Jump to content

Maarsii

Wikipedia irraa
Keessa deebiin kun gaafa 01:32, 31 Amajjii 2010 Almabot (dubbadhu | gumaacha) irratti (ሎሌ መጨመር: am:ማርስ)

Astronomical symbol of Mars

The planet Mars as seen by the Hubble Space Telescope

Marsiin aduu irra planet affuraffa irratti argamtuu dha. Marsiin yeroo tokko tokko Red Planet (Planet Dimtuu) jedhamtee bekkamti, kunis waan yeroo [[Ardii Kenya|Lafaa kenya (Earth)] irra ilallani dimmena qabdufi. Planetii kunii maqaa kana kan argatee Roman irra yoo ta'u Mars jechun immo Roman god of war (waqqa warranna Rommanotta) jechu dha. Planet Gosa Lafaa Kenya (Terrestrial Planet) kan ta'e Marsiin kuni Atmosferra qalla qaba. Marsiin laftii ishe dhoqaa fi fakkena gossa Batti (Moon), Volkanoo Lafaa, dhoqaa lafaa fi Fixxe Lafaa Cabbi|Polar Ice Cap qaba. Marsiin bakka Olympus Mons, garaa dherinaa gudda adunya kessa qabu itti argamu fi akkasumas bakka Valles Marineris dhoqaa bishan kessa ce'anni adunya kessaa guddicha ofii kessa qaba. Fulli Marsii qofaa osoo hin ta'in Rotational Period (Marsaa Lafaa) fi jijjirami yeroo yerooni qabdu lafaa kenya wajjin walii fakkattin qaba.

Addemsa gara Marsii yeroo tokkoffafi Mariner 4 iin bara 1884(G.C.) godhame jalabe marsiin bishan qabachu dandetti jedhame yadattam ture. Kunii immo kan hundeffame, Marsiin jijjirama iffa fi dukkana kessattu bakka cabiin jiruutti qabdu ilallun, illaltotti waan arganu sunii bishan waan itti fakkatef. Yoo foto kana fixee issa ilaltani cabiin suni bishan fakkatte namatti mulatta [1]. Haa ta'u malee yadni kuni akka sirri hiin tanne himame. Garuu Marsiin planetotta jiranii kessa (Lafaa kenya osoo walitti hin qabin) bishan qabachu akkasumasi nami irra jirachu hin danda'a kan jedhamu isaa tokko qofaa dha.

Marsiin Spacecraft gosa sadii kessumesu dandettera, kuniis Mars Odyssey, Mars Express, fi Mars Reconnaissance Orbiter kan jedhamanii dha. Kunis planetotta biraa irra adda ishe godha. Laftii kunii Mars Exploration Rover's MER lammafi, kuniis Spirit Rover (MER-A) fi Opportunity Rover (MER-B)fi mana tatterti. Yalli kana fi kanan duraa irratti hunda'unni Marsiin bishan bayye qabachu akka dandettu mirkanessanirru. Yalluma kana irrattii hunda'un Marsiin bishan Fillewa(Amariffa) diqqo akka qabdu mirkaneffamera. Ilalchi Mars Global Surveyor Of NASA godhame akka agarsisutti cabbin fixxe marsii kibban argamu akka digama yokan caccaba jira.

Marsiin Batti (Moon) lamma qabdi, kuniis Phobos fi Deimos jedhamni. Lachu diddiqa yoo ta'an, irregular shape qaban. Kunii immo asteroid qabamanii kan 5261 Eureka, Trojan Asteroid Marsii wajjin wal fakkatu. Marsiin illa duwaan lafaa kenna irra ni mulatti. Apparent Magnitude iin Marsii -2.9 ni ta'a, kunis iffa Venus, Batti fi Aduu qofaani mo'attama. Jupiteriin illa namafi iffe haa mulattu malee, iffani Marsiin Jupiter ni calla.