Atiyyuu Galatoomi!

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 110

Ebila 15/2023 Finfinnee Oromiyaa

1|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GALATA!

Gabaabaadhumatti; Galatni turee hin qabbanoofnee fi bulee


hin aloofne, Isa karaa hundumaa nama gargaaruu waaqa
uumaadhaaf hata'u!
Isaa gaditti namoonni waan gara garaatin cinakoo turtan
ulfaadha!

2|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
YAADANNOO
Ilmaan gaafa barriifi namni itti dabu; garbummaa fi roorroo
jibbanii, du'a filatanii, lubbuu tokkittii dabarsanii sabaafi
biyya isaaniitiif biyyee ta'aaniif yaadannoo bara baraa
hataatuf!

dubbisa gaarii!

3|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
URJII KEENYA(Hacaaluu Hundeessaa

Boonsaa)

Urjii Jechuun Kan namni beekuufi arguu danda'u garuu eenyu

iyyuu lakka'uu hindandeenyeedha. Urjiin lafarraa ol fagaattee

mataa gaarotaa irra dabartee lafa kana irraa waan oljedhe kamiin

irrayyuu caaltee, gubbaa gara samiitii asii gad ifashee gadi-

ibsiti .

Warroota gara Samiitii gaara Addunyaa Kanaatti achi gad ifan

keessa Kan ishee caalaa ifa Kennan Aduufi Ji'ii yoo jiraatan illee

Urjiin garuu hunda isaani waan ittin caaltu qabdi. innis; Ji'i tokko

qofatu jira. Aduunis tokko qofatu jira. garuu urjiin bay'inaan

kana hundumaa irra ni caalti!. namni lakkoofsa urjii lakkaa'ee

argateefi beekuu danda'ees hin argamne. Kanaaf urjiin wanta

Addunyaan Kun guutuun argu garuu Addunyaa Kana Keessaa

immoo kan lakka'ee fixe hin argamneedha. Urjiin beekamtuu

4|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
taatee, dandeettii ishee inni dhokataan lakkaa'amuu dadhabdeef

baay’inaafi wal fakkeenya isheetiifi.

KEENYA(OUR)

keenya Jechuun qabeenya dhuunfaa nama tokko kan

hintaaneedha. akkasumas wanti keenya jedhamu dhimma nama

tokko qofa galchu miti. Wanta keenya ta'e tokko eenyu illee kooti

jechuuni hin danda'u

KEENYAAN, akkuma baay’ina agarsiisu, humna baay’ees qaba.

Keenyaan diina anamooti.

Biyya lafa kana irratti hafuurri 'Keenya' Jedhu yookaan miirri

Keenya mana mootummaa, mana amantaa, dhaabbilee

garagaraafi Kanneen Kana fakkaatan keessa osoo jiraatee biyyi

lafaa Kun hanga ta'e nagaa guddaa ni qabaatti turte.

Keenya keessa...

5|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Kan kootu caalaa kan jedhu hinjiru. Kankee kufee kankoo haka'u

kanjedhu hinjiru. dhimma keeti kanjedhu hinjiru. Sababni isaa

dhimma waliiti waan ta'eef, Keenyaa keessa humna, Jaalala

guddaafi ulfaatina Kabajaa hamaatu Jira. Hammeenyi isaa immoo

kan fayyadu malee kan miidhu miti,…. himee fixuu hindanda'u.

URJII KEENYA = HACEE

Ani kanan dubbachaa jiru waa'ee Haceeti. maqaa isaa Isa tokko

"Urjii Keenya" kan jedhun fayyadamee malee

Namni hundinuu waa’ee Hacee beekuu qaba. Waan barri fidu

waan hinbeekneef, Haasawwaan isaa kun youtube online gara

garaa irraa waan baduu danda’uuf akkasuma illee keessumaa

kitaaba kana warra gurri isaanii duudaa ta’ee haasawwaa Hacee

dhaga’uu hin dandeenye garuu immoo dubbisuu danda’aaniifan

gumaacha.

Hacee = Urjii Keenya ati!. Utuu aduufi ji'i Jiranii Hacee maaliif

Urjiitti fakkeessite naan jechuu dandeessu; ani garuu sababan


6|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
qaba. innis; akkuma urjiin lakkaawwamee hin dhumne

OOLMAAN Haceen saba kana bira qabuu lakkawwamee hin

dhumu. lakkaawwamee waan dhumus hinfakkaatu. akkuma urjii

oolmaan isaa tokko lama qofa miti. akkuma urjiin gaaraafi

wantoota hedduu bira darbee garaa waaqaa jalaa gad ifuu,

dadhabbii Haceen Saba kana biraa qabu Waaqaa gaditti saba

Kanatti olka'ee kan muldhatuudha. Haceen Urjii Keenya miti kan

jettu yoo taate? ATI NAGAADHA?

Haceen Qul'aa Saba Kana Osoo Sabni Kun Ofirratti hin argiin

dursee argee kan dubbatuudha. Haceen bara sabni kun borii isaa

ilaalu dadhabe keessa ija ta'ee borii saba kanaa ilaalaafii goota

tureedha. Haceen "Sabni Kun Ofii isaatii wal ajjeesuu arguu

Caalaa du'a Wayya!" jedhe nama du'a filaateedha. Haceen waa'ee

ofii isaa dhiisee, "Ani Uummata Kiyyaaf Qaaliidha!" goota

jedheedha. Dhugaadhas yoomillee inni uummata isaatiif

qaaliidha.

7|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
SEENAA HACEE, JAALLEEWWANIIFI

ARTIISTOOTA KEENYA WARRA

FAKKAATTOOTA ISAA TA'AN GABABAATTI.

Hacaaluun magaalaa qabsoo Oromoo finiinsuun maqaan ishee

kan ka’u Ambootti, abbaasaa Hundeessaa Boonsaafi harmeesaa

Guddattuu Horaa irraa ALI Muddee 22, 1976 (ALA 1984) dhalate.

Ijoollummaatti hiriyoota isaa waliin hurufa Alaltuutti jabbileefi

loon tiksaa guddate. Barnoota isaas manneen barnootaa Oddoo

Liiban, Cariifi Mana Barnootaa sadarkaa lammaffaa fi

qophaa’inaa Ambootti barate. Weellisaa Daawitee Makonnon

fakkeenya isaa kan godhate Hacaaluun muuziqaan hiree

ganamaa isaa akka ta'e amana. ''Ijoollummaakooti kaasee afaan

gabii nan qabu, inuman sirba'' jedha.

8|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti jabbileefi loon tiksee

guddachuun isaa kennaa isaa akka cimsatu isa gargaareera.

Naannoo manneen barnootaafi hawwisoo keessatti sirbuu itti

fufe. Abbaan isaa Obbo Hundeessaa Boonsaa kana hinjaallanne;

Aaddee Guddattuu Horaan garuu gammadoo turan. ''Abbaankoo

doktoorummaafi piroofeeserummaa kana jaallata. Sirbituun

mana hin godhattu alalee taati'' jechuun dubbachuu isaanii BBCtti

himee ture. Hacaaluun Namoota hedduu biratti maqaan Amboo

gootummaadhaan ka'a. Gootummaa Amboo kanaafi hedduun

himameera, sirbameeras. Eeyyee dhuguma Amboon goota.

dhaloonni qe'ee sanaa bara dhufee darbuun walabummaafi

walqixxumaan akka jiraatuuf mormii keessatti lubbuu isaanii

dhabaniiru, qaama itti hir'ataniiru, dararama jabduu keessa

darbaniiru. Kanaaf immoo ragaan jiraataan tokko karchalleedha.

Karchallee Amboo namoonni baay’een gatii uummanni naannoo

sanaa baase 'Karchalleen'"Amboo haa dubbatu!" jechuun ibsu.

9|P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Kanumaafis ta'uun hin oolu Weellisaa Hacaaluun barataa

sadarkaa lammaffaa ta'ee wanti isa mudate jireenya isaa jijjiireera.

Umurii waggaa 17'n, A.L.I bara 1995 hanga 2000'tti karchallee

Amboo keessa murtee male shakkamuun qofa waggoota shaniif

akka hidhame dubbata. isaafi hiriyoonni isaa waggaa shan

guutuu wayita hidhamanitti murtee hin arganne ture - boodarra

garuu lakkii isin yakkamtoota miti jedhamuun bilisaan

gadhiifamuu danda’aniiru. Murtee tokkoofi badii malee ganna

shan mana adabaatti umurii ijoollummaasaan hidhamus, aariifi

haaloo kuufatee quba nyaachaa hin jiraanne - inumaatuu hidhaan

ijoollummaa na qoraase, daran nafayyade jechuun miidiyaalee

garagaraa irratti dubbateera.

''Akka barataa Oromoo tokkotti waanuma barataa Oromoorra

ga’uutu narra dhaqqabe. Kan biraa wanti haaraa hinjiru,'' jedha

sababa hidhameef yoo dubbatu. Haacaaluun yeroo Karchalee

Amboo keessa turetti hidhamtoota isa waliin turan, kanneen

10 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
barreessuufi dubbisuu hin dandeenyeef iriyootasaafi bulchiinsa

mana hidhaa waliin ta'uun barnoota ga'eessotaa jalqabsiisee

barsiisaa tureere.

Karchallee Amboon alatti Finfinnee dhufes torban tokko

maa'ikalaawii ture. Yeroo kana mara garuu abbaan isaa gaafa

dubbisuu dhufan, ''Jabaadhu gurbaa! hidhaan qoraasuma

dhiiraati!'' jedhuun ture. Sirbuu isaa jibbanis ijoollummaan

hidhaatti hamileen isaa caba jedhanii hedduu sodaatu turan,

innigaruu goota rakkoon hamilee cabsitu osoo hin taane qaalii

rakkoon akka warqeen ididdaan waadamtee faaya bareedduu

taatu sanatti hamilef onneensaa akkasumas dandeettiin isaa

qaramee bilchaatee mana adabaarraa ogeessa muuzikaaf abbaa

wallee afrikaa ta’uun hiikame. Isa dura Haceen sagaleedhaan

weellisuu malee walaloo fi yeedaloo barreessuu hin beeku ture.

Kanan bare mana adabaa sana keessatti. Albama jalqabaa keessaa

sirboota sagal achittin fixee bahe. walaloos yeedaloos barreesseen

11 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
jedha. Kana jechuun immoo mana adabaa sana keessatti onnee

xiiqiin guutamteen kaayyoosaa ganamaa sana milkeessuuf akka

ifaaje namatti agarsiisa.

Manni hidhaa Amboo Haacaaluuf mana barumsaa ture. Namoota

gurguddaarraa akka galaa galaafate yaada qaba. Akka abbaan

jedhanis qoraafameera. Artist Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii

29, 2020 (A.L.I Waxabajjii 22, 2012) guyyaa Wiixataa galgala toora

sa’a 3:30 irratti magaalaa Finfinnee, iddoo Kondominiyemii

Galaan jedhamutti rasaasaan rukutamee lubbuun isaa darbe.

Battala rukutametti gara wiirtuu yaalii Lebu Star Medical

geeffamus lubbuusaa baraaruun hindanda'amne. Achis qorannoo

reeffaaf gara hospitaala Qiddus Phaawuloositti geeffame halkan

achi turuun, ganama barii namoota kumaatamatti lakka’amaniin

marfamuun gara Ambootti imala eegale.

Boodarra Buraayyuu naannoo Keellaa jedhamurraa deebi’uun

Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti deebifame. Achiis

12 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
konkolaataan reeffa fe’ee ture waraana waliin tahuun gara

mooraa waraanaa Xoor Hayiloochitti fudhatanii, reeffi

heelikoptaraan gara Ambootti geeffame. Deeggartoonni

Haacaaluu garuu owwaachisaa magaalaa inni irratti sirbeefi

dhugaa seenaa oromoo, dhugaa gootota oromoo kanneen

Aduwaa irratti faranjii xaaliyaanii jilbeenfachisan kanneen akka

Gabayyoo Gurmuu, Balaay Zallaqaafaa kan dur hattoota seenaan

jajallataa ture kan itti ifa baase, akkasumas bara bulchiinsa

wayyaanee Galma Miliiniyemeetti "nuun miti Farda keenya ni

beeku bareechanii, guyyaa lolan Aduwaa gaafa Maqalee sanii"

jedhee wayyaaneef jala deemtotashee hollachiise sanatti Finfinnee

biyya abbaa isaatiitti, finfinnee Tufaa Munaatti akka awwaalamu

hawwiifi fedha deeggartoota Haacaaluu akkasumas fedha

uummata Oromoo bal’aa ture.

Harmeen isaa inni akkaan jaallatuufi maqaa isaaniin kakatu

akkasumas haati warraa isaa garuu magaalaa Ambootti akka

13 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
awwaalamu barbaadan. Waldura dhaabbannaa bakka awwaalchi

itti raawwatu qaba jedhame jidduutti lubbuun namaallee

darbeera. Geggeessaa Haacaaluuf baatee lubbuu ilmaan oromoo

meeqa bineensi namaa nyaate. Boodarra, reeffi gara Amboo

mootummaan erga geeffamee booda awwaalchi isaa gaafa

Kamisaa magaalaa Amboo Bataskaana Yesuusitti raawwate.

Walumaa galati hiccitiin du’a goota kanaa duuba jiru baay’ee

haalaan wal xaxaa fakkaata. Mootummaan qaama biraatti quba

qaba. Qaamni biraan mootummaatti quba qaba. Maalif du’eef

akkamiin ajjeefameen dhugaa hacaaluu hundessaa haga yoonaatti

jijim jedhee jira. Ilmi namaa ha callisu iiyyuu malee garuu waaqni

guddaan erga gaafa dhiigni Hacee dachee abbaa isaatii kana

irratti jigee kaasee biyyattiin kun nagaafi tasgabbii hin arganne,

raafamtee dhadhaa baatee dhamni isheellee raafamaa jira, dhugaa

dhiiga qulquluuttu ibidda itti qabsiisee kallattii mara irraan

gubee waadaa jira. Sanaf ta’u kanas garuu duuti Hacee tapha

14 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
kumaaraa fakkaata. isa ajjeesanii dirree siyaasaatiif dirree tapha

kubbaa miillaa waan mijeeffatan fakkaata.

Poolisiin mootummaa kanneen qondaaltota paartii mormituuttan

shakkee to’adhe kan jedhu keessaa tokko ‘humnaan reeffa gara

Finfinneetti deebisan’ kan jedhu jira. Poolisiin akka ibsetti

namoonni ajjeechaa isaan shakkaman sadii ajjeechaa raawwachuu

isaanii amananiiru. dhimmi isaaniifi shakkamtoota biroo

to’atamanii mana murtiitti ilaalamaa jira jedha. Kunis wal

rukutaadha.

Maatiin Haacaaluus dhimmicha itti dhiheenyaan hordofuuf akka

yaadan ibsaniiru; haata’u malee, sababni ajjeechaan isaa

raawwateef ammallee hin beekamne. Ajjeechaa isaa dura yeroo

gara garaatti kanneen itti dhaadachaa jiran akka jiran Haacaaluun

miidiyaalee gara garaa irratti dubbachaa tureera. dhimma kana

yoo ibsuus wantoota kana dura yeroo garaa garaatti magaalaa

Finfinnee keessatti isa qunname dubbata. Haacaaluun ija

15 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
maatiiti. kaaniif weellisaadha, kaaniif rogeessa dantaan

uummataa guddatee akka sagalee argatu hojjetudha. Abbaafi

haadha isaaf garuu bultiis ijaarratu maqaas horatu, ilmaadha -

ilma gudeedaati.

Haceen walumaagala obbolaa 9 qaba. Harmee isaaf mucaa 4ffaati.

ijoollummaa isaatii kaase goota, korma,’’ jedhu abbaan isaa Obbo

Hundeessaan.. ‘‘Mucaankoo dhalootuma isaan beekaadha,’’

jechuun isa jaju haati isaa Aadde Guddattuu. Abbaan isaa immoo

‘‘Oromoon maal jedha ennaa mammaaku ‘Korma bahu

gooranatti beeku’ jedha. Haacaaluun ennuma ijoollummaa isaatii

kormaayyuu,’’ jechuun isa ibsu. Obboleessisaa waggaa 4’n

Hacaaluu hangafu, Habtaamuunis ‘‘Hacaaluun gara-laafessa,

nama jaalata, jaalala namaa qaba,’’ jechuun ijoollummaa isaa

yaadata.

Harmee isaa Aadde Guddattuu Horaaf jaalala addaa akka qabu

Haacaaluun yeroo hedduu dubbateera. Yeroo kakatus isaanin

16 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
kakata. Harmee isaa caalsifata jechuudhaa? ‘‘Mucaankoo

anumaan kakata eenyun haa kakaturee?’’ jedhu harmeen isaa

sababa maqaa isaaniin kakatuuf yoo ibsan. Ijoollummaa isaatin

garuu jalaa dhukkubee yeroo dheeraaf akka waliin rakkatan

beekaamadha. ‘‘Qaamni isaa na jalaa mammadaa’ee waggaafi ji’a

shan akkatti bari’u barii isaas dhiha isaas hin beeku. Sanaan

hospitaala [Amboo] dhaqe,’’ jechuun yaadatu. Doktarri

hospitaala Ambootti ilma isaanii wal’aane garuu qorsa qofa osoo

hin taane, waan biraallee gumaache. Maqaa Haacaaluu jedhu

isaaf moggaase.

‘‘Mucaa meeqa deesse naan jedhe. Inni afraffaadhan jedheen’’

jedhu harmeen isaa. ‘‘Ati mucaan kuni hin du’a jettee eegda.

Mucaan kuni hunda caala, inni Hacaaluudha maqaan isaa,’’

jechuun doktarri daa’ima wal’aane sun dubbachuu isaa BBC’tti

himan. Ergasii isaaniis maqaa haaraa baheefiin isa waamuu

eegalan. Dura osoo Hacaaluutti hin moggaafamin sirna aadaa

17 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Hammachiisaatti maqaan isaa Karaa jedhama ture jedhu Aadde

Guddattuun. Garuu, maqaa kanatti hin waamamne.

Hacaaluun ganamumaa kiraara taphachuu eegale. Ennaa horii

tiksu wallee ‘‘Afaan Oromoos kan Afaan Amaaraas kan jaallatu

ni taphata ture jedha Habtaamuun. Hojiin inni boodarra ittiin

beekame, walleen, garuu abbaa isaan hin jaallatamne ture.

Abbaan isaa barumsaan akka cimu barbaadu, Obboleessi

hangafaafi harmeen isaa garuu hojii wallee kana isa cimsuun bira

dhaabbatan. Kanaaf, Aadde Guddattuun hojii isaa jaallatu.

‘‘Animmoo ijoollummaa kootii eegalee sirba nan jaalladha.

Weedduu osoo hin taane kokkee sirbuu jaalladha.’’ Boodarra

garuu abbaan isaas hojii isaa jaalachuu eegalani.

Muuziqaa Haacaaluu: Seenaa, aadaafi Afaan Oromoo

Haacaaluun yeroo hedduu walaloowwan isaa keessa namoota

seenaa keessatti beekaman kaasee faarsa, fakkeenyaan itti

fayyadama yookaan dogoggora isaaniirraa akka barannu nu

18 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
gorsa. Sirboota kan jaalalaati jedhaman keessattillee namoota

seenaa uummata Oromoo keessatti gurra horatan fa’i keessa

buusuun ergaa dabarfachuu barbaade sana cimsa.

Fknyaaf Waldhabnaaree Achi buuteen kee dhabamee akka

miilla Bakar Waaree, jechuun weellisa, Bareeddittii Awaash

gamaa wal jaalachaa waldhabnaaree? Mammaaksi yookaan

jechamni waa’ee ‘Miila Bakar Waaree’ achi dhuftee qabdi. Yeroo

lola Calanqoo akkas tahe jedhan - waraanni Mootii Minilik 2ffaa

gam tokkoon, ummatni Oromoofi Hararii ammoo gam kaaniin

hiriiran - 1887tti. Hogganaa Oromoota naannawa sanii kan ture

Bakar Waareen gosoota Afran Qalloofi kaan ofduuba hiriirsuun

waraana dursaa akka ture himama. Argaa-dhageettiin jaarrolee

akka agarsiisutti, wayita lola kanaatti Bakar Waaree miiraan

lolarratti hirmaatee lolee lolchiisaa waan tureef miillisaa yogguu

irraa citullee quba hinqabu ture. Waraanni xumuramee hanga

namni itti himutti. Warri Harargee har’allee waan tasa badee hin

19 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
argamne yogguu mammaaysaan yookaan jechamaan ibsan, miilla

Bakar Waareen fakkeessu.

Hacaaluun jechamoota sasalphaa akkasii seenduubee gurguddaa

qaban sirbootasaa keessatti kaasa. Kana akka fakkeenyaatti as

gubbaa kaasne malee sirboota isaa hedduu keessatti namoota

seenaa maqaa dhawa. Aliyyii Cirrii Dhombiriisaa waliin, Taaddee

Birruu, Elemoo Qilxuu, Oliiqaa Dingil fa’i irra deddeebiin kaasa.

Dargaggootni dhaloota ammaa jara kana ‘‘eenyu namni kun?’’

jedhanii seenaa akka soqan karra banaaf. Albamuma kana

keessatti sirba aadaa Jimmaa ‘Diggittii’ jedhu keessatti: Urjii koon

siin jedhaa…. Akka Gadaa keenyaa qarri urjiis shanii... Mootiin

Gibees shanii... jechuun irra deddeebiin waa’ee Yayyaba yookaan

Yaayyaa shananii nutti hima. Oromoon jireenyaafi falaasama isaa

seera Yayyaba shananii irratti hundeeffate. Uumaan Waaqaa,

gosti bineensotaa, sirni Gadaa, ijaarsi manaa, odaan, sirni

20 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
nyaataafi kkf shan shaniin gargar akka qoqqoodaman

haayyuuleen ni dubbatu.

Yunivarsiitii Ambootti Daarektara Giddugala Qo'annoofi

Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee G/Madihin kaN ta’e

Gargaaraa Piroofeesaraa Saamu’el Layikuun waan jedhu,

Haacaaluuf sirbi meeshaa ittiin uummata bira ga’uudha. Sirboota

isaatiniis, Haacaaluun dhaloota kana waa sadi barsiisa jedha.

Akka Saamu’eel jedhutti Haacaaluun sirbasaa keessatti waa’ee

seenaa gosoota Oromoo Finfinnee keessa turanii nutti hima jedha.

Sirboota kaan keessattillee akkasi.

Maalan jiraa?

 Sirbuma kana keessatti aadaas nu barsiisa jedha Saamu’el.

Akkamiin? fakkeenyaan deeggara. Sooreettii haadha Sooree,

Irbaanni irra buusa qabaa. Seeqanii sesseeqanii, Kan gargar

nu baasan jaraa. Sooreettiin dubartii otoroo/guddoo taateef

maqaa kabaja kennamuudha. Kana malees waa’ee irra buusa

21 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
irbaataas yogguu kaasu ‘‘aadaa Oromoo keessatti irbaata

erga nyaattee booddee, yeroo itti ijoollee sammuu qaran

(brain gymnastics) jira. Kunis hiibboo, sheekkoo

mammaaksaafi kanneen biroon tahuu mala. ‘‘Gama

nyaataanis irbaataan booda qorii, caccabsaa yookaan

akkaawii tahuu danda’a, hanga bunni danfutti, abbaa

warraaf wanti kennamu jira.

 Aadaa kaleessa ganne akka har’a deebisnee ilaallu nu

gaafata. Ijoolleef yeroon kennamuu akka qabu, taa’anii

maatii waliin haasawuun akka nurra jiraatu Haacaaluun nu

yaadachiisa jedha. Gama afaaniinis jechoota yookaan

akkaataa waa itti ibsan irraanfatamanii turan sirbootasaa

keessatti fiduun nu yaadachiisa. Keessattuu sirba qeenxee

jedhu keessa jechoonni akkasii hedduun akka jiran kaasa

Saamu’el.

22 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Jirra jirra tafkiidhaaf utaalchoo, geergoodhaaf miliqqii,

waayyuudhaaf raasaasaa, allaattiidhaaf koochoo, qocaadhaaf

dhagaachaa…. Kennaa maaltu dida jirra hunda baachaa.

‘‘Allaattiidhaaf ogummaa balali’uu Waaqni kenne, uummata

Oromoodhaaf ammoo kennaa waa hunda danda’uu kenneera,’’

jechuun, kana keessatti afaan qofa osoo hin taane falaasamni

ummatichaas ni mul’ata jedha.

Qorannoo PhD hin maxxanfamne mataduree ‘Oromo Popular

Music on YouTube: Heritage and Identity in the Making’ jedhuun

Awustiraaliyaa Yunivarsiitii of Kuwiinslaanditti ka gaggeessaa

jirtu Anais Maro, kanneen muuziqaaf fedhii addaa hin qabne

birattillee Haacaaluun jaalatamaa ture jetti. Namoota saddeetama

waliin af-gaaffii akka goote kan dubbatu Anais, ‘‘namootni ani

dubbise muuziqaaf fedhii yookaan mi’aa adda addaa qabanis,

artistiin jaalatamaa tahee jalqabarra dhufu Haacaaluudha,’’ jetti.

23 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
‘‘Umuriifi sadarkaa barnootaa garagaraa qabaatanis, kutaa

Oromiyaa kamirraayyuu haa dhufanii, hunduu Haacaaluu

jaallatu. Waraqaa kana keessa boqonnaan tokko 'Telling the truth

or making the future? Hermeneutics of Maalan Jira?' kan

jedhudha. Wayita qorannooshee hojjechuuf hawaasa keessatti

adeemtu jecha namni tokko itti dubbate akka hin irraanfanneefi

haga har’aallee dubbiin kun maal akka tahe hubachuuf carraaqaa

akka jirtu dubbatti

‘‘Hacaaluun waan fuulduratti ta’uuf deemu dubbata.’’

Wasanuu hanga Hacaaluu Aartistoota irratti maaliif

xiyyeeffatama? Aartiin calaqqee ummataati; Aartistiinis

akkasuma. Uummanni Oromoo waggoota dheeraaf hacuuccaa

siyaasaa akkasumas diinagdee keessa jiraachuu himachuun

qabsoo gaggeessaa ture, itti jiras. Akkuma ummatoota kaanii,

qabsoo kana keessa walleen bakka dhibee hin qabu. Sababa

kanaaf, weellistoonni “maallaqaaf hojjenna miti” yeroo jedhan

24 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
dhagahuun kan barame. Weellistoonni sagalee guddistuu qabsoo

ta’urra kan darbe ummanni akka dammaqu, aadaasaa akka

cimsu, duudhaasaa akka jabeeffatuufi seenaasaa akka yaadatu

hojjetu. Qabiyyeen wallee hedduun isaanii dalaganis kana of

keessatti hammata. Sababa kanaaf, qaama hojii isaanii kanaan

kanneen hin gammanneen yeroo saaxilaman mul’ata. Waloo

beekamaa Simee Tufaan ‘‘Weellistootni keenya weellistoota qofa

miti, qabsoodha gaggeessu,’’ jedha yeroo isaan ibsu.

Kun waan har’a eegale miti. bara mootii H/Sillaasee eegalee

kanneen aartiidhaan ummata dammaqsaa turan rakkoorra bu’uu,

maatiin akkasumas kanneen waliin dalagan ni himu.

Wasanuu Diidoo Seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti

weellistoota Oromoof Wasanuu Diidoon hangafa. Bara 1930

keessa eegalee walleewwan masinqoodhaan dabaaluun sirbuun

beekama.

25 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
“Weellistoota [kan Afaan Oromoon weellisan] dursee

raadiyoorratti sirbe” jechuun kan isa ibsanis jiru. Barri inni hojjete

bara wallee supheedhaan waraabaniiti. Hangaftichi masiinqoo

taphachuun beekamu Laggasaa Abdii illee Wasanuu Diidoo

fakkeenya godhate. Wallee inni baras sirbe weellistoonni ammaa

irra deebi’anii sirbaniiru. Kanneen keessaa “Alam mangistaata

bira deemna” kan jedhu Taaddalaa Gammachuun sirbeera.

jalqaba Jaamboo Jootee boodarra Haacaaluun itti dabalee kan

sirbe “Maasaan gamaa lafa hin baatu” jedhus kan Wasanuuti.

Sirbuun garuu Wasanuuf ogummaa abbaa isaatillee. Hagar

Fiqiritti Afaan lamaaniin (Afaan Oromoofi Amaaraan) hojjetaa

ture. Bira qabee yeroo ummata kakaasellee,

“Sangaa oofaa jennaan

Oofnee baane Shaggariinii

Kaan shaniin bitataa

26 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Kuun shantamaan bita gariinii

Abbaanis yoo du’ee

Ilma jiruu hin badu maqaanii

Yaa alaamaa qawwee,

Taa’an tola Labaniinii”

Jechuun abbaan gaafa biyyaa du’uus ilmi jira hin badu maqaani

jedhee kan weellise. Labaniin ni iyyaa, maarree yoo du’e jabaan

gaafa biyyaa jechuun masiinqootti dubbachaa kan inni sirbe

jaalala guddaa ummata biraan itti argateera. Yaa masii masiinqoo

qorattoonni waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa

maatiirraa akka odeeffatanitti, Wasanuun cimaa waan ta’eef

Afaan Oromootin sirbaa ture malee namootni hedduun isa

rakkisu turani. inni garuu nama Oromoo tuqeef hin sarmu. Ijuma

jabaatee afaan afaanitti deebisaaf jechuun maanguddootni ni

dubbatu.

27 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Bara mootii H/Sillaasee Afaanii fi Aadaan Oromoo fi kan

ummatoota kaanii yeroo hacuucamaa turetti rakkoon biroollee

akka isa qunnamuu malu tilmaamuun nama hin dhibu. Gaafa

tokko namoonni hojii isaa jibban yeroo hojiidhaa galu

dimimmisaa’ee waan tureef, karaa inni darburra foo’aa (kiyyoo)

hidhanii, lafaan akka dhahu godhani jechuun maatiin isaa

lubbuun jiran himatu. Kanaanis, jilbi isaa buqqa’u maatiin himu.

Ergasi weellisaa Wasanuun akka durii naanna’anii sirbuu

dadhabanii naannoo waggaa tokko manatti dhukkubsachaa erga

turanii booda addunyaa kana irraa du’aan boqotani. Du’a isaaf

maatiin namoota hojii isaatiin gammachuu hin qabne jedhan

himatu.

Akkasumaas dhaloota booddanaa keessaa, Eebbisaa Addunyaa

Dhaloota booddanaa keessaa weellistoota sababa wallee isaaniin

rakkoo akka isaan mudate amanamu keessaa tokko Eebbisaa

Addunyaadha. Lixa Oromiyaa Dambi Dollootti kan dhalate

28 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Eebbisaan dabballee dhaaba ABO’s ture. Gitaara taphachuun alas

afaaniifi aadaa Oromoo barsiisuun beekama.Walaloon isaa

uummata qabsoofi fincila diddaaf kan kakaasaniidha. Erga

dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo chaartara keessaa bahee

booda, biyyuma keessa kan ture weellisaan kun, walleen qabsoo

waraanaa deeggaruu itti fufe. Maatiinsaa garuu balaarra isa

buusa jedhanii yaadda’aa turan.

“Booddee koottis garagalee hin ilaaluu, kanatu ta'e, sanatu ta'e

hin jedhu, an seenaa hojjechuurraa booda hin deebi'u naan

jedhee.garaa na kute. Akkas godhanii lafa kaa'an mucaa koo”

jedhu harmeen isaa Aadde Sannaayit Kabbadaa. Maatiin

akkasumas hiriyoonni isaa yoo himan Eebbisaan ALI Hagayya

24, bara 1988 ture magaalaa Finfinnee bakka Shiroo Meedaa

jedhamutti mana kireeffatu keessa hiriyaa isaa waliin kan

ajjeefaman. Weellistoota kaanirraa wantoota Eebbisaa adda

godhan keessaa tokko fuudhee dhala godhachuu dhabuu isaati.

29 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Artist Eebbisaa Addunyaa nama ija jabeessa, daabee lulee, nama

gara laafessaa fi nama waan itti amane dubbachuu hin sodaanne

ture jedhu maatiifi hiriyoonni isaa kanneen akka Daawwitee

Mokonniin, Hirphaa Gaanfureefi kanneen biroon.

Kan biran...

Usmaayyoo Muusaa Weellistoota qabsoo bilisummaa Oromootti

booree horaa turan keessaa Usumaayyoon tokkodha. Godina

Harargee Bahaa naannawaa magaalaa Haramayaatti kan dhalate

Usumaayyoon ijoollummaa isaarraa eegalee jaalala muuziqaa

qaba ture. Boodarra ‘‘gara Dirree Dhawaa deemee Aartistii

beekamaa Oromoo Abdii Mohaammad Qopheefaa waliin sirba

eegale” jetti intalli isaa hangafaa Aadde Saartuun.

Albama isaa jalqabaa sirba warraaqsaan kan eegale weellisaan

kun, sirba qabsoon maqaa horateera. Yaada isaatti cichee

Mootummaa Dargiifi ADWUI keessa waluumaagala albama sadii

dalage. “Bilisummaa fi imimmaan, Hidhaa fi ajjeechaan duubatti

30 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
nu hin deebisu, Irree nuu ta’i yaa Rabbii, Ni mo'anna yoo

gamtaan jiraate” fi kaan kanneen ittiin beekamu keessati. Waan

itti amane dalaguun isaa garuu kanneen hojii isaa hin jaalanneef

boqonnaa dhowwe, isas rakkoof saaxile.

Hiriyaan isaa akkasumas booda kan waliin hidhame Aartist

Suutee Baarentoo waggoota saddeetiif waliin mana hidhaa turuu

dubbata. Osoo inni mana hidhaa jiru ture haati warraa isaa kan

lubbuun ishee darbe.

“jiruu fi jireenyaan wal'aansoo qabuu...rakkoon walirratti

heddummaatee haadha kiyya humna laaffise” jetti

Saartuun.Wantoota Usumaayyoon itti amanee raawwate keessaa

sirba qabsoo weellisuu qofa hin turre. Hiriyoonni isaa lubbuu ofii

oolchuuf alatti yoo bahan inni kana hin feene. Inumaa wallee

isaatiin isaan qeeqaa ture.

Erga hidhaatii bahe osoo hin turiin magaalaa Cirootti haadha

warraa biraa fuudhee osoo jiraatuu ture lubbuun isaa kan

31 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
dabarte. Maatiin isaa dararaa mana hidhaatti argeef akkasumas

dhimmoota garaa garaa irraan kan ka’e lubbuun isaa akka

darbetti amanu. Eebbisaan du’e waggaa 10ffatti ture

Usumaayyoon lubbuun kan darbe. Inni biran dhageetti guddaa

kan godhate Haacaaluudha. Waggoota 10’n dabran weellistoota

yeroo gabaabaa keessatti maqaa guddaa horatan akkasumas

jaalala guddaa horatanifi seenaa gaarii bara baraan ittiin

yaadataman kan dalagan, keessaa tokko Hacaaluu Hundeessaati.

Dargaggoon umurii 36 magaalaa Ambootti dhalate kun, akkuma

weellistoota Oromoo kaanii dhimmoota gaaffii ummataa ta’an

walaloofi yeedalloon dabaalee gurra ummataan gahuun

beekama. Hojiin isaa kuni uummata kaan birattiyyuu dafee akka

beekamu isa gargaareera. Walleen ala dubbii cimaa ija jabinaan

dubbachuufi bakka jiru maratti dhimma Oromoo ifatti ibsuunillee

beekama.

32 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Haa ta’u malee, innuu irra deddeebiin akka ibsetti, kana dura

bara bulchiinsa Ministeera Muummee Itoophiyaa H/Maariyaam

Dassaalany tika mootummaan hordofamaa turuu himata. Bara

bulchiinsa Ministera Muummee Abiy Ahimadimmoo yeroo garaa

garaatti namoonni magaalaa Finfinneetti isa gaadaa akka turan

ibsaa ture.

Kunneenis, sababa hojii isaan akkasumas dubbii taasisuun kan

walqabatu ta’uu akka amanu bara lubbuun jiru himee ture. Innuu

bara lubbuun ture ‘‘Muuziqaan anaaf jireenya kooti. firan itti

horadhes, diinan itti horadhes,’’ jechuun BBC’tti himee ture.

Ajjeefamuu isaa guyyoota muraasa dura jaalalaafi beekamtii

uummata biraa qabu ibsuuf ‘‘Ani Oromoof qaaliidha!’’ jedhee of

ibsee ture. Albamii isaa sadaffaa osoo dalagaa jiru sababa hanga

ammaatti ifa hin taaneen, Waxabajjii 29 bara 2020 magaalaa

Finfinnee keessatti ajjeefame.

33 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Abbaan isaa Obbo Hundeessaa Boonsaa ilmi isaanii sababa hojii

isaan akka irratti xiyyeeffatame amanu. Ajjeechaa isaa hordofee

kanneen mormii isaanii ibsuuf bahan magaalota Oromiyaa garaa

garaatti gadda isaanii ibsataniiru.

Mormiin hokkaratti jijjiirames lubbuu namaa akkasumas

qabeenya irratti badiin guddaa gaheera. Walleen Afaan Oromoo

weellifaman qabsoo, haqaafi bilisummaaf taasifamuun alatti

Oromummaa cimsuu keessatti qoodni gumaache olaanaadha.

Walumaagalatti, kanneen sababa aartii keessatti qooda qabaniin

lubbuun isaanii darbe jedhame amanaman garuu kanneen

gubbaatti maqaa dhahaman qofa miti. Bara durii eegalee kanneen

du’aaf saaxilaman akkuma jiran kanneen baqatanii biyyaa bahan,

hidhaa seenan, akkasumas dararaa gara garaaf saaxilaman ni jiru.

Abdii Qophee, Abubakar Muusaa, Ayyuub Abubakar, Jireenyaa

Ayyaanaa, Cawwaaqaa Yaaddessaa, Yooseef Gammachuu,

Daadhii Galaaniifi kanneen ajjeefaman yookiin achi buuteen

34 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
isaanii dhabaman ni jiru. Kunneen sababoota garaa garaan

lubbuun isaanii darbus gaheen isaan aartii keessa qaban sababa

ijoo ta’uu akka maluu danda’u kanneen aartii uummata Oromoo

dhihootti hordofan ni amanu.

Maalan jira?... Jirra jirra… Eessa jirta?

Haacaaluun maqaa isaatiin albama lama qaba; isaanis “Sanyii

Mootii” fi “Waa'ee Keenya” kan jedhamaniidha. Ergasii booda

garuu sirba qeenxeerratti xiyyeeffate - guddaas milkaa'eera.

Albama isaa lammaffaa booda sirbi qeenxee bara 2015tti viidiyoo

muuziqaa waliin dabaalamee bahe, Maalan jira?, daran gurra

horate - dhaggeeffatamees hin quufamu.

Yeroosiifi ergasiillee yeroo dheeraaf gola Oromiyaa hunda

keessatti sirbuma kanatu haalaan caqasama ture. Haacaaluun

A.L.I Hagayya 2009 /Hagayya 2017 turtii BBC waliin

taasiseerratti “Maalan jiraa waanuma keessa kiyyaan barreesse.

Uummanni battalatti galeeraaf. Kaanis gaafatee galeef.

35 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Kanammoo uummanni baruun anaaf gammachuudha” jedhee

dubbate. Ergasii BBC dabalatee miidiyaalee garagaraatti waan

dubbateen sirbi kun weerara lafaa naannawa Finfinnee daran isa

yaaddesseef weellisuusaa dubbate.

“Gullalleen giddu gala Finfinneeti” kan jedhu Haacaaluun,

“Weerara lafaa isa gidduurraa ka’uun barbaade’’ jechuun

miidiyaa Ethio Tube jedhamuuf dubbate. ‘‘Kan ammaa yoo

kaafnu kan duriis yaadachuun nurra jira waan ta’eef, kanaafin

hojii kana hojjedhe’’ jedha. Gosootni Oromoo Tuulamaa kanneen

akka Yaayyaa Gullallee, Eekkaa, Galaaniifi kaan lafa saanii Irraa

buqqa’anii amma iddoosaanii durii hinjiran jedhee falma.

‘‘Otoo horteen gosoota kanaa laficharra jiraatan silaa; aadaan saba

kanaa ni mul’ata ture, Afaan Oromoos haalaan dubbatama ture,

namuu uffata aadaa isaatiin faayamee mul’ata ture. Garuu kun

tahaa hinjiru.

36 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
‘‘Adeemsa amma jiruun itti fufa taanaanis, Oromoonni naannawa

Finfinneerra amma jiranis, egereen isaanii akkuma Gosa Gullallee

fa’itti taha jechuun barbaade sirba sana keessatti.’’ Sirboota

weellisaan kuni bara lubbuun jiru sirbe keessaa'n, kan

dhaggeeffatamummaa guddaa horates ta’e mormii ummataa

qaaccessuu keessatti gaheen isaa olaanaadha.

Maalan jiraa Sirba Jedhu Immoo

Mormiin maastar pilaanii Finfinnee 10ffaa ajandaa mormii

ummataa guddicha bulchiinsa TPLF diiguun bulchiinsa amma

jiru aangootti fidedha.

Jirra jirra… Kanjedhus immoo

Maalan jiraan ittaanee sirbi qeenxee Haacaaluun 2017tti ummata

biraan gaheefi ammallee jaalatamummaa guddoo argate, weelluu

Jirra Jirra jedhudha. Walaloo sirba kanaa kan barreesse Weellisaa

Sinnishaaw Mul'ataa ti.

37 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Walaloon sirba “Jirra Jirra” barreeffame nama hubatu hin argatiin

turee waggaa lama booda weellisaa Haacaaluun dhufee lubbuuu

itti naa hore jechuun wayita sana BBCtti hime.

“Baay’inni rakkoodhaa

Furmaata mataansaa

Harreen ba'aa diddee

Taati harree diidaa

Qambar sadii cabseti

Qotiyyoon gafarsaa,

Hammeenyi ulee mataas,

Injiraan ajjeesaa” Kuni guddummaafi amanamummaa Waaqa

Oromoo agarsiisa jedha Sinnishaaw. “Namni tokko si ajjeesuu

dhufeeti injiraan mataa kee - diina kee sirraa ajjeesee deema”

jedha. Sirbichi Gincii irraa ka'ee godinaalee Oromiyaa baay’ee

38 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
keessa nu fudhatee deema. Ginciirraa jalqabuunsaa lafa mormiin

Oromoo itti jalqabe mul'isuuf jechadha, isa garuu kan itti dabale

weellisaa Haacaaluudha jedha.

Inni dhumaa osoo gadi hindhifatiin du'e immoo Eessa jirta? Kan

jedhudha. Haacaaluun ajjeefamuu isaatiin dura turtii miidiyaa isa

dhumaa gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo waliin taasise

irratti hojii haaraa qabatee dhufaa akka jiru dubbateera. Hojiileen

isaa istuudiyoo keessa akka jiraniifi wantoota hin baane hedduu

of harkaa akka qabu dubbate. Hojiilee bahuuf deeman keessaa

tokko wallee ‘Eessa jirta?’ ka jedhu akka tahefi walleewwan asiin

duraa Maalan jiraa fi Jirra jirraan kan walqabatuufi isaanirraa kan

itti fufe akka tahes odeeffanneerra. Maatiifi hiriyoonni isaas

hojiisaa kana dabalatee, kanneen hin xumuramin biroo erga inni

du'e booda kabaja yaadannoo waggaa tokkoffaa isa irratti

uummataf dhiyeessaniru.

39 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Looreet Tsaggaayee G/Madihiniifi Haacaaluu Hayyuun og-

barruu Looret Tsaggaayee G/Madihin Qawweessaa fi Haacaluun

dhiigaan firoomu - kana innis dubbateera. Gaafa eebba Wiirtuu

Qorannoo Aadaa maqaasaaniitiin moggaafamee Yunivarsiitii

Ambootti hundaa’e irratti Haacaaluun, Tsaggaayeen firakoo qofa

osoo hin taane fira Itoophiyaa hundaati jedhee ture.

“Haacaaluun yeroo hedduu yaada Oromummaa fi

Itoophiyummaa walsimsiisanii deemuun akka danda’amu

Looreet Tsaggaayee irraa baradheera jechuun dubbata” jedha

daarektara Wiirtuu Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee

G/Madihin kan ta’e Gargaaraa Piroofeesaraa Saamu’el Layikuun.

‘‘Looretichi du’aaf ilaalcha addaa qaba’’ ka jedhu Saamu’el,

Haacaaluunis du’aaf yaada walfakkaataa akka qabu kaasa.

Ilaalchi Haacaaluun qabuufi xiin-sammuun isaa hojiilee

looretichaa kan bu’uura godhataniidha jedhee akka amanu

dubbata.

40 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Kitaaba Walaloo afaan Amaaraatiin barreessan jedhu keessa,

walaloo jedhutu jira.

Isaat woy

Ababaa ‘Yet abbaatuu, mootim yimut’

Ibaakaachuu zamadoochee Maaloo yaa firoottan koo, Simoot

mootim abiroony yimuut ……Gaafan du’u, duutis na waliin haa

du’u.

…… Besaaq badasitaa gidalut Kolfaafi gammachuun ajjeesaa,

…… Behaasset beliltaa wugarut Gammachuufi ililleen haleelaa.

…… Kaaxintee bataach qibaruut, Lafee koo gajjallaatti awwaalaa,

…… Ibaakaachuu zamadoochee Maaloo yaa firoottan koo,

…… Lemoot yelib libb attisxuut Du’aaf ija hin laafinaa.

“Looretichi yoo sirbaa na awwaaltan dhalootni ana booda jiru,

akka du’a hin sodaanne taha” jechuun dhalootaaf ergaa akka

41 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
dabarsan dubbata. Haacaaluunis du’a erga awwaalee oolee

buleera jedha ogeessi kun. Akkamiin jennaan “Gaafa hidhaa

Karchallee sana keessaa du’a awwaale. Gaafas sodaa du’aa

dhaabe” jedha.

Ogeessa kaameraa BBC fi hiriyaa Haacaaluu yeroo dheeraa kan

ta’e Amansiisaa Ifaa, waan Haacaaluun gaaf tokko itti hime

yoomuu hin dagatu ''Ani nama kaan irraa adda miti. Guyyaa

tokko du’uu nan danda’a, garuu du’a hin sodaadhu'' ittiin jechuu

ni yaadata. Sirba isaa kan waloon beekamaa Simee Tufaa

barreesseef keessatti waa’ee dhimma kanaa ibseera jechuun

‘‘sirba kana ofiif sirbe jedheen yaada’’ jedha Saamu’el.

“Tulluu Jala Malkaa Yaatu

Tulluu jala malkaa yaatuu,

Maaltu booressee taliila kanaa.

Lubbuu akka tasaa baatu…

42 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Qaama biyyoon nyaatu

Maaltu lammiifi koodeesaa ganaa?!”

Haacaaluun gaafa eebba wiirtuu qorannoo maqaasaaniitiin

hundaa’e irratti, yaadannoo isaaniitiif akka ta'uuf siidaan

Looreetii kanaa Amboo qofatti osoo hin taane, handhuura

Finfinnee irrattis dhaabbachuu qaba jechuun dubbateera.

Haacaaluufi Hiriyaa Isaa Ingiduu Cimsaa.

Hiriyyaan baay’ee dhihoo Hacaaluu Ingiduu Cimsaati. Ijoollee

ganda tokkootti. Hiriyyummaan isaanii yeroo inni albama isaa

jalqabaa baasuuf tattaafachuu jalqabe eegala. Manuma tokko

jiraataa turan. Hacaaluun Ingiduutin Keessummaa jedhee

waama. Hacaaluutin obboleessakoo kan jedhu Ingiduunimmoo

Hacee jedhaan.

Ingiduun ogummaa muuziqaa keessa nama jiru ta’u dhabus, hojii

Hacaaluu keessa gaheen isaa olaanaadha. Yeroo wallee waraabu,

43 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
yeroo konsartii qopheessu, yeroo walaloo barreessu akkasumas

imala isaa biraa hin hafu. Haacaaluunis isa of biraa dhabuu hin

barbaadu. Haacaaluunis kana yeroo hedduu ibseera. Ajjeechaa

raawwatuun guyyoota muraasa durallee gara Adaamaa imalanii

Nuhoo Goobanaafi Haloo Daawwee walumaan dubbisani.

Yeroo lammiileen daangaa Somaaleerraa buqqa’an dubbisuu

dhaqanitti, yeroo Hacaaluun boo’aa dubbatu viidiyoo kan isa

waraabaa ture Ingiduudha. “Weellisaa qofa miti Hacaaluun” kan

jedhu Ingiduun namni isatti dhihaatee beeku haasaa isaan isa

beeka jedha.

‘‘Bakka Hacaaluun jirutti namni biraa hin odeessu. Namnis yoo

odeesse hin jibbita. Akkanni haasa’u barbaadda.’’ Akkuma

weellistoota kaanii Hacaaluun qormaata keessa darbee maqaa

horate. Ta’us, rakkadhe jedhee deeggarsa hin gaafanne jedha.

‘‘Kiraa keessa jiraanna. Bara rakkanneyyuu qabna. Ilmoon dhiiraa

hin rakkata. Konkolaataa hinqabu. Taaksiidhaan deema.

44 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Garuu rakkoo keessan jira jedhee faayidaadhaaf jedhee wanti of

dabarsee kennu hin jiru. Hacaaluun yoo barbaade malee wanti

ta’u hin jiru jechuudha” Dhimmoota namoonni hedduun waa’ee

Hacaaluu irra deddeebiin dubbatan keessaa inni ijoo ija jabina

isaati. ‘‘Hacaaluun nama hin sodaatu. Waan itti fakkaatemmoo

nama haasa’e du’e beeki Hacaaluun’’ Namoonni keessumaa

kanneen Hacaaluu fagootti beekan ‘sanyummaan’ maqaa isaa

kaasu. Yoo itti dhihaatan garuu, akkas akka hin taane hubatu

jechuun ibsa. Keessumaa miidiyaaleen Itoophiyaa hedduu kana

dura hojii isaa dhiheessuuf fedhii hin qabne du’a isaa booda

waa’ee isaa guddisanii gabaasani.

“Kanaan dura waan inni gaafatame hunda hin dabarsine. Amma

garuu inni erga du’e booda dhagahanii namoonni nama akkasiiti

ture kan jedhan’’ jechuun dubbata. Hojiiwwan Hacaaluu

ilaalchisuunis, mata duree filata - akkanumaan hin sirbu jedha.

Gahee inni weellistootaaf gumaachellee akkanaan hima.

45 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
‘‘Ummata Oromootti sirbina mitii? Akkamitti kan keenya

xiqqaatee kan isaanii guddata’’ jechuun mormee ‘‘kaffaltii ijoollee

Oromoo kan ol kaasedha’’ ‘‘Diinni isaa Hacaaluu baay’eedha’’

jedha Ingiduun. “Wareeraadhuma jiraate magaalaa Finfinnee

keessa.’’ Nama rakkate yemmuu argu nama boo’udha

Hacaaluun. Maallaqaaf jedhee miti kan hojjetu. Ani nama aartii

miti. Waa’ee aartii garuu isa faana taa’ee waan baay’ee bareera.’’

Ingiduun wantoota obboleessa isaa itti ajaa’ibsiifatu keessaa

tokko gaaffiif deebii inni taasisudha.

“Akkatti deebii namaa deebisu!’’ jechuun haasaa inni

miidiyaaleerratti taasisus yaadata. Dhimmoota biyyaarratti

weellistoonni Oromoo yeroo weellisan argun hammana kan

barame ta’uu baatus waggaa dura Ayyaanni Aduwaa yeroo

kabajame Hacaaluun Aduwaa yaadatee geeraree ture.

Ilaalchi isaa kuni maal irraa madde? ‘‘Seenaan Oromoo

hatameera, aartiidhaan garuu wanta hunda harkaa fuuna” jechaa

46 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
hojjechaa ture. Dhimmoota weellisaan yeroo hojiiwwan

gurguddoo dalagu qabutti lubbuu isaa dhabe ittiin jaalatamu

keessaa inni ijoo, siyaasa paartiitti maxxanee mul’achuu dhabuu

isaati. yaada isaa kana immoo yeroo hedduu ibseera. ittiinis

jaallatameera.

“Hacaaluun yeroo hedduu namoota siyaasaa artistoota dahoo hin

godhatinaa jedheetu lola. Artistiin kan ummataati malee, kan

eenyuyyuu miti” Namoonni Hacaaluu dhihootti beekan

wantoota dubbataniifi kan walfakkaatu keessaa tokko waan itti

amane dubbachuufis ta’e raawwachuuf nama ija hin laafne ta’u

isaati.

‘‘Waan hundumaan guutamee kan dhalatedha Hacaaluun.

Aartiidhaan, sirbaanis, dubbiin, jechaan, lapheedhaan.

''Hacaaluun hin sodaatu. Lapheesaatu isa ajjeesise. Hin du’a

malee hin fakkeessu. Taa’imee, tasgabbaa’i yoo jetteen si

baqatayyuu. Nan doorsisiin siin jedha. Seenaa hedduu nama

47 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
dalagedha. Waan barbaadummoo godheera wanti itti hafu hin

jiru. Xiqqooshe kan na gaddisiisu keessaa ofii isaatiif hin jiraanne.

Hojii baay’ee hojjechuudhaaf karoorsinee turre. Rabbi dhugaa

isaa haa baasu jennakaa.''

Galma Barkumee - Dubbi himaa saba Oromoo

Hacaaluun waltajjii sirbaas ta’e kaan irratti ol bahee gaafa dubbii

yookaan hojiisaa dhiyeessuu eegaluun dura ‘jirtuu?’ jedhee

eegala kanas mallattoosaa (brand) godhateera. Galmi Bar-kumee

iddoo Haacaaluun seenaa biraa itti dalagedha - gaafasillee ‘Eessa

jirtu?’ jedhee hirmaattota oonnachiisuun geerarsasaa eegale.

Barruu intarneetarraa jedhamuufi barreeffamoota barsiisotaafi

qorattootaa dhiyeessuun ka beekamu irratti ka barreessite Ilana

Webster-Kogen - Itoophiyaatti namni gara waltajjii as bahuun

gurra horate, akka gaggeessaa siyaasaatti carraan ilaalamuunsaa

olaanaadha jetti.

AKKA DUBBATTUTTI...
48 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Kanaafis hojii gaafasii Haacaaluu akka fakkeenyaatti kaasti -

waltajjiin galma barkumee Haacaaluun dubbi-himaa saba

Oromoo ifatti hin labsamne akka ta’u isa taasise jetti. Konsartiin

kun namoota naannoo Somaalee irraa buqqa'aniif galii walitti

qabuuf magaalaa Finfinneetti Muddee bara 2017 galma Bar-

kumeetti kan qophaa'edha. Achirratti bakka aanga'oonni

gurguddoo jiraniitti 'Araat Kiiloof situ aane' jechuun kallattii

qabsoo akeeke. Waltajjiin sun kallattin TV irratti tamsa'aa ture.

Yeroo sana mootummaan aangorra jiru muddama siyaasaa

keessa waan turef ijoo dubbii ta’e.

Hogganaan Abbaa Taayitaa Biroodikaastingii kan miidiyaalee

to’atus ‘akkamin dubbiin Hacaaluu kallattiin darba?’ jechuun

akka gaafatan kan dirqe ture. Sana hordofuun humnoota

nageenyaa mootummaan barbaadamee akka tureefi miliquu

dhiyeenya dubbatee ture. Irra deebiin Adoolessa bara 2018

sagantaa simannaa pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiif

49 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
achumatti qophaa'erratti sodaa tokko malee roorroo sabasaatii

dubbate.

‘Nurraa dhoowwi yaa Lammaa, nurraa dhoowwi yaa Abiy,

nurraa dhoowwaa yaa biyyaa yookan Qeerroottan iyya' jechuun

ajjeechaa Harargee, Mi'eessootti yeroos raawwate balaaleffate.

Waltajjiiwwan Bar-kumee lamaan kutannaa fi sodaa- maleessa

ta'uu Haacaaluu Hundeessaa kan ragaa bahan turan.

Dinqisiifannaafi jaalala guddaas uummata biraa ittiin argateera.

Erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii as deeggaraa

mootummaa ta'ee qabsoo gate jedhamee komatamaa kan ture

Haacaaluun, ajjeechaasaatiin dura miidiyaatti as bahee deebii

kennee ture.

GABABAADHUMATTII BAROOTA DADDARBAN KEESSA

WARRAAQSOOTA HACEEN WAGGA WAGGAADHAN

WALTAJJII IRRATTI DHAGEESSISEE ITTIIN YAADATAMU

MURAASNI KUNOOTTI.

50 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
2017 Geerarsa Galma Barkumee :- yeroo lammiin keenya somalee

irra buqqa'anitti konsertii galii walitti qabuuf qopheeffame iratti

"kaafadhu! Fardakeen Lolii Aratti kiloof situ aane" jedhee Sodaa

tokko malee Rorroo Saba Isaa irra jiru Anga'oota Mootumma

Duratti du'a Ofitti Murteesse Bulgaafate!

Adooleessa 2018 Simannaa Mootummaa Ertira Isaayas Afawarqiif

Godhamee irrattis Rakkoo Saba Isarraa Jiru "Nurra Dhowwii Yaa

Lammaa Nurra Dhowwii Yaa Abiyyii Nurra Dhowwaa Yaa Biyya

yookaan Qeerroottan Iyyaa" jechuudhan Ifaan Ifatti Fuula

Aangaa'oota Duratti Galma Barkumeetti Yeroo Lammaffaaf Seena

Rirmii Hin Nyaanne Galmeesse!

Akkasuma 2019 immoo Ayyaana Adawaa 123ffaa irratti

Ayyaanichi Akka Kan Oromoo Ta'e Yaadachiisun Abboota

Fardeeni 300 Ol Walitti Qabee Finfinnee Addababaayii (odola)

Masqaalatti Fiduun "Har'an Falmee Sirreessa Seena Kararraa

51 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Maqee" jedhe Geeraruun gootota maqaa waame oromootti kabaja

hore.

2020 Gaaffii inni Gazexeessa Guyyoo Waariyoo Waliin Torbee

Du'eetti Sabaaf Dhiyaate Gutummaan Isa Qubee Tokko Osoo Hin

Hir'isiniifi Itti Hindabaliin Isiniif Barreessen Jira Fuula Itti Aanuu

Irra Dubbisa.

2021 Bakka Inni Lubbuun Hinjirreetti Albamaa "Maal Mallisaa"

jedhu Osoo Hojjeecha Jiru Irraa Du'e, Du'ee waggaa tokko isaa

booda siidaa bay’inaan gurgaramee beekamti argatee ta'ee

sadarkaa Idil Addunyaatti 1ffaa ba'ee beekamti argate akkasumas

2020 sana keessa erga du'e booda Award Nyaate Ture

Himaamee Hindhumuu Seenan Hacee Akka Urjiifi Cirraacha

Galaanaa Caalaa Baay’ata. Gababaadhumatti, Galatoomi!

Jechaani Kaayyoo Isa Galman Ga'uuf Tattaffanna.

"Ani Oromoof qaaliidha, mootummaan na bituu hin danda'u!"

jedhe.
52 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE FI OMN

Haceefi omn godaannisa, godaannisa hamaa ta'ee sabaa oromoo

irra darbee saba bira keessatti iyyuu hafeedha.

Hasawwaan kun torbee lubbuu isa darbitee galgalatti hasawwaa

inni OMN Iratti Gaazeexessa Guyyoo Waariyoo waliin godheefi

akkasumaa sagantaa baayyee eegamaa tureefi live hordoftoota

24000 oliin Kan Dawwatameefi Akka OMNttis rikardii haaraa kan

tureedha akkasumaa yeroo amma gaafa dhaggeeffattuu jechoota

inni gara fuulduraatti xiyyeeffannoo qabu kan dubbatee gaafa

du'uu isaa yaadattuu kan siboossisuufi faalladhuma isaa immoo

akka du'aatti deema jiru waan beeke dhaamsa dhumaa

dhaammatee waan du'ees fakkaate kan siboossisuudha.

53 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
- Haasan Hacee Guyyaa dhumaa godhe sana hanga lubbuun lafa

irra jirtuutti kan dagattuu yoo taate garuu ATI NAGAADHA?

Kunoo guutummaa isaa qubee tokko irra hir'isee, akkaata

dubbannaa isa itti dabalee yookaan irra hir'isee osoo hin jijjiriin

isiniif katabeera itti dhiyaadha dubbisa.

GUYYOO:- Biyya keessa biyya alaallee ciistanii kan nu

daawwattan, jaallattoota qophii oromiyaa miidiyaa neetiwoorkii

waggoota shanan darbaniif oromiyaa miidiyaa neetiwoorkii kun

eega, Eerga hundaaye jechuun kiyya keessummaa qophii

oromiyaa miidiyaa neetiwoorkii kana irratti qondaala mootummaa,

jaarroolee biyyaa, abbootii gadaa, Namoota siyaasa, warroota

oromoof waan adda addaa ba'aan isiniif dhiyeessa turreerra.

Qophii kanallee erga oromiyaa miidiyaa neetiwoorkiitti dabalamee

waggaa tokkoofi waayi sagantumaa kana isiniif dhiyeessa ture

qophiin kun amma namoota garaagaraa dabalataan waan fidaa

jirruuf maqaa jijjiruuf murteessinee jirra maqaan sagantaa qophii

keessummaa oromiyaa miidiyaa neetiwoorkii armaan duuba

54 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
dhaddacha dubbii ta'ee jira. Dhaddacha dubbi jechuun mana

murtii irraa fudhatame. Murtii kennuuf as hinfinnuu! garuu

namoota siyaasaa, jaarroolee biyyaa, abbootii gadaa

qondaaltoota mootummaa, namoota waan isan irratti Uummaatni

baay'inaan maariyatan finnee hinqoranna, waan irraa dhageenye

immoo murtoo uummataa dhiyeessina. Qorannoo keenya har'a

Namni ittiin jalqabsiifnuu Aartiistii Hacaaluu Hundeessa Boonsaati

OMN :- Sirbaa Hacee Maalan Jira? gidduutti Afeeran.

GUYYOO :- Hacaaluu Hundeessa Uummaati akka qabsa'aatti

akka Aartiistittii ilaallatu waggoota lamaafi ija uummataa dura

dhabamtee jirta daawwattoota yookaan jaallattootakeef maal

jetta? eessan ture jettan?

HACEE :- eee aha hin dhabamnee hamaankoo hadhabamu!

oromiyaadhuma keessan jira tarii erga waggaa lamaan dura asi

akkuma beekamu ergan single "Jirra" jedhu gadhiisen dura eee

weelluudhan hindhufne kanan ala, eee miidiyaa garagaraa irratti

bifa interview tiin mumul'aacha ture komii uummaatarra dhufu


55 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
kanas hinumaan beeka. Maaliif iii, wallee isaatin waa nuun

hinjenneedha, eee inni immoo hojiidhumaarra jira istuudiyoo

keessa jira malee

GUYYOO :- Hihi

HACEE :- Wantii hinbaane heedduutu jira, ittumaa jirraa

GUYYOO :- ati hojiitti jirtamo? Namootni waan garagaraa

odeessa turanii Aartiistii Hacaaluu Hundeessa Aartiistii

Gurguddaa qabu Brand Ofdandaaye Build goote jirta sirba

keessatti, 'Maalan Jira? jirraa, akkasumas Qeerroo Jirtu?' tan

faan beekamta maqaan sun amma miidiyaalee hawwaasa

gubbaa jijjiraame "Qeerroo Jirtu?" irra gara "Feerroo bittuutti"

hacaaluun jijjiramee jira jedhan hacaaluu hundeessa feerroo

jalqabdee?

HACEE :- kkk eee Qeerroo Jirtuun jedhe malee feerroo bittuu?

hinjenne

GUYYOO :- Hhhhh

56 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE :- Eenii Bisineesii Keessa galuunkoo erga waggaa

lamaan asi kana akka ajaayibaatti ishuu ta'ee gaafa haasa'amu

dhagahaa ture hojii aartii kanaan beekte akka biyya kanaatti

namni succesfull ta'e jireenya ofii mo'ate nama muraasa beekta

keessattu immoo kara Aartiistoota oromootiin gaafa gaafa dhufte?

GUYYOO :- Ihihi

HACEE :- Kamaqaa qabsoo oromootiin dhibamee, roorrifamaa

dadhabee kara keeniyaafi karaa sudaan baqatee biyya

hambaarra jiru appeartime isaa muuziqaa hojjeta malee full time

muuziqaa hojjeete hin jiraatu biyya faranjii keessatti Aartiistoota

gameeyyii heedduun beeka

GUYYOO :- Ihihi

HACEE :- Eee isaan carraa argataanin achitti jireenya ofii carraa

ittiin mo'aatan argatan malee eee kan biyya keessa jiru agartee

eee gadadoo hamaa keessa kan inni jiraacha ture eee waan

dhokaata miti eee Aartiistoota Oromoo isa qabsoo oromoo

57 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
utubuu keessatti ga'ee qaban miti, warrumaa afaan ittin sirban

kun biyyatti kana keessatti carraa argatee eee sirni ture isaaniif

apporchulity garagaraa uumeefillee eee induustirii muuziqaa

biyya kana keessatti iii akkaata ati jireenyakee ittiin mo'aattu kan

sigeessisuu miti. Eee kanaaf iii ani waa baay’ee argaa guddaadhe

waanan ta'eef ani inuumaayyuu nama carraa qabu ergaa waggaa

lamaan asii oromoon waltaate jedhe yaade ture beekta

GUYYOO :- Eeyyee

HACEE :- Maaliif Jennaan iii qabsaa'oonni gameeyyin kabiyyaa

alaallee jiran, kabiyyaa keessallee jiran eee waan amma dhufe

kana qabsoo Uummannii iii itti cichee waggaa arfan keessatti

jijjirama fide kana irratti

GUYYOO :- Ihihi

HACEE :- Dhaabbileen Oromoollee, haayyuun oromoollee

walta'ee, tokko ta'ee eee oromoo ceesisuuf deema jedhe gatii

yaadeefi qilleensa gidduu kana keessatti maal hojjeechuun qaba

58 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
jedhee yaadeeni, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Dirribee

Beektaala?

GUYYOO :- Eeyyee

HACEE :- Ee namni sun iii nama seenaa qabu beekta, nama

oromummaa isa qabatamaan nama raawwatu eee isa dhaaduuf

miti namni sun ennaa woyyaaneen jirtu sana koonsertii hojjechu

qaba jedhe Ispoonseera gaafan gaafadhu abbooti qabeenya

dabalatee, dhaabbilee kaampaanii oromoo amma maqaa

hindhawuu, Baankii heedduutu jira gaafan prooppoozaala

galchuu guyyaa lammaffaatti warraa qircata keessa eee

gaarbeejii keessa gatan beekta sodaatanii jechuudha. Dirribeen

Miliyeenaa Lamaafi Walakkaa naaf heyyamee yoo hidhamellee

nan hidhama jedhe, eee ispoonseer nagodhee, eee woyyaaneen

achumaan battaluma konseerti kiyya dhowwitee jechuudha

GUYYOO :- Sijalaa Haqanii Jechuudha

HACEE :- Najalaa haqanii jennaan battalumatti maallaqaa

59 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- Ihihi

HACEE :- Inni garuu yoon hidhameelle nan hidhama

GUYYOO :- Eeyyee

HACEE :- "Meeqa Barbaadda?" naanjedhe "hamma dandeessu

Ispoonsaraa Nagodhiin" jedheen Aaa Obbo

baankii sana irra fuudhe deebisee itti kenne silaa eega

faayinaansiidhan wantii hundumtuu ba'a mitiiree? inni ofirraatti

murteesse erga kana naaf godhee jedhe Thank You Jedhen

nama sana yeroo lammaffaa marroo lammaffaadhaf eee hojiitti

seenu barbaada

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Maallaqan Ofirkaa qabu waan hojiitti na seensisuu miti

maal nagargaarta? baankiin kun akka naliqeessun barbaada.

"maal hojjeechu barbaadda?" import hojjeechun barbaada "import

keessa maali?" sibilaa fiduun barbaada eee koonistiraakshiniin

biyyaattin eega konistiraakshinii irra heeddummatti yoo sana


60 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
keessa seene hojjeedha jedheeni eee ofii isaati wabii ta'ee

kolataraala tokko malee, ammallee yeroo lammaffaaf sababaa

kiyyaa risk fudhate

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Namni sun miliyeena kudhaan naaf liqeesse

GUYYOO :- Birrii miliyeena kudhaan isarraa liqeeffatte jechuudha

katatuuti namooti tokko tokkoo maal jechuutti jiran Hacaaluu

Hundeessa birrii miliyeena digdama mootummaan Dr Abiyyii

Ahimaad Yookaan Paartiin biltsiginnaadha kenniteefi birrii san

fudhaachuuf Hacaaluun Hundeessa agreement sana

mallatteesse akka jedhaanitti birrii sun hin fudhaatte ittiin hin

callista birrii suniin qabsoo keessatti sirba ga'ee tantee kabaatu

birriin gurgurte jedhan kanaafuu waa butaattee jirta?

HACEE :- Aabboo Guyyoo "Keessa Nama hinbeektu keessa

qabattee nama kenniiti" jedhan beektaa?

GUYYOO :- hayyee ihihhii ihihhii

61 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE :- Eee utuu maallaqaa akkasiiti woyyaaneenu nuu kenniti

bar maa qarree du'aarraa deddeemnaree? eee amma sana kan

qarree du'aarraa deeme risk hammaa sana fudhaacha ture sana

eee Dr Abiyyii Yoo Aangoo irra bay’ee yookaan immoo oromoon

tokko yoo aangoo irra bayee miliyeena digdama naa liqeessa

yookaan lafa naa kenna yookaan maaloo naa kenna, konkolaata

nabita jedhee osoon yaade?

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- Woyyaaneen akka Ajaa'ibaatti, Ofeerin Kunis ture eee

amma yoo haasoftee, eee ofdhaaduu ta'a beekta garuu immoo

ijoolleen ragaa baatu jirti! eee bara woyyaaneen jirtu daninnaatiin

iii manallee

HACEE :- natti agarsiiste, eee.. kaan Buraayyuutti, Kantiibaatti

dhaqaati maaloo godhaafi jedhame, qondaaloonni Mootummaa

OPDO keessa jiran, kan amma jiran warrii gurguddaan kana quba

qabu beekta. Yeroo sanallee nama dide, amma akkamitti?

62 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
namumaa Dr Abiyyii Isa biteere naan jedhe, inni faddaala ture?

gidduutti. daldalaa ture? perseentii meeqa argate? gaafa

nagurguruu; eee.. ANI UUMMAATA KIYYAAF QAALIIDHA,

Beekta. Ani akkas jedhen amana. eee, by the way wanti bitamu,

mi'a qaalitu bitama mi'ii rakasaa hin bitamu. akka gaarittan

fudhaadha; isa garuu mootummaan Dr Abiyyii Ana bitu

hindanda'u! ok? eee.., yookiin OPDO, dhaabni kamuu. yoo

sammuun kiyyaa na ajajee malee Biltsiginnaa jedhi, dhaaba

oromoo warra mormuu, kamiyyuu keessa jedhi, namni tokkon,

yoo feedhiin Hacaaluu Keessa, Haacaaluun murteeffatee; tole

jedhe malee, Asiin Miti? Asiin gad-namurta.

GUYYOO :- keessa Haacaaluutu oljedhe?

HACEE :- No! akkamitti oljedha? Biltsiginnaan gadii bahanii;

Haacaaluu binnee turree, agreement akkasii waliin qabna akka

inni Afaaniin hindubbannee, kana goonerra jedhani, gadii

bahaanii hadubbaatan. har'as, boris, warra warra mootummaa

63 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
biyya bulchu miti bar, warra mormuttillee qeequudhaaf nama

duuba hindeebine Ani.

GUYYOO :- midhaagduu; kana caalaa sin jedhan. Haacaaluu

hundeessa konkolaata inni Oofuyyuu Mootuummaatu kenneef

lafallee, Manallee, qabaachu dubbaatan. Manallee qabda jedhan

Hacaaluu manallee hagam qabda?

HACEE :- eee.., Alamganaatin jiraadha, sumayyuu kira keessan

jiraadha. All most mana kireeffadheen jiraadha. eee..., garuu

ijaarrachuunkoo hin oolu yoo rabbii jedhe.

GUYYOO :- haga amma mana hinqabdu?

HACEE :- mana hinqabu.

GUYYOO :- Konkolaataano?

HACEE :- Konkoolaata; ani konkolaata amma oofuu sana dura

diyaaspooraatu naafbite akkamitti naafbite; ani biyya kanatti

beekta; ergan koonseertii hojjeedhe maallaqa argadhee, ani

albeema kiyya hojjeedhe, wagga lamaa(2) booda biyya keessatti


64 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
akkan hin hojjeenne hojjeechu qofa miti, miidiyaatin oromiyaa

irratti illee akka sirbiikoo tokkichii hindabarre ugguramee carra

Ameerikaa itti ba'u argadhee, Ameerikaa, Awuroophaa,

Kanaadaa, Awuustiraaliyaa irra deeme Uummannii biyyaa ala jiru

naaf hajiraatu. By the way kadhaa miti kanan deeme biyya ala

dandeetti kiyyaanan deeme Uummaanni Koonseertii Kiyya seene

Haacaaluu gargaarraaf osoo hintaayin; hacaaluu waan jaallatuuf

Haacaaluudhaan Intertain taana jedhe seene.

GUYYOO :- Eeyyee

HACEE :- Animmoo Uummaanni Sun Jaalalaa inni na ibse, eee..,

hamilee inni naa kenne qofa miti.

GUYYOO :- eee...

HACEE :- Maallaqa kaffalee seene na ilaale kanaadaa deeme

tuuri utuun gochaa jiru; asi biyyarraa natti bilbilan Abbootiin

qabeenya oromoo gara nama shaniimo? ja'a torba ta'uus

65 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
danda'u hinbeeku ani. eee maallaqa walitti buusani surprise

nagochuudhaan.

GUYYOO :- Makiina Kana Siifbitan

HACEE :- Makiina Kana bitan.

GUYYOO :- Haacaaluu Hundeessa Meesha, birrii akkanaa

fudhatee mana akkanaa qaba waankana mootummaatu tolcheef

jedhee Ololli Miidiyaa hawaasaa gubbaa sitti deemu quba

qabaachu natti himte turte

HACEE :- eee namni gariin agartee taargeeti inni barbaadu yoo

ati seenufi baattee

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- waan barbaade jechu danda'a. Oloolli kun eessa baate

beekta?

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- Warruma qaama mootumaa keessaa baate

66 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO ;- Hihi?

HACEE :- Oloollii Kun. Ok?

GUYYOO :- Maali Kaayyoon sin duuba jirtu?

HACEE :- kaayyoon sinduuba jirtu eega ani kaniin yaadu?

GUYYOO :- Iii?

HACEE :- Eee tarii warra mormuuf itti fakkaachu danda'a. Maaliif

jennaani? Iii waanan calliseef eee achi keessa taa'e, eee

fudhatama yookaan jaallatamummaa Uummata biraa qabdu kana

qaamni dhabamsiisu Aachi keessa jiraachuu danda'a. Kamormu

keessaas hinjira kabiyya bulchu keessas injira. ankana sirritti,

sirriitti quba qaba beetta garuu, danta hinqabuufan callise malee

haga yoona

GUYYOO :- hayyee amma waanjira Uummaata beeksifte

fulduraaf namoota shakkii qaban Aartiistoota waan garagaaraatu

haasa'ama namootni bebbeekamoon bu'a dhunfaatiin eee

deebiyaanii yoo dhugaa Uummaata dhoksan hin mul'ata


67 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
kanaafuu Aartiistoota shakkanii maqaa san itti baasa warraa

Hacaaluu Hundeessa shakkuuf fulduraaf Hacaaluun jijjiIrama

jedhe fulduraaf kashakkuu kaa ammaatiif kafuulduraa maal

dhaamtaaf? maal jettaan?

HACEE :- hhh beekta? Hawwisoo Keessatti hawwisoo

mootummaan hoggantu kana keessatti Aartiisti gameeyyii

gameeyyiitu jira beekta

GUYYOO :- Ihi

HACEE :- Kan Sagaleen ajaa'ibaa biiftuu oromiyaa keessa jedhi,

burqaa buraayyuu keessa jedhi hawwisoodhuma mootummaan

akka aadaafi tuuriizimii ofjalatti qabatee

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- eee Artistootaa achi jala jiran hacucamaadha beekta

Aartiin Muudii Barbaada. Aartiin Ayyaana qabdi beekta

Dabballeen gaafa akkana godhi gaafa misoomarratti sirbita gaafa

maaloorratti sirbi gaafa siinjeettu?

68 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- Ihihi.

HACEE :- Ati Artiisti miti beekta. amma wanti nurratti

raawwatamaa jiru maal akka ta'e beekta? akka dabballeen OPDO

Kanaanduraa biiftuu oromiyaa gochaa turte, biiftuu oromiyaa

keessatti Aartiistoota otoon siif waame, sagaleensaanii

siboochisu baay’eetu jira beekta achi keessa bahanii guutuu

biyyatti irratti beekamu danda'aan, addunyaarra deemanii, iii

waameeqa hojjechuu danda'an kana dabballeetu isaan hooggana

har'a waan ta'e yookaan iii Eebbi waan ta'e yoo jiraate achirratti

waa'ee misooma irratti waa'ee yookiin waan maalii irratti jechuun

waan ati irratti sirbitu hawwisoo keessatti dabballeetu sikalaqa

malee, akka Aartiistitti Simiti. Artiistiin immoo Miira hawaasa bal'a,

miira hawaasa miliyoonan lakka'amuu bakka bu'ee, hojjechuudha

qaba malee, miira murna tokkoo kan mootummaa biyya bulchuu

miti yookaan kan mormuu miti.

GUYYOO :- Kumaa Lamaafi Kudhaa Shan gubbaatti "maalan

jiraan" ba'ee akka warra faranjootaatti jechuudha, eee sirba

69 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
sunirratti Uummaata biratti fudhatama gudda argatte, achumaan

qabsoon oromoo jalqabde qabsoo keessatti waan heedduu

dabartee ijoolleen fuulsibeekan siidubbatti gizee miliniyeem

addaraashii yookiin galma barkumee guddaacha sirbituu suni

madarakii irratti gizee seentuufi gizee buutuu maaltu

siquunnamee?

HACEE :- akkuma beektu sana ani Immoshinal ture Eee gara

harargee kana deddebi'aa ture Uummata Keenya ilaaluudhaf eee

yeroon deddebiyu sanatti iiii bara jireenyakoo keessatti akkasitti

abdii kutadhe hinbeeku eee maaliif waan wayyaaneen eee

Uummaata Keenya irratti raawwacha turte sana arge Walaloo

sana akka jirutti dirre dawwattin barreesse harkaa caalaa

jechuudha, Addisuu Araggaa kun natti bilbilaa ture "qophiin

akkasii kun jira!" injiran jedhen, eee Live darbaan jedheen!

"Addunyaatti Darba" naan Jedhe Addunyaatti darba? eeyyee!

sana irratti hundaaye barreesse jechuudha eega addunyaatti

darbee, eee hindhufee late ta'een dhufeeyyu gaafa qophii sana,

70 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- Duddubatti haftee dhuftee?

HACEE :- duddubatti hafee gaafan dhufuu eee Aartistoota Kan

akka Ittiqaa kana ijoollee eee Aartistoota Nadura Seenani

Perform godhaan kana Addisuun walitti qabee gorsaa ture

GUYYOO :- Gorsa kam gorsee?

HACEE :- Eee yoon dhufu, "woo wooyi Hacaaluu dhuftee koottuu

atis" naanjedhe. "Asitti galii walitti qabuuf walitti dhufne malee eee

protest garagaraa agarsiisuuf miti; kanaaf kaayyoon nuti dhufneef

ee galii walitti qabnee Uummaata Keenya buqqaaye Utubuudha,"

kanaaf iddoo kanatti ijoollee mormii fincila didda gabrummaa kana

agarsiisa turan natti fakkaata

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Ani Late ta'e dhufe sinjedhe. Hayyee rakkoon hinjiru

jedhen sanbooda Ani nanseene maaliif akkuman dura sinjedhee

sana waanan sirbu; waanan sirbuu Guyyoo Waariyoo Yookaan

Dabballee mootummaa yookaan miti mootummaa NGO waan

71 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
akkasi miti kan naaf filatu Ana! Eergaa Haacaaluun Waltajjii irratti

dabarsuu sana qaamni hinbarbaadne yoo jiraate Hacaaluu

waamu dhiisu erga dhufe garuu Hacaaluun waan gochuu qabu

Hacaaluu qofaaf dhiisu.

GUYYOO :- waan akkana sirbi jedhani sitti himanii isan?

HACEE :- Eee Isan yeroo sanatti sirbiikoo "JIRRA" Kajettuu sun

baate turte I Think eee sirba bira eegan an baandiidhan akka

geerarsaa seenu godhee eee Walaloo Sana fayyadamee miirri

anarrattis, Uummatarraattis argitu sana waan yeroo sana

fakkaatu ture yoo sana Emotiona ta'aanii namoonnis intinii jedhan

ibsaan addan cite, security back stage natti marsee sanbooda;

Shimaallis dhufe ofitti naqabe eee Addisuun dhufee "ennaa

waltajjirraa baatu ati hin maraattaayi?" naanjedhe, eee namni

rifaateera Shimaalliis Ofitti naqabee "Erga Goote baga Itti

Cabsite" naanjedhe Sanbooda Suutuma Suuta eee ijoollee warra

suufi uffattuu kun meeshaa shugguxii qabatanii back stagen natti

72 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
raaran natti marsanii iii kana booda "nutu sifuudhaatee deema

rakkoon hin jiru nu wajjiin jirta" jedhan

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Kun jiraate, hinjirree ani danta kiyya hinturre yeroo

sanatti ee baay’ee dhiphaatanii ee "Konkolaata Kankee fudhattee

deemu hin dandeessu" naan jedhan back stage karaa ittiin baatu

miliniyeem addaraashii gaafa deemnu namoota qawwee baatanii

dadhabbaatanin arge waraana.

GUYYOO :- Federaalaa?

HACEE :- Federaalarraa

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- ee sana booda nama Toofik Jedhamu amma

pirootokoola muummicha ministeera hata'u hinbeeku inni yeroo

sana ijoollee ammaa iii gaardota sana mucaa hoogganu ture

fakkaata, akkasitti jarrii eega akka dabarsanii na kennan iii

bilbilaan rakkisaa akka turan qaama amma jijjiraama kana


73 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
hogganaa jiru kana yeroo sanatti Aangoorrattis ol hinbaane

agartee? yeroo sana yeroo hamaa ture yeroo Risk ture

dabarsinee hinkenninuu hinkenninaa irratti lola hamaatu ture erga

uummannii ba'ee V8 (V Eight)n Lammaafaa Abiyyiifa erga

geggeessanii booda waraanan qophaatti naa hanbisaanii V8

Lamaan fudhatanii nabadan kan sidinquu keessa? karaa boolee

mikaa'eelii kana nafuudhanii ce'aan

GUYYOO :- simursisuuf Jechuudha

HACEE :- yaa waan aja'ibaa namursisaan nafudhatanii badan bar

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- eee makinaa, qulfiis narra fudhatanii kanbiraatti

kennamee waan hamaa ture yeroo sanatti wanti dhalate dhugaan

jiru kana

GUYYOO :- Maal wannii isaan hasa'aan warrii ijoolleefaarra maal

dhageesse? akka simidhuuf jedhan

74 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE :- Ijoolleen Hinumayyuu Mucaa Tasfaayee Jedhamu

tokko jira maqaa abbaasa Tasfaayee Eenyu akka ta'e hinbeeku

damee tikaadha ijoollee oromooti ijoolleen suni hinumaayyuu

nadudduubaa bireeniinfaan ture siviliidhan uffatanii matireesiifaa

All Most amma waraanni hinbanama jedhen eega ture ani

raadiyoo gocha turuu makinaan nu hordofuurraa kata'ee meetira

akkasifarraatti rukutuufaa waliin jecha turan

GUYYOO :- Purposely Siqabuuf dhufan jechuudha isaan

HACEE :- Isaan Na qabuu ammaa dhufan jaratu kennuu dide

GUYYOO :- Good! hojii hojii hojjettuu sun fakkeenyaf

madaraakirratti cabsitee waan akkasi sana Live irratti

dabarsuudhaf risk san fudhatte jirta risk san itti gaabbita?

HACEE :- itti hingaabbu! risk ani yeroo jalqabaaf miti kanan

fudhaadhe inni sun hamaa ture ee beetta? ani namattuu hin

himne hiriyoonni kiyyaa hinbeekani haati warraa kiyyaa hin

beektu, haadha warraa kiyyaa ulfa ji'a Torbaatu garaa jira, kan

75 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
daa'imaammoo Wabiin wagga lamaafi ji'a shani eee hinimuu eega

ani agarte, risk kana dhaabbitti du'uu mannaa ee yoon du'ees lafa

hin siileessuu ani namni du'a hanqatu hinjiru beekta

GUYYOO :- hin dhaammattee jecha dhagayee hiriyoottankeetu

natti hime dhugaa taate hinbeeku yoo dhara taate dhara jedhi!

du'uu dandaa'a maatii tiyyaan waan akkanaa kana ani yoon

du'eelle kan tolcha, kan tolcha jette dhaammattee beetta?

dhaammatte jedhan dhuguma?

HACEE :- eee jechuun hiriyaa kiyya keessa muca Ingiduu

Cimsaa ka jedhamutu jira inni inbeeka beekta ee jechuun

akkuma qoosaa godheen itti hime eee wanan ani akkuman

sinjedhe sana biyya ala kana deddebiyee hojjedhe dhufe kana,

mana itti ijaara jedhe lafa bibbite tokkotu jira

GUYYOO :- Hihi?

HACEE :- maallaqaa kiyyaan eee isaanoo wanti akkasi uumamee

just kana godha jedhe Ani qaama kiyya dhiqaadhe rifeensa

76 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
ofirraa ciree qaamakoo guutuu dhiqaadhe eee dhufe eee agarte,

milkaa'ees gala jette hin yaaddu egaa yoo kuni ta'e hata'u, ta'uu

baate risk ani gaafan fudhaadhu ofittuu hin himu namuu kutannoo

hamaa keessa ture waan ta'eef yeroo gaarii, carra qabeessaas

waanan ta'eef malee, nan nyaataman ture

GUYYOO :- Nyaatamtee turteeyyuu baafattee jijjiraamni hindhufe,

Abiyyii Ahimaadifaa aangootti dhufaan atimmoo eee haasa wayii

irratti "bilisoomne" jedhe Hacaaluu Hundeessa jedhani sitti duula

turan, Hacaaluu Oromoon Sa'aatii amma bilisoomee? Gabaabsii

naaf deebisi!

HACEE :- ee Ani Bilisoomne hinjenne bilisoomne miti?n jedhe

kananduras interview Dajanee faana haasoofne irratti

dubbadheera, Mooneerra! eenyun? TPLFn mooneerra amantus

amanuu baattus Daninnaatiin Woyyaane Finfinneerra Makinaa

Ani oofuu taargaa walfakkaatu silverii kalarii walfakkaatu faana na

hordofte, sadii taate Amboo dhufte koomishineer Dachaasaa

Bitimaa amma komishineer Jeneraal, Mangaagaa Woyyaanee

77 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
keessa kan nabaase isa, otoo naqabanii? yeroo sanatti

hidhaattuu nangeessan I am sure Dachaasaa Bitimaa yeroo sana

magaalaa amboo keessatti isa ture jara kana qabe, kaqabe

daninnaatoonni kun Alaabaa ABO qabatanii boruu akka jeequmsi

ka'uu waraqaa barreeffame manfileeti qabatanii, kaan hinfacaasa

halkan walakkaa kaan Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo

fannisa, kaan footo kaasa taargaa makinaafi jara; yoo kana

qabamte, bara sana Muktaar Kadirtuu Bulcha ture oromiyaa kana

qabamtee asi set up mootummaan naannoo oromiyaas hinbeeka,

daninnaatichis hinbeeka, gadi ergee ana ukkaamsuuf jennan

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Jara qabee ukkaamsee mana hidha kaaye amanteee

jarrii, gad-dhiisi! gad-hindhiisuu irratti waraana hamaatu ture

yeroo sana OMNn Illee gabaase ture wannaa kana beekta?

GUYYOO :- Hayyee

78 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE :- Ee yeroo hamaa hammaata ture jechuudha yeroon sun

nama akkasi kun,

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- fi kan kana fakkaatan harkaa nurra qaba turanfaatu jira

beekta? Walumaagalatti

GUYYOO :- waliigala akka fudhannuuf oromoon sa'aati amma

kana

oromoon cunqursaa bara woyyaane keessa jirturraa waan hooma

argatutumoo? cunqursi ammas jira jettee yaaddaa?

HACEE :- Cunqursi ammallee injira! oromootu oromoo cunqursaa

jira kun jala sararamee beeku qaba, ok? Dr Abiyyii Ahimaad Eee

Gaaffii Oromoo hindeebisneen wantokko, saayikoolojii oromoo

hin eegneen wanna tokko miidhama oromoo irratti hundaaye

fedhiifi danta oromoo hin eegsisneen wanna tokko inni oromoo

mitin waan biraati Dawuud Ibsaan, Jaal Daawuud Ibsaan Bara

hoggaansa isaa Addi Bilisummaa Uummata Oromoo Waggaa

79 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
kudhaaniifi kudha shan keessatti lolee, lolchiisee Finfinnee

hingeenyen waanna tokko, hoggaansa adda bilisummaa oromoo

aratti kiloo hin seennen wanna tokko Jaal Dawuud Ibsaa Nama

Qabsoo Oromoo keessatti fixeen garuu firew maasho gidaayi

jedhani Tigiree gochuun waan bira Balaayi Zallaqaan oromoodha

jenne nuti nafxanyaa faana qokkee walqabna,

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- Isa Oromoo Keessaa gadi bahee ani oromoo miti yoo

jedhe ok? namnumtii weakness Guyyoo Waariyoo irratti argee,

inni oromoo miti namni jedhu sun inni oromoo ta'uu isa maaliin

nuuf ibsa? DNA isa kam certificate isa kam fuldura nuqabeeti inni

oromoo ta'a? Walumaagalatti,

GUYYOO :- Hihi?

HACEE :- Walumaagalatti Woyyaaneen Ariyaamteetti? eeyyee

qabsoo ilmaan oromootiin, dhiigan Zimbiloo eee hinka

salamtaadhan miti beekta, oloodhan miti Ulfii itti wareegameeti

80 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Daa'imnii waggaa kudhanii sinaayipheeriidhaan matan itti

facaayeeti waanan gammachuu qabu sitti fakkaata? waan amma

ta'a jiru kana Oromoon Du'a jira hinuumayyuu waa tokko sitti

himu? bara woyyaanen jirtu sana oromoon du'uun kun dhageetti

qaba ture amma dhageetti hinqabu beekta, maaliif seete horma

mitikaa nutu wal ajjeesaa jira hormimmoo maaltu isa dhibeere?

GUYYOO :- Furmaatni Maanni?

HACEE :- Furmaanni Iii warrii biyya bulchaanis dhaabbatani ilaalu

qabu warrii qabsoo bilisummaa oromoodhaaf falmaa jirra jedhanis

dhaabbatanii ilaalu qabu eee gaafa arbii walitti bu'uu kan

miidhamu margaa jedhama miti? eee wantii isaan beeku qaban

wallalummaa kiyyaan ilaale yoonillee badii qabaadhe na

ofkaalcha, ani wallaalaadha nama hinbarannellee eee nama

barnootan fagoo hindeemne eee ogummaa rabbii naaf kenneen

uummataa kiyya biratti jaalalaaf kabajaa argadhee malee ani

beeka ta'ee miti kan isaan gorsu isaan worra nadhalchan, warra

daandii natti agaarsisaan warra wareegaman warra aarsaa

81 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
meeqa kaffalanii nadura, eee waameeqa ta'anii beekan, garuu

haga wallalummaa kiyyaatti wanta nagaafattee tokko, KAN

KOLFAA NUN GODHINA! amma wantii jiru maal akka ta'ee

beekta Guyyoo, Xiiqii walitti qabatee namuu akka walitti

dhiyeenyatti wal ijaaree tokkummaan inni wagga afur keessatti

wareegamaa nama kumaa shan itti wareegne dhufe kun,

GUYYOO :- Bishaan Dhuguutti Jira

HACEE :- All Most Zeerootti deebiyee jira beekta

GUYYOO :- Garana kan deebinu eee dhiyoo kana eee gaaffiifi

deebii EBS irratti goote irratti Hacaaluu Hundeessa waan dabii

dubbateera

HACEE :- OBS

GUYYOO :- eee OBS irratti goote irratti Artistoota Waliin eee

warra maqalee dhaqu maqalee marii maqalee akka completely

hin fudhanne dubbatte turte wannii sun ammoo,

HACEE :- har'allee hin fudhuu!


82 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- Mootummaanillee hindhaqee jedhani amma

hasa'uutti jiran, maal jettan wa'ee maqalee sana irratti

HACEE :- ee argeera beekta ani Profesor Isqeel Gabbisaafi

Baqqeeyi? naman Isaan arrabsuudhaaf malu miti? nama deebii

itti deebisuu danda'uudhaaf nama hamilee qabu miti beekta eee

nama akka malee jaalladhullee, nama akka malee kabajullee, eee

dhugaa dhiiga ilmaan oromootiin yoon dhugaa haasaye gaafan

wanna kana hasahu sammuu kiyyatti isaanuu yaadadhee miti

qondaalli kanaan dura mormituu ture, eee KFO amma OFKO

Durii keessa ture namni wayii maqaa tuuta waan ta'ee fudhatee,

achitti gaafa inni walgaayii jaraa faana taa'u argeetanan sanarratti

hundaayetanaan haasaye beekta

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- Utumaammoo Baqqeenuu Deemee Profesoruu deeme,

fudhatama hinqabu ana biratti Jowaaruu yoo deeme maaliif

naanjedhi eee tarii wallalummaa kiyya irra madda ta'a; garuu

ammallee jarrii nama gumaati! oromoo waliin.


83 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Walaloo Dr Zalalaam Abarraa waa tokkon sijedha, waggaa

kudhani meeqa duran dhaggeeffadhe waanni akkaasi kun isa

rakkiseenitu beekta,

"Akkamittin caalii akkamittin gurba? Nadhagahuu didda" jedha

Caalii sanyii dhiira caalii sanyii guddaa

Kan dur lammiinkee ajjeese dibatee, tufee hin arrabne

Gafaarsaan gaditti saawwatti lakkaaye

Yeroo yoo argatu raadiyoon siwaadee,

qawween si hakaa’e

hammam lammiikeen waliigaltee diddee,

mana guma lixxa? ilmaa haa? jedheetu afaan kootti hahafuu kan

shan ta'ee dhufu jedha

GUYYOO :- Ka Shan ta'e dhufu?

HACEE :- Kan shan ta'e dhufuu

84 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- hayyee

HACEE :- mana gumaa lixuun akka sirna gadaatti, akka nama

qaamni irra du'e tokkootti isaantu isin ajjeesneerra? waggaa

Digdamii Torba eee kallattiidhaanis, alkallaattiidhaanis isiin

ajjeesnerra, isin miineerra, isiin saamneerra, oromoo biyya abbaa

keessani irratti akkas isin gooneerra, Nu Ofkaalchaa! jedhanii

Qeesiifi Sheekii Nutti erganii gara fuulduraatti, akkattii waliin buluu

dandeenyu kana irratti kan oromoo gaafatan isaan malee, warra

nuti isaan harkatti du'a turre miti! Natti bilbilaani waa'ee kana

irratti Si'i Naanjedhan siyaasa keessatti naanjedhan diinni

dhaabbataafi firrii dhaabbataan hinjiru naanjedhan, akkasii?

eeyyee! haha? Dr Abiyyii Sirriidhaareen jedhen attam jennaan isa

nafxaanyaa faana hamannuu kuniin jedhen nafxanyaa waliin ta'ee

dantaa Oromoo kana nafxanyaaf dabarsee kennuufi nafxanyaa

waliin hojjeeta eee Hayyoota Oromoo ofirraa dhiibaa jira

nafxanyaa ofitti qabaa jira inni jedhamu kun, nafxanyaan diina

Oromooti kaleessa diina Oromooti har'allee diina Oromooti gara

85 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
fuulduraattis diina Oromooti akka wallalummaa yaada Hacaaluu

Hundeessatti.

GUYYOO :- Hacaaluu, Araat Kiloofi situ aanee jettee sirbitee

turte, sirba kankee kalammeessoo kabahee irratti "jirra oollee,

barii arguuf garaa nuballisee yaa nuyii" jette jirta, oollee barii

arguuf, oollee barii san arguutti jirra, geenyee?

HACEE :- Arginee turre

GUYYOO :- hayyee

HACEE :- Ok? akkamitti arginee seete, akkuman dura siinjedhe

irra deddebii akka hintaaneef, eee Power Gutumaa, Guutuutti kan

ofirkaa qabaattu turte, TPLF isa amma maqaaleetti galte kophaa

isaa miti OPDO waliin injira ok? Jowaar Kana wallalee miti kan

mineesootaa irraa asdhufe bar qaamni amma Aangoorraa jiru

kun, akka woyyaanee faana ture kana wollaalee miti ok? eee

qabsaa'onni gameeyyiin heedduun kan biyyatti galan inbeekanka

ilmaan keenya jedhaniin ok? itti fayyadamne, garagalanii nu

86 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
qarqarani qabsoo kana galmaan ga'an jedhame, itti walii, waliin

shubbisamaa ture bar akka aja'ibaatti machii hamaa keessa ture

Uummaanni keenya hundumtuu ok? sana booda eee ijoolleen

ibiddaaa baattee ijoolleen oromoo lixaafi kibba Oromiyaa kana

keessatti eee gaafa mumullaachu jalqabu, waliigalteen dhabamaa

gaafa adeemu, isa sanatu bal'atee, bal'atee, bal'atee, bal'ate,

dhufee sadarkaa kanarra ga'e, innis yaalame, hayyoonni

Oromoos yaalanii, qaama biyya bulchaa jiruufi ijoollee keenya

sana faana araarrii akka bu'amu yaalame., Kana keessa,

saayinsii sana keessa deemaa ture achi keessa seenee hin borcu

Ani nama siyaasa miti

GUYYOO :- akkana

HACEE :- gidduu isaanitti walii galtee dhabameen Uummaanni

Keenya Sacrify amma kana kaffala jira

GUYYOO :- Eenyuutu itti gaafatama kanaaf?

HACEE :- eenyutu itti gaafatama

87 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- iii

HACEE :- lachanuu akka kiyyaatti

GUYYOO :- Mootummaafi,

HACEE :- Mootummaafi Qaamni mormu

GUYYOO :- qaama mormuu

HACEE :- Yaa

GUYYOO :- Kanafuu seenaa Oromoo, amma sadarkaa oromoon

keessa jiru kanatti, fakkeenyaaf lafa Oromoon sa'aatoii ammaa

naannoo jiran keessa naannoo namni du'uutti jiru, ka namni

baay’inaan keessatti dhabuutti jiru, Oromoo.

HACEE :- Yaa Oromoo

GUYYOO :- kana akkamitti ibsita? akkamitti ilaalta?

HACEE :- haa? amma beektaa? sana keessa seenee borcuuni?

GUYYOO :- Iii?

88 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE :- tarii wallalummaa kiyyaa kaasuu danda'a. akka

Oromoo tokkotti maaltu sitti dhagahama? Hacaaluu atoo

OromoodhaA, Oromoodhaaf iyyaa turte yoo naanjette, ijoolleen

daggalaa keessa jirtullee dhiiga kiyya ok?

GUYYOO :- hihi?

HACEE :- gaafa rukutaamteE? reeffa ishEe facebook irratti argu

nadhukkuba keessi kiyya

Ijoolleen asi bobbaafamtee deemtu kuniis maqaa seera

kabachiisuudhaan; Oromoo! jarrii Wal illee hin booji'an beektaa,

booji'aaniis akkaataa isan itti disrespect wal godhan kana gaafa

argitu Oromummaakee sijibbisisaa beektaa. Oromoon, Oromoo

irratti dhukaasu arguurra caalaa? du'a wayyaa beekta warrii

du'ee hinobbaafate! warrii du'e kun obbaafate! Warrii dhume nu

warra lubbuudhaan jiru, kana ilaala jiruudha beektaa,

GUYYOO :- Abiyyii Ahimaad Aartiistoota waliiti qabe Achirratti

Waan tokko dubbate namoota lubbuun hinjirre Taaddasaa

89 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Birruufaa, Jeneraal Waaqoo Guutuufaa waan sirbinuufi? waan

isaan lubbuun hinjirreefi jette dubbattee turte maal jechuu

kankeedha?

HACEE :- Waaqoo Guutuu goota keenya mitii? Taaddaasaa

Birruun nuuf fannifame goota keenya mitii? waayi? kana booda

ka'ee Oromoo kana godhee jennanii? hinjennu bar

GUYYOO :- Kanaaf hin amanna jechuudha

HACEE :- Kana booda ka'aanii, namni lubbuudhaan jiru beekta

seenaa hojjeete xureessuu danda'a seenaa namni sseena xuraa'a

qabus immoo haareeffatee, eee nama gaarii nama lubbuudhaan

jiru, abaaruufis hin rakkisa beekta jajuufis hin rakkisa. Ka

obbaafate hin obbaafate! amma ilaal! eee Dr Abiyyii akkuma

filannoo irra bahe kun namni hin machaa’in hin jiru gujiirra,

booranarraa, hanga harargeetti, harargeerraa haga wallaggatti,

wallaggarraa eee namni qawwee hindhayin hinjiru! bar gaafa inni

filatame, special naannoo ani itti dhaladhe kana eee boorana

90 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
irrattillee namni dhukaasa akka ture quba qaba beekta, namni

dhukaase bar gammachuu guddina dhukaasuu qofayyuu miti,

imma Abbaa Gadaa jedhame, bakka deemutti eeboofi farda itti

badhaase gachaana itti kennani, maaloo ta'ee, sana ta'e, kana ta'e.

Inni vision mata ofi qaba mitiree?

GUYYOO :- Jijjiiraamni Abiyyii Ahimaad jalqabe, Kun Wagga

Lamaa keessatti haga deeme deemee karaa sirrirra jira warrii

jedhu injira, Abiyyii Ahimaad Kara sirri irra hinjiru dogongora

gudda hojjeechutti jira warrii jedhan injira kana keessa isa kam

fudhatta?

HACEE :- By The Way Jalqabumayyuu ani bar eee namni

nadursee qeeqe hinjiru garuu dhugaa nama baasu irra eee

weakness nama baasutu namatti intini, intinin kun dhufe.

Amma sirrii irra hinjiru akkamitti sirrirraa hinjiru seete inni

Oromoodha harkii isa dhiiga Oromootin xura'uu hinqabu! akka

wallalumma kiyyatti maal isa gorsa beektaa?

91 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- hayyee

HACEE :- TPLF Uummaata Tigiraayitti hudduu gatattee nu fixa

turte, nafxanyootni uummaata Amaaraatti hudduu gatataanii

Oromoo fixaa turan Mangistuu Haayilaa Maariyaam qofa beekta

kan giddu irratti akkas ta'e namni kamiyyuu saba kam iyyuu

keessaa dhufee aangoo haqabatu kana booda akka inni aangoo

irra turus kan godhu Oromoo. akka inni aangoo irra turu

hindandeenyes kan godhu, Oromoo! ok? mee Dr Abiyyi Kun

Oromoo miidha haajennu fincillis kahee, mormiinis kahee, akka

inni aangoo irra bu'us godhame, eenyutummoo irra kora?

dhaabbilee Oromoo keessa isa kara nagaatiIn dorgomumOo? isa

afaan qawweetiIn lolu? kamtu dhaqee achi qabata? kunis gaaffii

biradha bar

GUYYOO :- namoonni heedduun Abiyyi Ahimad

Nafxanyaadhan butamee qabsoon isaa Oromoon sirna kana

keessa fayyadamuutti hinjirtu, Oromoo waan addaa waan

92 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
fayyadee qabdii? baala gizee jette atillee gizee heeddu attack

waan godhamtuuf

HACEE :- Ani wal reebaan deema beektaa magaalaa kana keessa,

eee eeyyee jira! wanti inni fayyadame Abaarsa Nafxanyaa

fayyadameera inni mormuuwoo maal gochuu qaba ture, akkam

gochuu qaba ture? jarrii akka isaan disrespect wal gochaa, ilaa

maal seete beektaa Guyyoo eee Awakush, Nakush jetti jarrii wal

tuffiidha rakkoo hamaan kan jiru. warra dhaaba siyaasa Oromoo

kana oofan bira jira malee, uummata bira miti

GUYYOO :- Danta wal dhabdee isaani kanatti fayyadamtee

gareen habashaa yookiin gareen nafxanyaa Oromoo miidha jirti

HACEE :- Ofcourse! walumaagalatti maal akka ta'e beekta? akka

Dr Abiyyii, Dr Abiyyii Waranaa isa ajajee akka Jowaar ajjeesu,

yookaan qabsa'aa Oromoo haayyuu tokko akka ajjeesu

nafxanyaan halkanii guyyaa irratti hojjechaa jirti gaafa

93 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
muummiichi ministeera waanuma xinnoo bar, waaguddaa miti

bar gaaffiin deebiyee hinjiru beektaami?

GUYYOO :- iii

HACEE :- Mee gara fuulduraatti hindeebisuu, hindeebisanii

hinbeeknu. Gaaffiin Oromoos waan guddaa hinturre bar biyyatti

kana keessatti akka arjummaa isaatti eee, waanuma xinnoo

waanuma Oromo, Oromoo jettee urgooftu kana yoo godhe,

qullaa sirbiti bar, baatee nafxanyaan miidiyaa isheetiin FM jiru

hundi jechuudha. Waan isaan hinjedhiin injiran beekta

gaafammoo inni xiqqoodhuma saayikoolojii Oromootti wanta

buutu kana godhe, yetime wallad entene bal enji le ethiopia enji

ilaa hin bubbisu beekta maal Documentary nurratti hojjechaa

oolu mitii?

GUYYOO :- maalan jira? gubbaatti yaa Galanee tiyyaa fardii?

fardaa siida hatan siida dabalee

HACEE :- Ehehe
94 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- Sun Wanti Waani jette erga Nudangeessani barri

turee bubbulee fardatu bade Hacaaluu Waanni Fardaa, Waa'ee

fardaa haasoofta achi keessaan waa argee

HACEE :- Fardaa Siidaa Hatneedha! Fardaa Siidaa hatanii siida

dabaleen sooree erga nu dangeessanii barrii ture bubbulee. Fardii

siidaa dabalee sun fardaa miniliik irra taa'ee kunoo amma suura

ka'e sana fardaa hatamee beektaa?

GUYYOO :- Eenyutu hatee?

HACEE :- Namicha! Nama hattuu!

GUYYOO :- Ehehehe Kkkkk Ehehe

HACEE :- eee Humnan qotee bulaarraa fudhate beektaa?

ijoollee arsadee Promotion Kajedhaman Obbolaa Sadan tokkotu

jira Sisaay Bulbulaa wagga Saddeetiin dura sochii hamaa

geggeessaa turan kitaaba isaan barreesaan irrattin argee beektaa

Siidaa Dabaleen Kun Nama Galaanii Fardaasaa Kaalchoofi

95 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Garbuu Qallabaa Ture Goorroo Jalatti Oromoon Sangaa fardaasaa

maal godha beekta? guyyaatti Yeroo lama Dhiqaa Bar Naannoo

Keenyatti fardaa gojeedhaf, lolaaf itti qophooftu Kana leenji'ee

garbuu nyaataa Goorroo jalatti hidhamee eee namichi kun gaafa

fardaa taphatu beekamaa ta'e odeesii qaba beekta akka kitaaba

sanarraa jedhutti seenaan

GUYYOO :- Hayyee, iii?

HACEE :- eee Goorgisiitu Taaboonni wayii hinba'a jedhan iii as

birbirsaa gooroo kanatti namni kun maqaa qaba siida dabaleen

kun eee namicha bira qaqqabee fakkaata miniliik bira

GUYYOO :- Odeeffannoo Miniliik bira Gahee

HACEE :- Hayyee

GUYYOO :- Eeeee

HACEE :- eee Waamaati hataphatu jedhame inni fardaa isaa

miiccee maaloo jedhe bareechee, galaan irraa sakaraa dhufee

96 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
beekta sakaraa dhufee gooje irran mul'ate ennaa dadhahu kana

argee. Yommus inni taa'e, nuguusni taa'ee argaa ture, harkaa

fuudha jedhenii irra butee beekta waameetu fardii akkasii kun

mootiif malee qotee bulaa akkakeetiif hinta'u jedhanii isa nu

abaaran sana beektamiire?

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Jedhanii harkaa fuudhe siida dabaleen boo'aa deeme

kanaaf eee gaafan amma fardaa kana ilaalu nan aaraa beekta

farda hatame fardaa nujalaa hatame kana irra ta'aanii eee hin

qaanoofneen nama qaaneessiiti jedhan hinuumaayyuummoo

suura ka'aanii achumaan kkkkk kikkikki Dhaloonni kun waa'ee

fardaa kana gaafachuu qaba barbaachisaa taanaan beekta

kikikikki hahahhhhahaa

GUYYOO :-Kkkkkk hayyee

HACEE :- Fardii abbaa qaba beektaa

97 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- Hayyee Warri Miniliik ni leellisu Fardii Kan Isaati

Jedhu maal jettan Fardii Kan isaatii inni Fardumaa Isaatiin Dhufe

HACEE :- No! inni jalqaba Harree yaabbatee dhufeem

GUYYOO :- Hihhihi

HACEE :- gara Oromiyaa gaafa seenu, seenaatu jedha bar

Hacaaluu miti

GUYYOO :- Hihihihihi Hahaha

HACEE :- Seenaa Immoo Rirmii hin nyaatu! beekta Seenaan

Seenaadha!

GUYYOO :- Kkkkkkkkk

HACEE :- eee ok?

GUYYOO :- eeyyee

HACEE :- Yaabbii Fardaa eessatti beeka inni iii amma waayee

ADWA faana wal-qabatee, warrii lolee kun Tuulama Kanatu

98 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Fardaan dhaqee Dhukkee irraa Kaaseem. Inni yaawu footoo irra

ka'ee danda'a yookaan qabaniifi ittin deema ta'a inni hin beekamu

ammas barii ijoolleen gaafa fakkeessitu eee siidaa isaa bukkeetti

gaafa ADWAn Kabajamu ijoolleen jijjirti fardaa jalatti qabanii kan

deddemtu. Sangaa Fardaa Sijalatti hinqaban! yoo yaabbii

dandeesseedha kan yaabdu!

GUYYOO :- Namoonni Siidan kun Kajigan Jedha Siidaan Kun

yoo Jige? fardii akka ati jettu Fardii Ka Oromoo

HACEE :- Haa, Fardii Ka Oromoodha!

GUYYOO :- Akka Tolchan?

HACEE :- Fardii Akkamitti jiga?

GUYYOO :- Akkamitti tolchaniree?

HACEE :- Ka jigee isa irraa hajigsan malee

GUYYOO :- eee?

99 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE :- eee ok eega inni

GUYYOO :- Kkkkk Kikikiki

HACEE :- Kkk Kikiki Walumaagalatti Fardii Abbaaf deebiyuu

qaba inni dhaloonni hin deeffata! By The Way Anaaf si irratti

hintaayin malee

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Inni waan hin oolle beektaa waan amma Ameerikaa

kana keessatti ta'aa jiru beektaami?

GUYYOO :- akkana kikkikikkii

HACEE :- Biyya qaroomte, biyya guddatte yakkamaan yakkamaa

beeki

GUYYOO :- Miniliik Siif Yakkamaamoo? yakkamaa miti?

HACEE :- O MY GOD!, O MY GOD! Ani, inni egaa Reeffamiiree?

amma ekeeraadha inni eee jechuun seenaa Rirmii hin nyaatu

100 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
siinjedheera! eee seenaan immoo dhugaadha. Kaan soba hajedhu,

kaan dhugaa hajedhu jechuun akkamitti namni kana nagodheera

jedhee sobaan si himata? nama lubbuudhaan hinjirree Aannoolee

irratti Kana godheera, Calanqoo irratti kana godheera gaafa

jedhamu? aaboo bara sana inni kanaan mallatteessa

jedhan(qubaan) jechuudha.

Warrii harkaan mallatteessu warrii maasteeraafi maasteersafi

digirii Ph D babu bara ammaallee eee Ulfa ajjeesaa jira

beektaamii? inni bara Sanatti doofummaa sanaan harma yoo

mure, harkaa yoo mure, maal intini qaba doofaa waan ta'eef mitii

kan qote bula irraa farda hatu, kan fardaa saamu walumaagalatti

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Yakkamaa hamaa!

GUYYOO :- Yakkamaa yakkamaan Beetimangiistii Keessatti

Oromoon lolte mee Wanniin isa Siidaan isaa Kabeetimangiisti

101 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Keessa falaasi mootummaa keessan sun akkamitti ilaalta? ati

maalteeti? wanti sun

HACEE :- Rifaadheera ani

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Maaliif Seete? tokkoffaa Ekeraa Achi Keessatti

Yaadannoo ekeraa gochuunu sirri miti Nama Intini, nan

ya'aaddaafuu ani maaliif seete? eee warra achi keessatti suurrii

isaanii bocame hundii eee garaagarummaa amma uumamee

sabaafi sab-lammii biyyattii kana keessatti roorroon ammallee

hiika hin arganne bar yakka isaan raawwataniin beekta ok? eee

dhimma godheef isatu beeka waan godheef garuu akka kiyyaatti

ta'uu hin mallee maaliif? eee nama harki uummaataa, dhiiga

qulqulluu harka jiru ekeraa akkamitti yaadannoo goote eee, biyya

manakee qarqaraa goota? hin ta'u! akka kiyyaatti eega kun siif

galee?

102 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
GUYYOO :- eee dhuma irratti sa'aatii hin qabnu, waan deemuutti

jirtuuf

HACEE :- Kkkkk Kikikkii

GUYYOO :- Ariifaachuutti jirra namootni heedduun hangaa

amma, keessumaa warrii sirna nafxanyaa leellisan Atse Minilik

Defend godhu dura namichi kunin Itiyoophiyaa Holly War

Waraanni inni Oromoo irratti godhe waraanaa qulqulluu

taateedha jedhanii worrii yaadan injira Kanaaf deebiinkee

maanni?

HACEE :- Qaamni miidhamee Immoo Holly Revenge Jechu

danda'a beektaa, isaan sirrii mitiim waraana kan nangallee?

GUYYOO :- Kkkk Kikkikkii

HACEE :- Ana Kan Nangallee? eee Silaawoo Isaan Nabiyyii miti,

yookaan Iisaa Yeesuusiin Miti,

GUYYOO :- Eeyyee

103 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE :- Namuma mitii? Uummata ani yakkii irratti

Raawwatamee, Yakkamtoota Jedhe malee, Sabni isaa lafarraa

dhumuu qaba hinjenne bar Uummanni Oromoo Yakkamtootaa?

Yaa Amma ilaal biyya faranjii Kanatti Gurraacha ennaa luka

dhiqan argiteetta mitii? warrii adiin amma maal beeku? Abbooti

isaaniitu yakka Kana dalage mitii? qaroomuun akkasi beeki

wallaalummaatu itti taphata bar

GUYYOO :- Odeeffannoo jajjabduu dhagaayee nan mormatin

ragaa wanta qabuuf jecha kiyya Hacaaluu Hundeessa; Maalan

Jira, Jirra, Ammammoo Eessa Jirta? sirba Jedhu qopheessee

olba'uutti jira jedhan Studiyoo keessa Jiraachuyyuu quban qaba

HACEE :- hhhh ehehehee

GUYYOO :- Hin mormitaa?

HACEE :- Ati na basaasta jechuudhaa?

GUYYOO :- Sin basaasuu dhugaammoodha

104 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
HACEE :- Kkkk Iii?

GUYYOO :- Ila dhugaammoodhaa?

HACEE :- Dhugaadha, garuu hin baane sirboota heedduu

hojjechaan jira

GUYYOO :- Hayyee

HACEE :- Rakkoo hinqabu waan ka'u hundaaf kan deebii ta'uu

heedduutu jira guyyaan itti ba'u, egaa hinba'a! gaafa itti ba'u

stuudiyoo keessa dhaqxee kan hojii hojjeecha jiru yoo quba

qabaatte, akka biltsiginnaa otoo birrii nankennin akkamitti quba

qabaattee ati? kkkkkkk kana hin qulqulleeffanna hhhhhhhhhhh

GUYYOO :- Kkkkk hhhaha Hacaaluu Hundeessa Boonsa Dhuma

irratti,

HACEE :- Loqoda hangafa Oromoo kanan jaalladha beektaa

Boorana ittiin haasa'uu afaan kana baay’een jaalladha. inni biraan

akkaataa ati itti dhiyeessitullee bareeda. Wanti hojjetamuu qabu

105 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
kara gama miidiyaa keenya miidiyaa afaan Oromootiin banaman

hundi isaanii eee, otuu tokkummaa Oromoo irratti Tokkummaa

Ishee TPLF ittiin xiqqoo goone sana irratti hojjetamee

GUYYOO :- Ulfaadhu, Galatoomi! Hacaaluu Hundeessa dhuma

irratti addaan ba'uu dura sirba tokko nu afeertee, addan baana

eee sirba hacaaluun nu afeere dhageenna

HACEE :- Jirra x6 jirra bullee barii arguuf garaa nuballisee yaa

nuyii, yaa nuuyi, yaa nuuyi yaa waa irraanfachuuf

GUYYOO :- Yaa Waa irranfaachuu OO Sirba Hacaaluu

Hundeessa "Jirraan" irra galla. Hacaaluu Hundeessa Artiistii

Oromoo beekamaa Jirra, Maalan Jira, Eessa Jirta? isa Jedhuun

dhufuutti jira Hacaaluu Hundeessaa Komii irratti kaate gam

kanaan dhufee waan jedhuyyuu darbatee qabsa'aa Oromooti

Aartiistii Oromoo Beekamaa Biltsiginnaa irra birrii fudhate

Jedhaniini Aayyuu Saniin jedhe jira. Waan jala Hacaaluu

qorannee fuulduraalleef gaafanni sirba baasu, bal'inaan walitti

106 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
deebina. Waan nu dawwaattaniif galata qabdu! sagantaan keenya

kun har'arraa jalqabee keessummaa OMN, Oromiyaa Miidiyaa

Neetiworkii Irra gara Dhaddacha dubbiitti jijjiraame jira Ani

Guyyoo Waariyoo Abba Jirmaati ture. Ulfaadha. "Hacee" jedhe

nagaa poolisootatiin harkaa olkaasee dubbisee xummure.

Kana eega sabakoo wantii URJIIN Keessan Dubbate.

Gabaabaadhumatti "Eessa Jirtuu?" Jedhe Haceen Gaafannaan


Duuda Sammuun duudaa eessa Akka Jirru raasasa duudaan

Deebisef.

Garuu inni Rasaasa hingaafanne warra imaanaa itti kennateetti

imaana isa eegee gaafa Dhabuudha malee, Rasaasaa isin gaafate

miti. Waan inni isin gaafate dhiistanii waan inni isin hin gaafanne

warrii kennitaniifis Guyyaa tokko rabbi osoo JIREENYA eegdu

DU'A siif kennuuf jira.

107 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
"Seenaa Rirmii Hin Nyaatu" Haceen Jennaanin, ani du'ee rirmii

na nyaachuu waan danda'uuf kitaaba Kana Seenaadhaaf

olkaa'eef. Bagaa gammaddee kitaabakoo seenaa waan baattuuf

ykn Seenaan Hacee waan sikeessa jiruuf Rirmii sin nyaatu.

Goota koo kabaja Ati gootota Oromootiif qabdu ilaalee, weelluu ati

gootota nuuf lubbuu kennaniif,

"Deemsa jilbibbii kaleessaa

Daguun dukkanaan gaaga’e

Dhaabbanneet deemna har’a

Isintu dhadhaabbata nuuf ta’e

Teessoo ulfina sabaaf maluuf

Qoluuf hiraarra nurraa

Ifa nu baasuuf jecha

Kan taatan aarsaa nurraa…. Galatoomaa"

108 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
jette ilaalee, xiqqoodhuma keessi koo aara hagalfatu jedhee kitaaba

"Atiyyuu Galatoomi!" jettu kana yaadannoo siif godheera.

WABII(REFERENCES)

Maatii Hacaaluu Hundeessaa

Iliyaas Mulugeetaa

Ammayyuu Ittaanaa

109 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!
Miidiyaa OMN

110 | P a g e
ATIYYUU GALATOOMI!

You might also like