Oromo Tell Them I Love Them Isaan Jaallachuukoo Itti Himaa 1
Oromo Tell Them I Love Them Isaan Jaallachuukoo Itti Himaa 1
Oromo Tell Them I Love Them Isaan Jaallachuukoo Itti Himaa 1
Seensa4
1. Waaqayyo si jaallata! 6
Kadhata Araraa 42
4
fayyadamtuuf dheebuu haaraa siif kenna jedheen amana. Macaafa
kana qalbeeffattee akka dubbistu, caaffatoota qulqullaa’oo akka
ittiin qorattuu fi fuulawwan kitaaba kanaa kan itti aanan irratti
wantota argitu akka itti yaaddu sin gorsa.
5
1
WAAQAYYO SI JAALLATA!
6
bara baraan si jaallata.
7
ilaale; “Akka agartuu ija keetti na eegi, gaaddisa bobaa keetiinis
na golboobi.” Akkanan jedhe, “Dubbii attam nama ajaa’ibuu dha!
Kana kan dubbate Waaqayyodhaam, ani agartuu ijaa Waaqayyooti.”
Yeroo dheeraaf hammuman kana yaadu nama addaa ta’uun koo
anatti dhaga’ama ture.
8
akkasumas Yesus gara abbaa isaa waan deemeef kana irra iyyuu
kan caalu si keessatti ni hojjeta. Kana ni amantaa? Waaqayyo akka
si jaallatuu fi siin hojjechuu akka barbaadu dhuguma ni amantaa?
9
Biyya lafaa kana irra kan jiraatan baay’ee kan xuraa’an, kan
ga’isanii fi cubbamoota fuula Yesusitti tufan, warra “Si wajjin
waan tokko hin qabu, gara si’olitti gad bu’uu koofis gammachuu
guddaatu natti dhaga’ama” jedhan illee Waaqayyo ni jaallata.
Egaa warra fo’atee fi warra tajaajila isaaf addaan baase attam hin
jaallatu ree?
10
2
11
hin hojjennetti duwwaa dha jennee yaadna. Namoonni baay’een
of simachuu dadhabu; kanaafuu Waaqayyo na hin jaallatu jechuun
dubbatu. Macaafni Qulqulluun garuu akkana jedha, “Akka ati
isa yaadattuuf namni maali?” (Faarfannaa 8:4). Nuti uumama
Waaqayyooti, kanaafuu waan nu jaallatuuf inni nu jaallata.
Sababni isaas innumti nu jaallachuu waan jaalla te qofaaf. Inni
jaalala dha (1 Yohaannis 4:16).
Yesus kan inni siif du’e gaarummaa kee fi tola keef sitti
fakkattaa moo yokiin waan si jaallatuuf? Macaafni Qulqulluun
akkuma jedhu Gooftaan Yesus siif kan du’e waan si jaallatuuf
yoo ta’e, dhiiga isaan erga qulqullooftee booda attam caalchisee
si hin jaallaturee? (Roomaa 5:8-9). Jaalala isaa irraa kan ka’e inni
cubbuu ati guyyaa guyyaatti hojjettu siif dhiisa. Inni yeroo kana
humnaa fi mo’ichaan akka ati guddattuuf si gargaara.
12
Dhugumatti fuullichi saamunaa fi bishaaniin uwwifameera.
Harmeen ishee wanta mucittiin goote yeroo argitu meeshaa ittiin
fuullee dhiqan isa qulqulluu fayyadamteetti garuu saamunaan
irraa hin baane; kanaan booda mucattiin gara hannee ishee dhuftee
sagalee ishee bareedaa sanaan, “Harme! Harme! Fuulleen siif
dhiqe. Sirriitti waanan qulqulle essef, harme sin jaalladha” jette.
Haati mucaa ishee jaallattu akkana jette, “Dhugumatti wanta
gaarii gooteetta; waan na gargaarteef sin galateeffadha.” Kana
booda mucattiin taphachuuf erga deemtee booda, wanta bade sana
erga qulqulleessitee booda gara fuula duraatti gaafachuudhaan
dogoggoora ishee akka sirreeffattuuf jajjabeessite.
Jireenya keenya keessattis Waaqayyo kan inni godhu kan
akkasii akka ta’e natti hime. Inni yeroo hundumaa xuraa’ummaa
keenyattii nu qulqulleessa. Wanta gochuu dandeessu tokko garaa
kee guutuu yoo raawwatte Waaqayyo wanti inni si irraa barbaadu
isa kana. Inni wanta gochuu hin dandeenye akka gootuuf si irraa
hin eegu. “Yaa. Waaqayyo! ati sirrii dha; ani garuu dogoggoreera;
yaaleen ture, garuu jijjiiruu hin dandeenye” kan jettu yoo ta’e si
jijjiiruu ni danda’a. Inni kana gochuu ni danda’a, sababni isaa
gargaarsa isaan alatti of jijjiiruu akka ati hin dandeenye ni beeka.
“Inni Waaqayyo isa erge dubbiidhuma Waaqayyoo in dubbata,
Waaqayyo hafuuricha safara malee in kenna’o. Abbaan ilma
isaa in jaallata, waan hundumaas harka isaatti kenneera.” -
Yohaannis 3:34-35.
Gaaf tokko otuun Macaafa Qulqulluu koo qayyabadhuu
Waaqayyo hafuura isaa safaree akka namaaf hin laanne yommuun
hubadhu gammachuudhaan nan iyye. Inni xiqqoo xiqqoo ishee
safaree hin kennu. Inni arjaadha, kan nut yaanneefi tilmaamne
olitti fi gaafanne olitti nuu kennuu danda’a. (Gara warra Efesoon
3:20)
13
Ittumaa akkana nuun jedha; “kunoo wantan qabu hundumaa
fudhadhaa.” Humnaa fi jaalala Waaqayyoo har’uma fudhachuu ni
dandeessa. Inni wanta si barbaachisu hundumaa ni qaba, gara isaa
dhuftee akka isa irraa fudhattu ni barbaada. Maaliif? Sababni isaa
waan si jaallatuuf. Fudhachuudhaaf nama ga’aa taatee argamuun
si hin barbaachisu, sababni isaa mataa kee nama ga’aa taasisuu
raawwattee hin dandeessu. Itti dabalees haxxee fi nama tooftaa
beeku ta’uun si hin barbaachisu. Waaqayyo waan si jaallatuuf siif
kenna.
14
keetiif kakate waan eeguu barbaadeef, irree jabaadhaan mana
garbummaa keessaa, harka fara’oon mootii Gibxii jalaas si fure.”
15
yaadachiisee nu ceepha’uun nu hammeessa. Kuni immoo firdii
dha.
Cubbuu fi gidiraa irraa bilisa akka ati hin taane, gara gadiitti
si awwaala, gaddaan akka ati guutamtu si taasisa. Nama hin
16
hadheeffamne ta’uuf ija jabina gaafata. Nama ija jabeessa ta’uu
qabda. Akkasumas amantiidhaan dhaabbachuu fi cubbuu kee
of irraa fageessuu qabda. Daabiloos akkas siin jechuu danda’a,
“Akkas yeroo jettu waan ta’etti homaa hin gaddu jechuu keetii?
Yoo xiqqaate yeroo muraasaaf gadduun siif ta’a ture. Dhugumatti
wanta hamaa gooteetta.” Ati garuu akkas jedhii deebisiif, “Hin
jiru homtuu natti hin dhaga’amu, waan ta’etti homaa hin gaddu.”
Jalqabatti akkas jedhanii dubbachuun ulfaataa dha, ta’u illee yeroo
sadii fi afur deddeebitee yoo dubbatte attamitti deebii kennuun
akka siif ta’u ni beekta.
17
3
18
qabu. Kun wanta guddaa waan biraan bakka hin buufamnee dha.
Kana argachuudhaafis waan biraa hunda dhiisuu gaafata.
19
fi Waaqayyo wajjin hariiroo itti gootu hin qabdu yoo ta’e hamma
malee hojiitti hidhamteetta jechuu dha. Yeroo fudhadhuu
Waaqayyoon akka jaallattu itti himi. Waan hundumtuu ni darba;
kan hin dabarre Waaqayyo duwwaa dha. Egaa isa wajjin hariiroo
hin qabdu yoo ta’e, isa wajjin hariiroo gochuuf xiqqoo yeroon
si jalaa darbeera ta’a. Ammas yeroo keetti fayyadamuudhaan
Yesusitti amantee mootummaa Waaqayyootti galuuf yeroo siif afte
keessatti gammachuu jireenya mo’ichaa keessa jiru shaakaluu ni
dandeessa.
20
Gooftaa; har’a bakkan deemu hundumaatti eebbaaf waan na
gootuuf sin galateeffadha. Yaa Waaqayyo; na jaallatta; na jaallatta;
mana koo kana keessa akkuman jirutti na jaallatta. Ani mucaa kee
isa addaati. Agartuu ijaa keeti. Ati na jaallatta!”
21
jaallachuun qaba” jennee yaadna. Ani akkan amanutti duraan
dursitee Waaqayyo akka si jaallatuuf isaaf heyyamuu qabda.
Waaqayyo akka si jaallatuuf hamma isaaf heyyamtutti jaalala
Waaqayyoof qabdu ibsuu ni dandeessa jedhee hin yaadu.
Macaafni Qulqulluun 1 Ergaa Yohaannis 4:19 irratti inni duraan
dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa jedba.
22
4
23
Yeroo tokko kutaa kana otuun dubbisuu Waaqayyo yaada
kootti waan guddaa tokko dubbachuu eegale. Amantiidhaan
deddeebi’uudhaaf yaalaan ture. Jireenya koo keessatti kallattii
hundumaanuu amantiidhaan deddeebi’uuf dhama’aan ture. Jecha
biraan ibsuuf hariiroon Waaqayyo wajjin qabu bu’uura godhadhee
amantiidhaan nan deddeebi’an ture. Kun maal jechuu akka ta’e
hubatteettaa? Ani qajeelaa miti jedhee namni yaadu amantiidhaan
deddeebi’uu akka qabu irraanfachuu ni danda’a. Utuma iyyuu ani
kan gatii hin qabne biyyoo dha; Waaqayyos na hin jaallatu jedhee
namni yaadu amantiidhaan deddeebi’uun akka isaaf ta’u dagachuu
ni danda’a. Namoonni hedduun amantiidhaan deddeebi’uuf ni
yaalu; haa ta’u malee yaada isaanii keessa wantonni kun hin jiran.
24
fudhachuuf baay’ee ulfaataa sitti hin ta’u. Akkasumas gaaffiin
dinagdee koo naaf guutaa laata jettee baay’ee hin dhiphattu.
Kan ati hin fudhanneef sababni isaa Waaqayyo akka siif kennu
guutummaan guutuutti waan hin amanneef. “Kana amanuun
barbaada; garuu attamittan amanuu danda’a?” jetta ta’a.
25
jaallattuuf hin hojjetu. Jalqaba irratti Waaqayyo akka si jaallatu
isaaf heyyami; isa booddee Waaqayyoon akkana jedhi; “Yaa
Waaqayyo; akka ati na jaallattu nan beeka. Haaleluuyyaa! Yaa
abbaa; sin galateeffadha, maqaa kee ol olan qaba.”
26
ta’uu isaa akka amannuuf inni amantii nuuf ni kenna.
27
5
28
amantii isa irratti qabdu yoo dhabde homaa si gargaaruu hin
danda’u. Waaqayyo akka si jaallatu hin beektu yoo ta’e isa irratti
amantii guutuu qabaachuu hin dandeessu. Hammeessuu, sodaa fi
gidiraa Daabiloos yoo fudhatte.
Waaqayyo hammam akka si jaallatu hin beektu. l Yohaannis
4:18 sagalee baay’ee jabaa tokko dubbata: “Jaalalli iddoo ga’e
sodaa of keessaa baasee in gata.” Kutaan Macaafa Qulqulluu kun
maal akka jedhu hubachuuf irra deddeebi’een yaadan ture; gaaf
tokko Waaqayyo akkana jedhee hafuura kootti dubbate; jaalalli
iddoo ga’ee sodaa gata; Waaqayyo immoo jaalala iddoo ga’ee
dha. Jaalalli iddoo ga’e kun siifis akka kenname yommuu hubattu,
biyya lafaa kana keessaa wanti ati sodaattu homtuu hin jiraatu.
Waaqayyo akka si jaallatu mul’ata dhuunfaa yoo qabaatte wanti si
sodaachisu jiraachuu hin qabu.
Waaqayyo akka si jaallatu yoo beekte nan kufa jettee
raawwattee hin sodaattu. Waaqayyotti kan amantu yoo ta’e hin
sodaattu. Kan ati kuftu yoo ofitti amante duwwaa dha. Waaqayyo
akka si jaallatu yoo beekte kufaatii hin sodaattu. Waaqayyo akka
si jaallatu yoo beekte mormii hin sodaattu.
Jaalalli Waaqayyoo baay’ee jabaa waan ta’eef waan hundumaa
ni dhoksa. Waaqni na fayyisee fi bilisa na baase na hammeessa
jettee yaaddaa? Seexana kan nama hammeessu. Waaqayyo
cubbuu jireenya kee keessa jiruuf si ceepha’ee karaa ittiin keessaa
baatu si argisiisa. Daabiloos garuu si hadheessee karaan ittiin
keessaa baatu hin jiru siin jedha. Macaafni Qulqulluun akkana
jedha: “Jaalala keessa sodaan hin jiru; jaalalli inni iddoo ga’e
sodaa gad baasee in gata; sodaan adabatti hidhamee waan jiruuf,
namni sodaatu jaalalli isaa iddoo hin geenye.” - 1Yohaannis 4:18
29
yokiin immoo nama tokko garaa kee irraa kan jaallattu yoo ta’e
sodaan jireenya kee keessaa baafamee gatama jechuu isaati jedhu.
Macaafni Qulqulluun garuu kan jedhu akkana miti.
Macaafni Qulqulluun kan jedhu Waaqayyo akka si jaallatu yoo
heyyamteef hin sodaattuu. Jireenya kee keessa sodaan akka bin
jiraanne yoo barbaadde Waaqayyo akka si jaallatuuf heyyamiif.
Amantiidhaan jaalala Waaqayyoo amma kana fudhadhu. Tarkaanfii
fudhadhu. Amantiidhaan deemiitii jaalala Waaqayyo siif qabu
hundumaa fudhadhu.
Jaalalli Waaqayyoo sodaa baasee akka gatu mul’ata ergan
argadhee booda jireenya koo keessatti hojii irra oolchuutu
ana irra ture. Yeroo tokko konkolaataan keenya miidhamtee
rakkinni guddaan nu mudate. Konkolaataa keenya suphisiisuuf
doolaara dhibba tokkoo hamma dhibba shanii nu gaafata; nuti
immoo horii hin qabnu turre. Kanaafuu cal jennee konkolaaticha
konkolaachisuu ittuma fufne.
Gaaf tokko ganama Waaqayyo akkana jedhee yaada garaa
kootti dubbate, “Yaa Jooyis guyyaa guutuu na jaalladhu; anis
akkan si jaalladhuuf naaf heyyami. Wanti gootu tokko illee hin
jiru. Dubartii amantii guddaa qabdu ta’uus si hin barbaachisu.
Guyyaa guutuu na jaalladhu anis akkan si jaalladhuuf naaf
heyyami. Akkan sijaalladhu carraa naf kenni!”
Mana koo keessatti wanta amantii koo jabeessu, wanta ulfina
Waaqayyoof ta’uu fi hariiroon isaa wajjin qabu wanta cimsun
hojjechaa ture. Isa booda akka tasaa sagalee abbaa manaa kootii
kutaa konkolaataa itti suphannu keessaan dhaga’e. Abbaan manaa
koo daqiiqaa 45 dura gara hojii deemee ture. Balbala banee
akkana naan jedhe, “konkolaataa keenya konkolaa chisuun hin
danda’amu; gara bakka itti suphamuu geessuu qabna.”
Balbalicha cufeen kolfuu eegale. Wantan itti yaadee godhe
30
miti. Wanta hafuura koo irraa maddee dha; akkasitti kolfuu kanan
danda’eef ganama akka Waaqayyo na jaallatu waanan taasiseef
akka ta’en arge. Waaqayyo akka si jaallatu taasisuun balballi
amantii si keessatti akka banamu godha. Callisee kolfuun eegale;
Kunis amantii jechuun ture.
Abirahaam kolfa amantii kolfe. Waaqayyo gara isaa dhufee
mucaa ilmaa akka inni godhatu yeroo itti hime Abirahaam na’ee
kolfe; akkana jedhes; “Ulfinni haa ta’u! Nan amana!” Saaraan
garuu kolfa shakkii fi kan amantiin keessa hin jirre kolfite;
Waaqayyos dogoggora ishee irraa ishee deebise; Abirahaamiin
garuu hin ceepbaane. Kolfi Abrahaam gammachuu guutuu ta’eef,
sababni isaa kolfa amantii ture.
Yeroo Daabiloos si mormuu fi wanti inni si irratti raawwachuuf
yaade hojii gowwaa fi kan kolfaa yommuu sitti ta’u Waaqa kee
haalaan waan beektuuf wanti si sodaachisu homtuu hin jiru;
amantiidhaan kolfi; Waaqayyo akka si jaallatu ni beekta. Innis
hir’ina kee hundumaa siif in guuta.
Konkolaataa keenya isa cabetti otuun kolfuu Waaqayyoo
sagalee suuta jedhuun yaada garaa kootti waan tokko dubbate;
wanti inni anatti dubbate baay’ee jabaa ture. Yeroo sadii
deddeebi’ee akkana naan jedhe, “Yaa Jooyis fuula koo kan jiraattu
akkanatti yoo ta’e raawwadhee si hin gaddisiisu.” Gaaddisa mana
kootii uree keessaan akka waan gad bu’eetti natti dhaga’ame.
“Raawwadhee si hin gaddisiisu. Raawwadhee si hin gaddisiisu.”
Waaqayyotti kan hirkattuu fi Waaqayyos akka si jaallatu kan
taasiftu akkasuma atis kan isa jaallattu yoo taate deemsi amantii
kee miidhagaa ta’a. Wanti si irraa eegamu Waaqayyo akka si
jaallatu kan taasisuu atis isa jaallachuu duwwaa dha; inni waan
hundumaa si dabarsa. Jaalalli Waaqayyo keessa keetti waan
hojjetuuf soda hundumaa gad baasee ni gata.
31
6
32
nama hin taanee nana natti guyyaasisuufi” jedhi.
33
ree? Sababii keetiif namoonni guyyaa guyyaatti nu keessaa in
ajjeefamu, akka hoolota qalamuuf jedhaniitti lakkaa‘amnee
jirra kan jedhu caafame jira. Waan nu irra ga‘e hundumaatti
garuu, karaa isa nu jaallatee mo‘icha guddaa in arganna. Duuni,
jireenyi, ergamoonni Waaqa irraa, warri bantii Waaqaa keessatti
aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti
dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda‘us, jaalala
Waaqayyotti gargar akka nu hin baafne ani beeka. Wanti ol ka’ee
jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas,
jaalala Waaqayyo isa karaa Gooftaa keenyaa Kiristoos Yesus
nuuf dhufettii, danda‘ee gargar nu hin baasu.” - Roomaa 8:35-39
Waaqayyo bilisa ba’uu kee jabeessee akka barbaadu siriitti hin
hubattu ta’a. Gammachuu dhabuu kee irraa kan ka’e Waaqayyo ni
gadda. Yeroo tokko tokko guyyaa guutuu haala hin taane keessa
oolta. Waa’ee guyyaa isa kamii akkan dubbadhu ni beektaa?
Adurree dhiitta; ijoollee keetti dheekkamta; olloota kee arrabsita;
amalli kee inni durii sitti dhufee fuulli kee dukkanaa’a. “Namni
tokko illee hojii ani hojjedhu hin galateeffatu” jechuun gungumta.
Maaliif akka ati akkas taatu naaf gala; anis haala akkanaa kana
keessa darbeera. Ijoolleen kee gara manaa yeroo dhufan “mana
barumsaa keessa sa’atii torba turuu mannaa maaliif sa’atii kudha
afur hin turan?” jettee dheekkamta.
34
Dhugumatti Waaqayyo akka si jaallatu yoo beekte; fayyina
argatta; dinagdee argatta; wanta si barbaachisu argatta. Maaliif?
Sababni isaa Waaqayyo si jaallata. Kanaafuu isa irratti hirkachuu
bari.
Seera Keessa Deebii 7:6 kutaan gara dhumaa isaa akkas jedha;
“Saba isaa akka isaaf taatuuf Waaqayyo kee Gooftichi si fo’ateera.”
Waaqayyo si waameera. Amma kana hojiin kee inni guddaan
maatii kee waliin mana keessa ta’uu ni danda’a; garuu Waaqayyo
si waameera. Waaqayyo akka siin hojjetu kan barbaaddu yoo
ta’e, Waaqayyo siin hojjechuu ni danda’a. Haa ta’u malee duraan
dursitee hundee kana hundeessuu qabda. Waaqayyo akka si
jaallatu beeki.
35
malee wanti ati barbaaddu wanta ulfina Waaqayyoof ta’u ta’uutu
irra jira. Kana jechuun hawwiin garaa keetii wanta warra kaaniif
barbaachisu isaaniif guutuu ta’uu qaba.
36
wajjin michuu ta’uuf yaaluunii fi warra qaama Kiristoos keessa
jiraniif eebba ta’uuf dhama’uun hojii kee guyyaa guyyaa siif haa
ta’u.
37
7
38
qabaa jirta. Yeroo hundumaa waa’ee keef miirri hin taane sitti
dhaga’amaa kan jiraattu yoo ta’e, akkasumas ofii kee kan of
hin jaallanne ittumaa iyyuu kan of jibbituu fi nama addaa akka
taate kan hin fudhanne yoo taate, karaa adda ta’een tajaajiluu
hin dandeessu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha; “Garaa isaa
keessatti kan yaadu akkasuma’o. (Fak 23:7). Kun kan argisiisu
ammayyuu akka Waaqayyo si jaallatu akka ati hin hubatiini dha.
Akka Waaqayyo si jaallatu hubachuun isa guddaadha.
39
gochuu hin dandeenye addunyaa kana irra hin jiru.
Waaqayyo rakkina keessa kee jiru yoo sitti argisiise oltee hin
buliin, humnaa fi mo’ichaan ka’iitii rakkinicha furuuf yaali. Kaatee
jaalala Waaqayyoo kan fudhattuu fi Daabiloos inni hamaan sun
gatii akka hin qabnee fi homaa dhimma akka ati hin baafne, isa
inni sitti dubbatu kan mormitu yoo ta’e, mo’ichaan deemaa jirta.
40
taasiftu dhiiftee gara boqonnaa isaatti galta.
41
KADHATA ARARAA
42
WAA’EE BARREESSITUU
KITAABICHAA
43