namaatiif
mijataa hin taaneef bulchiinsi kun adeemsa yeroo dheeraatiin booda baduun sirni gadaa akka
hundeeffamu ta'eera. Yaada kana Dambee Turceefi Kaawwan (2008:8) yemmuu ibsu:

Akka dabarsaa manguddoofi qorannoo tokko tokko agarsiisutti barri bulchiinsa


mootii bara mootota dhiiraafi dubartii jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Adeemsa
guddinaafi jijjiirama bulchiinsa yeroo dheeraa keessatti bulchiinsi sirna gadaa akka
hundeeffame dabarsaan manguddoo ni agarsiisa. Sababi kufaatii bulchiinsa mootii
rakkoo bulchiinsa gaarii bara sana ture irraa kan ka'edha. Bulchiinsi sun kan
fayyadu murna yookiin garee muraasa aangoo qabatee biyya saamaa ture malee
ummata bal'aa waan hin turreef salphaatti akka kufu ta'e jira.

Yaadni kun kan agarsiisu mootoliin bulchaa turan kan dhiiraafi dubartii ta'uu isaaniiti. Mootoliin
kunneen bulchiinsa gaarii nama hunda walqixxeessuufi ija tokkoon osoo hin taane garee muraasa
kan fayyadaa ture ta'uurraa kan ka'e laayyootti akka badu taasifamuun sirni gadaa kan namoota
walqixximmaan bulchu akka hundeeffame nu hubachiisa. Oromoon Gujii gosoota oromoo sirna
gadaa qabatanii tursiisan keessaa isa tokko. Oromoon Gujii erga bulchiinsa mootii jalaa bahee
sirna gadaatiin bulaa turuun isaa ragaaleen tokko tokko ni mul'isu. Naannoo jaarraa 15ffaa irraa
eegalee Oromoo Gujii sirna gadaa waan hunda guutateen ummata bulchuu akka jalqaban seenaan
ni eera. Dambeefi kanneen biroo (2008) lubootni (goggeessi) shanan hundeeffamanii tartiiba
waggoota saddeet saddeetiitiin, caasaalee sirna gadaa hundi tartiibeffamee, seerri ittiin bulmataa
tumamee, giddu galeessi bulchiinsaa Gumii Bokkoo hundeeffamee karaa dimookiraatawaa ta'een
erga ummata bulchuu eegalee waggoota 600 ol lakkoofsiseera jechuun yaada kana gabbisu.
Yeroo ammaa Kanas sirni gadaa Oromoo Gujii sirnoota abbaa irreetiin hanga tokko laafee turus
bu'uura isaa osoo gadi hin dhiisin itti fufaa jira. Kanneen qofa osoo hin taane, qorannoowwan
adda addaa kanaan dura sirna kanaan walqabatanii gaggeeffamaa turan maalummaafi
sadarkaalee sirna Gadaa xiinxaluu irratti xiyyeeffatamaa tureera waan ta'eef, qoratichi qorannoo
kanaa asi keessatti adeemsa raawwii sirnichi itti raawwatu xiinxalee jira.
3
1.2 Ka'umsa Qorannichaa
Ka'umsi qorannoo tokko dhugaa hawaasa keessatti mul'atu dhimmichi rakkoo yookiin qaawa
tokko yoo qabaate guutuuf. Kana malees, yaada tokko haaromsuuf yookiin ibsa bal'aa
dhimmicha irratti kennuuf gaggeeffama. Kanaaf, qorannoo kana gaggeessuuf kan na kakkaase
waan sadi. Inni duraa, sirni gadaa oromoo sirna bu'uura dimookiraasii ammayyaa kan ta'eefi
eenyummaa oromoo ijaaruufi ibsuu keessatti ga'ee guddaa qabaatee osoo jiruu babaldhina
amantaa, saayinsiifi teknooloojii irraa kan ka'e laafaa waan jiruuf sirni kun akka inni qabiyyee
isaa durii osoo gad hindhiisin dhalootaa dhalootatti akka darbu taasisuuf. Inni lammataa, Aadaan
bareedaan ummata oromoo kun kanaan duraa baldhinnaan barreeffamaan osoo hin taane
afaaniin dhalootarraa dhalootatti kan darbaa ture waan ta'eef irra caalaatti faayidaa qabeessa
taasisuuf gara barreeffamaatti jijjiiruuf. Inni sadaffaan, dhiibbaa sirnoonni bulchiinsa abbaa
irreefi gita bittaatiin sirni gadaa oromoo kun akka quucaruufi godinaalee oromiyaa adda addaa
keessatti dhiibbaawwan kanneen irraa kan ka'e addaan citee waan tureef, akkasumas sirnichi
qabiyyeen isaa garagaraa irraa harca'ee waan jiruuf, duudhaa oromoo kana bakka ganamaatti
deebisuuf qorannoo akka qoradhu na kakaase ture. Walumaagalatti, rakkoolee kanneeniif
furmaata barbaaduun hojii isa jalqabaa waan ta'eef qorannoo kana gaggeessuun filannoo isa
jalqabaa ta'uu qorataan qorannoo kanaa akka kaka'umsa horatu ta'eera. Haaluma kanaan
qorannoon kunis gaaffilee armaan gadiitiif deebii kan kenneedha.

1. Adeemsa sirna baallii walharkaa fuudhiinsa Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa maal
fakkaata?
2. Yoomessi sirna baallii walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa maal
fakkaata?
3. Hirmaattonni sirna baallii walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa
eenyufa'a?
4. Fakkoommiiwwan sirna baallii walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa
keessatti mul'atan maal fa'i?

1.3 Kaayyoo Qorannichaa

1.3.1 Kaayyoo Gooroo


Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa:-Sirna baallii wal harkaa fuudhiinsa Oromoo Gujii Aanaa:
Annaa Sorraatti gaggeeffamu xiinxaluudha.
4
1.3.2 Kaayyoo Gooree
Kaayyoo gooree qorannoo kanaa:-

 Adeemsa sirna baallii walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa addeessuu.
 Yoomessi sirna baallii walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa ibsuu.
 Hirmaattonni sirna baallii walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa
eenyufaa akka ta'an ibsuu.
 Fakkoommiiwwan sirna baallii walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa
keessatti mul'atan addeessuuf.

1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa


Sirni baallii walharkaa fuudhiinsaa Oromoo kun ijaarama sirna Gadaa keessatti kan gahee
guddaa qabuudha. Haata'uu malee, sirni Gadaa Oromoo oromiyaa godinaalee adda addaa
keessatti sirnoota mootummoota darbaniin dhiibbaa irra gaheen addaan citee ture, akka deebiee
ijaaramu gochuuf qorannoon kun karaa bana.Kana malees, akkaataa ummanni Oromoo hundi
qooda itti fudhatu, mirgaaf dirqamasaa beeku akkasumas, kallattii ittiin dhimmoota adda addaa
keessatti hirmaatu haala mijeessee sirnicha utubee kan dhaabedha. Qorannoon Kunis, adeemsa
sirna baallii walharkaa fuudhiinsaa Oromoo Gujii duri baay'inaan afaaniin daddarbaa ture waan
ta'eef, barreeffamaan lafa ka'amee dhaloonni boruu sirriitti irraa barachuun aadicha akka
dagaagsan taasisuuf. Kanneen qofa osoo hin taane, namoota gara fuulduraatti qorannoo bal'aa
adeemsa sirna baallii walharkaa fuudhiinsa Oromoo Gujiirratti adeemsisuu barbaadaniif akka
ka'umsaatti yookiin madda jalqabaatti nigargaara. Biiroon aadaa fi tuurizimii Aanaa Annaa
Sorraatiifis, hojiilee qorannoo fi aadaa beeksisuudhaaf qaban irratti akka madda odeeffannootti
itti fayyadamuu nidanda'u. Walumaagalatti, Qoratichi qorannoo kanaaf kitaabileefi namoota
sirna Gadaa irratti muuxannoo gadfageenyaan qaban waliin turtii taasisaa waan tureef, madda
beekumsa qoratichaa haalaan kan cimsuufi sirna Gadaa Oromoo guddisuuf adeemamaa jiru
irratti karaa banuun qorannoo bal'aan cimee akka irratti adeemsifamuuf gargaara.

1.5 Daangaa Qorannichaa


Aadaafi duudhaan Oromoo baay'ee bal'aadha. Damee hedduu ofjalatti hammata. Isaaniis:-
kanneen akka mammaaksaa, eebbaa, geerarsa, faaruu loonii, ateetee, sirba gaa'elaa, hiibboo,
sirna Gadaafi kan kana fakkaatan maqaa dhahuun nidanda'ama. Haata'uu malee, dameewwan
kanneen hunda bakka tokkotti qorachuun immoo yeroo murtaa'e keessatti waan danda'amuu miti.
5
Kanaafuu qorannoon kun kallattiin kan xiyyeeffatu, gosoota duudhaa Oromoo keessaa 'sirna
baallii walharkaa fuudhiinsa Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa xiinxaluu'dha. Sababni
daangeffameef, dhiphina yeroofi qabeenya guddaa waan gaafatuuf.

1.6 Hanqina Qorannichaa


Qorannoon tokko yeroo adeemsifamu sadarkaalee adda addaa keessa darbuun kan raawwatu ta'a.
Hanqinoota qorataa muudatan keessaa tokko hanqina maallaqaati. Hojii tokko hojjechuuf
qarshiin jiraachuun isaa dirqama. Rakkina uumame kana furuuf qarshii jiru irraa hamma
danda'ame qusannaan itti fayyadamuun qorannoon kun gaggeeffameera. Rakkinni biroo,
Kitaabilee sirna Gadaatiin walqabatan baay'inaan argachuu dhabuufi weerara dhukkuba Covid
19tiin walqabatee Bitootessafi Ebla bara 2012 yeroo qoratichi odeef- kennitoota irraa ragaa
funaannachuuf karoorfatetti mootummaan labsii labseen haala barbaadameen odeeffannoo
kennitoota argachuu dhabuu. Sababoota kanneeniin alattis, barreeffamicha barreessuuf ibsaan
yeroo adda addaatti dhabamuufi barreessitoonni kompiwuteraa seerluga afaanichaa eeganii
barreeffamicha barreessan argamuu dhabuu fa'a. Kana qofas miti jiraatanillee qubeesssuurratti
sirreessanii barreessuu waan hin dandeenyeef qorataan qorannoo kanaa haalawwan mul'atan
kana hunda akkaataa danda'ameen mijeesseera. Kana malees, odeeffannoo kennitootni guyyaafi
yeroo jedhanitti argamuu dhabuun irra deddeebi'iin beellama yeroo birootti dabarsaa turuun fa'a
kan qorataa muudateedha. Kan biroo ammoo WAT aanichaa irraa wanta bifa suuraafi
viidiyootiin waraabame argachuu dhabuu fa'adha. Ta'us, rakkoolee na qunnaman kana hundaaf
hamma danda'ametti mala furmaataa barbaaduun galma gahiisa qorannoo kanaatiif carraaqeera.

1.7 Ibsa Naannoo Qorannichaa


Godinni Gujii godinaalee Oromiyaa qabdu keessaa isa tokko ta’ee, Kibba Lixa Itoophiyaafi
Kibba Oromiyaatti kan argamuudha. Godinni Gujii kunis jalqaba godina Booranaa jalatti bulaa
kan ture yoo ta’u, bara 1992 ALH ofi danda’ee hundeeffame. Godinni kunis, turtii waggaa
muraasaatiin booda jechuun bara 2008 ALH tti Godina Gujii fi Godina Gujii Lixaa
jedhamuudhaan iddoo lamatti bahe. Godinni Gujii Kibbaan godina Booranaa, Bahaan
Sidaamaafi godina Baaleetiin, Kaabaan Gedi’oo fi Lixaan godina Gujii Lixaatiin daangeffamee
argama. Magaalaa guddoo biyyattii irraa kiloomeetira dhibba jahaaf kudhan (610km) fagaata.
Kana malees, aanaalee kudhaa torbaa (17) fi bulchiinsa magaalaa sadi (3) kan qabuudha. Aanaan
Annaa Sorraa aanaalee godinichaa kudhaa torbaa keessaa isa tokko ta'ee, bahaan Sidaamoo,

6
kaabaan aanaa Booree, Kibbaan aanaa Adoolaatii fi lixaan aanaa Uraagaatiin daangeffamee
argama. Aanaan kunis; gandoota baadiyaa soddomaa (30) fi gandoota magaalaa afur(4)qabdi.
( Madda :Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aanaa Annaa Sorraa 2010)

1.7.1 Haala Qilleensaa fi Baayi'na Ummata Aanichaa .


Haalli qilleensa aanichaa immoo baddaafi badda daree yoo ta’u, harki caalaan badda dareedha.
Kanaaf qilleensa mijataa waan qabduuf, oomisha garagaraa kanneen akka: boqqolloo, garbuu,
xaafii, buna, shaanaa maramaa, baaqela, atara, boloqqee, qamadii, muduraaleefi kuduraalee adda
addaa oomishuun beekamti. Kana malees, horsiisaa horii kanneen akka loonii, re’ee, fardeen,
hoolaafi kan kana fakkaatan horsiisuun beekamti. Dabalataanis, qabeenya uumamaa kanneeni
akka warqii, tantaalamii, dhagaa adda addaafi almuumiyaamiidhaan kan guutamteedha.
Baay’ini uummata aanichaas, dhiira 72,912fi dubartoota 72,451 yoo ta’u, walumaagalatti
145,363 ta'a. ( Maddi :Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aanaa Annaa Sorraa 2010)

1.7.2 Haala Hawaassummaa


Haalli jireenya hawaasa Aanaa Annaa Sorraa wal jaalachuu, walkabajuu, yeroo gaddas ta'ee,
gammachuu waliin qoodachuun dabarsu. Kana malees, rakkoon yookiin wal dhabdeen isaan yoo
muudate maatii, qe'ee, firaa fi yaa'aan(abbootii Gadaatiin) furmaata kennu. Dabalataanis,
aanaalee godinichaa keessaa kan adda isa godhu, ardaa jilaa kan abbootiin Gadaa Gujii baallii
walharkaa itti fuutu aanicha keessatti argamuusaati. Me'een Bokkoo iddoo sirni walharkaa
fuudhiinsii aangoo(baallii) abbootii Gadaa Gujii waggaa saddeeti saddeetiin itti
gaggeeffamuudha. Magaala teessoo aanichaarraa 20km gara kibbaatti fagaattee argamti. Gama
birootiin, hawaasni aanichaa amantaa garagaraa kan akka: waaqqeffataa 57%, kiristaana
38.54%fi musliima 4.46% kan hordofuudha.

Madda :Fayila waajjira aadaa fi Turiiziimii Aanaa Annaa Sorraa 2008

1.7.3 Seenaa Hidda Dhalootaa Oromoo Gujii


Akka manguddoonniifi abbootiin Gadaa jedhanitti,asi jalatti immoo hidda latiinsa dhalootaa
Oromoo Gujii caasaadhaan kaa'ama. Oromoon Booranaafi Baarentuu hore. Boorannis Boorana
Kaabaa, Boorana Kibbaatti qoodame. Booranni Kaabaas Tuulamaafi Maccatti qoodama,
Booranni kibbaa ammoo Gujiifi Boorannatti qoodame. Haala kanaan, akka odeef-kennitoonni
jedhanitti, Gujiin gosoota gurguddoo 4 qaba. Isaanis: Uraagaa, Maattii, Hookkuufi

7
Sheelloo/Haloodha. Uraagaan balbala jaha: Galalcha, Waajituu, Sarboortuu, Agantuu, Golla,
Daraartuufi Haloodha. Maattiin balbala sadi Handooya, Hinsaallefi Hirqaantuudha. Hookkuun
balbala torba qaba: Galalcha, Oborraa, Michillee, Heeraa, Bun'ituu, Baallaafi Kinnoodha.
Sheelloon balbala lama qaba: Obbituufi Horrituudha. Haata'uu malee, Jamjam&Dhadacha
(2011:66) balbalaan Hidda latiinsa Gujii ibsutti, Gujiin dameelee gurguddoo torba qaba. Isaanis:
Haloon balbala torba, Oottuun balbala jaha, Sheelloon balbala lama, Weessituun balbala afur,
Maattiin balbala sadi, Uraagaan balbala torbaafi Hookkuun balbala torba qabu.

The three Guji phratries are further divided into clans known as balbala which
literally meansentry. The Huraga consists of seven clans known as Gola, Sorbortu,
Agamtu, Halo, Darartu, woyitu and Galalcha; the Maatti includes three clans
known as Hirkatu, Insale and Handoa and the Hokku has six; namely, Obborra,
Bala, Buditu, Micille, Hera and Kino. Each clan is further divided into a category of
close relatives known as warra and the category of close relatives (warra) is again
further divided into family, called maatii. This Guji moiety- clan line age system is
patrilineal and categorizes the Guji people into two nonexogamous moieties known
as Kontoma and Darimu.Such social categorization, patrilineal heredity network
residence in rural ecology and agrarian livelihoods characterize the Gujii as people
with relatively intact traditions. (John Hinant 1977)

Yaada olii kanarraa kan hubachuun danda'amu, horteen Oromoo Gujii haaganaawwaan sadan
(Uraagaa, Maattiifi Hokkuu) irraa ka'uun wal horuun gosaafi balbalaan wal qoqqooduun kan
babal'ate ta'uudha. Haaluma kanaan Uraagaan ijoollee torba: (Golla, Sarboortuu, Agantuu,
Haloo, Daraartuu, waajiituufi Galalcha), Maattiin ijoollee sadii: (Hirqaartuu, Insaalee and
Handoyyaa)fi Hookkuu ijoollee ja'a: (Oborraa, Ballaa, Bundhituu, Michillee, Heeraafi Kinnoo)
jedhaman kan horan ta'uu isaa kan ibsuudha. Caasaan qoodiinsa argama Kontomaafi Daarimuu
kun of jalatti balbala qoodinsa mataa isaanii yoo qabataniiyyuu lachuu gosa Gujiiti. Caasaa
qubsuma Gujii keessatti gosootni hunduu Kontomaafi Daarimuu jalatti qoodamu. Haaluma
kanaan hiddi latiinsaafi argama Oromoo Gujii: Ormo-Komba-Jiille-Waayyuu- Aagaa-Boruu-
Sorra-Anna-Gujii dha.

8
1.8. Qindoomina Qorannichaa
Qorannoon kun boqonnaalee shan ofkeessatti haammachuun kan dhiyaatedha. Boqonnaaleen
kunis, adeemsa isaa irratti hundaauun matadureewwan adda addaa ofjalaa qaba. Haaluma kanaan
boqonnaa tokko keessatti seen-duubee qorannichaa, ka’umsa qorannichaa, kaayyoo gooroofi
gooree qorannichaa, barbaachisummaa qorannichaa, daangaa qorannichaa akkasumas, hanqina
qorannichaa fi ibsa naannoo qorannichaa ofkeessatti haammatudha. Boqonnaa lammaffaa
keessatti ammoo, sakatta’a barruu, qorannoowwan mataduree kanaan walitti dhiyeenya qaban
bal’inaan sakatta’amaniiru. Boqonnaa sadi keessattis, mala qorannichaa, irraawwatama
qorannichaa, mala filannaa iddattoo qorannichaafi meeshaalee funaansa ragaaleetiin
walqabataniin qorannichi hojjatameera. Boqonnaan afur qaaccessa ragaa qabatee kan jiru yoo
ta’u, boqonnaa kana keessatti ragaaleen tokko tokkoon walduraa duuba gochaa isaanii eeguun
qaacceffamanii jiru. Inni dhumaafi boqonnaan shanii cuunfaa, argannoofi yaboo qorannichaa
ofkeessatti qabachuun kan dhiyaate yoo ta’u, argannoo keessatti sirni Gadaa, baalliifi adeemsi
baalliin itti walharkaa fuudhamu maal akka fakkaatuufi kan itti aanu keessatti akka yaada
furmaataatti kan dhiyaateen goolabame.

9
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUU
Boqonnaa kana jalatti maalummaa sirna Gadaa, sirna Gadaa Oromoo Gujiifi ittiin bulmaata isaa,
faayidaawwan sirna Gadaa, gosoota gogeessa(baallii), maalummaa baalliifi Jiloota yeroo baalliin
walharkaa fuudhamu gaggeeffamu ni dhiyaatu. Dabalataanis, Yaannii hayyootaa waa'ee sirna
Gadaa fi Baallii ilaalchisuun ibsaniifi qorannooleen kanaan dhiyeenya qaban ni sakatta'amaniiru.

2.1 Maalummaa Sirna Gadaa


Qorannoon kun sirna Gadaa keessatti, sirna baallii walharkaa fuudhiinsa Oromoo Gujii xiinxaluu
irratti xiyyeeffata. Kanaaf dursa qabxiilee Gadaan ofkeessatti qabatu kaasuun barbachisaadha.
Isaanis, maalummaa Gadaafi sirna Gadaa, faayidaa sirna Gadaa, gosoota sirna Gadaa,
sadarkaalee Gadaa Oromoo kaasuun barbaachisadha. Gadaan sirna bulchiinsa jiruufi jireenya
ummata Oromooti. Mootummaa ol'aanaa ummataan filatamee ummataaf hojjatudha. Akkaa
hayyoonni hedduun ibsanitti, Gadaan waan hedduu ta'uu isaa barreessaniiru. Gadaan of ilaallee
jiruufi jireenya ummata Oromoo kan durii, kan ammaafi kan egeree ofitti hammatee kan jiru
heeraafi seeraan kan utubameedha. Kanaaf sirna bulchiinsa diinagdee, siyaasaa, hawaasummaa,
amantii, loltummaafi jireenyaa waliif dabarsuudha. Dirribii (2012:210) Gadaa jechuun waan
hima tokkoon ibsamuu miti. Waan akka malee guddaafi iccitii of keessa qabuudha jechuun ibsa.
Kanamalees, Gadaan maqaa gogeessaati. Gadaan maqaa garee (Paartii),bara saddeet saddeetiin
aangoo waljijjiiruuti. Gareen kun Shanan Gadaa Oromoo jedhamu, maqaa shaniin beekkamu.
Dirribii (2012:213). Isheetuun, (200:80) Gadaan hundee oromooti; mallattoo ummata
oromootiisi, oromoon gadaa malee oromoo ta'uu akka hin dandeenye, Gadaan Oromoo malee
Gadaa ta'uu akka hin dandeenye barreesseeti jira. Gadaan oromoodhaaf Siyaasaa, amantaafi
diinagdeedhaas. Ummanni Oromoo hundeen isaa tokko; Gadaanis tokko haalli jiruufi qubannaa
adda adda.

Haalli bulchiinsa isaa sirna Gadaati; bulchiinsi sirna Gadaa bu'uura dimookiraasiiti. Hiika Gadaa
gabaabsanii waan tokkoon ibsuun niulfaata. Gadaa jechuun waan jecha ykn hima tokkoon
ibsamuu miti. Waan akka malee guddaafi icciitii gadi fagoo qabu ta'ee, hundee seenaa, siyaasaafi
amantaa ummata oromooti. Kanamalees, waan walqabataa ofkeessaa qaba. Dirribii (2015:147).
Akka yaada kanaatti, Gadaan ilaalcha ummata Oromoo kallattii maraan ofkeessatti hammatee
kan jiru ta'uu isaati. Akkasumas dhugaa irratti hundaa'ee mirga nama hundaa walqixa eeguuf kan
tumame sirna bulchiinsa dimookiraasii ummatichaa ta'uu isaa nihubatama. Dirribii(2012:212)

10
Taabor waamiifi Biraanuu Lammeessoo waabeeffachuun, sanyiin namaa suuta deemsa isaafi
ijaarama isaa bara dheeraa keessatti guddina agarsiise keessaa Gadaan isa tokko ta'uu isaa lafa
kaa'a. Kana jechuun Gadaan suuta suutaan guddachaa, babal'achaa kan dhufe ta'uu isaa agarsiisa.
Hiika Gadaa jedhuuf Alamuu(2012) gama isaatiin yoo ibsu, Gadaan yaada baay'eetti kan
hiikamuu danda'eef maddi jecha kanaa 'Gaaddisa' jecha jedhurraa akka dhufe ibsuun, gaaddisni
immoo dawoo, kan aduu namarraa dhowwu ta'ee, seera oromoo biratti iddoo seeraafi heerri
tumamuufi uummata hundaafuu eegumsi godhamu jechuun addeessa.

Haala walfakkaatuun, kitaabni Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 16ffaatti 'Biiroo Aadaafi
Turiziimii Oromiyaa (BATO) qophaa'e hiika Gadaafi manguddoota wabeeffachuun seera
Waaqaati jedha. Kunis, seera ittiin bulmaataa ta'ee, bakki itti barsiifamu gaaddisa waan ta'eef
sirnichi kan raawwatus seera gaaddisaa akka ta'etti ibsa. Seerri kunis, seera (Waaqaa) baayi'naan
hawaasa biratti fudhatama akka qabu addeessa. Barruun Kallacha Oromiyaa, qorataa seenaa
Alamaayyoo Hayilee waabeeffachuun akka barraa'etti Sirni Gadaa bulchiinsa biraa irraa kan
adda godhu paartiilee ammayyaa Ameerkaa, Awurooppaafi bakka biraatti gaggeeffamu wajjiin
walfakkaachuun isaa baay'ee dinqisiisaafi jaarmiyaaleen Gadaa keessa kan jiran ta'uu isaa ibsa.
Kallacha Oromiyaa (2008:5). Kana irraa wanti hubatamu yeroo dimookiraasiifi seerri akkanaa
addunyaa irratti hinbeekkamne sana Gadaan rakkoo tokko malee miseensa isaa bifa shaniin
qoodee ummata isaa waggaa saddeet saddeetiin tasgabbiin bulchaa kan ture dimookiraasii
addunyaa tanaa ta'uu isaa hubanna. Gadaa ilaalchisee Asmaroom (1973:50) irratti akka ibsutti:
"Sirni Gadaa jaarmiyaa umrii irratti kan hundaa'e ta'ee, guddina hawwaasichaa wajjiin kan
walqabatudha. Kanumaan wal qabatee, Gadaan jaarmiyaa umriifi dhalootaan ijaarramee sirna
diimokiraasii ummata oromootiin uumamedha. Dirribii (2009:207). Hayyoonni yaadota kana
kaasan waa malee miti. Wanti asirraa hubatamu, Sirni Gadaa umrii irratti hundaa'ee kan aangoo
kennu, adeemsa siyaasaa, diinagdee, aadaa, safuufi k.k.f. ta'ee hawaasichaan kan gaggeeffamuufi
sadarkaa sadarkaan kan dhaloota irraa dhalootatti darbudha. Sirni Gadaa heera saba Oromoo
guutuu kan siyaasa, diinagdee, seenaafi hawaasummaan sabichaa ittiin murteeffamu, kan
guddina umrii, xiinsammuufi yeroo wajjiin daangeffamee adeemsifamuufi kan miseensi sabichaa
mirgaafi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu wabii tokkummaa saba oromooti.

Warqinaa (2008:20). Yaada kana yaadota hayyoota biroo wajjiin walbira qabnee yoo ilaallu,
barreessan kun kallattii walfakkaatuun ibsee jira. Gadaan siyaasa, diinagdee, hawaasummaafi

11
kan kana fakkaataan hammachuun daandii tokkummaan wal ijaaruu ibsa. Ummanni Oromoo
duudhaafi barsiifata isaa sirna Gadaatiin gaggeeffata. Gadaan sirna walqixxummaa irratti
hundaa'ee waan mara of keessatti kan qabuufi jireenya Oromoo kallattii maraan kan sakatta'udha.
Alamaayyoo (1999:51). Kana jechuun Gadaan seera walqixxummaa irratti kan xiyyeeffate ta'uu
isaa hubanna. Kun immoo addunyaaf fakkeenya gaarii ta'ee argama. Hiikafi yaada Gadaa irratti
hayyoonnifi barreessitootni hedduun bakka garaa garaa taa'anii yaada wal fakkaatu
gumaachaniiru. Kanaaf Gadaan heeraafi seera olaanaa uummata Oromooti. Barruun Kallacha
Oromiyaa Qorataa seenaa Alamaayyoo Hayilee waabeeffachuun, Gadaa Oromoo keessatti
qaama seera baasu, seera raawwachiisufi hiiku jiraachuu isaati. Kana jechuun qaamolee
mootummaa sadeen ni qaba jechuudha. Qaamni seera baasu caffee, qaamni seera hiiku abbaa
seerii kan gosummaa keessa jiru. Qaamni seera hojitti hiiku warra caffee irraa gadbu'anii aanaafi
gosa keessatti seericha hojii irra oolcha ta'uu isaati. Kallacha Oromiyaa (1998:5). Qaamoleen
sadeen bulchiinsa mootummaa durii eegalee Gadaa keessa kan jiru ta'uu isaa hubatama.

2.2 Sadarkaafi Gaheewwan Miseensota Sirna Gadaa


Odeeff-kennitoonni akka yaada kennanitti jireenyi hawaasummaa ummata Oromoo Gujii biratti
yeroo itti hundeeffamee eegale, umriidhaan kan daangeffame kan siyaasa, diinagdee,
hawaasummaafi amantiin ummatichaa ittiin gaggeeffamu dhaaba Aadaa Sirna Gadaa qabaachuu
isaati. Odeef-kennittoonni Kanuma irraa ka'uun Sadarkaalee Gadaa jechuun sadarkaa umrii
Ilmaan Oromoo hundi guyyaa dhalatanii kaasee hanga umrii waggaa saddeettama(80) gahutti
bara saddeeti saddeetiin keessa darbanii jaarsummaa itti seenan akka ta'e nidubbatan. Akkuma
Sirna Gadaa Oromoo biroo sirna gadaa Oromoo Gujii keessattis sadarkaaleen Gadaa akka jirus
ni himan. Ummanni oromoon sirna Gadaa Gujiitiin bulaa jiru marti akkaatuma qoodama
sadarkaa isaanitti hundinuu akkuma heeraafi seerri gadaa kenneefitti gahee hojii mataa isaanii
Kan qaban ta'uu isaati. Gaheefi sadarkaa isaanii kanas akka armaan gaditti tokko tokkoon yaadni
odeef-kennitootniifi barruun waajjira Aadaafi Tuuriziimii Godina Gujii(2008) barra'e ibsuuf
yaalan nijiru.

2.2.1 Dabballee
Dabballeen gulantaalee sirna Gadaa keessaatti isa jalqabaati. Umurii dhalatanii kaasee hanga
waggaa saddeet (8) jiddu kan jiraniidha. Ijoolleen sadarkaa Gadaa kana keessa jirtu umriin
isaanii xixiqqoo wan taateef siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa keessatti gahee hin qaban.

12
Garuu, eegumsaafi kunuunsa maatii isaaniitiin ,akka hinmiidhamne nyaachisu, uffisu, wal'aanu,
qulqullina isaani eegu, akka hin banne eegu, naamusa barsiisu, jaalala isaanii ibsuufi hamilee
cabsuu dhabuufi kkf ture. Akka manguddonni jedhanitti ijoolleen sadarkaa kana keessa jiran
dhuma gulantaa kanaa irratti jila maqibaasa gaggeessuudhaan gara gulantaa itti aanuutti
guddatan. Dambee Turceefi kaawwan(2008:20).

2.2.2 Qarree Duraa


Sadarkaan kun kan sadarkaa Dabballummaa xumuranii kan lammaffaa eegalan jechuudha.
Umriin isaaniis waggaa 9 hanga 16 jidduu kan jiraniidha. Akka Sirna Gadaa oromoo Gujiitti
ijoolleen sadarkaa kana keessa jiran gahee hojii mataa isaanii qaban. Gaheen hojii isaaniis,
hojiilee xixiqqoo maatii isaanii gargaaruu, bishaan woraabuu, qoraan cabsuu, daa'imman
xixiqqoo isaanii gadii taphachiisuu, jabbilee loonii naannoo qe'eetti tiksuufi kkf dha. Sadarkuma
kana keessatti Haatiifi Abbaan Ijoollee sadarkaa kana keessa jiranii galgala Afoola Oromoo
akka baratan godhu dha. Afoolli kunis, kanneen akka hiibboo, oduu durii, baacoo,
mammaaksaafi kkf niidha. Sadarkaan Qarree Duraa kun sadarkaa Ijoolleen walitti dhuftee
walbaruudhaan wajjiin taphattuudha. Dambee Turceefi Kaawwan (2008:21).

2.2.3 Qarree Duubaa


Qarreen Duubaa sadarkaa Gadaa kan ijoolleen sadarkaa Qarree Duraa xumuranii itti
darbaniidha. Sadarkaan Qarree Duubaa umrii waggaa 17 kaasee hanga 24 jidduu jiraniidha.
Sadarkaan Gadaa Qarree Duubaa yeroo dargaggummaatiifi dargaggoonni Goobanii qeerrummaa
guutaniidha. Ijoolleen sadarkaa Qarree duubaa keessa jiran to'annoo warraa jala bahanii warra
irraa fagaatanii deemuu sadarkaa danda'aniidha. Ijoolleen sadarkaa kana keessa jiran korboo
(leenjii waraana) taphachuu, fardaa yaabbatanii gulufuu, woldhaanttoo qabachuu ni shaakalu.
Dargaggoonni kun hojiilee ispoortii adda addaa bakka deemanitti nibaratu. Hojii akka darbannaa
eeboo, fardaa miliquu, waraana darbuufi kan itti darbame jalaa akka itti miliquufi deebisuu, lola
fardaa, fiigicha, akkaataa bineensota bosonaa itti adamsan, akkaataa itti miliqanii diina keessa
seenuun miidhanii ykn fixanii ofii galan baruufi kkf hunda nibaratu. Dhumarratti miseensi
gulantaa kana keessa jiru jila raawwatanii gara gulantaa itti aanuutti ce'an qaban. Jilli kunis,
qarree buufata jedhama. Miseensi jila kana raawwate yeruma san qabeenya jalqabaa kan ta'e
goronsa yookiin raada lama argata. Horiin inni guyyaa san argatu kun maqaan isaa qarreefi

13
bobbaasi jedhamee moggaafama. Akka sirna bulchiinsa gadaatti namni seeraan qabeenya
horachuu kan danda'u. Dambee Turceefi Kaawwan (2008:21).

2.2.4 Kuusa
Kuusni sadarkaa Gadaa Qarree Duubaa erga xumurameen booda seenaniidha. Miseensi kuusaa
gulantaa kana keessa kan turu waggoota afuri qofaa waan turuuf umriin isaanii waggaa digdamii
shanii hanga digdamii saddeetii (25-28) qofaadha. Gulantaan kun gulantaa fuulduraaf itti
gaafatamummaa fudhachuuf deemu waan ta'eef gulantaalee dabran caalaa yeroo itti waan
hedduu barachaa deemu waan ta'eef gulantaa murteessaadha. Sadarkaan kuusaa kun sadarkaa
barnootaatiifi loltummaati. Sadarkaan kuusaa sadarkaa hundi walitti dhufanii barnootaafi leenjii
adda addaa kan gahumsaafi cimina loltummaa itti barataniidha. Gulantaa kana keessatti
wantoonni gaggeeffaman lamattuu jiru, Wodhaggiifi nyaachisa jedhamu. Wodhaggiin jechuun
miseensonni sadarkaa kana keessa jiran yeroo itti walbaratan yoo ta'u, Nyaachisni immoo, yeroo
abbootiin ijoollee kanaa gulantaa yuubaarra jiran hundi korma qaluudhaan nyaachisa ykn
gubbisa gaggeessuuf. Yeroo nyaachisaa ykn gubbisaa kanatti hojiin isaanii inni guddaan
nyaachuu, dhuguu, wolbarachuu, sirbuu, qeexaluu, sarbicha dhiituufi bashannanuudha. Dambee
Turceefi Kaawwan (2008:22).

2.2.5 Raaba
Raabni sadarkaa sirna bulchiinsa Gadaa keessaa arfaffaa yoo ta'u, sadarkaalee kanaan duraa
caalaa leenjii fudhata tureen gahumsaafi bilchina hoggansaa, naamusa cimaa, bilchina umurii
kan qabaniifi ijaarsa dhaabbattummaa guutuu kan qabanidha. Gulantaan kun yeroo hedduu fuula
ykn lolarratti waan dabarsuuf loltuu cimaa jedhamee beekama. Akkaataa seera sirna gadaatti
Gujiitti fuudhiifi heerumni sadarkaa kana keessatti kan raawwatamudha. Sababni isaas,
gulantaan kun itti gaafatamummaa guddaadhaaf deemaa jira waan ta'eef, dursee itti
gaafatamummaa maatii isaa bahuu waan qabuufi sirna gadaa keessatti itti gaafatamummaa
namaatti kennuun kan danda'amu yoo haadha manaa qabaatee itti gaafatamummaa maatii isaa
haala gaariin yoo baheedha. Dambeefi Kanneen biroo (2008:24).

2.2.6 Doorii
Dooriin gulantaafi gadaa shanaffaa keessa luba jiruudha.Turtiin yeroo sadarkaa kana keessa
turuu waggoota afuri qofaadha. Gulantaan kun gulantaalee duraanii caalaa itti gaafatamummaa
gama hundaa kan qabuufi yeroo itti bulchuudhaaf qophaa'u waan ta'eef, boqonnaa malee jiloota
14
adda addaa ardaalee jilaa hedduutti kan raawwatuudha. Jiloota kanneen keessa tokko baallii
fuudhuudha. Dambee Turceefi Kaawwan(2008:25).

2.2.7 Gadaa
Sadarkaan Gadaa kun Doorii erga waggaa saddeettan umrii isaa fixe itti darbuudha. Gulantaan
kun gulantaa aangoo siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa sirna Gadaa Gujii qabatanii bara
saddeetiif biyya bulchaniidha. Sadarkaan Gadaa qondaala umrii waggaa 41 kaasee hanga umrii
waggaa afurtamii saddeeti (48)tti turuudha. Sadarkaan Gadaa kun sadarkaa bulchiinsa Gadaa
hunda hoogganuudhaan,rakkoolee karaa siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa hunda furuufi
gaggeessuun itti gaafatamummaa qaban ture. Gada kanatti aansee kan dhufu Baatuu, yuuba
1ffaa, 2ffaa, 3ffaa,-----hanga jaarsa Ginyaatti kan jiraniidha. Gaheen warreen kanaa Gadaa cinaa
dhaabbachuudhaan (gargaaruudhaan) seera bulchiinsaa karaa sirrii ta'een akka galma gahu kan
deeggaraniidha. Akka Alamaayyoo (2007:64) fi Dirribii (2012)irratti ibsanitti, dabalataan yaadni
iaan kaasan, dhimmi kun yeroo hunda fudhatama akka argatu ummata keessaa filatamee yookiin
dorgomee aangoo argachuu mala jechuudha ibsu. Haaluma kana irraa ka'uun qorannichi
sadarkaalee Gadaa kanneen akka ka'umsaatti fayyadamuun sirni Gadaa Oromoo Gujii
xiinxalameeti jira. Dirribii (2012:326) irratti gahee sadarkaa gadaa yoo ibsu, Gadaan Oromoo
umriifi dhalootaan aangoo ummataaf qooda. Umriin namni tokko daballee kaasee hanga
Gadamoojjiitti (0-80), sirna Gadaa keessatti qooda akka qabu, namni umrii kana keessa jiru
dhimma biyyaa irratti, wanti si galchu hin jiru jedhamee akka kan warra Lixaa cinatti akka hin
gatamne ta'uu isaati. Waliigalaatti akka Sirna Gadaa Oromoo Gujiitti namni tokko sadarkaa
sadarkaa Gadaatti dhufuuf: Akka odeefkennitonni jedhanitti namni tokko sadarkaa Gadaatti
dhufuuf sadarkaalee Gadaa shan keessa darbuu akka qabuudha. Isaan kunneenis; 1ffaan
Daballee, umrii dhalootaa hanga waggaa saddeetii, 2ffaan Qarree Duraa, 3ffaan Qarree Duubaa
4ffaan Kuusaa, 5ffaan Doorii keessa darbuu akka qaban yaadota odeefkennitoota armaan olii
irraa hubanna. Dambee Turceefi Kaawwan (2008:28).

2.3 Sirna Gadaa Oromoo Gujiifi Haala Ittiin Bulmaata Isaa


Sirni Gadaa Oromoo sirna beekkamaa ummanni oromoo Gujii kallattii kibbaa oromiyaa jiraatu
filatee jireenya isaa ittiin gaggeeffataa tureedha. Sirni kun sirna dimokraatawaa ummanni
Oromoo Gujii jireenya isaa hunda heeraafi seera tumatanii ittiin walbulchaa tureefi ammas ittiin
walbulchaa jiruudha. Sirni Gadaa Oromoo Gujii karaa siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa isaa

15
bulchiinsa sirna Gadaa kan qaama heera tumuufi labsu caffee Gumii Bokkoo, qaama heera
tumame hiikuufi raawwachiisu qabuufi wiirtuu amantii waaqeeffannaa sirna Gadaa qabu sirna
guutuu ta'eedha akka manguddoonni ibsanitti. Dabalataanis, sirni gadaa Oromoo Gujii sirna
jiruufi jireenya ummata oromoo hunda hammatee of keessaa qabuudha. Sirnoota kanneen
keessaa muraasni; sirna heeraafi seera ittiin bulmaataa, aadaa, duudhaa, safuu, raaga, falaasama,
amantii, lakkoofsa yeroo (Kalaandarri), hariiroo hawaasummaa, ittisa daangaa biyyaa, hariiroo
alaa, qor-qalbiifi xiin-sammuu ummata oromoo akkasumaas, akkaataan qoodamiinsa hojii
ummata oromoo Gujii kan umrii irratti hundaa'e hunduu sirna kana keessatti hammataman jiru.
Sirnoonni kun hundinuu walitti dhufanii hiika Sirna Gadaa jedhu kana kennanidha. Haalli sirni
Gadaa Oromoo Gujii jireenya hawaasummaafi siyaasaa keessatti maal akka fakkaatu tokko
tokkoon ibsuuf yaalameeti jira. Addunyaa kana irratti ilmi namaatis ta'ee, bineensonni jireenya
gamtaa isaanii uummatanii jiraatu. Ilmi namaas jireenyaa hawaasummaa uummatee jiraatu;
keesatti heeraafi seera ittiin walbulchu tumatee ittiin walhooggana. Ummanni Oromoo Gujiis;
ummata addunyaa kana keessaa isa tokko ta'ee haalli inni jireenya itti gaggeeffatu heeraafi seera
waliin jireenya hawaasummaa kan nama dinqu qaba. Walumaagalatti akka Maanguddoonni
jedhanitti, haalli jireenya ummata Oromoo Gujii kuniis sirna Gadaatiin kan ijaarameefi akkaataa
qoqqoodama umuriifi sadarkaa isaaniitiin ummata ofii bulchuuf namni hundi gahee mataa isaa
qabu.

2.4 Faayidaa Sirna Gadaa


Sirni Gadaa faayidaa hedduu qaba. Ummanni Oromoo seera mataa isaa tumatee kan ittiin jiraatu
sirna Gadaatti fayyadameeti. Gadaan mootummaa ummata Oromooti. Akkuma mootummaa
biroo, mootummaan Oromoos, haala hojiidhaaf mijaawaa ta'een seeraan ijaarramee ummata isaa
hoggana. Dirribii(2012:283). Kana jechuun seeraafi heera Gadaa tumameen ummanni Oromoo
kan hogganamu ta'uu isaa irraa hubanna. Mootummaan Oromoo kun kan inni ittiin filatamus
ta'ee, ittiin ummata bulchu Sirna Gadaa irratti bu'uureffameeti. Gadaan heeraafi seeraan waan
tumameef, seera tumaa, seera mura, biyya misoomsa, diina biyyarraa ittisa, Gadaan dhimma
gumaa hiika, Gadaan waan hawaasa biratti safuu ta'e tiksa, Gadaan nama daare daara baasa,
nama rakkina adda addaatiin fira dhabe fira biraa itti uwwisuu. Isaan kunneen muraasa yoo ta'an,
faayidaan Gadaa hedduu dha. Raawwiin seera tumaafi seera muraa ulaagaa mataa isaa kan
danda'e qaba." Warri seera tuman Gadaa sadarkaa Raabaati. Dirribii(2012:289). Namni kamuu

16
callisee seera tumuus ta'ee muruu hin danda'u. Sababni isaa seerri isa dhorku ni jira waan ta'eef.
Akkasumas, abbaan aangoo seericha galmaan ga'uu danda'u muudamee argama.

2.5 Maalummaa Baallii Shananii


Sirna gadaa Oromoo Gujii keessatti baalliin shanan aangoo waggaa saddeeti saddeetiin dabaree
isaanii eeggatanii karaa nagaatiin dhimma diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa isaanii
mari'atanii ittiin walbulchaa, baalliin yookaan aangoo waliif kennaniidha. Yaada kana
ilaalchisee; Jamjam Uddeessaa fi Dhaddacha Gololchaa (211:15-16) jedhanitti:

Bali refers first and most to the power of gada tenure of the gadaa office. It is
sometimes used as synonym of luba. Hower, literally luba refers to party where
refers to the authority (the power of ruling party) under the same instances too bali
also means the developmental stage in luba cycle as that by itself has certain
political power at that particular stage. Bali shanan system is operational
mechanism of cycle which is contantionallg called the luba system or usually known
as the gada system. In the system there are five lubas (political parties ) assume
political power, social, taks, military activity etc.One after the other each for equal
term. There appears neither increase nor decrease both in the number of luba and
the tenure of office plainly defining bali shanan means five parties that regularly at
even interval assume political powers.jedhu.

Kana jechuun " Baalliin sirna gadaa keessatti bulchiinsaafi aangoo olaanaadha. Yeroo tokko
tokkoo jechi 'baallii' jedhu isa luba jedhuun hiikaa walfakkaataa akka qabutti fudhatama.
Haata'uu malee, lubni kutaa xiqqaa qaama bulchiinsaa yookiin aangoo qaban san yoo
agarsiisu ,baalliin immoo qaama guddaafi olaanaa marsaa lubaa kan aangoo bulchiinsaa harkaa
qabaniidha. Baalliin shanan sirna bulchiinsaa gadaa keessatti marsaa marsaan malli ittiin aangoo
wal harkaa fuudhuuf qophaa'an yookiin walii galan kun sirna lubaa jedhama. Sirna kana keessatti
luba shananitu(paartilee siyaasaatu) kan jiran ta'ee hojiilee isaan hojjetan keessaa muraasni
aangoo buchiinsaa hawaasummaa, dalagaawwan garagaraa, raayyaa ittisa naannoofi kan kana
fakkaatan raawwatu. Isaan hundinuu wal duraa duubaan yeroo walqixa ta'etti fayyadamuun.
Kana jechuunis, tokkoof dabaluun, tokkoo irraa hir'isuun hin danda'amu. Baallii shanan jechuun
paartilee shanan yeroo hundumaa haala walfakkaatuu fi turtii walqixa ta'etti fayyadamuun
dabareen aangoo siyaasaa qabatan jechuudha.
17
2.6 Gosoota Gogeessa(Baallii) Sirna Gadaa Gujii
Gadaan Oromoo gogeessa( baallii) gosoota shan qaba. Gosoonni kun immoo maqaa garee
waggaa saddeet saddeetiin aangoo wal jijjiiruuti. Haaluma kanaan maqaa adda addaatiin shanan
Gadaa Oromoo jedhamanii waammamu. Dirribii (2009:210). Barreessaan kun diina Oromoo
ta'us, dhugaa jiru barreesseera jechuun lafa kaa'eeti jira. Kun immoo tooftaa ummanni Oromoo
itti fayyadamuun aangoo walirraa fuudhanii biyya bulchuufi diina ofirra ittisuuf akka isaaniif
tolutti kan mijeeffataniidha. Akkanaan gosoonni Gadaa kan mul'atanii argamanis bakka adda
addaatti garaagarummaa qabu. Akka fakkeenyatti yoo ilaallee giddugaleessa Oromiyaatti,
Birmajjii, Horata, Duuloo, Meelbaafi Roobalee jedhamu. Achuma giddugaleessuma kana
keessattis garaagarummaa qabaachuu ni danda'u. Namni tokko guyyaa dhalatee eegalee miseensa
Gadaa ta'a. Innis Gadaa keessa dhalate sana irraa ka'uudhan lakkaawachuu eegala. Isa booda
Gadaatti dabalamuun miseensa ta'a. Bakkaa tokko tokkotti immoo Gadaa abbaa isaa
lakkaawwatee miseensa Gadaa ta'a. kun immoo garaagarummaa cimaa uumuu nidanda'a.
Garaagarummaan mul'atu kunis, yeroo baay'ee namootatti gaaffii ta'a. Kun ta'uu kan danda'eef
sababa bal'ina lafaa, baay'ina ummataa, addaan fageenyaafi Wantoota garaagaraa ta'uu mala.
Haata'uu malee, wanti hubachuu dandeenyu Gadaan tokkicha ta'uu isaa beekuun
barbaachisaadha. Sabni Oromoo waggaa saddeet saddeetiin aangoo walirraa kan fuudhu yoo ta'u,
waggaa afurtama afurtamaan immoo yeroo tokko aangoo kan qabatan paartii shanan Gadaa qaba.
Kanaaf dhaloonni Oromoo kamiyyuu guyyaa itti dhalatee kaasee paartilee shanan Gadaa kanaan
hammatamanii miseensa Gadaa tokkoo ta'u. Warqinaa(2008:23): Yaadni kun paartii Gadaa yoo
jedhu, gogeessa ykn gosa Gadaa jechuudha. Akkasumas, dhaloonni haaran tokko yeroo dhalatu
miseensa Gadaa keessa dhalatee akka ta'u ibsa. Gama biraatiin miseensi Gadaa tokko waggaa
saddeet qofaaf aangoo irra tura. Isa booda karaa nagaafi jaalalaan miseensa itti aanuuf dabarsa.
Haaluma kanaan baalliin shanan Oromoo Gujii ta'an kanneen akka: Muudana, Halchiinsa,
Dhallana, Harmuufaafi Roobalee marsaa marsaadhaan baallii waliif kennu. Dambee Turceefi
Kaawwan (2008:38).

18
Miseensota Gadaa Gujii ( baalliin) kunis, caasaa armaan gadii kanaan ibsamuuf yaalameera.

3. Dhallana

4. Harmuufa

2. Halchiinsa

5. Roobalee

1. Muudana

Caasaa: Tartiiba marsaa Gadaa yookiin baallii Gujii akka naannoo qorannootti. Maddi: Obbo
Gammadaa Adulaa, Adoolaa Me'ee, Caaccuu Mokkonnaa (marii garee gaafa guyyaa 04/9/2012).

2.7 Maalummaa Fakkoommii


Fakkoommii adeemsa hawaasni aadaa tokko qabu sirna aadaafi duudhaa isaa keessatti mallattoo
ykn bakka bu’insa yaada waan tokko kan ittiin ibsuudha. Fakkoommiin hawaasa adda addaa
keessatti hiika adda addaa qabachuu danda’a. Adeemsi hawaasni garagaraa fakkoommii

19
tokkoof hiika adda ta’e kennuun waan badaa gaariitti fudhachuun sirna mallattoo waantichaa
ibsuun bakka bu’a. Yaada kana ilaalchisee Katz (1972: 5-6 ) akka itti anuutti ibse:

"Symbolism were a form of meaning that only deffered from linguistic meaning by
the type of signals it used and if the set of symbol (of agiven culture) constituted a
language one should be able systematically to substitute certain simple or complex
symbolic most contexts as one can in language replace most word by a definition."
jedhu.

Akka yaada waraabbii kanarraa hubachuun danda’amuutti fakkoommiin unkaa hiika


xinqooqarraa adda ta’e kan qabu, sirna mallattoon kan taa’u, mallattoon bakka bu’u immoo
tooftaadhaan walitti fiduun yaada afaaniin kan bakka bu’u fakkaatiin ibsuudha. Kun immoo
kan wantoota badaa nama quunnaman akka boodatti fudhachuun gara gaariitti fakkeeffama.
Turner (1969:11) hiika fakkoommii yoo kennu hubannoo godhamuu qabamu sadarkaa saditti
qoodee ilaala. Isaaniis, fakkoommii amantiin hiikaman, fakkoommii sadarkaan irra jiraniin
taa'uufi fakkoommii bakka bu'aa jechuun sadarkaa fakkoommii aadaa hawaasa sana keessatti
gahee inni qabu haala kanaan lafa kaa’a. Hayyuun kun itti dabalee (1969: 11-13) yoo
maalummaa fakkoommii ibsu: ” Exgetical meaning has three bases nominal base that derives
from associations with the name of the symbol; asubstantial base that derives from natural and
material properties of objects used as symbol; finally an artifactual base in the case of made
symbols.” Yaada kanarraa wanti hubannu; fakkoommiin sadarkaa amantiifi aadaan hawaasni
keessa jiraatu meeshaaleefi wantoota meeshaalee bakka bu’an walqabsiisuun hiikaan isaan
wantoota sanaaf kennaniifi wantoota meeshaaleen sun irraa dhufan sababeeffachuun ibsan
dhugummaa hawaasa sanaa calaqqee waan yaaddataniin walfakkeessu. Kanas akka itti aanutti
lafa keenya. Bakka bu’eedhaan maqaan wanta bakka bu’ee sun fakkoommii sana walitti
firoomsudha. Yaada uumamaan amala meeshaa bakka bu’ee sanaa ibsuu danda’u akka
fakkoommiitti gargaara. Wantoota sababii duudhaa hawaasaan uumame adeemsa jiruuf jireenyaa
keessatti wanti itti fakkeeffaman jiru. Yaada kana hayyuun Todorov (1982:17) mallattoofi
fakkoommii walqabsiisuun akka itti aanutti ibsa:

The most wide spread theory ,extending from plato to Saussure locates the difference
exclusively in motivation ,which would be present in the one case and absent in the
other;the signifier either resembles or does not resembles the signifie ;--- further
20
more ,motivation may be more or less present ,more or less lostto memory; that
doesnot prevent a symbol from remaining a symbol.

Yaanni waraabbiin kun akka mul’isutti, yaaxinoonni bara Pilaatoo kaasee hanga Sausuriitti
jiru kaka’umsa isa yeroo tokko sababa waliin jiraatu, yeroo biroo immoo sababoota biroon
hafu osoo hin dabalatiin, mallattoo tokko fakkoommii isaa haala barameen bakka bu’uun ykn
bakka bu’uu dhiisuu danda’a. Itti dabaluun, kaka’umsi tarii baay’atus xiqqaatus jiraachuu
ykn yaadannoo sammuu keessa baduu danda’a. Kun garuu fakkoommii akka fakkoommii
ta’ee itti hin fufne hindhorku. Jechaafi fakkoommii (verbal and symbolic) ilaalchisuun Todorov
( 1982: 18) irratti akka itti aanutti ibsa: "The knowledge we already have of verbal symbolisms is
in comparably richer than our knowledge of other forms of symbolism. The linguistic symbolism
is easiest to handle while at the same it is probably the most complex manifestation
ofsymbolisms". Akka yaada hayyuu kanatti, beekumsi nuti durumaan sammuudhaa qabnu
fakkoommii jechaa haala dorgommii hin qabneen beekumsa nuti fakkoommii biraa irratti qabnu
ni caala. Kanaafuu beekumsi fakkoommii xinqooqaa hubachuuf kanneen hunda caalaa
nisalphata. Fakkoommiin yaada cimdii ta’e qabatee taa’a. Innis mallattoofi ibsa isaa qabatee
dhiyaata. Yaada kana Mortan ( 1975: 15) yoo ibsu: “ symbols selects certain pair (inter
pretation ) among the set defined in the very structure of symbolim” jedha. Akka yaada hayyuu
kanatti, fakkoommiin wanta cimdii qabatee kan dhiyaate ta’ee, caasaa fakkoommichaatiif
hiika kenna. Kun immoo mallattoo kanaaf uffanni aadaafi wantoonni hawaasni sirna kabaja
ayyaanaa kana keessatti raawwataman, meeshaaleefi gochaalee sirnicharratti raawwataniin wal
qabatanii kun hiika mataa isaanii danda’e waan qabaniif akkuma akaakuu isaanii adda addaa
ta’e fakkoommiin isaaniis adda adda ta'a.

2.7.1 Fakkoommii Mallattoon Argaman


Fakkoommiin mallattooleen argaman kun mallattoodhaan kan taa’anii wantoonni isaan itti
fakkeeffaman sun jiraachuu isaati. Jarreen kun lamaan immoo walitti dhufeenya yoo kaan
hariiroo cimaa kan qabanii fi yaada walii dabarsuuf cimsuuf kan gargaaranidha. Lev-Strass
(1966-64) akka ibsutti: "Coreering symbolic relation ship, that they based on contiguity or on
resembalance they be isensible near or far syneronic static or dynamic." jedha. Yaada kana
irraatti wanti hubatamu fakkoommiin yaada walitti hidhamaa ta’e tokko qabatee kan argamu
ta’uu isaa hubanna. Inni kunis, walitti dhufeenya fakkoommichaa jidduutti argamu kan

21
xiyyeeffatudha. Fakkoommichi idilee kan bakka bu’uu fi madaaluu danda’u miira
fakkoommiichaa kan qabu ta’uun ala qabatamaa ta’uu danda’a. Walitti dhufeenya qabaachuu
fi dhaabbataa yookiin jijjiiramaa ta’uudhaan yaadicha kan bakka bu’uudha.

2.7.2. Fakkoommii Beekumsaa


Fakkoommiin beekumsaa kun ammo; dhimma seeraa fi duudhaa sirriitti adda baasanii
beekuudha. Fakkoommii beekumsaa keessatti waan walmakaa ta’e tokko amalaa fi ibsa isaa
sirna mallattoo tokkoo keessatti beekuudha. Leach (1966-97), akkana jechuun ibsa: “symbolie
knowledge resembles encyclopedic knowedge” jedha. Kun immoo beekumsi fakkoommii
beekumsa walii galaa ta’uu nutti agarsiisa.

2.7.3. Fakkoommii Abjuu


Fakkoommiin abjuu waan abjuudhaan namatti dhufe tokko yaada xiinsammuutiin hiika itti
kennuudha. Fakkoommi abjuu hawaasa Oromoo biratti kan hiika itti kennu nama umriin baay'ee
guddaa ta'an yookaan maanguddoodha. Hiikaan kennamus, fakkoommii ittiin namatti mul’ate
irratti hundaa’ee kennamaaf, yoo ijoolleen abjuu argite maanguddoon waan itti hiiku qaba.
Namni buleeyyii yoo abjuu argee garuu maanguddoon abjuu hiiku kun waan nama sanatti
mul’ate erga dhaggeeffatee booda hiiki kennamaaf. Kanaaf akka Frend (1963:150) ibsuttii:
“The contrast relation of this kind between a dream element and its transtations as a symbolic
one and the dream element in self as “symbol” of the unlondcious dream thought” jedha.

Akka yaada hayyuu kanaatti fakkoommiin abjuu hariiroo fi wanta abjuu sna keessatti mul’atee
fi hiikaan akka fakkoommii itti ilaalamu mallattoon abjuu tokkoo mataan isaa fakkoommii waan
itti hin yaadamiiniiti. Fakkoommiin haala wanti abjuudhaan namatti mul’atee sun hiikni itti
kennamuu qaba.

2.7.4. Fakkoommii Gochaa


Fakkoommiin kun jiruuf jireenya hawaasa tokkoo keessatti hiika yaadaa kan gochaan mul’atu
ta’anii akkaataa dhugeeffannoo namootaa kan argarsiisuudha. Kunis, biqiltuu tokko maqaa
namaatiin dhaabuun guddachuu fi guddachuu dhabun isaa hiika gara garaa itti kennamudha.
Fakkoommiin kun barsiifata hawaasichaa bu’uura godhachuun dhihaata. Yaada kana Mortan
(1975) yoo ibsu: “In Dorze, that when young man marries his father build hima hut against the

22
fence of his compound and plants infront of it a shrub called oloma oloma is a sign of firtelity”
jedha.

Akka yaada hayyuu kanaattii aadaa saba kanaa keessattii ilmi dhiiraa tokko yoo fuudhaaf gahe
osoo hin fuudhiin dura gochaan raawwatamuu qaban ni jira. Gochaawwan raawwataman
keessaa inni duraa abbaan ilma isaatti godoo ijaaruu fi dallaa isaa fuldurattii biqiloota xixiqqoo
dhaabaaf. Maqaan isaa Ilmaan jedhamu. Kun ammo hawwii hormaataa ta’uu isaa ibsa.
Kanaafuu fakkoommiin kun waan hawaasa keessatti haala aadaa hawaasichaatiin sadarkaa
gochaatti raawwatamudha.

2.8 Sakatta'a Barruu Walfakkii


Sakatta'a barruu kana jalatti hojiiwwan namoota qorannoo kanaan walitti dhiyeenya qabantu
sakattaameera. Mata dureewwan qorannoo kanaan walitti dhiyaatan keessaa digirii lammataa
irratti kan hojjataman sakattaamaniru. Shamshaddiin Jamaal Aadam (2008/16) "Xiinxala
Gogeessa Sirna Gadaa Odaa Bultum" mataduree jedhuun Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi
Fookilooriif dhiyaate. Qorannoo kana keessatti maalummaa Gadaa, miseensota Gadaa,
sadarkaaleen Gadaa akkasumas, sirni Gadaa maal akka fakkaatu bal'inaan ibsameera.
Walfakkeenya inni qorannoo kana waliin qabu keessaa: Lamaanuu maalummaa sirna Gadaa
irratti ibsa ni kennu. Malleen odeeffannoon ittiin funaaname wal isaan fakkeessa.
Garaagarummaan qorannoo kanneen lameen gidduu jiru: Qorannoon Shamshaddiin "gogeessa
Gadaa shanan xiinxaluu" irratti xiyyeeffata. Gogeessa Gadaa xiinxaluun akkaataa marsaa isaanii
qorata. Akkasumas adeemsaafi raawwii sirna Gadaa Odaa Bultum adda baasee ilaala. Qorannoon
kun ammoo adeemsa sirni baallii walharkaa fuudhiinsa maal akka fakkaatuun dhiyaatee
maalummaa sirna Gadaa, baalliifi adeemsa raawwii baalli walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii wal
duraa duubaan qaaccesseera.. Qorannoon Shamshaddiin ulaagaa digirii lammaffaa guuttachuu
yoo ta'uu, kan qorannoo kanaa immoo ulaagaa digirii tokkoffaa guuttachuun garaagarummaa
qaba. Kanaaf garaagarummaa buuuraa keessaa iddoon irratti hojjetame, matadureefi qabiyyeen
ittiin dhiyaate isaan ijoodha.

Abbabaa Margaa (2007) mataduree "qaaccessa Gadaa Tuulamaa" jedhurratti digirii lammataa
guuttachuuf muummee Afaan Oromoo fi Ogbarruuf dhiyaateera. Baalliin yookaan aangoon
seerota sirna Gadaa keessaa isa guddaadha. Jila baallii walharkaa fuudhuu irratti sirboonni gama
warra baallii fudhateen hedduutu sirbama. Abbabaanis sirboonni kun sirna kanaaf yeroo
23
dhiyaatan ergaa maal hawaasa keessatti akka qabaatan ibsa. Hojii Abbabaan hojjete irraa
qorannoo kana kan adda taasisu bakka qorannoon irratti gaggeeffameefi kaayyoo inni ittiin
dhiyaatedha. Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa sirna bulchiinsa Gadaa keessatti adeemsi sirna
baallii walharkaa fuudhuu akkamiin akka gaggeeffamu tartiiba isaa eeguun dhiyeessuudha. Kan
biroo qorannoon kun Gadaa Gujii irratti yemmuu ta'u, kan Abbabaa immoo Gadaa Tuulamaa
irratti gaggeeffamuun gargar isaan taasisa.

Ayyaantuu Eebbaa (2009) mataduree "Gada system and the changing role of women special
reference to Borana Oromo of Southern Ethiopia." qopheessite. Qorannoo kana Ayyaantuun
guutinsa digirii lammataaf muummee Gender jedhamuuf dhiyeessite. Hojii ishee keessatti Gadaa
kallattii garagaraan ilaalteetti. Gadaan dubartoota hin haammachiisumoo ni haammachiisa gaaffii
jedhuuf Gadaan kallattiinis ta'ee alkallattiin hirmaannaa dubartootaa malee galma gahuu akka hin
dandeeye kaafti. Namni sadarkaa Gadaa mara hulluuqe tokko luba ba'uuf yookaan gadoomuuf
haadha manaa rakkoo malee sirna Gadaa qofaa guuttachuu hin danda'u. Qorannoo kana keessatti
sababa dubartootni Gadaa dhabaniifillee jettee akka qabxiitti kan isheen kaafte keessaa:
Dubartootni gosa biraatti waan heerumtuuf Gadaa abbashee keessa haalaan turuu hin dandeessu.
Aangoo gosa tokkoo gosa biroof kennuu taasisa. Sirna Gadaa keessatti aangoo siyaasaa kan
qabatu daangaa eeguu, diina waraanuun dirqama Gadaan kennu keessaa isa tokkodha.
Dubartootni ammoo sanatti garaatti baachuu, yeroo laguu, haala mijataa dhabuunifi sadarkaa
kuusaatti waraanatti hirmaachuu dhabuun akka dubartootni aangoo Gadaa dhaban taasise. Kana
malees qabxiilee akka diinagdee kaasuun dubartootni hojii baayee hojjechuuf, oomisha,
hormaataafi gama amantaanis walqabsiistee kaafteetti. Qorannoo kanaafi kan Ayyaantuu waanti
walfakkeessu: lameenuu madda raga tokkoffaa kan akka afgaaffiifi marii gareetti dhimma
bahaniiru. Maalummaa sirna Gadaa irratti ibsa kennu. Gama garaagarummaatiin ammoo;
Ayyaantuun sirna Gadaafi gahee dubartootaa, hanqinaafi cimina jiru kaafteetti. Qorannoon kun
ammoo akkaataa raawwii sirna baallii walharkaa fuudhuu qaaccessuun, akka itti aangoo
waljijjiran sirnootaafi gochaalee achirratti raawwataman walduraa duubaan dhiyeessa.
Akkasumas bakka irratti gaggeeffameenillee garaagarummaa ni qabaata.

Geetachoo Rabbirraa (2013) "Xiinxala Raawwiifi Afoola Jilawwan Gadaa Oromoo Jiillee."
jedhuun dhiyaate. Qorannoon kunis aanaa dugdaatti jilawwan sirna Gadaa irratti kan
xiyyeeffatedha. Kaayyoo ijoon qorannichaa raawwiifi afoola Jiillee xiinxaluudha. Afoolawwan

24
qorannoo kana keessatti dhiyaatanii xiinxalaman ergaawwan jiruuf jireenya uummata Oromoofi
hariiroo hawaasummaa kan jajjabeessanidha. Walfakkeenyi qorannoo kanaas afoola jila Gadaa
irratti jedhaman kaasuun isaanii isa tokkodha. Maalummaa sirna Gadaa irratti ibsa kennu.
Garaagarummaan qorannoo kanneen lameen gidduu jiru, qorannaan Geetaachoo Gadaa
Tuulamaa irrattidha. Qorannaan kun ammoo Gadaa Gujii irratti xiyyeeffachuun kan dhiyaate
ta'uusaa keessaa kun akka madda garaagarteetti ta'uu danda'a.

25
BOQONNAA SADI: MALLEEN QORANNOO
Boqonnaan kun mata-dureewwan itti aanan ofjalatti hammata: saxaxa qorannoo, irraawwatama
qorannoo, mala filannaa iddattoo, meeshaalee funaansa ragaaleefi mala qaacceessa ragaalee fa'a.

3.1 Saxaxa Qorannichaa


Qorannoo gaggeeffamu tokko keessatti kallattiin raawwii hojii qoranichaa maal akka ta’e
ibsuun baay’ee barbaachisadha. Dhimmoonni qorannicha keessatti akka ijootti/ bu’uuratti
kaa’aman maal irrratti akka xiyyeeffachuu qaban addaan baasaanii beekuun qorannicha haala
barbaadameen raawwachuuf gargaara. Addunyaa (2011: 63) saxaxa qorannoo haala itti aanutti
ibsa: “Saxaxni qorannoo waliigala qorannichaa to’ata. Qaama qorannoo sana keessatti argamu
akkamitti akka dalagu illee nito’ata.” jedha. Qorannoon kunis, sirna baallii walharkaa
fuudhiinsaa xiinxaluu yoo ta’u, kanaaf qoratichis ragaalee adda addaa madda adda addaarraa
argate, mala qorannoo akkamtaatti gargaaramee xiinxaleera. Sababni isaas, qorannoo kana
keessatti odeeffannoon guurame lakkoofsaan osoo hin taane ibsaan. Hiika kan argate ibsaan
waan ta’eefidha. Yaada kana Abiyyifi kaawwan (2009:36 ) yoo ibsan,”Qualitative research
involves studies that do not attempt to quantify their results through statistical summary or
analysis” jedhu. Yaada kana irraa akka hubanutti qorannoon mala akkamtaatiin gaggeeffamu
odeeffannoon lakkoofsaan osoo hin taane ibsaan. Bu’aan qoranichaas kan xiinxalamu
jechaanidha. Dabalatan Dastaa (2002 :20 ) “ qorannoon mala akkamtaatiin gaggeeffamu
odeeffannoo argate mala addeessatiin ykn ibsaatiin dhiyeessa” jedha. Yaada kanarraa malli
kun gadi fageenyaan xiinxaluun irratti humna qabaachuufi gama amanamuufi hubannoo
bal’isuufis haala kan mijeessu ta’uu hubanna.

3.2. Irraawwatama Qorannichaa


Irraawwatama jechuun wanta qorannoon tokko irratti gaggeeffamu yoo ta'u, qorannichis, mata-
duree "Sirna baallii walharkaa fuudhiinsa Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa irratti fuulleffate
xiinxaluu." Kan jedhu waan ta'eef maddi ragaan irraa argamu sirna Gadaa keessatti
manguddoota waa'ee baallii walharkaa fuudhuu beekan irratti ta'a. Yaada kana Addunyaan
yemmuu ibsu, Qorannoon tokko Irraawwatamaa qaba. kunis namootaafi dhimmoota qorannoon
sun irratti geggeeffamu. Addunyaa, (2011:64) jechuun ibsee jira.

26
3.3 Mala Filannaa Iddattoo Qorannichaa
Qoratichi odeeffannoo barbaadu argachuuf, hirmaattota qorannichaaf isa tajaajilan kan filate
mala iddattoo miti carraa(Non probability) kan ta'e iddattessuu gosa lama: Akkayyoo (purposive
sampling)fi iddatteessuu dardarbaa dabarsaa(Snowball Sampling) fayyamadeeti qorannoo
gaggeesse. Kana jechuun qorataan tokko beekumsa dhimmicha irratti qaburraa kan ka'e kanneen
odeeffannoo irraa argachuu danda'u murteessuu ilaallata. Akkayyoo Kan jedhameef Akka
kaayyoo qoratichaatti odeeffataa yookiin deebistoota filachuu waan ta'eefi. Dhimma kana Berg
(2001:32) yoo ibsu: when developing a pursposive sample, researchers their special knowledge
orexpertise about group to select subjects who represent this population, jechuun cimsa. Malli
iddateessuu lammaffaan qorataan itti fayyadame mala iddatteessuu darbaa-dabarsaa (Snowball
Samppling)dha. Akaakuun iddateessuu kanaa darbaa darbarsaan odeeffattoota filachuun
odeeffannoo funaanuudha. Dencombe (2007:17) iddattticha yoo ibsu: "With snowballing, the
sample emerges though a process of reference from one person to the next." jedha.
Barbaachisummaan isaas ammam akka ta'e Berg (2001 :32-33) akkanatti ibsa: "Snowballing is
some times the best way to locate subjects with certain attrbuts or characteristics necessary in
astudy. Snowball samples are particularly popular among researchers interested in studing arious
classes of deviance, sensitive topics, or difficult to reach population".

Kanaafuu namoota qorannichaaf odeeffannoo barbaachisu kennan iyyaafachuun, itti guuta


odeeffannoo argametiif namichi odeeffannoo kennu sun kan biraas akka eeru taasisuudha.
Darbaa-dabarsaa kan jedhameefis odeeffannoo dabalataatiif deebistoota kanneen biroo eeruun
waan gaggeeffameefi. Qoratichis bu'uuruma kanaan odeefkennitoota maalummaafi Sirna Gadaa
Oromoo Gujii hubannoo qaban, manguddootaafi hayyoota keessaa kaayyoo qorannichaa
galmaan ga'uu danda'an jedhee itti amane akka kaayyoo isaatti filatee jira. Qoratichi mala
iddattoo akkayyoo kana kan filateef waa'ee odeeffannoo isaa irratti namoota beekumsa qabanitti
qaama dhimmi irra caalatti ilaallatu, jechuunis dhimmoota aadaa, seenaafi duudhaa Oromoo
faana walitti hidhannaa qaban naaf argamsiisuu danda'an jedhee waan amaneefidha. Qorannoo
kana keessatti qoratichi filannoo iddattoo isaa kanaas hojii irra osoo hin oolchin dura
odeeffannoo kennitoota addaan baafachuuf dursa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo deemuun abbaa
Gadaa waliin marii taasiseera. Itti dabaluunis, manguddoo beekkamaa odeef-kennitoota
gaafachuun walqunnamuun gaaffilee barbaachisu gaafachuuf haala mijeeffateera.

27
3.4 Meeshaalee Funaansa Ragaalee
Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo tokko gageessuuf, wantoota odeeffannoo ittiin
funaannataniidha. Isaanis: gosa odeeffannoo sassabamuufi kaayyoo qorannichaa irratti hundaa'un
garaagara yoo ta'an, qorannoon kun qorannoo ibsaa akkamtaa /Qualitative descriptive/ ta'ee sirna
gadaa keessatti; maalummaa baalliifi adeemsa baalliin itti kennamu waan qoratuuf meeshaa
funaansa odeeffannoo af-gaaffiifi Marii garee Xiyyeeffannootti fayyadamee qorannoo kana
gaggeesseera.

3.4.1 Af-gaaffii
Meeshaalee funaansa ragaatiif barbaachisan keessaa af-gaaffiin isa tokkodha. Dabalataanis,
afgaaffii fayyadamuu keessatti irra caalaa namoota dubbisuufi barreessuu hin dandeenye
hirmaachisuu irratti bu'aa qaba. Akkasumas sochii fi haala isaa irraas odeeffannoo haalaan
argachuuf dandeessisa. Malli kun odeeffannoo qabatamaafi barbaachisaa ta'e argachuuf
mijaawaadha. Akka Dastaan (2013:111) ibsutti: "Malli kun qorataafi odeeffannoo kennaan
fuulaafi fuulatti wal arganii odeeffannoo kan waliif kennanidha. Odeeffannoon af-gaaffiin
funaaname gaarii kan taasisu qorataan gaaffii isaa sirriitti ifa godhee akka gaafatu dandeessisa."
jedha.

Yaada kana irraa wanti hubannu afgaaffii keessatti qorataafi odeeffannoo kennaan qaamaan
walarguun ragaan kan funaanamudha. Kunis qorataa gaaffii isaa bifa odeefkennaaf ifa ta'uu
dandauun waan gaafatuuf ragaa quubsaafi amansiisaa tae argachuuf akka danda'amu isaati.
Karaa biraatiin mala kana ilaalchisee Goldsten (1964:104) akkas jedha: "Interview data include
information on what the informant believes expect, feet, wants, does or has done or which
explian or gives reason for any proceding." jedha. Kunis kan nu hubachiisu afgaaffii
fayyadamuun odeefkennaan waan kanaan dura raawwate, argeefi jireenyasaa keessatti hubate
akka ibsu karaa bana. Gaaffilee qorataan afgaaffii keessatti dhimma itti bahe battalaa yoo ta'e,
gosti gaaffii banaadha. Haaluma kanaan gaaffileen banaa ta'an odeeffattootaaf qophaaanii
dhiyaataniiru. Af-gaaffiin kun namoota waa'ee sirna baallii walharkaa fuudhiinsa irratti
muuxannoofi beekumsa gahaa qaban jedhamanii yaadaman irratti hunda'eeti. Namoonni kunneen
bira ga'aman kun abbootii Gadaa amma aangoo harkaa qaban nama lama, Obbo Miidhagaa Netee
fi Adoolaa Me'ee gaafa guyyaa 2/8/ 2012, maanguddoofi yuuba dhimmicha gadi fageenyaan
beekan obbo Caaccuu Mokkonnaa fi Gammadaa Adulaa gaafa guyyaa 9/8/ 2012, ogeessa

28
waajjira Aadaafi Turiizimii Aanaa Annaa Sorraafi abbaa murtii Gadaa Guyyeefi Yonaas Birree
gaafa guyyaa 14/ 8/ 2012 mana mana isaanii deemuun afgaaffiin adeemsifameera.

3.4.2 Marii Garee Xiyyeeffannoo


Mariin garee meeshaalee funaansa ragaa keessaa tokkodha. Mariin garee namoota odeeffannoo
gahaa ta'e kennuu danda'an jedhaman walitti qabuun mari'achiisuun akka odeeffannoo kennan
taasisuudha. Kana malees, odeeffannoo af-gaaffiin funaaname sirriitti hubachuuf namoota
dhimma kana beekan waliin mari'achuun tooftaa qorataan itti gargaaramedha. Kaayyoon marii
garee qoranno'o kana qixa barbaadameen galmaan ga'uuf odeeffannoo dabalataa kan qabatamaa
ta'e ittiin argachuufidha. Odeeffannoo qabatamaa ta'e argachuuf malleen odeeffannoon ittiin
funaanaman kan garagaraatti gargaaramuun barbaachisaa akka ta'e hayyoonni ni ibsu. Qorataan
kunis, yaada kana bu'uureffachuun gaaffilee qorannoo isaatiif barbaachisaadha jedhee
qopheeffate mala iddatteessuu akkayyoo (purposive sampling) gargaaramuudhaan garee lama
kan namoota sadiifi afuri ofkeessaa qabu akka umurii umurii isaaniitti gargar baasee gaafa
guyyaa 5/9/2012 ganda Solooloo Qobboo iddoo addaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo jedhamutti
mariisiseera. Obbo Waaqoo Adulaa, Uddeessaa Xuliifi Gammadaa Adulaa garee maanguddootaa
yoo ta'an, Gannaalee Me'ee, Gadaa Guyyeefi Taaddasaa Baqqalaa garee gaeessota ta'aniin
filatamanii mariin kun adeemsifameera. Mariin kun sa'aa lamaaf gaggeeffamee kan gaggeeffame
yoo ta'u, garee kanaaf gaaffiiwwan walfakkaataan dhiyaatee yaada isaan irratti mari'atanii
waliigalan yaadannoo qabachuudhaan odeeffannoon funaaname.

3.5 Mala Qaaccessa Ragaalee


Qorannoon kun mala qaaccessa ragaalee akkamtaa kan fayyadame yemmuu ta’u, kunis
odeeffannoo akkamtaa gaaffiiwwan maaliif ? akkamtti ? jedhuuf deebii kennuuf kan carraaquufi
dhimmoota qorannichaa keessatti dhiyaate hunda jechaan kan ibsudha. Hiika ragaa akkamtaa
qaaccessuu ilaalchisee Dastaa (2015) Daymon and Holloway (2002:231) wabeeffachuun akka
ibsetti: ragaa qaaccessuun ragaalee hincaasseffaniin hedduu ta’an akka tartiibeffaman,
caaseffamanfi hiika qabaatan gochuudha. Itti dabaluun, ragaa akkamtaa qaaccessuun ragaa akka
argannoo qorannichaa ibsutti caccabsuu: ragaalee kooddii kennuufiin akka to’atamuu
danda’utti caccabsuu, qabiyyee sasalphaa ta’etti cuunfuufi hiikuu: yaadrimeefi yaaxina
burqisiisuun gochaafi jecha hirmaattotaa hiika qabeessa taasisu akka ta’e ibsa. Yaaduma kana
David E. (2004 : 346 ) yoo ibsu, “The main focus of qualitative research is to understand the

29
ways in which people act and the accounts that people give for these actions.” Yaada waraabbii
kanarraa akkuma hubatamu, xiyyeefffannoo guddaan mala akkamtaa akkaataa uummanni waan
tokko gochaan agrsiisuu hubachuufi itti gaafatamummaa hawaasichi gochoota raawwataman
kanneenif qaban xinxaluuf akka ta’e agarsiisa. Yaaduma kan fakkaatu Creswell ( 2007: 37 ) “
Qualitative research begin with assumption aword view, the possible use of a theoretical lens and
the study of research problems inquiring into the meaning individuals or groups as decribe to
social or humal proble” jedhu bu’uura godhachuun, Qorataan ragaalee daawwannaarraa
suuraafi viidiyoodhaan funaannaman irra deddeebi’uun ilaalee dhaggeeffatee, itti aansuun kan
argee dhaggeeffate yaaddannoo yeroo daawwannaa qabatee tureen walitti fiduun qindeessee
barreessee gara ragaa qorannichaatti jijjiire. Akkasumas ragaalee argaman akka walfakkeenya
isaaniitti walitti fiduun ibsuun qaacceffamaniiru. Walumaagalatti ragaalee karaa daawwannaa,
afgaaffiifi marii gareen funaannaman yaadiddama waliigala bu’uureeffachuun yaada ragaa
argameen walsimsiisuun mala akkamtaatiin qaaccessee hiikni itti kennameera. Sababni
qoratichis mala kana filateefis dhimmoonni qorannoo kana keessatti ka’uu malan kan hawaasni
sirna kabajaa irratti raawwatu waan ta’eef, kallatumaan hawaasa keessa seenee odeeffannoo
barbaachisu walitti qabee qaaccesseera. Kana malees, odeeffannoo meeshaalee funaansa ragaalee
armaan oliitti heeramaniin funaannaman kun ragaalee akkamtaa waan ta’aaniif malli ittin
qaacceffames mala akkamtaatiinidha.

30
BOQONNAA AFUR: ODEEFFANNOO QAACCESSUUFI HIIKUU
Boqonnaa kana keessatti argannoowwan qorannoo kanaaf bu'uura ta'an ragaalee bifa af-gaaffiifi
marii gareen argame hiika itti kennuudha. Kanaafuu, kan qorataan dhimma itti bahe af-gaaffiifi
marii gareeti. Haaluma kanaan ragaalee yookiin odeeffannoo argaman mata duree mata dureetti
qoqqodameera.

4.1 Adeemsa Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsa Oromoo Gujii


Akka maanguddoonni adeemsa baallii walharkaa fuudhiinsaa irratti dubbatanitti, Sirnichi bifa
dimookiraatawaa ta'een waldhabdee, jibba, hidhaafi qeequu tokko malee gammachuufi jaalalaan
kan baallii kennuufi fudhatu qophiilee adda addaa kan jilicha ittiin gaggeessuuf barbaachisanfi
wantoota isa irraa eeggaman gama hundaan taasifata. Qaamni baallii kennuufi fuudhatu dursee
ardaa jilaatti deebi'ee qachisee korma gangalloo qalee, maqaa baasee, gumii teessisee, jilisee
wantoota kanneen xumuree baallii walharkaa fuudhuuf qophaa'a. Qophiileen inni taasifatu
duraan dursee; bakka baalliin itti kennamu ardaa jilaa me'ee bokkootti galee qachisa(qubata).
Yeroo qachisu kallattii itti qachisu qaba. Kallattiin kunis, abbaan gadaa baallii kennu kallattii
kaabaatiin yoo qachisu, kan baallii fudhatu immoo kallattii kibbaatti qachisa. Qophii kanarratti
miseensonni Doorii qachaa ijaaru, karaa gara Galma warra baallii kennuu geessu, kan yeroo
baallii fudhatan irra garmaamaa, sirbaa galan niqulqulleessu. Bifuma walfakkaatuun, farda yeroo
baallii fudhatan yaabbatanii galan meeshaafi faaya guutuu waliin qopheeffachuun gahee isaanii
bahu. Namni wantoota kanneen hin raawwanne gadoomuu hin danda'u. Abbaan gadaa baallii
kennus wantoota yaani dhufee nyaatu mijuu qopheeffata. Mijuun kunis, kanneen akka aannan
qodaa torbaa, nyaata weessii irraa hojjatamu, dhadhaa kan ittiin mataa yaa'a dhufee aangoo
fudhatu muudanu qopheessee wayyaa bullukkoo uffatee haadha bollaa ofiitiifi abbootii yaa'aa
isaa waliin jiranu waliin teessuma gara mirgaarratti aanu irra taa'anii warra baallii fudhatu eegu.
Yeroo kanas hayyoonni waa'ee baallii kenniisaa irratti muuxannoo hedduu qaban abbaa gadaa
baallii kennu waliin taa'anii eegu. Abbaan murtii baallii fudhatu yookiin Dooriin immoo, guyyaa
baallii fudhatu ganama barraaqa hayyuu gara abbaa Gadaatti erga. Hayyuunis, haala baalliin itti
kennamu irratti Abbaa Gadaa duraanii waliin mar'iatee gara qachaa Dooriitti deebi'a.

Akkuma isaan deebi'aniin kadhimamtoonni abbootii murtii baallii fuudhaaran miseensa isaanii
kan balbala torbaa irraa ijaarrame qabatanii gara gabalaa(qachaa) abbaa Gadaa duraanii miila
duwwaafi hiriirani deemu. Erga balbala galma Abbaa Gada'aa duraa ga'aniin booda, abbaan

31
murtii baallii fuudhaaru dhaabatee si'a sadi "Warra kana!" jedhee yaama. Abbaan Gadaa
yaamicha sadi jalaa didee kan arfeessoo irratti "yoo!" jedhee jalaa owwaata. Erga owwaateen
booda, Gadaan baallii fuudhu "nagaa bultanee" jedhaan, warri manaas "naga bullee isin hoo?"
jedhanii deebisuuf. Achiin duuba, abbaa murtii "baallii kenni! " jedhaan. Abbaan Gadaa baallii
kennaarus, karaa dimookiraatawaa ta'een yookiin saalfiifi lola hin qabneen akkana jechuun
deebisaaf "baalliin teetii gaaroon tiyya" jedhee deebisaaf. Kanaan booda, baallii kennuuf qophii
ta'uun isaa waan mirkanaweef miseensi yaa'a doorii torbaan fagtichaan durfamu gara galma
Abbaa Gada'aa duraanii ol seenanii gara gama bitaa'atti goranii barcumaa isaaniif qophaa'erra
taa'an. Abbaan Gadaa duraas, haadha bollaa isaatiin mijuu isaaniif qophaa'e "fuudhi" jedheenii
hojiiwwan bara Gadaa isaa keessatti osoo hin hojjatamin hafaniifi dhimmoota nama dhuunfaa
hafan itti kennee akkana jechuun mijuu isaaniif qopheesse kennaafii baallii eebbisaaf. Jalqaba
"Hoo'o! mi'ii gadaa tiyyaatii" jedhee ciicoo aannan mi'ii guuteen itti kenna; abbaan Gada'aa
haaranille "Gadaa tiyya mi'aawi!" jedhee irraa fudhata. Itti aansee "Hoo'o itittuu gadaa tiyyaa!"
jedhee mijuu aannan itittuu guutee kennaaf; Abbaan Gadaa haaraan "sa'aa namaan ititi!" jedhee
irraa fudhata. Itti aansee "Hoo'o areera gadaa tiyyaa!" jedhee ciico'oon areera kennaaf, abbaan
murtii haaraa "kormi sii areeru!" jedhee irraa fudhata. Dhuma irratt, "Hoo'o daraaraa gadaa
tiyyaa!" jedhee daadhii bookaa qorii guutee yoo itti kennu, abbaa Gadaa haaraan "Gadaa tiyya
daraari!" jedhee akkuma mijuu aannanii wal duraa duubaan irraa fuudheen afaaniin qabee
miseensa yaa'a isaatti dabarsa. Eega mijuu soorataniin duuba, fagtichi gadaa duraa lafaa ka'ee
abbaa Gadaa ifiirraa baarguda buqqisee faga abbaa Gadaa baallii fuudhaarutti kenna; innille
baarguda san fuudhee abbaa doorii isaatti sikka; achiin duuba abbaan Gada'aa duraaniifi haaraan
barcumaa isaanii wol jijjiiratanii baallii waliif kennuu isaanii mirkaneessu. Abbaan Gada'aa
baallii fuudhe nagaya dhaamatee galma keessaa gara alaatti bahee, miseensota isaa woliin iddoo
hawaasni bal'aan jirutti wal duraa duubaan farda odolcha isaa fidatee dhufe san irra koruuf
abbootiin Gadaa kan Uraagaa, Maattiifi Hookkuu akkuma angafaafi maandhaatiin walduraa
duuba isaanii eeganii abbaan Gadaa Uraagaa jalqabaaf yeroo sadi itti aggaamee yeroo arfaffaa
irratti yaabbatanii 'Gadaa! Gadaa! Gadaa! Gadaan Gadaa misaati! Gadaan Gadaa quufaati!
jedhanii dhaadataa, fardaan garmaamaa gara qachaa isaanii deebi'anii yaa'a isaanii waliin
qalatanii eebbifatan". Haala kanaan, Abbaa Gada'aa duraanii guyyaa sana irraa kaasee Baatuu
yoo ta'u, Abbaan murtii Doorii immoo, Abbaa Gadaa ta'uun gara gulantaa Gadaatti ce'a. Kanaan
booda, hanga waggaan saddeeti isaa geettu ummata bulcha.
32
4.2 Yoomessa Sirna Baallii Walharkaa Fuudhuu Oromoo Gujii
Akka maanguddoonni jedhanitti, Oromoon Gujii bara sirna bulchiinsota adda addaatti
olaantummaa saba tokkoo qofaaf aadaan tokko, amantiin tokko, afaan tokko jedhee sabaafi
sablammii biyyattii cunqursaa faarsaa turetti, Gujiin sirnicha osoo addaan hin kutin holqa
uumamaa Aanaa Adoolaa Reeddee iddoo addaa Cembee jedhamutti aadaa bareedaa ummata
Oromoo kana dhokatee achitti baallii waliif kennaa tureera. Haata'uu malee, erga sirni cunqursaa
kun kufeen booda bakki baalliin itti walharkaa fuudhamu Godina Gujii Aanaa Annaa Sorraa
ganda Solooloo Qobboo Ardaa Jilaa Me'ee Bokkootti gadaan sadiin Oromoo Gujii Uraagaa,
Maattiifi hookkuun walitti bahee baallii walirraa fuudhaa turee, ammas fuudhaa jira. Galma
Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo kanatti Gujiin waggaa saddeet saddeetiin dabaree isaanii eeggatanii
baallii waliif dabarsaa turan yoo ta'u, yeroon turtii isaa immoo waggaa saddeet saddeetiin ji'a
Oromoo Gujii duri ittiin lakkaawataa ture ji'a shanaffaa Arraasaa jedhamu yookaan kan irratti
walii galameen immoo Amajjii jedhamu keessa baallii waliif kenna.

4.3 Hirmaattoota Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsa Oromoon Gujii


Sirni Kun duudhaa guddaa ummata Oromooti. Sirni Kunis, akkuma sirnoota biroo naannoo
kanatti kan raawwatu ta'ee hirmaattoota adda addaa kan qabuudha. Hirmaattoonni kunneenis
gahee mataa isaanii niqabu. Akka mariin garee Caamsaa 1/9/2012 ardaa jilaa Me'ee Bokkootti
taasifame irraa odeeffannoon argame akka ibsutti, sirna baallii walharkaa fuudhiinsaa irratti
kanneen qooda fudhatan, kanneen akka maanguddootaa, ga'eessotaa, dargaggeessotaa,
dubartootaafi ijoollee hundi aadaafi safuu sirnichaa eeganii sirnicha irratti nihirmaatu.
Dabalataanis, himaattonni kunneen gumaata adda addaa qabatanii guyyaa gaafa sirnichi itti
raawwatuufi jalbultii baallii walharkaa fuudhuu irratti abbootii gadaatiif kennaa eebba irraa
fudhatu. Akka abbaan Gadaa Maattii Miidhagaa Neteefi yuubni Gammadaa Adulaa jedhanitti,
hirmaattonni kunneen akkuma baallii isaaniitiin garee gareen sirbaa, dhiichisa dhiitaa, yoo
gonfoofi borroo uffatanii jiraatan yeroo gumii teettu yookiin iddoo seerri itti tumamuufi labsamu
abbootii gadaafi yuubota wajjiin hiriiruun deemanii sirnicha qoodamu. Eegaa haala kanaan
namoonni hunduu gahee mataa isaanii bahu. Walumaagalatti, akkuma odeeffannoo olii kanarraa
hubatamutti, sirna kanaa irratti qaamni hawaasaa hundinuu daa’imaanii kaasee hanga
maanguddootti kan hirmaataniifi gahee mataa isaanii kan qaban ta’uu nu hubachiisa.

33
4. 4 Fakkoommiiwwan Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsa Oromoo Gujii
Mata duree kana jalattii fakkoommiiwwan garagaraa sirna Walharkaa Fuudhiinsa Oromoo Gujii
keessatti raawwatan kan hiikni itti kennamedha. Innis fakkoommii jalqabaa kaasee hanga
dhumaatti sirna kana keessatti mul’atantu hiikama. Haaluma kanaan fakkoommii sirna baallii
Walharkaa fuudhiinsaa kana gulantaa sadan keessatti argaman adda bahanii hiikamaniiru.

4.4.1 Fakkoommiiwwan Guyyaa Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsaa Dura Mul’atan


Gulantaan kana jalatti fakkoommiiwwan osoo sirni Baallii walharkaa fuudhiinsaa hinga’inni
raawwataman kan ilaalamanidha. Innis, gochaawwan sirna kana dursee raawwataman keessatti
mul’atanidha.

4.4.1.1 Jilaa Hulluuqaafi Dhibaayyuu


A. Hulluuqaa

Hulluuqaan kaayyoofi faroo badduu ofirraa baafachuudhaaf jecha worri Dooriifi Gadaa osoo
baallii wolta hin kennin dura gaalee xixxiixaa muranii muka lamaan gidduutti hidhanii namaafi
sa'aan kan jala hulluuqaniidha. Sababni isaas, worri Doorii kaayyoofi faroon hamtuun faana
isaanii dhufee hojii isaan gara fuula duraatti hojjatan akka harkatti hin balleessineefi worrootni
Gadaa immoo kaayyoofi faroo hamtuun yeroo bulchiinsa isaanii ture, isaan gula akka hin
deemneef farra baafataniidha.

B. Dhibaayyuu

Worrootni Doorii dhadhaafi aannan itittuu ciicoo guutuu muka dhibaayyuutti dhibaasan. Sababni
isaas, Gadaan dhufu gadaa quufaa gabbinnaa, kan misaafi mirgaa akka ta'uuf waaqa
kadhachuudhaaf jila raawwatamudha. (Maddi: Gammadaa Adulaa 19/8/2012fi Marii garee
5/9/2012).

4.4.1.2 Jila Haaganaa Galchiinsaa


Jilli kun abbaan Gadaa osoo baallii hin kennin dura haaganaa deemee iddoo kaadho yookiin
haroo sutamee Gannaalee jedhamutti galcha. Abbaan Gadaa yoo haaganaa galchuudhaaf deemu
makkala, faga, hayyuufi miseensa isaa akkasumas, namoota balbala torba bakka bu'an qabatee
deema. Yeroo deeman makkali wontee woraanaa, uchummeefi kutaa dhedheeraa leemmaa
lamaan harkatti qabatee deema. Akkuma achi gahaniin muka odaa haaganaa itti massan bira

34
gahaniin fagi muka waaccuu jedhamu jala "taa'aa" jedhee ajaja. Sanaan booda abbaan gadaa
uchummee irbee ibidda bobeessee korma qalee dhiiga kallachaan qabatee " kallacha na jabeessi,
jadduu na baasi!" jedhanii namni achi jiru hundi dhiiga qabatanii erga xumuraniin booda injichaa
baasanii namootni hundi walduraa duubaan keeyyataa " Nageeyi! Nageyi! Nageyaan gadoomtee
nageyaan baatomi!, akka gadaa nageyaa teete baatuu nageyaa te'i! " jedhee wolta eebbisaa
injicha wolta keeyan.

Itti aansanii korma qalanii moora ilaalanii erga xumuraniin booda eebbisaa moora morma abbaa
gadaatti keeyan. Erga qalanii xumuraniin booda ummata naannoo waliin nyaatanii yeruma sana
fixan. Erga foon hunda nyaatanii xumuraniin booda qeexaluu eegalan. Namni qeexala dhahu
abbaa gadaafi makkala yoo ta'u warri kuun immoo jalaa shookkisanii qaban. Yeroo qeexalan "
Ilma abbaan bobbaasee! dhageettaa hobbaasee! Gadabitti qajeelee! Baatomuu kajeelee! jedhee
qeexaluun aangoo yookiin baalii karaa dimookiraatawaa guutuu ta'een kennuu fedhuu isaa
qeexalaan mirkaneessa. Sanaan booda waaccuu jalaa ka'anii cadheessan gara muka odaatti
deeman. Erga odaa jala gahaniin booda makkali kutaa harkaa qabuun odaa tuttuqee " kaan
ulfaataa maree massee, kaan gabalaa kiyyaan maree massee" jedhee waan harkaa qabu kaan
massee jila xumuranii gara Me'ee Bokkootti duri Fuutootti baallii kennuuf deemu. ( Maddi:
Adoolaa Me'ee 22/8/2012).

4.4.2 Fakkoommiiwwaan Yeroo Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsaa


gaggeeffaman Mul’atan

4.4.2.1 Sirna Mijuu Waliif Kennuu


Sirni mijuu yookiin guutuu waliif kennuu Kun Oromoo Gujii biratti yeroo waleebbisan wantoota
dhugaman aannaniifi damma irraa hojjataman meeshaalee aadaatiin guutee wal eebbisaa waliif
Kenna. Kanaaf guyyaa abbootiin gadaa baallii waliif kennan abbaan Gadaa duraa, haadha bollaa
isaatiin mijuu warra baallii fuudhatuuf dhufeef qopheseeru "fuudhi" jedheenii hojiiwwan bara
Gadaa isaa keessatti osoo hin hojjatamin hafaniifi dhimmoota nama dhuunfaa hafan itti kennee
akkana jechuun mijuu isaaniif qopheesse kennaafii baallii eebbisaaf. Jalqaba "Hoo'o! mi'ii gadaa
tiyyaatii" jedhee ciicoo aannan mi'iin guuteen itti kenna; abbaan Gada'aa haaranille "Gadaa tiyya
mi'aawi!" jedhee irraa fudhata. Itti aansee "Hoo'o itittuu gadaa tiyyaa!" jedhee mijuu aannan
itittuun guuteen kennaaf; Abbaan Gadaa haaraan "sa'aa namaan ititi!" jedhee irraa fudhata. Itti
aansee "Hoo'o areera gadaa tiyyaa!" jedhee ciico'oon areera kennaaf,abbaan murtii haaraa
35
"kormi sii areeru!" jedhee irraa fudhata. Dhuma irratt, "Hoo'o daraaraa gadaa tiyyaa!" jedhee
daadhii bookaa qoriin guutee yoo itti kennu, abbaa Gadaa haaraan "Gadaa tiyya daraari!" jedhee
akkuma mijuu aannanii walduraa duubaan irraa fuudheen afaaniin qabee miseensa yaa'a isaatti
dabarsaa sooratu. ( Maddi marii garee 5/08/2012fi Gannaalee Me'ee 21/08/2012)ti.

4.4.2.2 Muudaa
Muudaan yeroo garagaraa hawaasa Oromoo keessatti kan raawwatuufi dhugeeffannoo adda
addaaf dhimma itti bahamudha. Innis yeroo sirni Gadaa ballii walharka fuudhan, yeroo sirni
gaa’ilaa raawwatu, sirna Ateetee keessattiifi yeroo ijoolleen abbaafi haadha isaanii kaayyoo
adda addaatiif eebbisiifatan keessatti muudaan nigaggeeffama. Akka maddeen irraa
odeeffannoon argame agarsiisutti, muudaan gaafa yeroo baalliin waliif dabarfamu warri baallii
kennu kan baallii fuudhuuf taasisuudha. Yeroo muuddaan raawwatanis waan jedhan qabu. Innis,
eebbistan itti qabaa, abaartan itti qabaa, ilaaltan cabsaa, woyyuu ta'aa, karaa baatanii galtan
hundatti milka'aa jechuun muudu. Kunis barri dhufu bara nagaafi badhaadhinnaa isaanii akka
ta’u agarsiisuuf raawwatama. (Maddi marii garee 5/08/ 2012 fi Adoolaa Me'ee 22/ 08/2012ti)

4.4.3 Fakkoommiiwwaan Sirna Baallii Walharkaa Fuudhiinsaatiin Booda Mul’atan


4.4.3.1 Dhaamsa Xumuraa Baallii kennameen Booda taasifamu
Maanguddoonni marii gareerratti akka jedhanitti, abbaan Gadaa duraanii baallii erga abbaa
murtiitiif kenneen booda akkaataa kanatti aanuun dhaamsa dhaameefi jilicha xumura. An
tanaan bulchee, atis tanaan bulchi!, An asiin gahee, atis kolbaa tana achiin gahi!, An iticheera,
atis itichii kolbaa tana bulchi! jechuun Ardaalee Jilaa dhibba sadiifi jahaatamaa(360) olii hunda
itti himee, an karaa santi godaanee qalee, atis karaa santi godaanii qali! jedhee dhaamsa
dabarsaaf. Abbaan Gada'aa baallii fuudhe nagaya dhaamatee galmaa keessa gara alaatti bahee,
miseensota isaa woliin iddoo hawaasni bal'aan jirutti wal duraa duubaan farda odolcha isaa
fidatee dhufe sana irra koruuf abbaan Gadaa Uraagaa, Maattiifi Hookkuu akkuma angafaafi
maandhaatiin walduraa isaanii eeganii abbaan Gadaa Uraagaa jalqabaaf yeroo sadiin itti
aggaamee yeroo arfaffaa irratti yaabbatanii 'Gadaa! Gadaa! Gadaa! Gadaan Gadaa misaati!
Gadaan Gadaa quufaati! jedhanii dhaadataa, fardaan garmaamaa gara qachaa isaanii deebi'anii
yaa'a isaanii waliin qalatanii eebbifatan". (Maddi marii garee 5/08/2012fi Adoolaa Me'ee
22/08/2012ti).

36
BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO
Boqonnaan kun cuunfaa, argannoofi yaboo yookaan akka yaada furmaataatti rakkoolee
qorannicha keessatti mul'ataniifi jajjabeeffaman irratti xiyyeeffata.

5.1. Cuunfaa
Qorannoon kun xiinxala sirna baallii walharkaa fuudhuu Oromoo Gujii aanaa Annaa Sorraarratti
xiyyeeffachuun kan adeemsifamedha. Kaayyoon qorannoo kanaas raawwii sirna baallii
walharkaa fuudhiinsaa xiinxaluun adeemsi raawwii sirnichaa akkamitti akka gaggeeffamu,
firiiwwan yeroo sirni kun raawwatamu calaqqisan xiinxaluun ibsuudha. Qabiyyeen boqonnaa
duraa keessatti seenduubee, ka'umsa, kaayyoo, barbaachisummaa, daangaa, hanqina,
qindoominaafi ibsi naannoo qorannichaa dhiyaachuun ibsameera. Boqonnaa itti aanu keessatti
sakatta'a barruu walfakkii, hiika sirna gadaafi baallii waliif dabarsuu qabatee qorannoo walfakkii
qorannichi dhimma itti bahe dhiyaateera. Qorataan qorannoo Kanaas mala qorannoo akkamtaatti
fayyadameera. Qoratichiis mala kana fayyadamuun mala qorannoo ibsaa hojii irra oolcheera.
Gaaffilee qorannoo boqonnaa tokko keessatti ka'an deebisuuf maloota funaansa ragaalee
afgaaffiifi marii gareedhaan argame walitti qabamee boqonnaa afur keessatti qaacceffameera.
Adeemsi raawwii sirna baallii walharkaa fuudhiinsaa qophii duraa, yerooo raawwiifi raawwiin
booda sirna baallii waliif dabarsuu keessatti akkaataa raawwiin sirnichaa walduraa duubaan
isaanii eeganii kan ilaalamanidha. Wantoota haalduree raawwii sirna kanaan dura adeemsifaman
sadarkaa 4ffaa Doorii irraa eegaluun, sadarkaa 5ffaa Gadaa keessatti darbanii baallii kennuuf,
akkasumas qophiileen jala gahanii raawwataman kanneen akka meeshaalee sirnichi ittiin
gaggeeffamu qopheeffachuu irraa kaasee hanga baallii fudhatanii gabalaa ofiitti galan kan
jirudha. Adeemsa kana hordofuun bu’aan/argannoon qorannoo kanaan argaman/bira
gahamanii: Baalliin bulchiinsa sirna Gadaa keessatti aangoon qaama ummata bulchaa tureefi
turtii waggaa saddeet saddeetiin duuba baallii waliif dabarsuu irratti abbaan Gadaa biyya
bulchaa tureefi abbaa murtii ykn qaamni aangoo isarraa fuudhuuf kaadhimameef aannan qodaa
torbaa, daraaraa fi mijuu adda addaa qopheessuun mufii tokko malee jaalalaafi karaa
dimookiraatawaa sirrii ta'een wal eebbisanii aangoo ykn baallii waliif kennu. Walumaagalatti,
sirni baallii walharkaa fuudhiinsaa kanaafi fakkoommii sirnicharratti raawwatu hundi hariiroo
hawaasaa, diinagdeefi falaasama hawaasichaa guddisuuf, duudhaa hawaasaa kunuunsuuf gahee
olaanaa waan qabuuf, osoo qaamni fedhii dhimma kana qorachuuf qabu, waajjirri Aadaafi

37
Turiziimii, qorattoonni aadaafi hayyoonni garagaraa gadfageenyaan qoratanii bifa barreeffamaan
taa’ee gaarii ta’a.

5.2. Argannoo
Adeemsa raawwii sirna baallii walharkaa fuudhiinsa Oromoo Gujii aanaa Annaa Sorraa irratti
xiyyeeffachuun ragaaleen odeeffattootaafi maddeen garagaraa irraa argaman walitti qabamee
boqonnaa afur keessatti qaacceffameera. Erga qaaccessi kun adeemsifameen booda yaadni akka
argannootti qoratichaan bira gahame bifa qabxiileen yemmuu ta'an akka armaan gadiitti
tarreeffamaniiru.

 Gadaan sirna bulchiinsa jiruufi jireenya ummata Oromoo Gujii biratti, mootummaa
ummataan filatamee ummataaf hojjataa tureefi ammas hojjataa jiru ta'uu isaati.
 Sirna Gadaa Oromoo Gujii biratti baallii jechuun aangoo yookiin bulchiinsa qaamni
tokko ummata bulchuuf gama aadaa isaatiin ummataan filamee ummata bulchuuf kan itti
kennamu ta'uu manguddoonniifi barreessitoonni adda addaa ni addeessu.
 Baalliin bulchiinsa sirna Gadaa keessatti aangoon qaama ummata bulchaa tureefi turtii
waggaa saddeet saddeetiin duuba baallii waliif dabarsuu irratti abbaan Gadaa biyya
bulchaa tureefi abbaa murtii ykn qaamni aangoo isarraa fuudhuuf kaadhimameef aannan
qodaa torbaa, daraaraa fi mijuu adda addaa qopheessuun mufii tokko malee jaalalaafi
karaa dimookiraatawaa sirrii ta'een waleebbisanii aangoo ykn baallii waliif kennu.
 Jilli baallii walharkaa fuudhuu sirna Gadaa Oromoo Gujii bara xumura Gadaafi jalqaba
bara Gadaa itti aanutti ji'a Gujiin ittiin lakkaawataa ture Arraasaa yookiin kan biyyaattiin
ittiin lakkaa'attu Amajjii keessaa kan gaggeeffamu ta'uu isaafi kaayyoon jilichaa karaa
nagaafi dimokiraasiitiin aangoo waliif dabarsuu isaati.
 Sirna Gadaa Oromoo Gujii keessatti dhaloonni namaa hundi akkaataa umrii isaaniitiin
Sirna Gadaa keessatti qooda fudhachuu danda'uu isaati.
 Gujiitti Ardaan Jilaa Me'ee Bokkoo bakka heerri uummata Oromoo Gujii Gumii itti
taa'ee seera ilmaafi intalaa, seera aadaa ittiin bulmaata ummatichaa, seera yakkoota adda
addaa raawwatamanii, seera gumichaa (yaa'ichaa), seera gaalaafi gaangeetiin ala seera
qabeenya uumamaa hundaafi kan kana fakkaataniif seera tumee, lallabee kan
raawwachiisu danda'uu isaati.

38
 Gogeessi tokko umrii Gadaa isaa xumuree gogeessa itti aanuuf yeroo dabarsu waggaa
saddeet saddeet xumuree baallii waliif dabarsaa kan tureefi ammas dabarsaa kan jiru
ta'ee, sirna Gadaa Gujii keessatti Abbaan Gadaa tokko bara baallii isaa keessatti aangoo
qabatee ardaalee Gujiin itti qachisaa ture hundaatti yoo hin qachisneefi yakka adda addaa
(waan aadaan dhoorkitu) hojjatee yoo argame baalliin isaa waggaa saddeet osoo hin
xumurin harkaa fuudhamee qaama biraatiin bakka buufama.

5.3 Yaboo
Sirna Gadaa Gujii keessatti rakkoolee mul'ataniifi hanqinoota jiraniif yaada furmaataa ta'uu
malan qaamota dhimmichi ilaallatu hundaaf akka armaan gadiitti dhihaatee jira.

 Haalli ijaarsa bulchiinsa sirna Gadaa Oromoo Gujii gaariidha; isa kana akkaataa sirnichi
duri ittiin gaggeeffamaa ture, osoo qabiyyee isaa irraa hin hir'isiniifi dabalin qaamni
kamiyyuu xiyyeeffannoo itti kennee, hubatee dhalootaa dhalootatti dabarsuu qaba.
 Dargaggoonniifi hawaasni bal'aan oromoo bulchiinsa sirna Gadaatiin bulaa jiran sirnicha
sirriitti osoo gadfageenyaan beekanii gaariidha.
 Abbootiin Gadaa Sirna Gadaa Gujii haala adeemsa baallii itti walii dabarsaniifi
maalummaa sirnichaa osoo ummata keessa gadi bu'anii sirriitti ummata barsiisanii
gaariidha.
 Waajjirri aadaafi tuuriziimii aanaafi godinaas hojii qorannoo adda addaa hojjachuun
barreeffamaan, suur-sagaleen woraabee osoo kaa'eefi akka hawaasa bal'aa biratti
beekkamuuf dokumantii fiilmii hojjachuun madda turiziimiif akka itti oolu osoo
mijeessee gaariidha.
 Gama aadaan kun faayidaan isaa ol aanaa ta'uun cinatti, dhaloota haaraa dhufuuf akkuma
jirutti dabarsuuf qorannoon gadi fageenyaafi bal'ina qabu akkasumaas, meeshaalee
ammayyaatiin deeggaramee osoo hojjatamee waraqaa qorannoo afaan adda addaatiin
qophaa'ee manneen barnootaafi waltajjiin addatti isaaf qophaa'ee osoo irratti dhiyaateefi
bifa barruutiin ummataaf raabsamee.
 Barreessitoonni kitaaba waa'ee sirna Gadaa irratti barreessaa jiran, osoo kan sirna Gadaa
Gujii irrattis baay'inaan kitaabilee hedduu barreessanii ummataan gahanii, hubannoo
ummataa cimsanii gaariidha. Keessattuu seerota Gumii Bokkootti tumamee jiru kan
sadarkaa afoolaatti hafee jiru osoo gara kitaabaatti deebisuun barreessanii gaariidha.

39
 Sirna Gadaa ilaalchisee wanti ammaaf haalaan rakkisaa ta'ee mulate akkaataa raawwii
isaarratti namoonni baayeen dhimma amantiin walqabatee keessatti hirmaatanii
qabatamaan shaakaluuf sodaachuu isaaniiti. Furmaanni kanaas, karaalee hariiroo
hawaasummaa garagaraa, miidiyaalee mootummaa, dhaabbilee barnootaafi bakkuma
jiranitti sabboonummaa dhugaa barsiisuun uummatichi akka sirna isaa hin
balaaleffanneefi itti jiraachuu danda'anirratti dalaguudha.
 Seenaa Oromoon ittiin diinasaa injifate kana xiinxaluurraa ka'ee ilmi Oromoo kamuu
dhimmoota adda addaatiin walqabsiisee sababeessuu dhiisee sirna Gadaa abbaasaa
cimsee dhiibbaa kamiyyuu irraa eeguu qaba.
 Seenaa guddaa ummata Oromoo sadarkaa addunyaatti beeksise kana saayinsii fi
teknooloojii wajjiin deemna jedhanii aadaa abbaa biraa garana harkisuu dhiisanii waan
sirna Gadaa Oromoo calaqqisiisuu danda'u taasisuun aadichaaf murteessaadha.
 Hawaasni aanaa kanaas aadaa kana sirriitti qabee kunuunsee dhalootaa dhalootatti
dabarsuu qaba. Walumaagalatti, qorannoo akkasii gadfageenyaan yoo gaggeeffame
hawaasa Aanaa kanaafi hawaasa Oromoo qofa osoo hintaane akka biyyaatti bu’aa isaa
ifa baasuun namoonni akka itti fayyadaman gochuun gaariidha. Kanaaf qaamni dhimmi
ilaalu nama dhuunfaa irraa kaasee hanga dhaabbilee gurguddoo kan akka yuunivarsiitiifi
dhaabbilee miti mootummaatti qorannoolee kanaafi kan biroo hojjetaman keessa
deebi’uun ilaaluun irra caalaatti hojiirra yoo oolchan gaarii ta’a.

40
Wabiilee
Abiy Zegeye and etal . (2015). Introduction to Research Method. Preparatory module for
Addis Ababa University Graduate Programmes Graduate Stadudies and Research office:AAU.

Addunyaa Barkeessaa. (2011). Akkamtaa:Yaadrimee Qorannoo Hujoo. Finfinnee:


Oromiyaa.

Alamaayyoo Hayilee (1998:5). Sirna Gadaa Siyaasa Oromoo Tuulamaa.Maxxansa 1ffaa.

Finfinnee :Biraannaa Selam Printing Press

Alamuu yaadasaa (2012).Duudhaa Oromoo .Finfinnee:Mana Maxxansaa Alfaa

Cress Well,J.W(2007:37).Design.Qualitative And Mixed Methods Research Approaches

(2nded) Sage Puplication inc.s

Dambee Turceefi kaawwan.(2008).Baallii 74ffaa.WATGG.

Dastaa Dassaalenyi. (2001:19).Bu'uura Qorannoo.Finfinnee:Mana Maxxansaa Boolee.

Dirribii Damissee.(2012:210). Ilaalcha Oromoo. Barroo Aadaa, Seenaafi Amantaa

Oromoo.Finfinnee:Mana Maxxnsaa Finfinee

Goldsten, S.Keneth.(`1964:104).A Guide for Fieldworkers infolklore. Pennsylvania: Gale


Research Company.

Hiikaa Faqqadaa fi Alamituu Olii.(2010).Seensa Afoolaa Sagantaa Barnoota Fagoo.

Yuunivarsiitii Jimmaa.

Isheetuu Irranaa.(2001:80).Ye Oromo Taarik kexint iska 1890 wochuu. Finfinnee: Dhaabbata
Maxxansa Daldaa PLC...

41
Kallacha Oromiyaa. (1998:5). Aadaa Sirna Walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Oromoo

Gujii74ffaa Me'ee Bokkootti.Lakk.19. Finfinnee: Berhanena Selam Printing Enterprise.

Katz , J . J . (1972:5-6) . Semantic Theory. New York : Harper and Row.

Leellisaa Zamaduu.(2015:103).Hubannoo Oromoof.Sirna Gadaa, Amantiifi Seenaa

Oromoo.Finfinnee: Oromiyaa.

Mortan, A. (1975:15). Rethinking and Symbolism. Combridge: Combridge University press

Muhammad Sayid.(2004). Seenaafi Qabsoo Oromootaa. HY International printer.

Janjam Uddeessaa fi Dhaddachaa Gololchaa.(2011:66).The Geda Democratic

Pluralism. Relaprintig press:Addis Ababa,Ethiopia.

Todorov , T. (1982:18) .Symbolims and Interpretation. Ithaca , N , Y : Conell University Press.

Turner ,V.(1969:11).Forms of Symbolic Action in R . F . Spencer Forms of Symbolic Action ,

Warqinaa Abbaa Soorii (2008:20-23). Sirna Gadaa. Finfinnee.p.p. Finfinnee.

42
Dabaleewwan
Dabalee A

Yuunivarsiitii Bulee Horaa

Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa Fi Namummaatti, Muummee Afaan Oromoofi Og-Barruu

Kabajamtoota odeef-kennitoota

Kaayyoon af-gaaffiin kun barbaachiseef mata duree qorannoo xiinxala raawwii sirna baallii
walharkaa fuudhiinsa Oromoo Gujii Aanaa Annaa Sorraa jedhu irratti; maalummaa sirna Gadaafi
adeemsa raawwii sirna baallii waliif kennuu sirna gadaa keessatti raawwataman xiinxaluudha.
Isinis, galma gainsa qorannoo kanaaf gaaffilee waa'ee adeemsa baallii walharkaa fuudhuu
ilaalchisuun beekumsaafi muuxannoo qabdan irraa yoo naaf qooddan bu'aa qorannoo kanaatti
akka waliin itti gammannu abdachaa kabaja guddaa waliin isin gaafadha.

Odeeffannoo seen-duubee odeefkennitootaa

Maqaa _________________ Saala_____Umurii____Ganda_________Hojii________

Gaaffiiwwan karaa af-gaaffiitiin maanguddootaaf dhiyaatan:

1. Sirna Gadaa jechuun maal jechuudha? ibsa itti kenni!


2. Goggeessi ( baalliin) sirna Gadaa keessatti maal jedhamu? isaaniis eenyu fa'a?
3. Baalliin adeemsa akkamii keessa darbee walharkaa fuudhama?
4. Oromoo Gujii biratti baalliin yeroo kamiifi eessatti walharkaa fuudhama?
5. Wantootni sirna baallii walharkaa fuudhiinsaaf barbaachisan maali fa'a?

43
Dabalee B
Yuunivarsiitii Bulee Horaa

Kolleejjii Saayinsii HawaasaaFi Namummaatti Muummee Afaan Oromoofi Og-Barruu

Mariii Garee Xiyyeeffannoo

Duraan dursee gaaffileen kun qorannoo ulaagaa digirii jalqabaa ittiin guuttachuuf kan qorataa
gargaaru ta'uu isaa isin beeksisa. Deebii naaf kennuuf fedhii qabaachuufi eeyyamamoo ta'uu
keessaniif guddaa galatoomaa. Gaaffileen marii gareetiif maanguddotaaf dhiyaatan kunneenis:

1. Sirni Gadaa maali?


2. Sirna Gadaa keessatti baallii jechuun maal jechuudha? adeemsa akkamii keessa darbee
raawwatama?
3. Yoomessi baallii walharkaa fuudhuu maalfakkaata?
4. Hirmaattonni yeroo baallii walharkaa fuudhamuu eenyu fa'a?

44
Dabalee C
Ragaa manguddootaafi beektota ragaa kennanii

T.L Maqaa Saala Umurii Ganda Gahee Hojii

1. Miidhagaa Netee Dhi 50 Solooloo Qobboo Abbaan Gadaa


Maattii

2. Gammadaa Adulaa Dhi 85 Qilleensoo Baabbichoo Yuuba

3. Uddeessaa Xulii Dhi 75 Me'ee Malkaa Galmaa Maanguddoo

4. Yonaas Birree Dhi 28 Me'ee 01 Ogeessa WAT

5. Gannaalee Me'ee Dhi 63 Malkaa Diimtuu Jaldhaaba

6. Caaccuu Mokkonnaa Dhi 58 Me'ee 01 Manguddoo

7. Adoolaa Me'ee Dhi 65 Malkaa Diimtuu Hayyuu

8. Taaddasaa Baqqalaa Dhi 34 Me'ee 01 Barsiisaa

9. Waaqoo Adulaa Dhi 64 Malkaa Diimtuu Hayyuu

10. Gadaan Guyyee Dhi 32 Malkaa Diimtuu Kaadhimamaa

45
46

You might also like