Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Ameen!
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Ameen!
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Ameen!
“Gocha isaa akka hordoftanii Isiinis rawwattaniif Kiristoos fakkeenya isiniif kenneera” 2Pheexroos. 2:21
Waaqayyoo Gaafa Addaam ilmasaa akka fakkenyaa fi bifa isaatti erga uumee booda gorsa kenneef. Gorsa isaa
kanas fudhatee akka itti jiraatuufidha. Bakka jiraadhu jedhee itti agarsiise, wanta inni fakkeenyaan barsiise sana
dhiisee ajaja Uumaa isaa diduudhaan gorsa diinaa fudhatee duuti barabaraa irratti murteeffame. Waaqayyo gochaan
mukti kun kanadha, kun immoo kanadha jedhee isatti hime. Daandii fi fakkeenya Waaqayyoo fudhachuu dadhabuun
immoo gahee Addaamidha. Kanaafidha qulqullichi Pheexroos “Gocha isaa akka hordoftanii, rawwattaniif Kiristoos
fakkeenya isiniif kenneera” (2Pheexroos. 2:21). Dhalli namaa jalqaba abboommii Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa
dhagahuudhaan muka Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi yaraa nama barsiisu kana immoo
hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala namaa hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan.
Har’as Waaqayyo fakkeenya kan nuuf kenne keessa tokko Cuuphaadha. Cuuphaan furtuu balbala Waaqayyoo
banudha. Cuuphaan alatti eenyuu illee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin danda’u. Addaam akkuma Waggaa
Soddomatti cubbuu rawwatee bakka jireenya isaa gannat keessaa godaane, Waaqayyoo baraan booda dirree
gadameessa durboo Maariyaam taasifatee, foon isheerraa foon lubbuu isheerra lubbuu fudhatee guyya Kibxaata
mooraa loonii keessatti dhalate. Abdiin Addaamii fi raajotaa ni mul’ate. Samii Addaan kuttee yoo dhufte maal ta’a
kan jedhanii raajoonni dubbatan (Isaa. 64:1), samii teessoo irraa gad bu’ee mooraa loonii keessatti gad of
qabummaan dhalate. Jaalalli Addaam Ilma teessoo irraa gad harkise (fide). Addaam akkuma dargaggeessa waggaa
soddomaa ta’ee uumame, waggaa torba boodatti dogongore. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mucummaa
Addaam deebisuudhaaf dhalatee waggaa soddomatti laga Yordaanositti harka Yohaannisitti cuuphamee namootni
hundis akka fayyaniif lammata dhalachuuf cuuphamuu akka qaban barsiiseera. ofii isaa cuuphamuudhaanis
seera nuuf bu’uure. Kan Kiristoos hundeesseen alatti immoo eenyullee hundeessu hin qabu. (1Qor 3:11).
Erga hundeessee booda Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhuma barumsa isaa irratti akka nutis gocha
isaa ilaallee, fakkeenyuummaa isaa hubannee gara hojiitti jijjiirree mucummaa isaa ganamaa sababa Abbaa keenya
Addaamiin dhabne sana akka argannuuf “Raawwadhaa” jedhee nu ajaje. (Yoh. 3:5). Kanarra darbee akka nuti
warreen ifa hin argatiin, carraa jireenya bara baraa hin argatiin akka deemnee ibsinuuf “Iftii keessan kallatti maratti
haa ifu” (Yoh. 17:1) erga jedheen booda “Deemaatii maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphaa duukaa
buutota koo taasisaa” jedhee duuka buutota isaa ajajeera (Maat 28:19). Akkuma qulqulluun Pheexroos “Gocha isaa
akka hordoftanii, rawwattaniif Kiristoos fakkeenya isiniif kenneera” 2Pheexroos.2:21 jedhee; isaanis ajaja barsiisaa
isaanii irraa kennameef fudhatanii namoota addunyaa Wangeela barsiisuun cuuphanii ijoollee Waaqayyoo
taasisaniiru. Har’as Manni-Kiristaanaa keenya namoota Waaqayyo filate hunda cuuphuun mucummaa Waaqayyoo
ni kennitiif. Kun immoo Waaqummaa Kiristoos ragaa bahuudha. “Nuti wanta ija keenyaan argine, gurra keenyaan
dhageenye hunda raga ni baana” akkuma jedhan barattoonni Gooftaa. (Yoh. 3:12, Hoj. 4:20). Sababni isaas wanta
Faayisaa fi qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos barsiise hundaa waan dhaga’aniif, raajii fi hojii isaas ija foonii fi
Hafuuraan waan arganiif. “Kana hundaa gurri koo dhageesse jirti, Ijji koos argitee jirti” akkuma jedhe raajichi
Iyyoob. (Iyyoob. 13:1). Kanaaf yoo hojii abbaan keenya raawwate sana raawwachuu ni qabna. Sababni isaas inni
fakkeenya nuuf ta’e waan ta’eef.
Cuuphaan faayyisaa, qorichaa fi Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan xalayaa badii diinni keenya seexanni
barreesse barbadeessuuf cuuphamedha. Cuuphaan keenya immoo “Cuuphaa mucummaa Sillaasee itti argannudha.
Cuuphaan kunis nuti ilma Waaqayyoo kan ittiin taanuu fi Waaqayyoos abbaa kan ittiin nuuf ta’udha. Qulqulluun
Phaawuloos waa’ee kanaa akkana jechuun ibsa “Abbaa Abbaa jennee akka waamnuuf inni Hafuura isaa nuuf kennee
mucaasaa nu taasifate” jedheera. Gal 4:4-7. Mucummaan keenya jalqabaa jechuunis, kan Addaamiif kenname sababa
cubbuun nurraa ka’ee jira. Mucummaa kana nuuf deebisuudhaaf Waaqayyo lammaffaa akka isarraa dhalannuuf
cuuphaa nuuf kenne. Cuuphaan Waaqayyoo ilmummaa Abbaasaa argachuu osoo hin ta’iin, nuuf fakkeenya ta’uu fi
xalayaa yakka keenyaa kan seexanni laga Yordaanositti barreessee awwaale barbadeessuudhaaf. Ilmummaan isaa
dur osoo samii fi dacheen uumamtootni kamiyyuu hin ummamin dura, osoo Abbaa waliin yeroodhaan wal hin
caaliin inni Abbaarra dhalate waan ta’eef. (Yoh. 17:16, Faar. 9:2). Cuuphaan Gooftaa saba hin amannee fi saba
alagaa ykn hin amanne tokko taasisuu fi jibba gidduu isaaniitii balleessee jaalala gidduu isaanitti uumudha.
Gooftaan kan cuuphame, Sadummaa isaa ragaa bahuuf. Kunis Abbaan samiirra taa’ee bifa dumessaan “mucaan koo
inni ani jaaladhu kunoo isakanadha” jedhee ragaa baheera, Hafuurri qulqulluun immoo bifa gugeen irra qubate.
Maat.3:1-10. Cuuphaan Waaqayyoo Ilmaa raajota kakuu moofaan kan dubbatame, ifa kan
taasiseera. / Faar.76(77):16, R. Hiizqi’eel 36:35 /. Kan keenya garuu gahee fayyuuf nurra barbachisuu bahuudhaaf.
Sababni isaas ilmi namaa fayyuuf wanti isarraa eegalu ni jira. Gooftaan keenya Fayyina kennaa al tokko saba
addunyaaf gidduu galeessa lafaa kan taate Qaraaniyoo irratti fannifamee, nu fayyiseera. Waan inni al tokko
fannifamee nu fayyiseef, harka keenya marannee hin teenyu. Gahee fayyuuf qabnu kan nurraa barbaachisu keessaa
tokko cuuphaadha. Cuuphaadhaan alatti Mootummaasaa dhaaluun hin danda’amu. Sababni isaas mallattoo
mucummaa waan hin qabneef.
Dhalli namaa jalqaba abboommii Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa dhagahuudhaan muka Jannata keessa jiran
hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi yaraa nama barsiisu kana immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala
namaa hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan. Bara booda Gooftaan Iyyasuus biyya lafaa
kanatti yeroo barsiisaa ture “Dhuguma dhuguman isiniin jedha namni lammata bishaanii fi afuura irraa dhalachuu
baannaan jireenya bara baraa hin qabu (Yohaannis 3:3-6)” jedhee akkuma dubbate cuuphaan kan barbaachise jireenya
bara baraa argachuuf ykn immoo Mootummaa Waaqayyoo dhaaluf jechuudha. Kiristoosiitiin kiristaanota, Ilmaan
immoo ilmaan (Ijoollee) Waaqayyoo kan nu jechisiisu cuuphaadha. Akkuma namni haadhaa fi abbaa isaa irraa al-
tokko qofa dhalatu Cuuphaanis erga takkaa cuuphamanii irra hin deebi’amu; Qulqulluu Phaawuloosiis “Cuuphaanis
Gooftaaniis amantiinis tokkuma (Efeesoon 4:5)” jechuun kiristaanota bara sanaaf nuuf warra boodaafis barreesseera.
“Cuuphamu keenyaan gamtaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristsoosi taane” jechuun qulqulluun phaawuloos akkuma
dubbate, (Gal. 4:7)
Gaaffii: Manni Kiristaanaa Ortodoksii yeroo maraa maaliif cuuphaa jirtiree erga cuuphaan tokko qofa
ta’ee? (Efeesoon 4:5)
Deebii: cuuphaan gosa sadittu jira. Kunis kaayyoo adda addaa irratti hunda’uudhaan. Kunis:
1. Cuuphaa mucummaa: cuuphaan kun al tokko qofa kan kennamuudha. Namni tokko dhalatee yoo dhiira ta’e
guyyaa Afurtamatti, yoo durba taate immoo guyyaa saddettammaffaatti(80ffaatti) kan cuuphamuun mucummaa
Sillaasee argatanidha. Kunis sababa tokko malee kan raawwatu miti. Mana-Kiristaanaa Orotodoksii Tawaahidoo
keessatti wanti tokko illee fakkeenya ykn kallattiin kan macaafa qulqulluu lallabdudha. Kakuu moofan kakuu
haaraadhaaf gaaddisadha. Gaaddisni kun kakuu haaraadhaan ifa bahee ni mul’ata. Sababni guyyaa
afurtammaffaa(40ffaa) fi saddetamaffaatti(80ffaatti) mucummaanis kan kakuu moofaa keessatti
gaaddisaan(dhoksaadhaan) ture sun kakuu haaraa keessatti ifa bahee(qabatamaan) mul’ate. Gooftaan cuuphamees
akka cuuphamnu nu taasise. Kiristoos jedhame, Kiristaanoota maqaa urja’aa fi kabajamaa karaa cuuphaasaan nuuf
kenne.
Cuuphaan icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan
jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa kan ittiin
argataniidha. Icciitii wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee (Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin argannuu
fi warreen hin amanneef icciitii jedhama.
Gaaffii: “Isin cuuphamuun duratti Musliima turtan jedhanii kan lallaban ni jiru kun sirriidhaa?”.
Deebii: yeroo baay’ee gaaffiin kun warreen saba Muslimotaa irraa kan maddudha. Akka yaada isaaniitti “namni
tokko yoo nama kiristaanaa tokkorraa dhalate, hanga cuuphamutti musliimadha” jedhu. Kuni gonkuma dogongora.
Maaliif yoo jenne, cuuphaan adeemsa kiristaanonni yemmuu kiristaanummaa keessa jiraatan raawwatan keessaa
tokko, kan jalqabaati jechuu dha malee, sana dura namni suni kan amantaa biraati yookan 'kan Waaqaatii miti' miti
jechuu miti. Kan ragaa chaappaa ittiin argate Meerooniin mallatteeffame jechuu dha malee. Waaqayyoo amantaa
tokko qofa nama jalqabaa Addaamiif kenne. Waaqni waaqeffamus tokko qofa ture. Qulqulluun Phaawuloosis,
“Amantiin tokko, Gooftaan tokko” kan jedheef kanafidha. (Efesoon. 4:5). Duuka bu’aan Gooftaa kan obboleessa
jedhamee waamamaa ture, qulqulluu Yihudaan akkana jedheera, “Amantaa tokkittii abbootiidhaaf kennamteef akka
wareegamtaniif, Isiniif barreessuuf dirqisiifameera” jedheera. (Yihuuda.1:3). Amantaan jalqaba turte kunis kan
boodarra “Ortodoksii” jedhamte dha. “Orto” jechuun “sirrii” “Doksii” jechuun immoo “Kallattii(daandii)” jedhama.
Waaqayyo Addaam uumuun duratti, dacheen kunis osoo hin uumamiin duratti dacheen kun bishaan turte.
Bishaanirras Hafuura Waaqayyootu ture. Gaar-tokkeen bishaaniis “Dachee” ta’e. Dachee kanarraa Addaam namni
jalqabaa uumame. Kana jechuun Addaam cuuphameetu uumame jechuudha. Bishaan sana irra immoo Waaqayyo
Hafuura irra bulche. (Uum. 1:3). Har’aas cuuphamuun duratti Abbootiin kadhannaa kan bishaan irratti geggeessaniif
Waaqayyo Hafuura akka irra bulchuufidha. Erga irra bulee ni cuuphamna. Egaa Addaamis erga bishaanirra hafuurri
Waaqayyoo bulee uumame, Uumamuun isaa kun mucummaa Waaqayyoo cuuphadhaan fudhachuu(argachuu) isaa
agarsiisa. Namni addunya kanarra jiru hunduu cuuphaa jalqabaa sana cuuphamneerra. Cuuphaa mucuummaa
Waaqayyoo jalqabaa sana sababa cubbuu Addaamiin dhabneerra. Jannata iddoo jireenya keenyaa irraas ari’amnee
baaneerra. Mallattoo mucummaa waan ganneef. Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu mucummaa keenya
nuuf deebisuuf kakuu haaraa keessatti ofii isaatii cuuphamee, cuuphaa keenya eebbise. Har’a warreen cuuphaa
kakuu haaraa hin cuuphamne, achumaan bannee hafna kan jedhu fudhataanii malee, osoo mucummaan kaleessa
nuuf kenname nurraa fudhatame sana lammaffaa ni arganna jennee lammaffaa cuuphamuun dirqama nutti ta’a. sabni
kakuu moofaa waadaa Waaqayyo abbootiidhaaf gale yaadatee akka Musee fa’a “Waadaa Abbootii keenyaaf galte
ilaali nu ijoollee kee nu yaadadhu” jedhee kadhate ture. (Seera Ba’uu 32:13-14). Sababa Kanaaf “Duumessaan akka
isaan cuuphaman taasise” (Seera. Ba’uu 13:21-22, 1qor.10:1). Kanaaf kakuu moofaa keessatti illee cuuphaman
jechuudha. Warreen cuuphaa kakuu haaraa hin cuuphamnu jedhan mucummaa nurraa fudhates, mootummaa isaas
hin barbannuu jechuudha.
2. Cuuphaa dhukkuba irraa fayyisu: cuuphaan kun yeroo namootni dhukkuba foonii isaanii irraa akka fayyaniif
kan cuuphamanidha. (Hizqi’eel 36:25 “ani bishaan qulqulluun isinitti facaasa isinis ni qulqullooftu”).
3. Cuuphaa qalbii jijjirannaa(gaabbii): Yohaannis Cuuphaan warri Yihudotaa Gooftaa akka fudhataniif (itti
amananiif) karaa haxaawaa kan ture yommuu ta’u yeroo kana cuuphaa kiristaanummaaf qopheessuuf yoo jedhu
cuuphaa gaabbii ykn qalbii jijjiirrannaa isaan cuuphaa ture. Cuuphaan gaabbii kunis ilmummaa Waaqayyoo kan
argamsiisu otoo hin ta’iin, yoo yeroo soomii wanta nyaachuun hin eeyyamamne nyaanne abbootni nutti facaasan (nu
cuuphu). Dabalataanis namni cubbuu hojjete abbaan gaabbii isaa qannoonaa isaaf kenne erga raawwatee booda ni
cuuphama. Kunis Yohaanniis akkas jedhee waan dubbateefi “Yohaannis biyya naannoo Yordaanos keessa deemee
cuuphamaa, yaada garaa keessanii geeddarachuu keessan mul’isaa, Waaqayyos cubbuu keessan isiniif ni balleessa
(ni dhiisa)” (Luqaas 3:3). Manni-kiristaanaa keenyas namni tokko Waaqayyoorraa fagaatee yoo gara Waaqayyootti
deebi’u cuuphaa kana ni cuuphdi. Gooftaan yeroo cuuphu, Yohannis cuuphaanis saba cuupheera. Cuuphaan
Yohaannis cuuphaa lammaffaa dhalachuu jechuu hin dandeenyu. Sababni isaas kan isaa cuuphaa gaabbii waan
ta’eef.
Sababiin inni dura Gooftaa fi Fayyisaan keenya kaayyoo inni dhufeef keessaa tokko fakkeenya nuu ta’uuf waan
tureef inni bishaaniin akkuma cuuphame, nutis kiristaanonni bishaaniin cuuphamna (Maatewoos 3:13-16). Karaa kan
biraa yommuu barsiisaa turettis dhalli namaa Mootummaa isaa dhaaluuf bishaanii fi afuura irraa dhalachuu akka
qabu ajajeera (Yohaannis 3:3-6). Inni lammaffaan erga Gooftaan gara samiitti ol-ba’ee booda duuka buutotni isaa
bishaaniin namoota amanan cuuphaa turaniiru (Hojii Duuk 8:38). Sabni bishaan akka badii qofatti ilaalaa turan malee
akka fayyinaaf oolutti hin ilaalan ture. Inni sadaffaan Bishaan bakka hundaatti nama hundaaf walqixxeetti argama;
dureessii fi hiyyeessi gatii tokko malee argachuu ni danda’u. Cuuphaanis nama amane hundaaf gatii tokko malee
wal-qixxummaan kennamuu isaa ibsa. Bishaaniin yommuu dhiqatan akkuma xurii namarraa qulqulleessu akkasuma
cuuphaanis cubbuutiin lubbuu xuroofte sana qulqulleessee ijoollee Waaqaa taasisa jechuudha. Raajichi Hiisqi’eelis
“Bishaan gaarii isinittin facaasa isinis ni qulqullooftu” (Hiizqi’eel 36:25) jedhee dubbachuun isaa bishaan cuuphaaf
filatamuu isaa nuuf ibsa.
Gooftaan yeroo Yohaannisiitiin na cuuphi ittiin jedhu yohaannis immoo “warra kaan maqaa keetiinan cuupha, siin
immoo maqaa eenyuutiinan cuuphaa? Maqaa Abbaatiin yoon jedhe ati abbaa keessa, abbaanis si keessa jira; yoon
maqaa ilmaatiin jedhe ilmi sumadha; maqaa afuura qulqulluutiin yoon jedhe afuurri qulqulluun jireenya keeti.
Kanaafuu maqaa eenyuun sicuuphuree?” Jedheetu isa gaafate. Gooftaanis deebisee, “Akka Melketsedeqitti aangoon
lubummaa kee bara baraan kan ta’e, ifa kan namaaf ibsitu, Ilma Abbaa (waaqa jiraataa), yaa isa bara baraan jiraattuu
maaloo cubbuu koo irraa na dhiqi (na qulqulleessi) jedhiitii na cuuphi ittiin” jedhe. Yohaannisis akkuma ajajametti
ni raawwate.
1)Yohaannistu cuuphaadhaan isa dibe (aangoo hunda kenneef) akka hin jedhamneefidha. sababni isaas namoonni
bara sanaa gooftaa caalaa yohaannisiin kabaju ture.
2) Waaqummaa/amalummaa harkaan tuquun waan hin danda’amneefidha. Icciitiin tokkummaafi sadummaa achitti
ifa bahee wayita beekame kabajni kiristoos ifa ni bahe.
1) Isaayyaas 9:2 saba dukkana cubbuu keessa tureef ifni/ifti akka bahuufi dukkanaan kan fakkeeffamu kakuu
moofaa uummata tureef ifa kan ta’e wangeelli ifa bahuu isaa kan ibsudha.
2) Gooftaan dhalachuunsaa, cuuphamuun isaa, du’aa ka’uun isaafi lammaffaa deebi’ee dhufuunsaa halkanidha. Kun
immoo kan agarsiisu dukkanicha halkaniitti aansee kan dhufu ifa miidhagaa fi nama hawwatudha. Akkasumas
dukkana si’ool irraa gara ifa mootummaa isaatti, dukkana du’aa jalaa ifa jireenyaatti, haamilee dukkanaa’aa fi abdii
kutachiisaa keessaa gara jireenya abdii bara baraatti bahuu agarsiisa.
3)Afuurri qulqulluun bifa gugeen buutuun gooftaarra waan bu’eef “kan isarra bu’e gugeedha malee afuura qulqulluu
miti” akkaa hin jenneefidha namootni. sababni isaas gugeen halkan hin deemtu (hin jirtu). kanaafuu akka Afuura
qulqulluu ta’e haa hubataniifidha.
Guyyaan kun keessumattuu hiddi amantaa kiristaanaa lafa akka qabatu kan itti ta’e dha. Sababni isaas:
kiristaanummaa jechuun Waaqa tokkummaaf sadummaan jiraateef jirutti amanuudha. Jaarraa hedduuf icitiin kun
dhokatee namoota heddu burjaajessaa tureera guyyaa cuphaa kanatti garuu icciitiin Sillasee(sadumma) haala ifa
ba’een Waaqni abba samii keessaa “Ilmi koo Inni jaallatamaa isa kanadha isa dhaga’aa yommuu jedhu Afuurri
Qulqulluunis bifa gugee(bullaallaatiin) dhufee irra buufate Ilmis Foon namaa uffatee galaana yordaanositti qaamaan
sadii ta’anii fedhaan tokko ta’anii mul’ataniiru. Kunis icciitii Sillaseef balaqqeessa addaa ture.
Tokkummaan isaaniis:
Uumuudhaan
adunyaa dabarsuudhaan,
fedhaan, amalaan, jiraachuudhaan kkf tokko dha.
Egaa iccitiin kun gooftaan keenya yeroo cuuphamu dhalli namaa hundinuu haala hubatuun mul’atuyyuu namni
hanga har’aatti gufannaa keessaa hin baane. Namootni waaqaan filataman qoftii amantaa kanaan dhabbatanii hanga
dhufaatii isaatti jiraatanii mootummaa isaa kan dhaalan ta’u.
Taboonni muka hin ciqnee fi hin jijjiiramne irraa hojjetame. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis cubbuun kan
isheetti hin jirre (kan cubbuun ishee irra hin jirre), qulqulleettii durbee Maariyaam irraa foon ishee irraa foon, lubbuu
ishee irraas lubbuu hirmaatee dhalachuun isaa “Taboota muka hin ciqne fi hin jijjiiramne irraa hojjetame” isa
jechisiiseera. Gooftaan osoo adda ba’insa hin qabaatiin amala waaqummasaatiin foon namaa waan uffatee tokko
ta’eef “Muka hin ciqnee fi hin jijjiramne” jedhameera.
“Taboota” jechuun
“doonii” jechuudha. Haala kanaan immoo gooftaan keenya Taabota jedhameera. Malka’a Iyyasuus irratti
barreessaan galatichaa “Yaa gooftaa koo Iyyaasuus, fuula kee ifa aduu/ biiftuu caalaa ifuuf galanni haa ta’u.
Mul’anni ifti mataa keetii kan addeessaa waan caaluuf, yaa uumaa koo, yaa Kiristoos waadaa kakuu taboota
jireenya Nooh si’idhaa waan ta’eef; yeroo bishaan badii roobu, dinqa bobaa keetii keessa na
dhokfadhu(dhoksadhu)” jechuun dubbateera.
Gooftaan keenya doonii Noohitti fakkeeffamuun isaa, lubbuuwwaan bara Nooh keessa doonii hin seenne bishaan
badiitiin waan du’aaniif, kan barumsa qulqulluu Nooh dhaga’anii gaabbii galuun doonii keessa galan jireenya
akkuma argatan, kan yeroo ammaa kana waaqummaa gooftaa keenyaatti hin amannettis akkuma bara Nooh sana
bishaan du’aa itti marseetu (duuti bara baraa itti marseetu jira). Duuti bara baraas itti murtaa’eera. Kan Waaqummaa
isaatti amananii barumsa abbootii amantaa dhagaa’anii cubbuu rawwatan irraa deebi’anii gaabbii galuun foon isaa
kabajamaa fi dhiiga isaa qulqulluu fudhatan jireenya bara baraa ni argatu. Warreen foon isaa kabajamaa hin
nyaanne, dhiiga isaa qulqulluu hin dhugne, carraan isaan quunnamu yoo jiraate gara garba dheekkamsa abidda bara
baraan boba’uutti darbatamanii ni kufu. Gooftaan keenyas “Kan natti amane jireenya bara baraa ni argata”
jedheera. / Yoh. 10:9/
Abbaan keenya qulqulluun Efreem “Taabota muka hin ciqnee fi hin jijjiiramne irraa kan boocame, keessii fi alli
isaa/ bakkeen isaa warqiin kan aguugame, osoo adda ba’insa hin qabaatiin nama kan ta’e jecha Waaqayyooti”
jedheera. (Galata Maariyaam Guyyaa Dilbataa). Akka ibsa jecha abbaa keenyaa kanatti “Maqaan ilmaa” “jecha”
jedhame barreeffameera. / Yoh 1:1/
Macaafa abbootii amantaarratti “Ilma erga ta’een booda masii, Iyyasuus, taabota, araarsituu, angafa warreen
du’anii, akkasumas warreen muganiif ka’umsaaf angafa, hunda kan bitu, uumaa kan jedhamee fi maqaaleen biroo
ittiin waamamu ni jiru.Kakuu moofaa keessatti osoo nama ta’ee gara addunyaa kanaatti hin dhufiin dura sabni
addunyaa kakuu moofaa keessatti maqaa adda addaan waamaa turan, akkasumas erga foon namaa uffatee; kakuu
haaraa keessatti nama ta’ee sabni isaa fi warreen biroo waamaa turan hunduu isaaf maallaqa dhuunfaasaa kan
eenyu itti fayyadamuu hin dandeenyedha. Yomiyyuu inni isuma. Yeroon(baraan) kan jijjiramu miti” jechuun
gooftaan akka taboota jedhamu barreessaniiru. Amantaa Abbootii Zaqerloos (Haymanote Abew) 81:8
Moggaasni taabota jedhu moggaasa waaqni erga nama ta’ee booda kennameedha. Fooniif “Jechi foon ta’e; nurras
bule” jedhamee akkuma barreeffame waaqummaan fooniin tokko akka ta’e ibsuuf maqaan taabotaa/ bultoo jedhu ni
kennameef. / Yoh 1:14/. “Bule” kan jedhu yemmuu hiiknu malee, “ta’e” kan jedhu foon amala waaqummaa wajjin
tokko ta’u isaa yenna dubbannu kan itti qanoofnu miti. Sababni isaas amalli waaqummaa foonitti jijjirame jechuun
shakkitoonni ni dubbatu, ni barsiisus.
Taboonni Gooftaa bakka waan bu’uufidha. Taboonni bakka Gooftaa, durboo Maariyaamii fi tokkoon tokkoon
keenya kan bu’udha. Kanaaf guyyaa cuuphaa bakka Gooftaa bu’ee ni adeema. Kunis cuuphaa yaadachuudhaaf
malee, Taboonni bishaan seenee baha jechuu miti.
Maaliif Taboonni daandii gaafa laga cuuphaa bu’u sanarra gaafa galu irra adeemee hin galle?
Kun barumsa iccitiin barsiifamuufidha. Kunis kan agarsiisu, warreen mootolee baha fagoo Gooftaaf sagadanii
deebi’an akka daandii sanarra hin deebine Ergamaan Waaqayyoo waan itti himeef, sabni akka qorumsa Kiristaanaa
irra jiru, gara fuulduraas akka jiru akka hubataaniifidha.
AMEEN