MOA-Nutrition Sensitive Agriculture Strategy Ethiopia-2016 2023 (

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 98

Qonna sirna nyaataa irratti xiyyeefate

(Nutrition Sensitive Agriculture)


Leenjii Ogeessa Misooma Beeyladaatiif

Oromia
Bureau of
Agriculture
Qopheessitoonni:
 Kababuush Damee (Ogeetti N/S/Nyaataa)
 Tirfeessaa Leellisaa(Ogeessa K/S/Nyaataa)
 Magarsaa Dhaabaa(Qorataa K/S/Nyaataa) Caamsaa, 2015
Baatuu, Oromiyaa
Qabiyyee Leenjii
1. Seensa
2. Kaayyoo
3. Galma
4. Yaadrimee sirna nyaata
5. Sirna nyaataa sirrii hintaaneefi akaakuu isaanii
6. Garee Nyaataa
7. Walitti dhufeenya qonnaafi sirna nyaataa
8. Sirna Nyaataa fooyyessuuf mala qonna sirna nyaataa irratti
xiyyeeffate
9. Bishaan, qunqullina dhuunfaafi naannoo fi sirna nyaataa
10. Qindoomina seektaraalee sirna nyaataaf
11. Carraafi hudhaalee qonna sirna nyaataa irratti xiyyeeffate
1. Seensa
Jireenyi uummata biyya keenyaa (%85 ol) qonna irratti kan xiyyeeffatee dha.

 Qonni kun immoo oomishaa fi oomishtummaa dabaluu qofa irratti kan xiyeeffate waan
ta’eef, ummani hedduun rakkoo sirna nyaataa sirrii hin taaneef saaxilamoo ta’anii jiru.

 Akkasumas sababa siyaasaa, manca'iina qabeenya uumamaa fi jijjiirama qileensaan


rakkoon sirna nyaataa sirrii hin taanee mul’achaa jira.

 Kanaaf, ummanni baay'een rakkoo wabii nyaataa fi sirna nyaataa yeroo dheeraa fi
gabaabaan miidhamaa jira.

 Wagoottan darban gidduugaleessan yeroo ilaalamu ummanni miiliyoona shanii ol,


keessattuu uummanni baadiyyaa, rakkoon hanqina nyaataa muudateera.

 Kanaaf, q/b’n qonna sirna nyaataa irratti xiyyeeffateen(QSX) oomishuu fi nyaachuu


qaba.
2. Kaayyoo Leenjichaa
Dhuma leenjii kanaatti hirmaatonni :-
1. Yaad-rimee sirna nyaata dhala namaa,
2. Walitti dhufeenya qonnaa fi sirna nyaataa,
3. Garee nyaataa,
4. Sirna nyaataa fooyyeessuuf maloota(furmaata) QSX.,
5. Bishaan, qunqullina dhuunfaafi naannoo fi sirna nyaataafi
6. Qindoomina seektaraalee fi sirna nyaataa maal akka ta’an adda
baasani ni hubatu, itti faayadamu akkasumas ni barsiisu
3. Galma
 Nyaanni gosa adda addaa, qulqulluu, dhangaan badhaadhoo fi
faalama irraa bilisa ta’e:
Baay’inaan akka jiraatu(available),
Argamuu(access),
Namni hundi gatii madaalawaan bitachuu akka danda’u
(affordability) fi
Itti fayyadamni itti fufinsaan akka jiraatu fi babbal’atu taasisuun
 Daa’immanii fi haadholee irratti xiyyeeffachuun haala sirna
nyaataa uummataa fooyyessuun rakkoo sirna nyaataa sirrii
hin taanee dhabamsiisuun oomishaa fi oomishtuummaa
dabaluun guddina biyyaa keessatti gumaacha taasisuu.
4. Yaadrimee Sirna Nyaataa
• Sirna nyaataa:- Saayinsii waa’ee nyaataa fi walitti dhufeenya nyaataa
fi fayyaa gidduu jiru qoratuudha.

• Nyaata:- Biqiiltu fi beeylada irraa kan argannu ta'ee, kan nyaatamu


ykn kan dhugamufi amantaa, aadaafi safuu uummata kan eeggatedha.

• Dhangaa :- Qabiyyee nyaata keessaa kan lubbu qabeeyyiin guddinaa


fi jiraachuuf itti fayyadamaniidha.

• Hamma dhangaa qaamni barbaadu (Nutritional requirements):-


hamma dhangaalee adda addaa qaamni keenya hojii isaa fayyummaa
fi dammaqinaan hojjechuuf barbaaduu ta’ee saala, umurii, dha.
4. Yaadrimee Sirna Nyaataa…
Dhangaalee(Nutrients)

Gurguddoo/Macro Xixxiqqaa/Micro

1. Karboohaydireeti
2. Pirootinii 1. Vaayitaaminii
3. Cooma/Zayitii 2. Albuudoota
4. Bishaan
Hundi isaanii guyyaa guyaatti nu barbaachisu
Akkasuumas walqixa fayyaa keenyaaf nu barbaachisu
Hammi barbaachisan garuu wal caalu
4. Yaadrimee Sirna Nyaataa…
• Haala sirna nyaataa(nutritional status)
4. Yaadrimee Sirna Nyaataa…
4. Yaadrimee Sirna Nyaataa…
• Nyaatan of danda’uu?
• Wabii nyaataa?
• Wabii sirna nyaataa?
 Wabi Nyaataa: Haawaasni hundi yeroo hunda, iddoo hundattifi
dinagdeedhaan of danda’ee; nyaata gahaa fi nyaata madaalamaa
qaamaaf barbachisu argate itti fayadamuudhaan oomishtummaa
isaa kan guddisuu fi fayyaa buleessa kan ta’ee uumuun yoo
danda’ameedha.
4. Yaadrimee Sirna Nyaataa…
 Wabii Nyaataa Utubaalee 4n Pillars of food security
1. Availability refers to the physical existence of food.
ibsamu – Crop production
– Stock & Trade
2. Access is ensured when all households have enough resources to
1. Jiraachu, obtain food in sufficient quantity, quality and diversity for a
nutritious diet.
– Income
– Price
2. Argachuu, – Markets
– Food distribution etc.
3. Utilization refers to
– The socio-economic aspects of household food
3. Itti fayadamuu fi and nutrition security, determined by knowledge
and habits
– Biological utilization[healthy environment, food
preparation, processing
4. Itti fufinsi nyaata argachu dhan
4. Stability
– Refers to stability for access to food
4. Yaadrimee Sirna Nyaataa…
 Wabi Sirna Nyaataa:
Wabiin nyaataa mirkanaa’e, naannoon qulqulinna
qabaatee, tajaajjilli fayyaa fi qabiinsi jiraate fayyaan
namaa eegamee, hojii isaa sirritti akka hojjetu yoo
taasise dha (Committee on world Food Security, 2012).
4. Yaadrimee Sirna Nyaataa…
Wabii nyaata fi sirna nyaataa sadarkaa maatitti
Haala sirna
nyaataa

Dandeettii
kunuunsa
6. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane fi Akaakuu Isaa
(Malnutrition and Its different forms)
Sirni nyaataa sirrii hin taane:-

a) Dhangaa hamma qaamni


barbaadamuu ol (Over Nutrition)
fi

b) Dhangaa hanga qaamni barbaaduu


gadi nyaachuun kan dhufudha
(Under nutrition)
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
a) Dhangaa hamma qaamni
barbaadamuu ol (Over Nutrition) :-.
• Dhangaa qaamni umurii, saala, hojii
guyyaa guyyaa, hojjaa, ulfaatina fi
fayyummaa irratti hundaa’uun hamma
barbaaduu ol nyaachuun dhufa

• Dhukkuboota kiroonikii fi daddarboo


hin taane kan akka dhibbaa dhiigaa,
sukkaara, kalee, furdina garmalee, fi
kaanseriif nama saaxila
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
b)Dhangaa hanga qaamni barbaaduu gadi fudhachuu(Under
nutrition
• -Nyaataa hanga qaamni keenya baay’inaa fi qulqulinaan (dhangaalee
gurguddoo fi xixiqqaa) barbaadu gadi fudhachuun dhufa.
• Dabalataanis dhibeewwan daddarboo yeroo yeroodhaan muudatu
irraa dhufa (EDHS 2016)
 Gosa hanqina nyaataan rakkoo uummamu(Forms of
undernutrition)
1. Qucarummaa(stunting)
2. Huuqqachuu(wasting)
3. Ulfaatina Xiqqaa(Underweight)
4. Hanqina dhangalee xixxiqqaa(poor micronutrient status)
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
1. Qucarummaa(stunting):-
Agarsiiftuu hir'iina nyaataa
madaalawwaa yeroo dheeraati.

 Hojjaan umuriif hin madaalle

 Sababa hir’ina soorata


hanniisaa fi dhangaalee
xixxiqaa fi dhukkuba yeroo
dheeraan ni muudata.
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
 Miidhaa quucarummaan sammuu irratti qabu

Seeli Sammuu fayyaa Seeli Sammuu quucare

 Kanaaf barnoota irraatti dorgomaa hin ta’an


 Qoteebulaan ijoollummaatti quucare oomisha irraatti dadhabaa ta’a
 Dhukkuboota waan akka dhiibbaa dhiigaa, sukaaraa fi borcii baasuu
danda’a
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
2. Huuqqachuu (Wasting):- Huuqqachuun mallatto hir’ina
nyaataa yeroo gabaabaa keessatti mul’atu dha.
• Nyaata gahaa yeroo gabaabaaf argachuu dhabuufi
• Sababa dhukkuba battalaan ni mul’ata.
• Ulfaatinni hojjaaf yoo xiqqaa ta’e jechuudha. Wasting.jpg
3. Ulfaatina xiqqaa (Underweight)
 Ulfaatinni umuriif hin madaalle qabaachu.

 Sababa hir’ina nyaataa yeroo gababaafi yeroo dheeraan


mul’achuu ni danda’a. Underweight.jpg
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
4. Hir’ina dhangaalee xixxiqqaa
(poor micronutrients status)
 Hir’ina Ayoodinii
• Quufa Mormaa (Goitre)

 Hir’ina Ziinkii :-
 Quucarummaa
 Dhukkuba gogaa fi
 Garaa kaasaa
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…

Hir’ina Vaayitaamiin A (VAD)

Yeroo dimimmisaa’u arguu


dhabuu,

Dhukkuba gogaa,
jaamummaa fi kkf

Hir'ina albuudaa (iron)


• kan hir'ina dhiigaa (anaemia)
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
Ijooleen kun umuriin isaanii tokko
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
• Rakkoo sirna nyaataa sirrii hin taane kan dubbartootaa UD keessa jiranii
naannoofi iddoo jireenyaatiin
40 36
34 Underweight(<18.5)
35
30 28 28 Overweight/obese(≥25)
26
25 23 22
20 21 21
18 17 19
20 16 16 17
15
15 13 12
11 10 11 11 11
10 8 8 8
6
5
0

Maddi: FNS, Baseline survey, 2023


5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
Hanqina nyaataa Daa’imman waggaa <5 iddoo jireenyaatiin
Quucarummaa
Magaalaa
Baadiyyaa

Huuqachuu
Magaalaa
Baadiyyaa

Sirna nyaataa sirrii hin taane Magaalaa


Baadiyyaa

Maddi: FNS, Baseline survey, 2023


5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
 Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane haala salphaan
akkamitti beeku dandeenyaa?
BMI/Body Mass Index/=wt/ht²) Ulfaatina/(Dheerina)²
• Ulfaatina=94kg
• Dheerina= 1.78m
BMI=94/(1.78X1.78)= 94/3.1684=29.67
Gosti isaa
BMI< 18.5=Ulfaatina xiqqaa
BMI=18.5-24.9 Ulfaatina Sirrii nama tokkoo
BMI ≥ 25 Ulfaatina hanga barbaadamuu ol
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
Ka’umsa sirna nyaataa sirrii hin taanee(Akka UNICEF) ibsutti

Sababa battalaa

26
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
Miidhaa sirna nyaataa sirrii hin taanee
 Miidhaa yeroo gabaabaa :-Daa’imman dhukkubaa fi du’aaf
akka saaxilaman taasisa.
 Miidhaa yeroo dheeraa
 Guddina sammuu, dandeetti barumsaa yeroo ijoollummaa fi
dandeettii hojii yeroo ga’eeessuumma irratti miidhaa guddaa
geessisa.
 Daa’imman yeroo dhalatan ulfaatina xiqqaa qaban , yeroo
ga’eessummaatti dhukkuboota hamoo kanneen akka dhibee
sukkaaraa fi onneef saaxilamoodha. 27
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…

Miidhaa sirna nyaataa sirrii hin taanee…


 Hanqinni nyaataa yeroo ulfaa fayyaa fi guddina
da’immaanii irraatti dhiibbaa guddaa qaba.

 Daa’immaan quucaran ga’eessa gabaabatti guddachuuf


saaxilamoodha.

 Quucarummaan dubartoota immoo daa’ima ulfaatina xiqqaa


qabu dahuuf saaxila. 28
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
Miidhaa sirna nyaataa sirrii hin taanee…
 Kanaafuu,
1. Haadholii ulfaa,
2. Haadholii harma
hoosisaniifi
3. DW2 gadii ta’an qaamolee
dursii kennamuu fi
tarkanfilleen sirna nyaataa
irratti hojjetamu qabudha.
29
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
• Baasii sababa sirna nyaataa sirrii hintaanee
 Itoophiyaan sababa sirna nyaataa sirrii hintaaneen waggaatti Qr.
biliyoona 55.5 baasii dhabdi / GDP 16.5 / EDHS 2005/2011
 Ga’eessonni % 67 ta’an yeroo daa'imuummaa quucarummaan isaan
muudateera.
 Duutii daa'imanii %28 biyya keenyaa sirna nyaataa sirrii hintaaneen
wajjin walqabata.
 Barattootaa sadarkaa tokkoffaatti kutaa tokko irra deddeebi'an %16
quucarummma wajjin wal qabata.
 Humna hojjiitti bobba'uu danda'u % 8’n hir'isa.
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
Baasii --

ETB
55.5
Billion/
USD
4.7 B

31
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
 Haala itti hir’ataa jiru
120
Stunting
100 51
Under weight
44
80 38 37 Wasting
39
60
33


29
40 23 21 22

20 12 10 11
10 7
0 0
2005 2011 2016 2019 2023 2030
• Madda: National food and nutrition strategy baseline survey, 2023
5. Sirna Nyaataa Sirrii Hintaane…
Regions Stunting (%) Wasting (%) Under weight Stunting
Mini EDHS, 2019 NFNS- BLS Mini EDHS 2019 NFN- BLS Mini EDHS 2019 Low< 20 %
2023 2023 Medium: 20 – 29 %
Addis Ababa Low (13.9%) 16% Acceptable (2.3 %) 4% Low (4.7 %)
Very high (43.0%) 42% Serious (13.9%) 26% Very high (31.7 High: 30- 39 %
Afar
%)
Very high ≥ 40
Amahara Very high (41.3%) 40% Poor (7.6 %) 15% High (26.7 %)
Benishangul-Gumuz Very high (40.8%) 42% Poor (6.1%) 9% Vey high (31.4%)
Medium (25.4%) 35% Poor (5.8%) 14% Medium 15.2 %
Wasting
Dire dawa
Gambella Low (17.6%) 23% Serious (12.5%) 15% Low 8.1% Acceptable < 5

Harari High (34.7%) 34% Acceptable (4.2%) 9% Medium18.9 %


Poor: 5 – 9 %
Oromia High (35.6%) 41% Acceptable (4.7%) 9% Medium 16.1 %
Critical ≥ 15
SNNP High (36.3%) 40% Poor (6.3%) 10% High 19.7 %

Ethiopian-Somali High (30.5%) 38% Poor (6.1%) 17% Very high 31.7% Serious: 9- 15 %

Tigiray Very High (48.7%) - Poor (9.2 %) - Very high 30.4%

National average Maddi: WHO 1995


High (36.8%) 39% Serious (7.2%) 11% High 21.3
2025 GNT < 40 % < 5% Optional
5/30/2023 33
Cut-off values PHS < 20% <5% < 10 %
6. Garee Nyaataa(Food Groups)

• Nyaatni gareetti
akkamitti
qoodama?
• Garee nyaataa
meeqa beektu?
• Nyaanni tokko
qofti dhangaaleen
kan guutuu ta’e
jiraa?
6. Garee Nyaataa…
• Nyaanni(bu’aa biqiloota fi beeyladaa) dhangaalee gara
garaa walcaala qabu (nutrients abundance)
• Nyaanni hamma dhangaa qaamni barbaadu namni
nyaachuu qabu irratti hunda’uun garee gara garaatti
qoodamu
Fkn 1. Garee nyaata daa’immanii (garee nyaataa 7)
2. Garee nyaata haadholii (garee nyaataa 10)
3. Garee nyaataa diinagdee gahaan argamu (garee nyaataa 14)
Akkaataa FAO tti garee nyaataa bakka 6tti qoodamu
6. Garee Nyaataa…
1. Midhaan idilee : Midhaan biilaa, agadaa, hiddaa fi
tubarii (tubers)
• Madda annisaati
2. Midhaan dheedhii fi Ochooloonii (nuts):
• Madda nyaata pirootiinii (guddinaaf, qaama ijaaruu fi
wal’anuuf)
• Ocholonii, atoboonsituu, baaqelaa, atara, shumburaa,
misira, gaayyoo, maashoo (mungbean), boloqqee fi
kkf.
3. Bu'aa beeyladaa:
• Madda pirootinii, Coomaa, Vitaaminootaa fi
Albudootaati.
• Guddinaa fi fayyaa daa'immaniif baay'ee
barbaachiisoo dha.
6. Garee Nyaataa…
Bu'aa beeyladaa:
• Nyaanni beeyladoota irraa argaman madda albudootaa,
vaayitaaminootaa, amiinoo asiidii fi faatii asiidii
barbaachisooti.

• Madda dhangaalee xixxiqqoo biqiloota irraa hin


argamneeti

• Hangi xiqqoon nyaata beeyladoota irraa argaman nyaata


biqiloota irraa argamanitti yoo dabalaman xuuxamni
dhangaalee nyaataa keessaa ni dabala( nutrient adequacy)
6. Garee Nyaataa…
Bu'aa beeyladaa:
• Nyaanni beeyladoota irraa argaman garee saaxilamoo ta’an sirna
nyaataa sirrii hin taanee irraa ittisuuf baay’ee
mijataadha/filatamaadha.

• Nyaanni bu’aa beeyladaa irraa argaman (fkn, iron and zinc) gara
qaamatti xuuxamuu kan biqilootaa ni caala (exhibit greater
bioavailability than those from plant sources)
6. Garee Nyaataa…
Gosoota nyaata bu’aa beeyladaa gurguddoo
I. bu’aa lukkuu
• Bu’aan lukkuu (Killee fi foon)madda:
 Qulqullina pirootiniin ni dursa (leading
source of high quality protein )
 Albudaa fi vitaaminootati
(vitaaminii A, D, E, K fi gosoota vitaaminii B)
6. Garee Nyaataa…
Gosoota nyaata bu’aa beeyladaa gurguddoo…
2. Aananii fi bu’aa aananii
• Itoophiyaa keessatti oomishni fi itti fayyadamni
aananii baay’ee gad aanadha.
• Per capita consumption of milk in the Ethiopia is as low.
• Aannan kompaawundoota baayolojikaalaa si’awoo
faayidaa fiiziyoolojikaalaa fi bayochemikaalaa qabaniin
badhaadhodha.Milk contains biologically active
compounds, which have important for physiological and
biochemical functions
• Aannan kaalsiyeemii, magniiziyeemii, seleniyeemii,
rebofilaavinii, vitaaminii B12 fi B5 (pentonik asiidii) of
keessaa qaba.
6. Garee Nyaataa…
Gosoota nyaata bu’aa beeyladaa gurguddoo…
3. Foon
• Madda Pirootiniiti, ayiranii,
zinkii, vitaaminii A fi vitaaminii B
hedduuti
• Amiinoo asiidonni foon keessatti
argaman kan midhaani fi
kuduraalee keessatti argaman
guutuu taasisu.
6. Garee Nyaataa…
Gosoota nyaata bu’aa beeyladaa gurguddoo…
3. Foon
6. Garee Nyaataa…
Gosoota nyaata bu’aa beeyladaa gurguddoo…
4. Qurxummii fi bu’aa qurxummii
• Qurxummiin sirna nyaataa keessatti
faayidaa olaanaa qaba.
• Madda dhangaalee barbaachisoo kan
akka omega-3 faatii asiidii, ayoodinii,
vitaaminiiD fi kaalsiyemiti.
• Madda Ayoodinii waan ta’eef quufa
mormaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa
qaba.
6. Garee Nyaataa…
4. Kuduraalee: Kuduraalee baala magariisaa, halluu keelloo fi
burtukaanaa qaban haammata.
 Madda vaayitaaminii, albuudaa, qaacaa(fiber)fi bishaaniti.
5. Muduraalee
 Madda kaarbohayidireetii, vaayitaaminii, albudootaa fi
bishaaniiti.
6. Coomaa/Zayitaa: biqiltuu fi beeylada irraa argama.
 Madda humnaa dabalataa, faatii asiidii fi Vaayitaamiinoota
cooma keessatti bulbulamaniti.
6. Garee Nyaataa…

5%

15 %

30 %

50 %
6. Garee Nyaataa…
Waqtii nyaataa naannoo
Food Group Type Ful Onk Sad Mud Amaj Gur Bito Ebil Cams wax adole Hag

Nyaatawwan idilee Xaafii


Garbuu
Daaguusaa
mishingaa
Baqolo
Qamaddi
Midhaan dheedhii Misiraa
Baaqeelaa
Ocholonii
shumburaa
kuduraalee Raafuu/ salaaxaa/
Qosxaa
Dabaaqula/buqqe
e
Mixaaxeesa bifa
keello,Moosee
Gosota nyaata Aakkakuu ful onk sad mud ama bito gura Ebi Caa WaX Ad Ha
ji l m ol g

Ckaarotii

Animal foods killee

Aannan
Foon
Qurxummii
Fruits Muuzii
Maango
Burtukaanaa
Pappayaa
zayituna
Avocado

Zayitii/midhaan
zayitaa
7. Walitti Dhufeenya Qonnaa Fi Sirna Nyaataa
o Dhiibba qonni sirna nyaataa
irratti qabu maali?

o Sirni nyaataa hoo qonna irratti


dhiibbaa maalii qaba?
7. Walitti Dhufeenya Qonnaa Fi Sirna Nyaataa…
Karaalee qonni sirna nyaataa irratti dhiibbaa fidu
(impact path way)

49
Sirna nyaataa biyya keenyaa
fooyyessuuf qonni keenya maali
irratti xiyyeefachuu qaba?
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala Qonna
Sirna Nyaataa Irratti xiyyeeffate (MQSX)

Nutrition Sensitive Agriculture Intervention approaches for improved nutrition


8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX
Furmaata/Mala Qonna Sirna Nyaataa irratti xiyyeeffatee
Furmaata1ffaa:- Oomisha gosa adda addaa oomishuu fi
nyaachuu
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Nyaata Gosa adda addaa(Diet Diversity)
• Nyaata gosa adda addaa:- safartuu Aanaa Harannaa buluq
hamma nyaataa ykn gartuu nyaataa yeroo
murtaa’e keessatti nyaatamuu ti.
• Nyaata gosa adda addaa nyaachuu
dhabuun rakkoo ijoo biyyaa keenyati.
• Nyaanni uummata biyya keenyaa irra
caalaa nyaata idilee irratti xiyyeeffata.
• Hir'ina nyaata bu'aa beey'iladaa,
kuduraalee fi muduraalee qaba.
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
 % oomishaa midhaani Itoophiyaa Nyaata gosa adda addaa dubbartootaa umurii
da’umsaa keessa jiranii naannoofi iddoo jireenyaatiin

• Madda: National food and nutrition strategy baseline survey, 2023 54


8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Maloonni nyaata gosa adda addaa oomishuu fi itti
fayyadamuuf gargaaran maal faadha?
I. Qonna qindaawaa/walmakaa gaggeessuu (integrated)
II. Nyaata dhangaaleen badhaadhoo irratti xiyyeffachuun
keessumatuu qonna man duubee babal’isuu
III. Beelada xixxiqaa horsiisuu
IV. Hojiiwwan Galii argamsiisan adda addaa: kannisa
horsiisuu, misooma hungudee,qurxummii, daldala fikkf
55
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…

Furmaata 2: Heddumina lubbu


qabeeyyii (Bio-diversity )

56
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Maloota Hedumina lubbu qabeeyyii ittiin kunuunsinu

 Heddumina lubbu qabeeyyii fi sanyii(genetic), gosa


midhaanii dhangaan badhaadhe, dhukkuba fi jijjiirama
qilleensaa dandamatu irratti xiyyeefachuu fi kunuunsuu
 Sagantaan Misooma Qonnaa(ADP) kunuunsa fi eegumsa
heddumina lubbu qabeeyyii irratti xiyyeefachuun sirna
nyaataa fooyya’aa mirkaneessuun barbaachisaa dha.

57
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Furmaata 3ffaa: Kurfeessa-
bayooloojiikalawwaa (Biofortification)
 Dhangaa itti dabaluun:- Adeemsa midhaan
diqaalomsuun dhangaa dabaluun faayidaa
sirna nyaataa isaanii foyyeessuti.
 Nyaata idilee harka qalleeyyiin nyaatamu
irratti vitaaminii ykn albuda dabaluu dha.
 Dhangaa dabaluun tarsiimoo bu’a qabeessa fi
itti fufiinsa qabu.
 Diqaalomsuun oomisha osoo
hin hir’isiin dhangaa dabala
58
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Maloota Dhangaa midhaanitti ittiin badhaadhu
1. Diqaalomsuun(convetional plant breeding)
2. Yeroo facaasaa/kunuunsaa
 Xaa’oo dhangalee xixxiqqoon badhaadhe karaa biyyoo ykn
baalaa itti dabaluu.
3. Karaa Nyaata Beeyiladaa:
 Nyaata beeyiladaarraa argaman(foon, aannan fi killee)
nyaata beeyiladaarratti dhangaa barbaadame dabaluun
badhadhuu danda’a 59
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Hojimaata Qonnaa gaarii fi Qulqullina nyaataa
Furmaataa 4ffaa:
(GAP and FS)

Sassabuu Kurfeessuu Rabsuu, Gurgurtaa


fi Kurfeessu samsuu fi
jalqabaa fi Jimlaa Fi
Oomisha 2ffaa
Geejibuu kuusuu qabiinsa Qinxaabboo

60
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Qulqullina /fayyummaa nyaataa
 Qulqullinni /nageenyummaan nyaataa
/Food safety/ nyaanni erga
nyaatamee/qophaa’e itti
fayyadamtoota (nama fi beeylada)
irratti miidhaa kan hin geessine ta’uu
agarsiisa.

61
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Rakkoon fayyummaa nyaata faallamee irraa karaa 3’n dhufuu danda’a
Miidhaa Baaylojikaalaa Orgaanizimoota ijaan hin
mul’anne (Baakteeriyaa ,Vaayrasii, fangasii fi
maxxantuuwaan)
Miidhaa keemikaalaa:- Keemikaalli sirnaan hin
kuufamne, hinqabamne, hin fayyadamnee.Fkn xaa’oo,
farra ilbisaa
Miidhaa fiizikaalaa
Lafee fi birciqqoo caccabaa, pilaastikaa fi sibiilaa

62
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Madda faallama Nyaataa

Nama nyaata qabu


Meeshaa dheedhii
Haala qabiinsa nyaataa

Bishaan Nyaata Meeshaa ittiin samsan

Qilleensa

Beeyldaa fi Simbira
Biyyee Hantuuta Ilbiisota
Gataa fi xuraawaa dhangalaa
63
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
• Aflatooksinii:- Kaarsinoojinii “Asergillus flavus’ fi ‘Aspergillus
parasiticus molds’ jedhamaniin boqolloo, ocholonii , firii jirbii,
aanaanii fi kkf irratti uumamuu dha.

64
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Afilaatoksinii…
• Kaarsinoojiniin sirna madinnummaa miidha, qancarummaa fida

• Guddinaa fi oomishtummaa beeyiladaa ni hir’isa.

• Afilatoksiniin kanserii Tiruu fidu karaa nyaata beeyeladaa faalamee


bu’aa aannanii, foon yeroo nyaatamu fi kikkii, boqqoloo, ocholonii,
dhadhaa ocholoonii falamee fi kan fakaatuun dhufuu ni danda’a .

65
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Maloota hojimaata qonnaa gaarii itti babbal’isan
1. Mala qindaa’aa too’annoo ilbiisotaa hordofuu

2. Mala qindawaa itti faayyadama galteewwanii (haala sirrii ,hammaa


fi irra deddeebbii)

3. Kunuunsa qabeenya uumamaa (Conservation Agriculture) fi

4. Qabiinsa omishaa boodaa sirrii ta’e hordofuun hojjirra oola.

66
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Furmaataa 5ffaa
Qabiinsa nyaataa Sirna Nyaataa Fooyya’aaf /food handling practice /
 Qabiinsi nyaataa adeemsa oyruu irraa
kaasee hanga nyaanni nyaatamutti jiru hamata..
Qisaasama oomishaa :-
 qisaasama qabiyyee dhangaalee nyaataa,
dinagdee fi fayyummaa nyaataa ofkeessatti
hammata
67
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
 yeroo oomisha, oomisha boodaa, bifa jijiiruu, rabsamuu fi
sadarkaa itti fayyadamnutti mul’achuu danda’a(funcaa
qonnaa, beeyladaa, qurxummii ykn bosonaa keessatti)

 Ka’umsi qisasama omishaa nyaataaf ooluu dandeettii


dhiyeesitootaa, hanqina /qulqullina mana kuusaa, halaa itti
kuufamu, Haala nyaannni itti samsamu, Gabaa dhabuu,
68
amala itti fayyadamtootaa fi kkf.
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Maloota qabiinsa nyaataa:-
 Oomishni sadarkaa bilchinaa sirriitti sassaabamuu qaba
 Qabiinsa oomisha booda geejibaa fi loogistikii sirriin deeggaruu
 Maloota umurii nyaataa dheeressanii fi qulqullina nyaataa eegan
babbal’isuu
 Sirnaan bilcheessuu (garmalee bilcheessuu, gogsuu fi aduuf saaxiluu
dhiisuun) qabiyyee nyaataa eeguu
 Adeemsi midhaan dheedhii fi biilaa dhuubuu, biqilchuu fi
bukkeessuu qabiyee vitaaminii, albunni fi pirootinii qaaman akka
fudhataman gargaara.
69
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Furmaata 6ffaa:
Dubartoota gahoomsuu
 Akka qorannoon mul’isuu
qabeenyi fi galiin dubartootan
too’atamu sirna nyaataa irratti dhiibbaa gaarii qaba.
 Sababni isaas nyaata, barumsa, fayyaa fi kunuunsa maatii
irratti waan xiyyeeffataniifi.
70
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Wabii sirna nyaataa mirkaneessuuf dubartoota gahoomsuu

• Dubartooni qabeenya akka lafaa, galtee qonnaa, tajaajila


ekisteenshinii fi leenjii argachu isaanii mirkaneessuu.

• Teeknoolojii yeroo fi humna qusatan dhiyessuu

• Dhiirri hojii manaa fi kunuunsa da’immanii irraatti hirmaachuu

• Dubartoonni haala hojiirra oolmaa galii maatii irratti akka qooda


fudhatan taasisuu

• Dubaartooni barumsa isaanii akka fooyyeeffatan taasisuu


8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…

Furmaataa 7ffaa:
Sirna nyaataa fooyyessuf
galii maddisiisuu

72
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Qabxiilee dhiibbaa galiin sirna nyaataa irratti qabuuf
gumaachan
 Haala faca’insa galii maatii
 Odeeffannoo Sirna nyaataa
 Haala maatiin galii irratti waliin murtoo kennu
 Filannoo/ Aadaa/ nyaataa maatii

73
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Maloota galii madisiisuuf fayyadan
 Sona Dabaluu(kuduraa, muduraafi midhaan hiddaa) sadarkaa maatiitti

 Lukkuu mana ijaaranii keessatti horsiisuu

 Sanyii biqiltuu baay’isuu

 Hojii qonnaan alaa(suphee, daldala xixxiqqaa, hojii humnaa)

 Horii furdisuu fi loon aannanii horsiisuu

 Kuduraa, muduraa fi mi’eessituu oomishuu,


74
 kannisa fi qurxummii horsiisuu
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Furmaataa 8ffaa:
Sirna nyaataa fooyyessuuf walitti hidhaminsa gabaa
uumuu
 Gabaan baay’inni fi hanqinni oomishaa
akka wal madaalu gargaara.
 Iddoo babbal’inni magaalaa fi gabaatti
hirkachuun baay’atuutti daldala ija sirna
nyaataan ilaaluun sirni nyaataa hawaasaa
akka dabalu taasisa.

75
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Tooftaatalee:
 Oomisha qonnaaf walitti hidhamiinsa gabaa cimaa uumuu
 Namoota galii gad aaanaa qabaniif hojii galii argamsiisan
uumuun dandeettii bittaa guddisuu .
 Nyaanni hin badne hawaasaaf akka dhiyaatu sirnaan saamsu fi
geejibuu
 Nyaata dhangaan badhaadhoo gabaa naannoo keessatti
babbal’isuu
76
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Furmaata 9ffaa Eegumsa hawaasaa sirna nyaataa
irratti xiyyeeffate

77
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
 Seeftineetii fi eegumsi hawaasaa sirna nyaataa fooyyessuu fi sirna
nyaataa sirrii hin taane hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphata

 Sangantaaleen wabii nyaata hundinuu dhangaa nyaataa fooyyeesuuf


gahee qabu.

 Sagantaaleen eegumsa hawaasaa nyaata dhangaan badhaadhe hawaasni


akka argatu gargaaruun alatti qabeenya dhaabbataa akka argatan
taasisuun sirni nyaataa akka fooyya’u gargaara.

 Sirni eegumsa hawaasaa yeroon bocamee fi babbal’ate, Miidhaan balaa


78
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Furmaata:-
 Dhiyeessii nyaataa irratti dabalataan baruumsa sirna nyaataa
barsiisuu
 Inshuraansiin hawaasaa kan akka inshuraansii fayyaa, qilleensaa,
midhaanii fi beeyladaa, eegumsa haadholee fi inshuraansii qaxarrii,
qabeenya sirna nyaataaf gumaacha taasisu eeguuf gargaara.
 Waldaa wal gargaarsaa jajjabeessuu
 Bittaa naannoo babbal’isuu

79
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
Furmaata 10ffaa:
Barumsa jijjiirama amalaa

80
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
 Barumsi sirna nyaata barsiisuu fi jijjiirama amala
hawaasa fiduu fi bu’a qabeessa akka ta’uuf mala tokko
fayyadamuurraa maloota hedduu fayyadamuun gaari
dha.
 Qonnaan bulaan amala barbaadame irra deddebi’ee fi
itti fufiinsaan yoo shaakale bu’aan amala jijjiirraa inni
fidu olaanadha.
 Kanaaf, HMH irra deddeebiin qonnaan bulaa fi maatii
isaa yoo gorse jijjiiramni argamu faayida qabeessa ta’a.
81
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…

Tooftaalee jijjiiramni amalaa ittiin dhufu:-


1. Xiinxala qaawwaa Beekumsaa, ilaalchaa fi hojimaataa keessa
jirana adda baasuu
2. Filannoo garee xiyyeeffannoo, wantoota murteessoo fi
hojimaataa gaggeessuu
3. Rakkoo jijjiirama amalaa furuuf ,Furmaata amala jijjiirraa
mijataa ta’e babbal’isuu
4. Hanqinootaa adda baafateef Furmaata mijatuu qofa fayyadamuu
82
8. Sirna Nyaataa Fooyyessuuf Mala QSX…
9. Bishaan, qulqulina dhunfaa fi naannoo (WASH)
fi
Sirna Nyaataa
Bishaan,qulqulina dhuunfaa fi naannoo irraatti
xiyyeeffachuun maaliif barbaachise?
Ka’umsa sirna nyaataa sirrii hin taanee giddugaleessaa
keessaa tokko waan ta’eef
Bishaan, qulqullinni dhuunfaa fi naannoo karaa sadiin sirna
nyaataa miidhuu danda’u
1. Garaa Kaasaan
2. Raammolee maxxantuu mar’imaan keessatti argaman
3. Faalama naannoo
9. Bishaan, qulqulina dhunfaa fi naannoofi sirna
nyaataa…
 Coverage of water, sanitation and hygiene services by region, place or residence,
wealth and educational level in Ethiopia, March 2023
9. Bishaan, qulqulina dhunfaa fi naannoo (WASH) fi Sirna Nyaataa …

Kanaafu:-
 Tajaajilli qulquullina naannoo waliinii; fooyya’aan akka
jiraatu jajjabeessuu.
 Maddi bishaan qulqulluu akka jiraatu haala mijeessuu
 Uummanni ganda faalama bobbaa fi fincaanii irraa bilisa ta’e
akka uumu hojechuu.
 Harka yeroo hundaa sirriitti samuunaan akka dhiqatan
jajjabbeessu
 Nyaata qulqullina qabu fayyadamuuf, hojimaata qabiinsa
nyaata qulqulluu jajjabeessuu
 Qulqullina Madda bishaanii eeguu baay’ee barbaachisaadha
9. Bishaan, qulqulina dhunfaa fi naannoo (WASH) fi Sirna Nyaataa …
 Oomisha mana boroof maloota bishaan waggaa
guutuu ittin argamu
1.Jallisii Xixxiqqaa

2. Haroo Hawaasaa: .

3. Bishaan roobaa kuusuu:

4. Bishaan xuraawaa deebisanii fayyadamuu

5. Bishaan bool’aa
10. Qindoominna Sektaraalee Sirna Nyaataaf
 Qindoominni kaayyo tarsiima’aa walitti dhufeenya Sektaraalee
irratti xiyyeeffachuun Sirna Nyaataa foyyeesuuf gargaaru dha.
 Kaayyoon isaas tumsa seektaraale tiin; bu’aa sirna nyaataa
(nutritional impact) maatii sadarkaa qonnaan bulaati fiduudha.
 Ragaan akka agarsiisutti wantoonni fooyya’insa sirna nyaataa
hawaasaa gufachiisan ka’umsaa walxaxaa fi seektara addaa
addaatiin hojjetamuu isaati
Kanaaf, jijjiirama fiduuf:-
 Itti gaafatamummaa fi walqixa hojjechuu
 Qindoominaan hojjechuu
 Qooda fudhatoota hedduu waliin hojechuu
10. Qindoominna Sektaraalee…
Kominikeeshiinii
Hawwaasumaa Motumaa
NNPII signatories
Dargagoo fi
Bishaan Ispoortii

Ittisa Balaa
Daldala

Industrii MWD

Qonna Dubartoota,
Dargagoo fi
Daa’iman
Sirna
Fayyaa Nyaataa Barnoota
89
10. Qindoominna Sektaraalee…

Nutti kami?
10. Qindoominna Sektaraalee…
Sirna nyaataa irratti Jijjiirama fiduuf, akka itti gaafatamummaa
nurraa eegamuutti qindoominaan hojjechuu

91
10. Qindoominna Sektaraalee
10. Qindoominna Sektaraalee
Qindoomina seektaraale ciimsuuf Furmaatan
fudhatamuu qabu:
• Ajendaa taasisuu fi baajata sirna nyaataa tiif ramaduu
• Qindoominaan qorachu, rakko adda baasuu, deegaruu,
hordoofu fi raawwii sagantaa gamagamuu
•Tooftaa karooraa, bulchinsa, hordoofii fi gamagamaa
sagantaa SN foyyeesuu
• Humna baratte irratti ramaduu fi dandeetti dhaabilee cimsuu
• Muuxannoo gaggaarii qindeesuu fi dabarsuu
10. Qindoominna Sektaraalee
Gahee fi ittigaafatamuumaa Qonnaa
o Nyaata gosa addaa addaa wagga guutuu oomishuu
(sadarkaa maatitti nyaanni argamu, jiraachuu, itti
fayyadamni, itti fufinsaan akka jiraatu
o Sirna ekisteenshinii qonnaa ciimaa diriirsu
o Qabiinsa oomisha boodaa fi sona dabaluu
o Qonna sirna nyaataa irratti xiyyeeffate irratti hubannoo
uumuu
o Oomishaa fi itti fayyadama midhaanota dhangaan
badhaadhoo babbal’isuu
10. Qindoominna Sektaraalee…
Gahee fi itti gaafatamummaa HMH
• Teknoolojii qonnaa fooyya’aa ta’an qonnaan bulaa biraan gahuu fi
barsiisuu
• Teknoolojii haaraa beeksisuu(midhaan dhangaan badhaadhoo dabalatee)
• Muuxannoo gaggaarii, teknoolojii qoranoo qonnaa irraa bahanii fi qonna
sirna nyaataa irratti xiyyeeffate WLQB keessatti hojiin agarsiisa hojjechuu
• Dhiheessi galtee,oomisha fi itti fayyadama midhaanota dhangaan
badhaadhoo sadarkaa maatii fi hawaasatti deegaruu fi haala mijeessuu
• Qonnaan bulaan hojimaata qonna gaarii akka fayyadamu barsiisuu
• Sossochii hawaasaa fi hubannoo uumuu
• Seektaraalee sadarkaa gandaa jiran waliin qindoominaan hojjechuu
• Hojiilee diinagdee hawaasaa fooyyessan babbal’isuu fi haala mijeessuu
11. Carraawwaniifi Hudhaalee QSX
Carraawwan
• Sagantaa, immaamata fi tarsiimoo nyaataa fi sirna
nyaataa

• Qooda fudhatoonni (sekteraaleen mootummaafi miti-


mootummaa) adda addaa sirna nyaataa ajandaa
godhataniiru

• Haalli qilleensa naannoo oomisha gosa addaa addaa


oomishuuf mijatu jiraachuu
11. Carraawwaniifi Hudhaalee QSX
Hudhalee
• Hoogantoonni sadarkaan jiran hubannoo dhabuu irraa kan
ka’e xiyyeeffanaan sirna nyaataaf keennamu baay’ee gad
aanaa ta’uu.

• Hanqina humn namaa fi oggummaa.

• Rakkoo qindoominaa

• Hanqina baajataa
Walgargaarree Wabii Sirna Nyaataa
Mirkanneessun Lammii Badhaadhe haa guddisnu!

You might also like